‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaatti Jiraadhaa!’
‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaatti Jiraadhaa!’
“Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!”—ROM. 12:18.
1, 2. (a) Yesus duuka buutotasaatiif akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Yeroo mormiin nurra ga’u maal gochuu akka qabnu ilaalchisee eessaa gorsa argachuu dandeenya?
YESUS duuka buutonnisaa saboota biyya lafaarraa mormiin akka isaanirra ga’u kan isaan akeekkachiise si’a ta’u, galgala du’uusaa dura turettimmoo sababii kun itti ta’u isaaniif ibseera. Ergamootasaatiin, “Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo’ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta’iniif, biyyi lafaa isin in jibba” jedheera.—Yoh. 15:19.
2 Phaawulos ergamaan wanta Yesus dubbate kana jireenyasaa keessatti argeera. Ergaa lammaffaa Ximotewos hidhatasaa isa dargaggeessaaf barreesserratti, “Ammas ati barsiisa koo, amala koo, akeeka jireenya koo, amantii koo, obsaan danda’uu koo, jaalala koo, waanan qabetti cimuu koo, . . . ari’atamuu koo, dhiphachuu koos . . . yaadaan qabdeetta” jedheera. Phaawulos itti dabaluudhaan: “Akkasuma karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu 2 Xim. 3:10-12) Ergaa Kiristiyaanota Roomaatiif barreesse boqonnaa 12rratti, mormiin ennaa isaanirra ga’u maal gochuu akka qaban ilaalchisee gorsa gaarii kenneeraaf. Gorsisaa, bara dhumaa kanatti nuufis qajeelfama ta’uu danda’a.
kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jedheera. (“Waan . . . Fudhatamaa Ta’e Yaadatti Qabadhaa”
3, 4. (a) Maatii amantiidhaan tokko hin taane keessatti, (b) walitti dhufeenya ollaawwan keenyaa wajjin qabnuun, gorsa Roomaa 12:17rratti kenname hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Roomaa 12:17 dubbisi. Phaawulos, yommuu namoonni nu jibban ijaa ba’uu akka hin qabne dubbateera. Keessumaa, maatii amantiidhaan tokko hin taane keessatti gorsa kana hojjiirra oolchuun barbaachisaadha. Hiriyaan gaa’elaa Kiristiyaana ta’e, hamaa isarratti raawwatameef hamaa deebisuurraa of qusata. Waan ‘hamaa nurratti hojjetameef deebisnee hamaa hojjechuun’ faayidaa hin qabu. Wanta hamaa hamaadhaan deebisuun keenya, haallisaa caalaatti akka manca’u godha.
4 Phaawulos, “Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabadhaa!” jechuudhaan nu gorseera. Maatii keessatti, haati manaa tokko abbaan manaashee waa’ee amantiishee wanta nama mufachiisu tokko yoo dubbate, wanta gaarii ta’e gochuunshee, falmii gidduusaaniitti uumamu hambisuu danda’a. (Fak. 31:12) Yeroo ammaatti miseensa maatii Bet’el kan ta’e Kaarlos, haatisaa gaarummaa argisiisuufi manashee akka gaariitti qabuudhaan mormii abbaansaa isheerratti kaasu akkamitti hambisuu akka dandeesse akkas jechuudhaan ibseera: “Yeroo hundumaa akka isa kabajnu nu jajjabeessiti turte. Taphawwan ani hin jaallanne tokko tokko akkan isaa wajjin taphadhu na dirqisiisti turte. Kana gochuun keenya garuu isa gammachiiseera.” Abbaansaa yeroo booda Macaafa Qulqulluu qayyabatee cuuphameera. Dhugaa Baatonni Yihowaa, ‘waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabatanii’ ollaawwansaanii warra balaan uumamaa irra ga’e gargaaruudhaan, yeroo baay’ee jibba namoonni isaaniif qaban hambisuu danda’aniiru.
Mormii Nurra Ga’u ‘Giimiidhaan’ Baqsuu
5, 6. (a) Mataa diinaarratti “giimii ibiddaa” tuuluun kan danda’amu akkamitti? (b) Gorsa Roomaa 12:20rratti argamu hojiirra oolchuun, bu’aa akkamii akka argamsiise muuxannoo naannoo keessanitti argame dubbadhu.
5 Roomaa 12:20, hiika bara 1899 dubbisi. Phaawulos yaada Roomaa 12:20rra jiru, Fakkeenya 25:21, 22, akka hiika bara 1899tti ibsamerraa kan caqase fakkaata. Caqasichi, “Diinnikee yoo beela’e buddeena laadhuuf, yoo dheebotes bisaan obaasi. Kana yoo goote giimii ibiddaa mataasaarratti walitti qabda, Waaqayyos gatiikee sii deebisa” jedha. Gorsa Phaawulos Roomaa boqonnaa 12rratti kenne, giimiin fakkeenyaan ibsame kun nama nu mormu akka gubu ykn akka qaanessu gochuu qabna jechuusaa akka hin taane hubachuu qabna. Kanaa mannaa, yaanni macaafa Fakkeenyaarra jiruufi Phaawulos Roomaarratti dubbate, mala dur sibiilli itti baqfamu argisiisuuf kan itti hojjetame fakkaata. Jaarraa 19ffaatti hayyuu Ingiliiz kan ta’e Chaarlis Biriijis akkas jedheera: “Sibiila ciccimaa salphaatti tumanii bifa qabsiisuun hin danda’amne, giimii ibiddaarra kaa’amuu qofa utuu hin ta’in, giimiin ibiddaas irrasaatti ni tuulama ture. Akkuma ibiddi sibiila laaffisu, namoonni warra kaan mormaniifi jibbanis yommuu namoonni obsaan, mirga ofii dhiisuufi jaalalaan isaan qaban ni jijjiiramu.”
6 Gaarummaanis akkuma “giimii ibiddaa” garaa namoota nu mormanii laaffisuufi jibbisaanii akka isaan keessaa ba’u gochuu danda’a. Gochi gaariin, namoonni saba Yihowaatiifis ta’e ergaa Macaafa Qulqulluu isaan lallabaniif ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuu danda’a. Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Akki isin warra saba Waaqayyoo hin ta’in keessa itti jiraattan gaarii haa ta’u! Akka waan isin hamaa hojjettaniitti warri maqaa keessan balleessan kun, hojii keessan isa gaarii arganii, guyyaa itti Waaqayyo namoota isaa ilaaluu dhufutti, isaaf ulfina haa kennan!”—1 Phe. 2:12.
‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaatti Jiraadhaa’
7. Nagaan Kiristos bartootasaa biratti hambisu maalidha? Nagaan kun maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
7 Roomaa 12:18 dubbisi. Yesus yeroo dhumaatiif galgala bartootasaa wajjin turetti, “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna” isaaniin jedhee ture. (Yoh. 14:27) Nagaan Kiristos bartootasaa biratti hambisu, Yihowaafi Ilmasaa biratti akka jaallatamaniifi fudhatama akka argatan beekuudhaan miira isaanitti dhaga’amurraa kan dhufudha. Nagaan keessa keenyatti uumamu kun, warra kaanii wajjin nagaadhaan akka jiraannu nu kakaasuu qaba. Kiristiyaanonni dhugaan nagaa jaallatu; nagaas ni buusu.—Mat. 5:9.
8. Manattis ta’e gumii keessatti, warra nagaa buusan ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
8 Karaan maatii keessatti nagaa itti buusnu inni tokko, wal dhabiinsi yommuu uumamu haallisaa caalaatti akka manca’u gochuu mannaa, dafanii furmaata akka argatu gochuudha. (Fak. 15:18; Efe. 4:26) Gumii Kiristiyaanaa keessattis gorsa kana hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Phexros ergamaan nagaa barbaaduufi arraba ofii ittisuu wal qabsiisee ibseera. (1 Phe. 3:10, 11) Yaaqoobis arraba ofii karaa sirrii ta’een fayyadamuu, akkasumas hinaaffaafi qoccolloorraa fagaachuu ilaalchisee gorsa cimaa erga kennee booda akkas jechuudhaan barreesseera: “Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa’aa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; oo’aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir’uun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru. Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.”—Yaq. 3:17, 18.
9. ‘Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuuf’ yommuu yaalii goonu maal yaadachuu qabna?
9 Phaawulos, gorsi Roomaa 12:18rratti argamu, maatiifi gumii keessatti nagaa buusuu qofarratti kan daangeffame akka hin taane ibseera. “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuu” akka qabnu dubbateera. Kunimmoo, ollaawwan keenya, warra wajjin hojjennu, warra wajjin barannuufi namoota tajaajilarratti argannu hunda kan dabalatudha. Haata’u malee, Phaawulos “Karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa” jechuudhaan caalaatti gorsa kana ifa godheera. Kana jechuun garuu, “namoota hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf” wanta dandeenyu hunda kan goonu yoo ta’eyyuu, seerawwan Waaqayyo qajeelummaadhaaf baase cabsina jechuu miti.
Ijaa Baasuun Kan Yihowaati
10, 11. Ijaa baasuun sirrii kan hin taane maaliifi?
10 Roomaa 12:19 dubbisi. Namoota nu ari’atan dabalatee, warra hojiifi ergaa keenya ‘mormanillee,’ hamaa obsaan danda’uudhaan ‘gara laafina isaanitti argisiisuu qabna.’ (2 Xim. 2:23-25) Phaawulos Kiristiyaanonni, ofiisaaniitiif ijaa ba’uu mannaa, ‘ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti akka dhiisan’ gorseera. Faarfatichi, “Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 37:8) Solomoonis, “Namni si irratti hamaa yoo hojjete, ‘Deebiseen hamaa irratti hojjedha’ hin jedhin! Waaqayyoon eeggadhu, inni immoo si oolcha” jechuudhaan gorsa kenneera.—Fak. 20:22.
11 Mormitoonni yoo nu miidhanillee, Yihowaan yoo barbaade tarkaanfii akka isaanirratti fudhatu dhiisuun gaariidha. Phaawulos, “Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera” jechuudhaan barreessuunsaa, yaada kana sammuutti qabatee akka ture argisiisa. (Keessa Deebii 32:35 waliin ilaali.) Ofii keenyaaf ijaa baasuuf yaalii kan goonu yoo ta’e, mirga Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf qabu humnaan jalaa fudhachaa jirra jechuudha. Kana malees, abdii Yihowaan “Ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa” jechuudhaan dubbaterratti amantaa kan hin qabne ta’uu keenya argisiisa.
12. Dheekkamsi Waaqayyoo yoomiifi akkamitti mul’ata?
12 Phaawulos ergaa boqonnaa jalqabaa warra Roomaatiif barreesse keessatti, “Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi, jal’ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul’ata, isaanoo jal’ina isaaniitiin dhugaa gad in ukkaamsu” jedheera. (Rom. 1:18) Dheekkamsi Yihowaa, yeroo ‘rakkina guddaatti’ karaa Ilmasaa samiirraa ni mul’ata. (Mul. 7:14) Phaawulos kana ilaalchisuudhaan ergaasaa garabiraa keessatti akkas jedhee barreesseera: “Kana danda’uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta’uu isaa, . . . in argisiisa. Waaqayyo wanta isa duratti qajeelaa ta’e in hojjeta erga ta’ee, warra isin rakkisaniif rakkinaan dugda in baasa. Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaan Yesus ergamoota aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul’atu nuyii wajjin kana jalaa isin in baasa. Gooftichi ibidda boba’aa wajjin in mul’ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba.”—2 Tas. 1:5-8.
Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’uu
13, 14. (a) Yommuu mormiin nurra ga’u dinqisiifamuu kan hin qabne maaliifi? (b) Namoota nu ari’atan akkamitti qabuu qabna?
13 Roomaa 12:14, 21 dubbisi. Yihowaan kaayyoosaa akka raawwatu guutummaatti amantii qabaachuudhaan, hojii inni nuu kenne jechuunis, “saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf” ‘wangeela mootummaa kana lallabuuf’ carraaqqii gochuurratti xiyyeeffachuu qabna. (Mat. 24:14) Yesus “Rakkinatti dabarsanii isin in kennu; . . . anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu” jechuudhaan waan akeekkachiiseef, hojiin Kiristiyaanotaa kun diinota keenya akka aarsu beekna. (Mat. 24:9) Kanaan kan ka’es, yommuu mormiin nurra ga’u hin dinqisiifannu ykn abdii hin kutannu. Phexros ergamaan, “Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu’u, waan takkaa ta’ee hin beekne waan isin irra bu’e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin! . . . Gammaddanii akka ililchitanitti, hammuma dhiphina [Kiristos] keessaa hirmaattuu taatan, isinis hammasuma gammadaa!” jedheera.—1 Phe. 4:12, 13.
14 Namoonni nu ari’atan tokko tokko wallaalummaadhaan 2 Qor. 4:4) Gorsa Phaawulos, “Warra isin ari’atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuuf yaalii goona. (Rom. 12:14) Yesus lallabasaa isa Gaaraarratti, “Diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaa. . . . Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa!” jedheera. (Luq. 6:27, 28) Phaawulos ergamaan, namni warra kaan ari’atu tokko, yeroo booda duuka buutuu Kiristosiifi tajaajiltuu Yihowaa hinaaffaa qabu ta’uu akka danda’u muuxannoo mataasaarraa argeera. (Gal. 1:13-16, 23) Ergaasaa garabiraarrattimmoo, “Yeroo nu abaaran in eebbifna, yeroo nu ari’atanis obsaan in dandeenya; yeroo nu arrabsanis deebii gaarii in deebifna” jedheera.—1 Qor. 4:12, 13.
kana waan godhaniif, isaan jibbuu mannaa, isaaniin barsiisuuf yaalii goona. (15. Karaan wanta hamaa gaariidhaan mo’uuf nu gargaaru inni guddaan isa kami?
15 Kanaan kan ka’es, Kiristiyaanni tokko gorsa lakkoofsa xumuraa Roomaa boqonnaa 12rratti, “Waan gaariidhaan isa hamaa mo’i malee, hamaan si hin mo’in!” jedhu hojiirra oolcha. Maddi hammina hundaa Seexanadha. (Yoh. 8:44; 1 Yoh. 5:19) Mul’ata Yohannis ergamaadhaaf kenname keessatti, Yesus obboloonnisaa warri dibamoon, ‘dhiiga hoolichaatiin dubbii isa dhugaa ba’aniinis Seexana mo’uusaanii’ ibseera. (Mul. 12:11) Kunis, Seexanaafi dhiibbaa gadhee inni biyya lafaarra geessisaa jiru mo’uuf wanti nu gargaaru inni guddaan, dhugaa ba’uu jechuunis misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaan waan gaarii gochuu akka ta’e nuu ibsa.
Abdii Qabnutti Gammaduu
16, 17. Roomaan boqonnaa 12 (a) jireenya akkamii jiraachuu akka qabnu, (b) gumii keessatti amala akkamii qabaachuu akka qabnu, (c) namoota amantii keenya hin hordofne akkamitti qabuu akka qabnu nu gorsa?
16 Ergaa Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif barreesse boqonnaa 12 qorachuun keenya, wantoota hedduu nu yaadachiiseera. Tajaajiltoota Yihowaa isaaf of murteessine waan taaneef, aarsaa jiraatu ta’uu akka qabnu baranneerra. Aarsaan akkasii Waaqayyoon akka gammachiisu waan amanneef, humna hafuura Waaqayyoorraa argannutti fayyadamnee aarsaa kana fedhiidhaan dhiheessina. Hafuura gubaa qabaanna; akkasumas kennaawwan addaddaa qabnutti hinaaffadhaan fayyadamna. Gad of deebisnee tajaajiluudhaan, tokkummaa keenya eeguuf waan dandeenyu hunda goona. Keessummoota simachuuf ni dhimmina; garaadhaa akka walii yaannus ni argisiisna.
17 Mormiidhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu, Roomaa boqonnaa 12rraa gorsa hedduu arganna. Ijaa ba’uu hin qabnu. Mormii nurra ga’u, waan gaarii gochuudhaan mo’uuf yaalii gochuu qabna. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu utuu hin cabsin, hamma nuu danda’ametti namoota hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf yaalii gochuu qabna. Gorsa kana maatii, gumii, ollaa, bakka hojii, mana barumsaafi tajaajila dirreerratti hojiirra oolchuu dandeenya. Yommuu namoonni nu jibbanillee, ijaa ba’uun kan Yihowaa akka ta’e yaadachuudhaan, wanta hamaa gaariidhaan mo’uuf carraaqqii goona.
18. Roomaa 12:12rratti gorsi akkamii sadii nuu kennameera?
18 Roomaa 12:12 dubbisi. Phaawulos gorsawwan gaggaarii olitti ibsaman malees, gorsa dabalataa sadii kenneera. Gargaarsa Yihowaatiin alatti gorsawwan kana hunda hojiirra oolchuun matumaa waan hin danda’amneef, Phaawulos “Waaqayyoon kadhachuutti cimaa” jechuudhaan nu gorseera. Kunimmoo gorsa Phaawulos, “rakkina obsaa” jechuudhaan nuu kenne hojiirra oolchuuf nu gargaara. Dhumarrattis, wanta Yihowaan gara fuulduraatti nuu qopheesserratti xiyyeeffachuudhaan, samiirrattis ta’e lafarratti ‘abdii jireenya barabaraa qabnutti gammaduun’ nu barbaachisa.
Irra Deebii
• Yommuu mormiin nurra ga’u maal gochuu qabna?
• Iddoowwan kam fa’itti nagaa buusuuf yaalii gochuu qabna? Nagaa buusuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
• Ijaa ba’uu kan hin qabne maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Ollaawwan keenyaaf gargaarsa gochuun, jibba isaan nuuf qaban hambisuuf nu gargaara
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Gumii keessatti nagaa buusuuf yaalii gootaa?