“Calluma Jechuun Yeroo Qaba”
“Calluma Jechuun Yeroo Qaba”
MAMMAAKSI Baha Fagoo bara durii tokko, “Dubbachuun meetiidha, callisuun warqeedha” jedha. Mammaaksi afaan Oromoo, “Afaan callisetti titiisni hin seenu” jedhu kanaa wajjin wal fakkaata. Mootii Israa’el durii kan ta’e Solomoon akkas jedhee barreesseera: “Wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba; . . . calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.”—Lal. 3:1, 7.
Maarree dubbachuu mannaa, callisuun barbaachisaa kan ta’u yeroo akkamiitti? Macaafa Qulqulluu keessatti, jechoota “calluma” ykn “cal” jedhan bakka hedduutti arganna. Yaadawwan naannoo jechoota kanaa jiran, yeroon callisuun itti barbaachisu sadii akka jiru argisiisu. Calluma jechuun ulfina, ogummaafi hubannaa argisiisuuf, akkasumas xiinxaluuf akka gargaaru haa ilaallu.
Ulfina Argisiisa
Callisuun kabaja ykn ulfina argisiisa. Anbaaqom raajichi, “Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa keessa jira, lafti guutummaatti isa duratti calluma haa jedhu!” jedheera. (An. 2:20) Waaqeffattoonni dhugaan, “cal jedhanii fayyisuu Waaqayyoo eeggachuu” qabu. (Faru. 3:26) Macaafni Qulqulluun Sefaaniyaa 1:7rratti, “Guyyaan Waaqayyoo dhi’aateeraatii Waaqayyo gooftaa duratti calluma jedhaa!” jedha.
Utuu homaa hin dubbatin Yihowaa jajachuun ni danda’amaa? Yeroo tokko tokko bareedina uumamaa ilaaluudhaan wanta dubbannu wallaallee hin beeknuu? Waa’ee uumamawwan babbareedaa akkasii yaaduun, karaa garaa keenyatti Uumaadhaaf ulfina itti laannu keessaa tokko mitii? Faarfatichi wantoota uumaman ilaalchisee akka armaan gadii jedheera: “Biiftuu fi ji’i isa jajadhaa, urjoonni calaqqiftanis isa jajadhaa! Bantiiwwan waaqaa warri ol fagoon, isinis bishaanonni bantiiwwan waaqaa irra jirtan, isa jajadhaa! Inni abboomnaan waan uumamaniif, isaan maqaa Waaqayyoo haa jajatan!”—Far. 148:3-5.
Akkuma Yihowaadhaaf ulfina kennuu qabnu, dubbiisaatiifis ulfina kennuu qabna. Fakkeenyaaf, yommuu Museen saba Israa’eliif haasawaa dhumaa kenne, inniifi luboonni, namoota achitti argaman hundaan, “Cal Kes. 27:9, 10; 31:11, 12.
jedhaa . . . , sagalee Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga’aa!” jedhanii turan. Israa’eloonni Seera Waaqayyoo dhaggeeffachuuf yommuu walitti qabaman, ijoolleensaaniillee xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qabu turan. Museen, “Saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas . . . akka baran . . . walitti sassaabaa!” jedheera.—Sabni Yihowaa yeroo ammaatti argaman, barumsa walga’iiwwan gurguddaafi gumiirratti kennamu kabajaan dhaggeeffachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Yommuu waltajjiirraa dhugaan Macaafa Qulqulluu ibsamu, utuu hin barbaachisin waliin haasa’uun, Dubbii Waaqayyoofi jaarmiyaasaatiif ulfina akka hin laanne argisiisa. Kanaaf, yommuu walga’iin godhamu calluma jennee dhaggeeffachuu qabna.
Yommuu nama tokkoo wajjin haasofnullee, wanta namni sun dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun ulfina isaaf qabnu argisiisa. Fakkeenyaaf, abbaa amantaa kan ture Iyoob namoota isa himataniin, “Ani calluma nan jedha, isin na barsiisaa!” jedhee ture. Iyoob, yommuu namoonni kun dubbatan calluma jedhee dhaggeeffachuuf of qopheessee ture. Yommuu dabareensaa ga’emmoo, “Ana irraa calluma jedhaa, . . . ani nan dubbadha!” isaaniin jedheera.—Iyo. 6:24; 13:13.
Ogummaafi Hubannaa Argisiisa
Macaafni Qulqulluun, ‘Namni arrabasaa eeggatu ogeessadha;’ akkasumsa, ‘Namni hubataan calluma jedha’ jedha. (Fak. 10:19, NW; 11:12) Yesus calluma jechuudhaan ogeessaafi hubataa ta’uusaa akkamitti akka argisiise ilaalaa. Diinotasaa warra isa jibban biratti dubbachuun faayidaa akka hin qabne waan hubateef, “calluma jedhe.” (Mat. 26:63) Yesus, yeroo booda yommuu Philaaxos duratti dhihaatee gaafatamettis “deebii hin laanne.” Yeroo kanatti, ogummaadhaan hojiinsaa inni namoota hundatti mul’atu akka isaaf dubbatu godhe.—Mat. 27:11-14.
Nuyis keessumaa yommuu aarru, arraba keenya eeggachuu qabna. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko, “Namni dheekkamsatti suuta jedhu, hubannaa guddaa qaba; namni dheekkamsatti ariifatu garuu, gowwuma bakkeetti in baasa” jedha. (Fak. 14:29) Haala rakkisaa keessatti ariifatanii dubbachuun, jecha gadhee yeroo booda nama gaabbisiisu dubbachuutti nama geessa. Yeroo akkasiitti dubbii gowwummaa dubbachuudhaan kan ka’e, nageenya sammuu dhabuu dandeenya.
Yommuu namoota hamoo wajjin taanu arraba keenya eeggachuun keenya barbaachisaadha. Tajaajilarratti ga’istoonni yommuu nu mudatan, calluma jechuun deebii gaarii ta’uu danda’a. Kana malees namoonni wajjin barannu ykn wajjin hojjennu, qoosaa gadheefi dubbii ciiggaasisaa yommuu dubbatan callisuudhaan, wanta isaan dubbatan kanatti akka hin gammanne argisiisuun keenya gaariidha. (Efe. 5:3) Faarfatichi, “Hamma namni jal’aan ana bira jirutti, akka ani hin dubbanne eeggachuufis afaan koo nan hidhan” jechuudhaan barreesseera.—Far. 39:1.
Fak. 11:12) Kiristiyaanni dhugaan tokko arrabasaa eeggachuu dadhabee iccitii hin baasu. Keessumaa jaarsoliin gumii gama kanaan of eeggannoo gochuudhaan, miseensonni gumii akka isaan amanan gochuu qabu.
Namni “hubataan” iccitii dhoksa. (Calluma jechuun sagalee kan of keessaa hin qabne ta’us, warra kaanirratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’a. Jaarraa 19ffaatti barreessaa Ingiliiz kan ta’e Siidnii Ismiiz, nama bara sanatti jiraachaa ture tokko ilaalchisee, “Darbee darbee calluma jedha; kunimmoo haasaansaa kan nama gammachiisu akka ta’u godheera” jechuudhaan barreesseera. Dhugumayyuu hiriyoonni lama yommuu waliin haasa’an, wal dhaggeeffachuun isaanirra jira. Namni haasaa beeku, akka gaariitti kan nama dhaggeeffatu ta’uu qaba.
Solomoon, “Yommuu dubbiin baay’atu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Fak. 10:19) Kanaaf namni tokko dubbii hin baay’isu taanaan, carraan inni wanta gadhee dubbachuuf qabus xinnoo ta’a. “Gowwaan iyyuu yoo cal jedhe akka ogeessaa ti, afaan isaas yoo qabate akka hubataatti in ilaalama.” (Fak. 17:28) Kanaaf Yihowaan, ‘tiksee hidhii keenya tiksu akka nuu dhaabu’ haa kadhannu!—Far. 141:3.
Xiinxaluuf Gargaara
Caaffanni Qulqullaa’oon nama qajeelummaa hordofu ilaalchisee, “Halkanii fi guyyaa waa’ee seera Waaqayyoo in yaada” jedhu. (Far. 1:2) Yeroon akkasitti xiinxaluuf mijaa’aa ta’e yoomi?
Yisihaq ilmi Abrahaam, “gara galgalaa bakkeetti ba’ee yaadaan qabamee” adeemaa akka ture ibsameera. (Uma. 24:63) Xiinxaluuf, yeroofi bakka gabii qabu filateera. Daawit Mootichi halkan yommuu hirribaa dammaqu ni xiinxala ture. (Far. 63:6) Yesus inni cubbuu hin qabnellee, tuuta namootaarraa fagaatee, gara gaaraafi bakka namni hin jirre adeemuudhaan yeroo itti xiinxalu argachuuf carraaqqii cimaa godheera.—Mat. 14:23; Luq. 4:42; 5:16.
Calluma jechuun fayyaa ofiitiif gaarii akka ta’e beekamaadha. Calluma jechuun, of qoruuf haala mijaa’aa nuu uumuu kan danda’u si’a ta’u, kunimmoo guddina argisiisuuf baay’ee barbaachisaadha. Nageenya sammuus namaa argamsiisa. Yeroo wacni hin jirretti xiinxaluun, amalawwan akka gad of deebisuu horachuuf kan nu gargaaru ta’uusaarrayyuu, wantoota dhugumaan barbaachisaa ta’aniif dinqisiifannaa qabnu nuu guddisuu danda’a.
Calluma jechuun gaarii ta’us, “dubbachuunis yeroo qaba.” (Lal. 3:7) Yeroo ammaatti waaqeffattoonni dhugaan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo “guutummaa biyya lafaatti” lallabaa jiru. (Mat. 24:14) Yommuu lakkoofsi namoota kanaa dabalaa adeemu, sagaleen gammachuu isaan dhageessisan yeroo kamiyyuu caalaa dabalaa jira. (Mik. 2:12) Kanaaf, warra misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan labsaniifi waa’ee hojiiwwan Waaqayyoo dinqisiisoo ta’anii dubbatan keessaa tokko haa taanu. Hojii barbaachisaa kanarratti yommuu hirmaannu, jireenyi keenya yeroo tokko tokko callisuun gaarii ta’uusaa akka hubanne kan argisiisu haa ta’u.
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Walga’iiwwan keenyarratti dhaggeeffachuufi barachuu qabna
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Tajaajilarratti yommuu namoonni nu arrabsan, callisuun keenya deebii gaarii ta’uu danda’a
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Calluma jechuun xiinxaluuf nama gargaara