Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Mucaan du’ee dhalate, du’aa ka’uuf abdii qabaa?

Warri mucaan garaatti jalaa du’ee hin beekne, miira warra mucaan garaatti jalaa du’ee hubachuun isaan rakkisa. Warri karaa kanaan mucaasaanii du’aan dhaban tokko tokko baay’ee gaddu. Haati tokko ijoolleen shan garaatti jalaa du’aniiru. Yeroo booda ijoollee dhiiraa lama godhattee guddisuusheetti akka eebbifamte itti dhaga’ameera. Haata’u malee, ijoolleeshee warra du’an hunda ni yaadatti. Yeroo hunda, ijoolleenshee warri yeroonsaanii utuu hin ga’in garaatti du’aniifi yeroonsaanii ga’ee du’anii dhalatan, utuu jiraatanii umriinsaanii hammana ta’a jettee yaaddi. Kiristiyaanonni haalli akkasii isaan mudate, ijoolleensaanii du’aa akka ka’an abdachuu danda’uu?

Deebiin gaaffii kanaa, salphaadhumatti hin beeknu kan jedhudha. Macaafni Qulqulluun, mucooliin utuu yeroonsaanii hin ga’in garaatti du’an ykn yeroonsaanii ga’ee du’anii dhalatan, du’aa ni ka’u jedhee kallattiidhaan hin dubbatu. Ta’us, Dubbiin Waaqayyoo seerawwan bu’uuraa gaaffii kanaa wajjin walitti dhufeenya qabaniifi hamma tokko jajjabina kennuu danda’an qabateera.

Mee gaaffiiwwan dhimma kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban lama haa ilaallu. Tokkoffaa, akka ilaalcha Yihowaatti, jireenyi nama tokkoo kan jalqabu yommuu garaatti hafumoo, yommuu dhalatudha? Lammaffaa, Yihowaan mucaa garaa keessa jiru, akka nama tokkoottimmoo, akka seelotaafi tishuu gadameessa keessatti walitti sassaabamaniitti ilaala? Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, gaaffiiwwan lamaan kanaaf deebii ifa ta’e kennu.

Seerri Musee jireenyi kan jalqabu erga dhalatanii booda utuu hin ta’in, utuu hin dhalatin yeroo dheeraa dura akka ta’e ibsa. Akkamitti? Seerichi namni mucaa garaa keessa jiru ajjeese, du’aan adabamuu akka danda’u dubbata. Seerri sun, “qooda lubbuu lubbuu[n]” ijaa haa baafamu jedha. * (Bau. 21:22, 23) Kanaaf, mucaan gadameessa keessa jiru, jireenya mataasaa kan qabuufi akka lubbuu tokkootti kan ilaalamudha. Kristiyaanonni miliyoonaan lakkaa’aman kana beekuunsaanii, ulfa baasuurraa akka fagaatan, akkasumas kana gochuun cubbuu cimaa Waaqayyoorratti hojjetamu ta’uusaa hubachuuf isaan gargaareera.

Mucaan garaa keessa jiru jireenya akka qabu beekamaadha; haata’u malee, Yihowaan mucaa kanaaf iddoo guddaa akkamii kenna? Seerri olitti caqasame, namni mucaan garaa keessa jiru akka du’u godhe, akka ajjeefamu ajaja. Mucaan garaa keessa jiru, Waaqayyo duratti iddoo guddaa akka qabu kanarraa hubachuun ni danda’ama. Caqasawwan Caaffata Qulqullaa’oo hedduun kaanis, Yihowaan mucaa garaa keessa jiru, akka nama tokkootti akka ilaalu argisiisu. Fakkeenyaaf, Daawiti Mootichi hafuura qulqulluutiin geggeeffamee akkas jechuudhaan waa’ee Yihowaa dubbateera: “Gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche. . . . Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.”—Far. 139:13-16; Iyo. 31:14, 15.

Kana malees Yihowaan, mucaan garaa keessa jiru, gara fuulduraatti amalawwan adda ta’aniifi dandeettii guddaa qabaachuu akka danda’u beeka. Haati manaa Yisihaq Ribqaan yommuu ijoollee lakkuu ulfoofte, Yihowaan amalawwan ijoolleen kun qaban dursee ilaaluudhaan amallisaanii kun gara fuulduraatti isaanirrattis ta’e sanyiisaaniirratti maal akka geessisu raajii dubbateera.—Uma. 25:22, 23; Rom. 9:10-13.

Haalli Yohaannis Cuuphaas xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Seenaan Wangeelichaa akkas jedha: “Yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuudhaan garaa ishee keessa burraaqe. Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte.” (Luq. 1:41) Luqaas inni ogeessi fayyaa haala kana ibsuudhaaf, jecha afaan Giriikii mucaa garaa keessa jiru ykn reefuu dhalate argisiisuu danda’utti fayyadameera. Luqaas haala yommuu Yesus siree horiin keessaa nyaaturra ciisee ture ibsuuf, jechuma wal fakkaatutti fayyadameera.—Luq. 2:12, 16; 18:15.

Ragaawwaniifi caqasawwan olitti ibsamanirratti hundaa’uudhaan, mucaa gadameessa keessa jiruufi reefuu dhalate gidduu garaagarummaa guddaan jira jechuun ni danda’amaa? Waan danda’amu hin fakkaatu. Yaanni kun wanta saayinsiin ammayyaa mirkaneessee wajjin walsima. Fakkeenyaaf, qorattoonni mucaan gadameessa haadhaa keessa jiru, wanta alatti raawwatamaa jiru beekuufi itti dhaga’amuu akka danda’u hubataniiru. Kanaafuu, haati ulfa taate, mucaa gadameessashee keessatti guddachaa jiruu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuunshee nama hin ajaa’ibsiisu.

Yeroon ijoolleen itti dhalatan gargar ta’uu danda’a. Fakkeenya kana ilaali: Haati tokko utuu guyyaanshee hin ga’in kan deesse yommuu ta’u, mucichi guyyaa muraasa booda du’e. Haati gara biraanimmoo yeroonshee ga’ee mucaa du’e deesse. Mucaan inni jalqabaa akka tasaa utuu yeroonsaa hin ga’in fayyaa waan dhalateef qofa abdii du’aa ka’uu qabaatee, mucaan inni lammataa yeroonsaa ga’us du’ee waan dhalateef qofa abdii du’aa ka’uu dhaba jechuudhaa?

Walumaa galatti, Macaafni Qulqulluun jireenyi mucaa tokkoo kan jalqabu yommuu garaatti hafe akka ta’eefi Yihowaanis mucaa garaa keessa jiruuf bakka guddaa akka kennu, akkasumas akka nama tokkootti akka ilaalu barsiisa. Namoonni tokko tokko, mucaan garaa keessatti du’e abdii du’aa ka’uu hin qabu jedhanii yaaduun, dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii wajjin wal faallessa jedhanii yaadu. Akkas jedhanii yaaduun, ejjennoo keenya isa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi ulfa baasuun sirrii miti jedhurratti gaaffii kaasuu danda’a jedhu.

Barruun kun kanaan dura, gaaffiiwwan mucooliin garaa haadhaa keessatti du’an, abdii du’aa ka’uu waan hin qabne fakkeessan tokko tokko kaasee ture. Fakkeenyaaf, Waaqayyo ulfi reefuu garaatti hafe utuu garaadhaa ba’ee, Jannata keessatti gadameessa dubartii tokkotti deebisee galchaa? gaaffii jedhu kaasee ture. Haata’u malee, Qaamni Olaanaan dhimma kanarratti qorannaa dabalataafi kadhannaa gochuudhaan erga irratti xiinxalee booda, yaanni kun abdii du’aa ka’uurratti jijjiirama hin fidu murtoo jedhurra ga’eera. Yesus, “Waaqayyoof wanti hundinuu in danda’ama” jedheera. (Mar. 10:27) Yesusii wajjin haala wal qabateen wanti raawwatame jechi kun dhugaa ta’uusaa argisiisa; jireenyisaa samiirraa gara gadameessa durba tokkootti kan dabarfame yommuu ta’u, kunimmoo akka ilaalcha namootaatti tasumaa kan danda’amu hin turre.

Kana jechuun garuu, Macaafni Qulqulluun mucooliin dhalachuusaanii dura du’an hundi, du’aa akka ka’an barsiisa jechuudhaa? Dubbiin Waaqayyoo gaaffii kanaaf kallattiidhaan deebii waan hin kennineef, eenyuyyuu mucooliin kun du’aa ni ka’u jedhee afaan guutee dubbachuu hin danda’u. Dhimmi kun, gaaffiiwwan dhuma hin qabne addaddaa kaasuu danda’a. Kanaaf, yaada tilmaamaa kennuurraa fagaachuun baay’ee gaarii fakkaata. Wanti beeknu, dhimmi kun Yihowaa isa gaarummaa guddaa qabuufi oo’a qabeessa ta’eef kan dhiifame ta’uusaa qofadha. (Far. 86:15) Yihowaan namoota du’aa kaasuudhaan, du’a balleessuuf hawwii guddaa akka qabu homaa hin shakkisiisu. (Iyo 14:14, 15) Inni yeroo hunda wanta sirrii ta’e akka raawwatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yihowaan jaalalaan kaka’ee Ilmisaa ‘hojii Seexanaa akka diigu’ gochuudhaan, rakkoowwan hedduu sirni hamaan kun nutti fide hunda ni balleessa.—1 Yoh. 3:8.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, yeroo tokko tokko caqasni kun namni tokko du’aan kan adabamu, haadhattiin yoo duute qofa akka ta’e fakkeessanii hiiku. Haata’u malee, afaan Ibrootaa isa jalqabaatiin seerichi caqasa kanarratti kan dubbatu, haadha ykn mucaa garaashee keessa jirurra miidhaa guddaa du’a geessisu kan argisiisudha.

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Yihowaan wantoota gaddisiisaa nurra ga’an hunda ni balleessa