Kiyuniifoormii Duriifi Macaafa Qulqulluu
Kiyuniifoormii Duriifi Macaafa Qulqulluu
AFAAN namootaa Baabelitti erga wal makee booda malawwan barreeffamaa hedduun uumamaniiru. Saboonni Sumeeriifi Baabilonotaa Mesophotaamiyaa jiraatan, kiyuniifoormiitti fayyadamu turan. Jechi kiyuniifoorm jedhu, jecha afaan Laatinii “bifa rogsadee” jedhurraa kan dhufe si’a ta’u, mallattoo rogsadee suphee jiidhaarratti rogi itti baafamee barreeffamu kan argisiisudha.
Arki’ooloojistoonni barreeffamoota kiyuniifoormii sabootaafi seenaansaanii Caaffata Qulqullaa’oorratti ibsaman irratti barreeffame dachee keessaa argataniiru. Waa’ee mala barreeffama durii kana maal beekna? Barreeffamoonni malawwan kanaan barreeffaman Macaafni Qulqulluun dhugaa ta’uusaatiif ragaa akkamii kennu?
Galmeewwan Bara Dheeraaf Turan
Hayyoonni, saboonni Mesophotaamiyaa durii kiyuniifoormiitti fayyadamuu jalqabuusaanii dura, jecha ykn yaada tokko mallattoo ykn fakkiin ibsaa akka turan amanu. Fakkeenyaaf, sangaa argisiisuuf fakkii mataa sangaa kaasu turan. Galmeessanii kaa’uun barbaachisaa ta’aa yeroo adeemutti garuu, malli kiyuniifoormiin barreessuus guddachaa dhufe. Kitaabni En.Ii.Vi. Arki’ooloojikaal Istadii Baayibil jedhamu, “Yeroo kanatti mallattoowwan jecha qofa utuu hin ta’in, sagalee jechoota bakka bu’an kan uuman si’a ta’u, sagaleen jechoota bakka bu’an kunis qindaa’uudhaan jechoota ibsuu danda’aniiru” jechuun ibseera. Yeroo boodas, mallattoowwan garagaraa 200 ta’an waan uumamaniif, kiyuniifoormiitti fayyadamanii “jechoota ciccimoofi haasawaa seerlugaasaanii eegame barreessuun ni danda’ame.”
Bara Abrahaamitti, jechuunis Dh.K.D. naannoo bara 2,000tti malli kiyuniifoormiin fayyadamanii barreessuu baay’ee guddatee ture. Jaarraawwan 20 ittaananiitti, afaanonni 15 ta’an mala barreeffamaa kana hordofuu jalqaban. Barreeffamoota kiyuniifoormii dachee keessaa argaman keessaa harki 99 suphee diriiraarratti kan barreeffaman turan. Waggoota 150 ol ta’an darbanitti, gabateewwan suphee hedduun akkasii Ur, Yureek, Baabilon, Nimruud, Niippur, Ashuur, Nanawwee, Maarii, Eblaa, Ugaaritifi Amaarna keessatti argamaniiru. Barruun Arki’ooloojii Odesiin jedhamu akkas jedheera: “Hayyoonni, kiyuniifoormiin miliyoona tokkoo hanga lamaa ta’aniifi supheerratti barreeffaman qotamanii kan baafaman si’a ta’u, 25,000 kan ta’animmoo waggaa waggaan akka argaman tilmaamu.”
Hayyoonni kiyuniifoormii addunyaa maratti argaman, barreeffamoota kana hiikuu wajjin haala wal qabateen hojii bal’aafi ulfaataatu isaan mudata. Akka tilmaama tokkootti, “kiyuniifoormii hedduu hanga ammaatti argaman keessaa al tokko qofallee kan dubbifame harka 10 keessaa 1 qofadha.”
Barreeffamoonni kiyuniifoormii afaan lamaan ykn sadiin barreeffaman argamuunsaanii, barreeffamoota mala kanaan barreeffaman hiikuurratti gumaacha guddaa argamsiisaniiru. Hayyoonni galmeewwan mala kiyuniifoormiin barreeffaman kun afaan addaddaatiin barreeffamanis, hundisaanii yaada tokko qabaachuusaanii hubataniiru. Hayyoonni, barreeffamoota afaan garagaraatiin qophaa’anirratti argaman, maqaawwan, aboo, hidda dhalootaa bulchitootaafi jechoota isaan of jajuuf ittiin fayyadaman yeroo hedduu kan wal fakkaatan akka ta’an hubachuunsaanii afaanota kana hiikuuf isaan gargaareera.
Bara 1850tti hayyoonni kiyuniifoormii durii afaanota Baha Giddu Galeessaa, jechuunis afaan Akeediyaa ykn Asiiroo-Baabiloniyaa ittiin walii galuuf fayyadaman dubbisuu danda’aniiru. Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaan akkas jedhee ibseera: “Mala barreeffama kiyuniifoormii Akeediyootaa akkamitti akka hiikamu takkaa hubachuu danda’amnaan, hiikaa kiyuniifoormii afaanota kaaniis hubachuun ni danda’ama.” Akkaataan barreeffamoota kanaa Caaffata Qulqullaa’oo wajjin kan walsimu akkamitti?
Ragaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Walsimu
Macaafni Qulqulluun Yerusaalem Dh.K.D. bara 1070tti hanga Daawitiin injifatamtetti, mootota Iya. 10:1; 2 Sam. 5:4-9) Hayyoonni tokko tokko garuu kana ni shakku. Ta’us bara 1887tti dubartiin qonnaan bultuun tokko gabatee dhagaa supheerraa hojjetame Amarnaa, Gibxii keessaa argatte. Barreeffamoonni 380 ta’an gabatee dhagaarratti barreeffamaniifi yeroo booda argaman yommuu hiikaman, yaanni achirratti argamu xalayaa dippiloomaasii mootii Gibxii (Ameenhooteep III fi Akanaatan), akkasumas mootummoota Kana’aan gidduutti godhame kan qabate ta’uunsaa ni hubatame. Isaan keessaa xalayaa ja’a kan barreesse bulchaa Yerusaalem isa Abdii-Heebaa jedhamu ture.
Kana’aaniin bulaa akka turte ibsa. (Barruun Bibilikaal Arki’ooloojii Riviwuu jedhamu akkas jedha: “Gabateen dhagaa Amarnaa Yerusaalem magaalaa malee biyya akka hin taane ifatti kaa’amuunsaa, akkasumas Abdii-Heebaas Yerusaalem keessaa mana jireenyaa kan qabuufi loltoota Gibxii 50 . . . kan qabu ta’uunsaa Yerusaalem magaalaa xinnoo tabbarratti argamtu ta’uushee argisiisa.” Barruun kun booda itti dabaluun akkas jedheera: “Yaanni xalayaa Amarnaarratti argamu magaalattiin magaalota yeroo sana turan hundaa caalaa magaalaa bakka guddaan kennamuuf akka taate mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.”
Maqaawwan Galmeewwan Asoriifi Baabilonotaa Keessatti Argaman
Asoronni, boodas Baabilononni seenaasaanii suphee diriiraa kan akka, siliindarii, piriizimiifi siidaawwanirratti barreessu turan. Kanaaf, hayyoonni kiyuniifoormii qubee Akeedotaa hiikuu yommuu jalqaban, namoota maqaansaanii Macaafa Qulqulluurratti caqasame argatan.
Kitaabni Za Baayibil iin za Biriitish Muuziyam jedhamu akkas jedha: “Doktoor Saamu’el Birich xalayaa bara 1870 waldaa haaraa hundaa’eefi Soosaayitii oov Bibilikaal Arki’ooloojii jedhamuuf barreessanirratti, [barreeffamoota mala kiyuniifoormiin barreeffamanirratti maqaan] mootota Ibrootaa, Omrii, Ahaab, Yehuu, Azaariyaa . . . , Menaahem, Pheqaa, Hoshe’a, Hisqiyaasiifi Minaasee, akkasumas mootii Asorotaa isa Tiiglaat-Phileeser . . . [III], Sargon, Senaaheriib, Esaar-Haadon, Asharbaaniippaal, . . . mootota Sooriyaa Ben-Hadaad, Hazaa’eliifi Resiin” jedhaman akka argatan ibsaniiru.
Kitaaba Za Baayibil end Raadiyookaarboon Deetiing jedhamurratti seenaa Israa’eliifi Yihudaa Macaafa Qulqulluurratti caqasame, kiyuniifoormii durii wajjin walbira qabamee ilaalameera. Bu’aa akkamiitu argame? “Dimshaashumatti, mootonni Yihudaafi Israa’el 15 ykn 16 galmeewwan biyyoota garabiraa bara sana turanirratti kan galmeeffaman si’a ta’u, maqaafi yeroo isaan itti jiraatan ilaalchisee wantoonni galmeewwan kana keessatti argaman seenaa [Kitaaba Macaafa Qulqulluu] Mootota 1ffaafi 2ffaa wajjin guutummaatti kan walsimudha. Mootiin Macaafa Moototaa lamaanirratti caqasamee, galmeewwan kanarratti hin caqasamin hafe kan hin jirre si’a ta’u, galmeewwan kunis mootota maqaansaanii hin ibsamne hin qabanne.”
Kiyuniifoormiin baay’ee beekamaa ta’eefi Siliindarii Qiiros jedhamuun beekamu bara 1879tti argame akka ibsutti, Qiiros Dh.K.D. bara 539tti Baabiloniin erga to’atee booda, seera duraan baaserratti hundaa’ee booji’amtoonni biyyasaaniitti akka deebi’an godheera. Yihudoonnis qophii kanarraa faayidaa argataniiru. (Iz. 1:1-4) Hayyoonni jaarraa 19ffatti turan hedduun labsii Macaafa Qulqulluurratti argamu kana ni shakku turan. Ta’us, yeroo itti warri Faares guutummaa biyya lafaarratti olaantummaa argataniifi Siliindarii Qiiros dabalatee, galmeewwan kiyuniifoormii seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti barreeffaman dhugaa ta’uusaanii mirkaneessu.
Bara 1883, Niippur ishee naannoo Baabilonitti argamtutti galmee kiyuniifoormii 700 ol ta’antu argame. Namoota maqaansaanii achi keessatti ibsame 2,500 keessaa 70ni Yihudotadha. Hayyuun seenaa Edwiin Yaamuchii jedhaman akka ibsanitti, “maqaan Yihudootaa waraqaa walii galterratti argameera, bakka buutota, dhugaa baatuu, kan qaraxa sassaabaniifi abbootii taayitaa mootichaa ta’anii turan.” Yihudoonni hedduun naannoo Baabilonitti sochii akkasiirratti hirmaachuu akka itti fufan ragaawwan argisiisan bakka guddaan kan kennamuufidha. Yaanni kun namoonni “hambaa” Israa’el ta’an boojuu Asoriifi Baabilonii gara Yihudaatti kan deebi’an si’a ta’u, kunimmoo raajii Macaafa Qulqulluu Yihudoonni hedduun akka achitti hafan dubbatu wajjin kan walsimudha.—Isa. 10:21, 22.
Barkumee Dh.K.D. turetti, namoonni kiyuniifoormiin fayyadamuun alattis qubeewwan kaaniin ni fayyadamu turan. Yeroo booda garuu, Asoronniifi Baabilononni kiyuniifoormiitti fayyadamuu dhiisanii qubeen barreessuu jalqaban.
Gabateewwan dhagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman qo’annaaf akka gargaaraniif muuziyamii keessa kaa’amaniiru. Gabateen dhagaa hayyoonni hanga har’aatti hiikan Macaafni Qulqulluun dhugaa ta’uusaatiif ragaa amansiisaa kennaniiru. Barreeffamoonni hanga yoonaatti qo’annoon irratti hin taasifaminimmoo ragaa dabalataa akkamii akka kennan maaltu beeka?
[Madda fakkii fuula 21rra jiru]
Photograph taken by courtesy of the British Museum