Nama Akkamii Ta’uu Barbaadda?
Nama Akkamii Ta’uu Barbaadda?
AJAJAAN poolisii magaalaa Filippiins, “Namichi kun amalasaa akka jijjiiru gochuu kan dandeesse akkamitti?” jedhee obboleettii qajeelchituu taate tokko gaafate. Itti fufuunis, waraqaa minjaalarra tuulamee jirutti quba qabaa, “Kun hundi himata isarratti dhihaatee ture ta’uusaa beektaa? Namoota magaalaa kana keessatti mataa dhukkubbii nutti ta’an keessaa isa tokkorraa boqonnaa nuu argamsiisteetta” jedheen. Yeroo hundaa machaa’ee jeequmsa uumuudhaan beekama ture. Wanti jijjiirama guddaa akkasii gochuuf isa kakaase maalidha? Ergaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffametu isa jijjiire.
Namoonni baay’een, gorsa Phaawulosiif xiyyeeffannaa kennuudhaan, ‘namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turan dhiisanii namummaa haaraa fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffataniiru.’ (Efe. 4:22-24) Jijjiiramni gochuun nu barbaachisu guddaas ta’e xinnoo, namummaa haaraa uffachuun karaa Kiristiyaanota ta’uu keenya itti argisiisnudha.
Jijjiirama gochuudhaan ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guunnus, kun tarkaanfii jalqabaa qofadha. Cuuphamuuf yeroo of qopheessinu, haalli keenya muka hamma tokko bifni itti baafamee wajjin wal fakkaata. Mukti kun maal fakkaachuu akka danda’u beekamus, hojii baay’eetu isa hafa. Namni bifa itti baasu kun mi’a kana caalaatti miidhagsuuf wantoota xixinnoo baay’ee dabalataan hojjechuu qaba. Yeroo cuuphamuuf jennu, amalawwan bu’uuraa tajaajilaan Waaqayyoo tokko qabaachuu qabu guunnee turre. Ta’us, namummaa isa haaraa caalaatti fooyyeffachuu keenya itti fufuu qabna. Sirreeffama tokko tokko gochuudhaan namummaan keenya inni haaraan fooyya’aa akka adeemu gochuu qabna.
Phaawulosillee jijjiirama akkasii gochuu akka qabu hubatee ture. “Ana isa waan gaarii hojjechuu barbaadutti, wanti hamaan harka kootti dhufuu . . . isaa nan arga” jechuun dhugaasaa dubbateera. (Rom. 7:21) Phaawulos nama akkamii akka ta’eefi nama akkamii ta’uu akka barbaadu sirriitti hubatee ture. Nutoo? Nuyis akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Wanti harka kootti dhufu maalidha? Ani nama akkamiiti? Nama akkamii ta’uun barbaada?’
‘Wanti Harka Kootti Dhufu’ Maalidha?
Mana dulloomaa haaromsuuf bakkeesaa qofa halluu dibuun ga’aa miti. Rakkoo bu’uuraa manichi qabu akkasumaan dhiisuun balaa guddaa geessisuu danda’a. Haaluma wal fakkaatuunis, qajeelaa fakkaachuun qofti ga’aa miti. Nama akkamii akka taane sirriitti qoruufi rakkoo qabnu hubannee fooyyessuu qabna. Kanaachi, namummaan keenya inni moofaan nutti deebi’uu danda’a. Kanaaf, of qoruun dirqamadha. (2 Qor. 13:5) Amalawwan keenya gadhee ta’an addaan baasnee beekuudhaan sirreessuu nu barbaachisa. Yihowaan gargaarsa kana gochuuf dandeessisu nuu qopheesseera.
Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda’a.” (Ibr. 4:12) Ergaan Macaafa Qulqulluu, jireenya keenya jijjiiruuf humna guddaa qaba. Akkuma fakkeenyaan ibsame keessa keenya seenee, jechuunis dhuka lafee keenya gargar in baasa. Waa’ee keenya wanta nuyi yaannu ykn hamma namoonni nu beekan caalaa, keessa namummaa keenya isa bakkee wajjin walbira qabuudhaan yaadaafi fedhiin keenya ifatti akka mul’atu godha. Dhugumayyuu, Dubbiin Waaqayyoo rakkoo qabnu adda baasnee beekuuf nu gargaara!
Mana dulloome yommuu haaromsinu, bakka bosose qofa deebisuun ga’aa miti. Wanti rakkinasaatiif sababii ta’e maal akka ta’e beekuun, tarkaanfii rakkinni kun deebi’ee akka hin uumamne godhu fudhachuuf gargaara. Haaluma wal fakkaatuun amala gadhee qabnu qofa utuu hin ta’in, wanta kanaaf sababii ykn ka’umsa ta’e adda baasnee beekuun, dadhabbii qabnu to’achuu akka itti fufnu nu gargaara. Wantoonni amala keenyarratti dhiibbaa geessisan hedduun jiru. Isaan keessaa akkaataa guddinaa, haala dinagdee, naannoo, aadaa, warra, hiriyootaafi amantii keenyadha. Sagantaaleen televijiinii, fiilmiin ilaalluufi bashannanni filannus, amala keenyarratti dhiibbaa geessisan qabu. Wantoota amala keenyarratti dhiibbaa geessisan beekuun, dhiibbaa isaan geessisan hir’isuuf nu gargaara.
Erga of qorree booda, ‘Kun amalakooti’ jenna ta’a. Yaanni akkasii dogoggoradha. Phaawulos, namoota gumii Qorontos warra dur ejjan, gadhaa’an, nama gadhoomsan, warra machaa’aniifi kan kana fakkaataniin akkas jedhee ture: “Isin keessaa kaan warra akkasii [turtan], garuu . . . hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu.” (1 Qor. 6:9-11) Nutis gargaarsa hafuura Yihowaatiin jijjiirama barbaachisu gochuu dandeenya.
Mee nama Maarkoos * jedhamuufi biyya Filippiins jiraatu akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Akkaataa guddinasaa ilaalchisee, “Warrikoo yeroo hunda wal lolu turan. Kanaaf, umrii waggaa 19tti hammaachuun jalqabe” jedha. Maarkoos qumaara, hannaafi meeshaan doorsisee saamuun beekama ture. Mijaa’uu baatus, inniifi hiriyoonnisaa xiyyaara maqsuudhaan gara barbaadaniitti akka adeemu gochuu yaalanii turan. Maarkoos erga fuudhee boodas gochasaa kana itti fufee ture. Yeroo boodas waan qabu hunda sababa qumaaraatiin dhabeera. Yeroo muraasa booda, qayyabannaa haati manaasaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin gooturratti argamee qayyabannaa eegale. Jalqaba, Dhugaa Baatuu ta’uu hin danda’u jedhee yaadee ture. Ta’us, wanta barate hojiirra oolchuufi walga’iirratti argamuunsaa akkaataa jireenyasaa isa durii dhiisuuf isa gargaareera. Amma Kiristiyaana cuuphame ta’uudhaan, namoonni kaanis jireenyasaanii akka jijjiiran barsiisuurratti yeroo hunda hirmaata.
Nama Akkamii Ta’uu Barbaadda?
Amalawwan Kiristiyaanummaa keenya fooyyeffachuuf jijjiirama akkamii gochuu qabna? Phaawulos akkas jechuun Kiristiyaanota gorseera: “Isin dheekkamsa, aarii, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba’in! Soba walitti hin dubbatinaa! Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baaftaniittu. Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga’uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira.”—Qol. 3:8-10.
Kanaaf galmi keenya inni guddaan, namummaa moofaa ofirraa baasnee, namummaa haaraa uffachuudha. Galma kana bira ga’uuf amalawwan akkamii horachuu nu barbaachisa? Phaawulos akkas jedheera: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qol. 3:12-14) Amalawwan kana horachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuun, ‘Waaqayyoofi namootarraa ayyaana argachuuf’ nu gargaara. (1 Sam. 2:26) Yesus yeroo lafarra ture, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan akka gaariitti calaqqisiiseera. Fakkeenya Kiristos qayyabachuufi hordofuudhaan, akkumasaa ‘fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu’ dandeenya.’—Efe. 5:1, 2.
Jijjiirama gochuun akka nu barbaachisu karaan itti beekuu dandeenyu kan biraanimmoo, amala gaariifi gadhee namoota Macaafa Qulqulluurratti caqasamanii qayyabachuudha. Fakkeenyaaf, Yoseef ilma Yaaqoob haa ilaallu. Yoseef dabni isarratti raawwatamus, ilaalcha sirrii qabuufi miidhagina keessasaa eegee jiraateera. (Uma. 45:1-15) Karaa biraammoo, Abiishaalom ilmi Daawit Mootichaa namootaaf akka yaadu fakkeessuun kan beekamuufi miidhaginasaatiin kan faarsamu ture. Ta’us gantuufi kan nama ajjeessu ture. (2 Sam. 13:28, 29; 14:25; 15:1-12) Gaarii fakkaatanii mul’achuufi miidhaginni qofti jaallatama nama hin taasisu.
Milkaa’uu Dandeenya
Amala keenya fooyyessuufi Waaqayyoo duratti miidhagoo ta’uuf, keessa namummaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu nu barbaachisa. (1 Phe. 3:3, 4) Amala keenya jijjiiruuf, amala keenya isa gadheefi wantoota isaaf sababii ykn bu’uura ta’an addaan baasnee beekuudhaan, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuu gaafata. Jijjiirama akkasii gochuuf carraaqqii goonuun milkaa’uu akka dandeenyu mirkanaa’oo ta’uu dandeenyaa?
Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin jijjiirama barbaachisaa gochuu dandeenya. Akkuma faarfatichaa, “Garaa qullaa’aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jennee kadhachuu dandeenya. (Far. 51:10) Jireenyi keenya fedha Waaqayyoo wajjin caalaatti akka walsimu gochuuf, hafuurri Waaqayyoo nu keessatti akka hojjetuuf kadhachuu dandeenya. Dhugumayyuu, Yihowaa duratti caalaatti miidhagnee mul’achuuf milkaa’uu dandeenya!
[Miiljalee]
^ key. 11 Maqaansaa jijjiirameera.
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Mana bubbeedhaan miidhame kana bakkeesaa qofa halluu dibuun ga’aadhaa?
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Amala Kiristosii wajjin wal fakkaatu horatteettaa?