Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yihowaan Humnakooti”

“Yihowaan Humnakooti”

“Yihowaan Humnakooti”

Jo’aan Kooviil akka dubbattetti

Adoolessa 1925 Hudarsfiildi, Ingilaandittan dhaladhe. Warrikoo ana malee kan hin qabne yommuu ta’u, anis dhukkubsattuun ture. Abbaankoo, “Yeruma qilleensa’u hunda dhukkubsatta” naan jedha ture. Jechisaa kun dhugaa fakkaata!

YEROON daa’ima turetti, geggeessitoonni amantii nagaa argachuuf cimsanii kadhachaa turan; waraanni addunyaa inni lammaffaan ennaa jalqabu garuu, injifannoo argachuuf kadhatu turan. Kun naa galuu waan hin dandeenyeef shakkii na keessatti uume. Yeroo xinnoo booda, dubartiin Aanii Raatkiliif jedhamtu mana keenya kan dhufte yommuu ta’u, Dhugaa Baatuun naannoo keenya jirtu ishee qofa turte.

Dhugaan Argadhe

Aaniin, kitaaba Salveeshin jedhamu nuu kennite. Achiis Aaniin, marii Macaafa Qulqulluu manasheetti geggeeffamurratti akka argamtu haadhakoo afeerte. * Haatikoos ishee wajjin akkan dhaqu na gaafatte. Marii jalqabaa sana hamma yoonaatti nan yaadadha. Marichi waa’ee furii Yesus kan ibsu ennaa ta’u, kan nama hin nuffisiisne ture. Mariin kun, gaaffiiwwankoo hedduudhaaf deebii naa argamsiiseera. Torban itti aanuttis marii kanarratti argamne. Gaafasimmoo, raajii Yesus mallattoo guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbatetu ibsame. Haatikoofi ani, haala gaddisiisaa addunyaa kanarra jirurraa ka’uudhaan, barumsi kun dhugaa ta’uusaa hubanne. Gaafuma sana gara Galma Mootummaa akka dhaqnu afeeramne.

Galma sana keessatti dargaggoota qajeelchitoota ta’an kanan argadhe yommuu ta’u, isaan keessaa tokko, Jooyis Baarbar (yeroo ammaatti Eeliis kan jedhamtu) yommuu taatu, isheen ammayyuu abbaa manaashee Piitarii wajjin Landan keessa Bet’elitti tajaajilaa jirti. Qajeelchaa kan ta’u nama hundumaa natti fakkaata ture. Kanaafuu, kanan baradhu ta’us ji’atti sa’aatii 60 tajaajilaan ture.

Ji’a shan booda, Guraandhala 11, 1940, haatikoofi ani Biraadfoorditti walga’ii aanaarratti cuuphamne. Abbaankoo amantii keenya isa haaraa kan hin mormine ta’uyyuu, Dhugaa Baatuu hin taane. Naannoo yeroo ani itti cuuphametti, karaarratti lallabuun ni jalqabamee. Korojoo barruulee baadhee, beeksisa qabadhee hojii kanarratti hirmaachaan ture. Gaafa Sanbadduraa tokko, naannoo suuqii namni itti baay’atu dhaabadhee akkan lallabun ramadame. Baay’ee waanan nama sodaadhuuf, barattoonni mana barumsaakoo hundi karaan dhaabadhurra waan darban natti fakkaata ture!

Bara 1940 gumiin keenya hiramuu qaba ture. Gumichi ennaa hiramu, hiriyoonnikoo hundi gumii kan biraatti ramadaman. Wanta kanatti mufachuukoo sassaabaa ilaaltuu olaanaa gumichaattan hime. Innis, “Dargaggootaa wajjin ta’uu barbaadda taanaan, ba’iitii dargaggootaaf lallabi” naan jedhe. Anis akkuma inni naan jedhen godhe! Sana booda baay’ee utuu hin turin, dubartii Eelsii Noobil jedhamtuufan lallabe. Isheenis dhugaa kan fudhatte yommuu ta’u, hamma dhumaatti hiriyaakoo taateetti.

Qajeelchaa Ta’uufi Eebbawwan Inni Argamsiisu

Ergan barumsa xumuree booda, hojii herregaan hojjedha ture. Haata’u malee, gammachuu tajaajiltoonni yeroo guutuu qaban yommuun argu, fedhiin qajeelchaa ta’ee Yihowaa tajaajiluuf qabu ni guddate. Caamsaa 1945, qajeelchaa addaa ta’ee tajaajiluun jalqabe. Guyyaan qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabetti, guyyaa guutuu bokkaa cimaatu roobe. Bokkaan sun homaa utuu natti hin fakkaatin tajaajila ba’uunkoo baay’ee na gammachiiseera. Guyyaa guyyaadhaan biskiliitii oofaa tajaajila ba’uunkoo, fayyaakootiif na gargaareera. Ulfinni qaamakootii kiilogiraamii 42 caalee kan hin beekne ta’uyyuu, qajeelchaa ta’uukoo ittuma fufeera. Waggoota kana hundatti, ‘Yihowaan humnakoo ta’uusaa’ ijakootiin argeera.—Far. 28:7, NW.

Gumiiwwan haaraa hundeessuuf qajeelchaa addaa ta’ee gara magaalota Dhugaa Baatonni hin jirreetti ergameera. Dura Ingilaanditti waggaa sadii, achiis Aayarlaanditti waggaa sadiin tajaajile. Liisbarn, Aayarlaanditti yeroon tajaajilu, nama mana sagadaa Pirotestaantiitti qeesii itti aanaa ta’e tokko qayyabsiisaan ture. Barumsawwan Macaafa Qulqulluu bu’uura ta’an ilaalchisee dhugaansaa maal akka ta’e akkuma barateen, beekumsa haaraa argate kana namoota waldaasaa keessa jiran barsiisuu jalqabe. Isaan keessaa tokko tokko itti gaafatamtoota mana sagadichaatti wanta kana kan himatan ennaa ta’u, innis barumsa akkasii maaliif akka barsiise gaafatame. Achiis, namoota kana barumsa sobaa hedduu barsiisaa akka ture isaanitti himuun itti gaafatamummaasaa akka ta’e dubbate. Maatiinsaa cimsee kan isa morme ta’uyyuu, Yihowaadhaaf of murteessee hamma du’etti amanamummaadhaan tajaajileera.

Bakkan booda itti ramadame, jechuunis Laarn, Aayarlaanditti, hiriyaankoo Walga’ii Guddina Ti’ookraasichaa bara 1950 Niiwu Yoorkitti godhamurratti argamuuf dhaqxee waan turteef, ji’aafi torban lamaaf kophaakoon tajaajile. Yeroon sun anaaf baay’ee rakkisaa ture. Anis walga’icharratti argamuuf baay’ee hawween ture. Haata’u malee, yeroon kophaakoo ture sanatti tajaajilarratti muuxannoowwan nama jajjabeessan hedduu argadheera. Maanguddoo waggoota 20 dura barreeffama keenya fudhate tokkon argadhe. Barreeffama sana waggoota hedduudhaaf irra deddeebi’ee waan dubbiseef, guutummaasaa yaadatti qabateera jechuun ni danda’ama. Dhumarratti inni, ilmisaafi intallisaa dhugaa fudhataniiru.

Mana Barumsaa Giil’aaditti Leenjifamuu

Bara 1951, qajeelchitoota Ingilaanditti argaman kudhanii wajjin Mana Barumsaa Giil’aad kutaa 17⁠ffaa Laansiing Niiwu Yoorkitti godhamurratti akkan hirmaadhun afeerame. Barumsi Macaafa Qulqulluu ji’oota sanatti arganne hammam akka na gammachiise isinitti himuu hin danda’u! Yeroo sana obboleettonni, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti kutaa hin dhiheessan ture. Giil’aaditti garuu obboleettonni kutaa barattootaafi gabaasa ni dhiheessina turre. Baay’ee sodaanna turre! Hamman kutaakoo xumurutti, harkin waraqaa yaadannoo ittiin qabadhe hurgufamaa ture. Obboleessi barsiisaa keenya ture Maaksiweel Fireendi, “Namoonni haasawaa gaarii dhiheessan hundi jalqabarratti qofa sodaatu; ati garuu hamma dhumaatti sodaatte” jechuudhaan natti qoose. Leenjii kanarratti, hundi keenya barattoota kutaa sanaa dura dhaabannee yaada keenya ibsuudhaan dandeettii keenya fooyyeffanneerra. Yeroon leenjii keenyaa dafee nu jalaa dhume. Warri leenjifamnes biyyoota hedduutti ramadamne. Ani biyya Taayilaandittan ramadame!

“Biyya Seeqaa”

Aastiriid Aandarsan misiyoonii taatee anaa wajjin Taayilaanditti ramadamuunshee, kennaa Yihowaa akka ta’e natti dhaga’ama. Markaba fe’umsaatiin achi ga’uuf ji’a tokkoofi torban sadii nutti fudhate. Magaalaa guddoo biyyattii kan taate Baangikook geenye. Magaalattiin bakka gabaasheetti girrigirriin kan baay’atu yommuu ta’u, bishaan magaalattii keessa bidiruudhaan deemuuf gargaarus kan qabdu turte. Bara 1952, Taayilaandi keessa babal’istoota 150 hin guunnetu jira ture.

Yeroo jalqabaatiif Masaraa Eegumsaa afaan Taayiin qophaa’e yommuu arginu, ‘Afaan akkasii kana akkamitti barachuu dandeenya?’ jenne of gaafanne. Keessumaammoo, jechoota afaanichaa sagalee sirriidhaan dubbachuun rakkisaa ture. Fakkeenyaaf jechi Koo’uu jedhu sagalee ol ka’aadhaan jalqabamee sagalee gad bu’aadhaan yommuu xumuramu, hiika “ruuzii,” jedhu qaba. Jechumti kun sagalee kan biraatiin yoo dubbatamemmoo, hiika “oduu” jedhu qabaata. Kanaafuu, yeroo tajaajila baanu jalqabarratti, namootaan, “misiraachoo” sii fideerra jechuu mannaa, “ruuzii gaarii sii fideera” jennee hinaaffaadhaan dubbachaa turre! Haata’u malee, erga yeroo baay’ee nutti kolfamee booda barachuu dandeenyeerra.

Namoonni biyya Taayilaand fuula ifaadhaan nama simatu. Kanaafuu, Taayilaand biyya seeqaa jedhamuunshee sirriidha. Dura, magaalaa Kooraat (yeroo ammaa Naakhon Raachaasimaa) jedhamtutti ramadamnee, waggaa lamaaf achitti tajaajilleerra. Boodammoo magaalaa Chiyaangi Maayi jedhamtutti ramadamne. Namoonni Taayilaand baay’eensaanii amantii Budihaa kan hordofaniifi waa’ee Macaafa Qulqulluu kan hin beeknedha. Kooraatitti hogganaa mana poostaa tokko qayyabsiisaan ture. Nama kanaa wajjin, waa’ee Abrahaam isa abbaa amantii ta’ee mari’annee turre. Namichi maqaa Abrahaam jedhu dhaga’ee waan beekuuf, yeroon maqaa kana dhawu mataasaa oliif gadi raasuudhaan irratti walii galuusaa argisiise. Ta’uyyuu, waa’ee namoota addaddaa dubbachaa akka turren hubadhe. Namichi, waa’ee Abrahaam Liinkan pirezidaantii Ameerikaa isa durii kanan dubbadhu isatti fakkaatee ture!

Namoota Taayi warra garaa qajeelaa qaban Macaafa Qulqulluu barsiisuutti kan gammanne ennaa ta’u, isaanimmoo jireenya salphaa jiraachuudhaan akkamitti gammachuu argachuun akka danda’amu nu barsiisaniiru. Bakka jalqaba ramadamne, jechuunis Kooraatitti ibsaas ta’e bishaan boombaa waan hin qabneef, jireenya akkasii barachuun keenya barbaachisaa ture. Iddoowwan akkasiitti tajaajiluun keenya, “waan hundumaatti, . . . irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis” akka beeknu nu godheera. Akkuma Phaawulos ergamaa, ‘jabina gooftaan namaa kennuun waan hundumaa gochuu danda’uun’ maal jechuu akka ta’e hubanneerra.—Filp. 4:12, 13.

Hiriyaa Haaraafi Ramaddii Haaraa

Bara 1945⁠tti Landan dhaqeen ture. Yeroo sanatti, qajeelchitootaafi obboloota Bet’elitti tajaajilan tokko tokkoo wajjin Godambaa (Muuziyamii) Biriitish daawwannee turre. Isaan keessaa tokko, Aalan Kooviil yommuu ta’u, innis sana booda baay’ee utuu hin turin kutaa 11⁠ffaa Giil’aadirratti kan hirmaatedha. Dura Faransaayitti achiimmoo Beeljiyamitti ramadamee ture. * Booda, yeroon ani Taayilaanditti misiyoonii ta’ee tajaajilaa ture, akkan isatti heerumu na gaafate; anis tolen jedheen.

Adoolessa 9, 1955 Biraasils, Beeljiyam keessatti wal fuune. Yeroo misirrummaa keenyatti Paariis dhaqnee akka bashannannu hawwaa waanan tureef, Aalan, torban itti aanutti walga’ii achitti godhamurratti akka argamnu qophii godhe. Haata’u malee, akkuma achi geenyeen Aalan guutummaa walga’ichaarratti turjumaana akka ta’u gaafatame. Guyyaa hundumaa ganama barii manaa ba’uu kan qabu yommuu ta’u, bakka bultii keenyaatti kan deebinummoo erga dhihee booda ture. Kanaafuu, yeroo misirrummaakoo Paariisitti dabarsuyyuu, Aalaniin kanan argu fagootti, jechuunis waltajjiirratti ture! Ta’uyyuu, abbaan manaakoo innin reefuu itti heerume, obboloota yeroo tajaajilu arguunkoo na gammachiiseera. Kana malees, gaa’elli keenya gammachiisaa kan ta’u, yoo Yihowaan keessa jiraate akka ta’e homaa hin shakkun ture.

Gaa’ela godhachuunkoo, naannoo tajaajilaa haaraatti, jechuunis Beeljiyamitti na geesse. Waa’ee Beeljiyam kanan beeku, biyya waraanni hedduun itti geggeeffame ta’uusaa qofa ture jechuu nan danda’a. Haata’u malee baay’ee utuun hin turin, namoonni Beeljiyam hedduunsaanii nagaa kan jaallatan ta’uusaanii hubadheera. Achitti tajaajiluun, afaan Faransaayi isa kibba Beeljiyamitti dubbatamu barachuu kan natti gaafatu ture.

Bara 1955⁠tti, Beeljiyam keessa babal’istoota gara 4,500 ta’antu jira ture. Aniifi Aalan waggoota 50 ta’aniif Bet’elittiifi hojii daawwannaarratti tajaajilleerra. Yeroo jalqabaa, waggoota lamaafi walakkaadhaaf, tabbaafi irraan gadee, akkasumas roobaafi aduu keessa biskileetiidhaan deemna turre. Waggoota kanatti, mana hidhattoota amantaa keenyaa 2,000 ol ta’anii bulleerra! Yeroo baay’ee, obboloota jabina qaamaa utuu hin qabaatin, hamma humnasaanii Yihowaa tajaajilan argeera. Fakkeenyisaanii, tajaajilakootti abdii akkan hin kutanne na jajjabeesseera. Torban torbanitti gumii tokko daawwannee yommuu xumurru, jajjabina akka arganne nutti dhaga’ama. (Rom. 1:11, 12) Aalan anaaf hiriyaa gaarii ture. Yaanni Lallaba 4:9, 10⁠rratti, “Lama ta’uun kophaa ta’uu irra in wayya; inni tokko yoo kufe, hidhanni isaa lafaa isa in kaasa” jedhu dhugaa ta’uusaa hubadheera!

Eebbawwan ‘Humna Yihowaatiin’ Tajaajiluudhaan Argaman

Waggoota hedduudhaaf aniifi Aalan, namoonni kaan Yihowaa akka tajaajilan gargaaruudhaan muuxannoowwan nama gammachiisan hedduu arganneerra. Fakkeenyaaf, bara 1983⁠tti gumii Aantiwarp keessatti afaan Faransaayiin geggeeffamu tokko daawwannee turre. Yeroo kanatti maatii obboleessa dargaggeessa Zaayarii (amma Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikii) dhufe Benjaamiin Baandiwiilaas simatee ture bira boqonne. Benjaamiin barumsa sadarkaa olaanaa barachuuf gara Beeljiyam dhufe. Obboleessi kun, “Tajaajila Yihowaatiif guutummaatti of kennuudhaan jireenya isin jiraattanitti nan hinaafa” nuun jedhe. Aalanis deebisee, “Nutti akka hinaaftu dubbatta; garuummoo hojii biyya lafaatiif tattaafachaa jirta. Yaanni kun kan wal faallessu sitti hin fakkaatuu?” isaan jedhe. Yaanni kallattiidhaan itti himame kun, Benjaamin waa’ee jireenyasaa akka yaadu isa godheera. Booddee, Zaayaritti deebi’ee qajeelchaa kan ta’e yommuu ta’u, yeroo ammaa miseensa Koree Waajjira Damee ta’ee tajaajilaa jira.

Dhukkubni qoonqoo waan na qabeef, bara 1999itti yaaliin baqaqsanii hodhuu naaf godhame. Yeroo sanaa kaasee kiilogiraamii 30 qofan ture. Ani “qodaa suphee” salphaatti cabudha. Ta’uyyuu, Yihowaan ‘humna humna gararraa’ waan naa kenneef baay’een isa galateeffadha. Yihowaan, ergan yaalamee booda hojii daawwannaarratti Aalanii wajjin hirmaachuu akkan danda’u na gargaareera. (2 Qor. 4:7) Aalan, Bitootessa 2004itti, utuu hirriba keessa jiruu du’e. Isa dhabuukootti baay’ee kanan gadde ta’us, Yihowaan akka isa yaadatu beekuunkoo na jajjabeessa.

Amma umriinkoo waggaa 83 ta’eera. Yeroon waggoota 63 oliif tajaajila yeroo guutuurratti dabarse nan yaadadha. Ammayyuu tajaajilarratti dammaqinaan nan hirmaadha; qayyabannaa Macaafa Qulqulluu nan geggeessa; guyyaa guyyaadhaan carraan argadhetti waa’ee kaayyoo Yihowaa isa dinqisiisaa nan dubbadha. Al tokko tokko, ‘Utuun bara 1945itti qajeelchaa ta’uu hin jalqabne ta’ee, jireenyikoo maal fakkaata ture laata?’ jedheen yaada. Dhukkubakootti qabadhee qajeelchaa ta’uu dhiisuu nan danda’an ture. Ta’us, dargaggummaatti qajeelchaa ta’uu jalqabuunkoo baay’ee na gammachiisa. Yihowaadhaaf dursa yoo laanne, inni humna akka nuu ta’u dhuunfaatti arguuf mirga argadheera.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Kitaabni Salveeshinjedhamu bara 1939⁠tti kan maxxanfamedha. Yeroo ammaatti hin maxxanfamu.

^ key. 22 Muuxannoon obboleessa keenya Kooviil, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 1961⁠rratti argama. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Misiyoonii hidhatakoo turte, Aastiriid Aandarsanii wajjin (karaa mirgaa)

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Hojii daawwannaarratti abbaa manaakoo wajjin, 1956

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Aalanii wajjin bara 2000⁠tti