Humnakee Beekuudhaan Gammachuu Argadhu
Humnakee Beekuudhaan Gammachuu Argadhu
“HOMAA naa hin taane!” Wanta yaadde galmaan utuu hin ga’in hafuu keetiin, si’a meeqa akkas jettee beekta? Haati Kiristiyaanni umrii dargaggummaa keessa jirtu tokko, daa’imnishee kunuunsa walirraa hin cinne barbaada ta’a. Kanaan kan ka’es, dhimmawwan hafuuraatiif xiyyeeffanna ga’aa kennuu dadhabuusheetiin yommuu abdii kutattu, yaada olitti ibsame dubbachuu dandeessi. Kiristiyaanni kan biraanimmoo, ijoollummaasaatti tuffatamee waan guddateef, gumii keessatti hojii gaarii hojjechuu akka hin dandeenye itti dhaga’amuu danda’a. Kiristiyaanni maanguddoo taate tokko akka duriisheetti humna qabaattee asiif achi jechuufi sochii Kiristiyaanummaarratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef, abdii kutachuu dandeessi. Obboleettiin Kiristiyaan jedhamtuufi haalli maatiishee hamma barbaaddu Yihowaa akka hin tajaajille ishee daangesse tokko, “Yeroo tokko tokko haasawaan qajeelchaa akka taanu nuu kennamu qoftillee na boossisa” jetteetti.
Yommuu akkas nutti dhaga’amu maal gochuu dandeenya? Kiristiyaanonni tokko tokko haalawwan keessa jiraniif ilaalcha sirrii qabaachuu kan danda’an akkamitti? Wanta humna keenyaa ol ta’e ofirraa eeguu dhiisuun keenya bu’aawwan akkamii nuuf argamsiisa?
Sababi Qabeessa Ta’i
Phaawulos, “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi’ee nan jedha, gammadaa! Garraamummaan [“sababi qabeeyyii ta’uun,” NW] keessan nama hundumaa biratti haa beekamu!” jechuudhaan gorsa gammachuu keenya eegnee jiraachuuf nu gargaaru kenneera. (Filp. 4:4, 5) Tajaajila Waaqayyoof dhiheessinurraa gammachuu argachuu yoo barbaanne, galma haalaafi dandeettii keenya tilmaama keessa galche baafachuu qabna. Waanuma fedhe haa ta’u jennee galma akkasiirra ga’uuf kan carraaqnu yoo ta’e, rakkina guddaadhaaf of saaxilla. Karaa biraatiinimmoo, haala keessa jirrutti qabachuudhaan dhibaa’oo taanee tajaajila Kiristiyaanummaa keenya akka hin laaffisne of eeggachuu qabna.
Haala akkamii keessayyuu yoo jiraanne, Yihowaan wanta dandeenyu akka isaaf kenninu, jechuunis jireenya keenyaafi garaa keenya guutuu akka isa tajaajillu barbaada. (Qol. 3:23, 24) Humna keenyaa gadi Yihowaadhaaf kan kenninu yoo ta’e, waadaa yommuu isaaf of murteessine gallee wajjin wal simnee jiraachaa hin jirru jechuudha. (Rom. 12:1) Kana malees, eebbawwan jireenya keenya guutuu tajaajiluudhaan argannu, jechuunis gammachuu dhugaafi eebbawwan kan biraa of dhabsiisna.—Fak. 10:22.
Jechi Macaafa Qulqulluu keessatti “sababi qabeeyyii” jedhame, hiika namaaf yaaduu jedhu qaba. Jechi kun kallattiidhaan yeroo hiikamu, yaada tole jechuu jedhu dabarsa. (Yaq. 3:17, NW) Kana malees, garmalee garaa ofitti jabaachuu dhiisuu yaada jedhu of keessaa qaba. Kanaafuu, sababi qabeeyyii yoo taane, haala keessa jirruuf ilaalcha sirrii qabaachuu dandeenya. Kana gochuun rakkisaadhaa? Namoonni tokko tokko warra kaaniif kan yaadan yoo ta’eyyuu, ofiisaaniitiif yaaduun isaan rakkisa. Fakkeenyaaf, michuun keenya tokko humnasaatii ol hojjechuusaatiin kan ka’e akka dadhabe yoo hubanne, sirreeffama tokko tokko gochuunsaa barbaachisaa akka ta’e itti hin himnuu? Haaluma wal fakkaatuun, mallattoowwan humna keenyaa ol hojjechaa akka jirru nutti himan hubachuun keenya barbaachisaadha.—Fak. 11:17.
Maatii baay’ee akka hojjennu nurraa eegu keessatti kan guddanne yoo ta’emmoo, humna keenya beekuun rakkisaa nutti ta’uu danda’a. Namoonni tokko tokko ijoollummaasaaniitti, warrasaanii biraatti jaallatamuuf baay’ee hojjechuu ykn warra kaan caaluu akka qaban isaanitti dhaga’ama ture. Nuyis haala akkasii keessatti kan guddanne yoo ta’e, ilaalcha Yihowaan nuuf qabu karaa sirrii hin taaneen hubachuu dandeenya. Yihowaan, garaa guutuudhaan waan isa tajaajilluuf nu jaallata. Dubbiin Waaqayyoo, “Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta’uu keenyas in yaadata” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 103:14) Yihowaan, hir’ina keenya waan beekuuf, utuma hir’ina qabnuu hinaaffaadhaan isa tajaajiluu keenyaan nu jaallata. Waaqni keenya dirqamaan kan nu hojjechiisu akka hin taane yaadachuun keenya, humna keenya beekuudhaan wanta ofirraa eegnuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara.—Mik. 6:8.
Kiristiyaanonni tokko tokko, Waaqayyoon gammachiisuun akka danda’amu yoo beekaniyyuu, ilaalcha sirrii akkasii qabaachuun isaan rakkisa. Akkas kan sitti dhaga’amu yoo ta’e, dhimma kanarratti Kiristiyaanni muuxannoo qabuufi akka gaariitti si beeku akka si gargaaru maaliif hin gaafattu? (Fak. 27:9) Fakkeenyaaf, qajeelchaa taatee tajaajiluu barbaaddaa? Kun galma gaariidha! Galma kanarra akka hin geenye wanti si dhowwu jiraa? Tarii jireenyakee salphaa gochuuf gorsi si barbaachisa ta’a. Yookiinimmoo, Kiristiyaanni michuukee ta’e tokko itti gaafatamummaa maatii hedduu waan qabduuf yeroo ammaatti qajeelchaa ta’uu danda’uufi dhiisuukee sii wajjin mari’achuu danda’a ta’a. Inni ykn isheen, sochiin dabalataa gochuu barbaaddu kan irra ga’uu dandeessu ta’uufi dhiisuusaa ykn sochii dabalataa gochuuf sirreeffama akkamii gochuun akka si barbaachisu akka hubattu si gargaaruu danda’u. Abbaan manaas, haati manaasaa sochii haalashee wajjin walsimu akka gootu ishee gargaaruu danda’a. Fakkeenyaaf, jiini sochiin dabalataa itti godhamu jalqabuusaa dura akka boqottu isheetti himuu danda’a. Kunis humna dabalataa akka argattuufi tajaajilasheetti akka gammaddu godha.
Wanta Hojjechuu Dandeessu Hubadhu
Dullumni ykn fayyaa dhabuun, sochii tajaajila Yihowaarratti goonu nu jalaa daangessuu danda’a. Haadha ykn abbaa yoo taate, yeroofi humnakee gara caalaasaa ijoolleekee kunuunsuuf waan oolchituuf, qayyabannaa dhuunfaarraas ta’e walga’iiwwan gumiirraa baay’ee fayyadamaa akka hin jirre sitti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, yeroo tokko tokko wanta hojjechuu dandeessu akka hin hojjenne kan si taasisu hir’inakeerratti xiyyeeffachuukee ta’innaa?
Waggoota kumaan lakkaa’aman dura, namichi gosa Lewwii tokko wanta argachuu hin dandeenye akka hawwe dubbatee ture. Namni kun, waggaatti torban lamaaf mana qulqullummaa keessatti tajaajiluuf mirga argatee ture. Haata’u malee, yeroo hundumaa iddoo aarsaa bira jiraachuuf hawwii cimaa akka qabu ibseera. (Far. 84:1-3) Namni amanamaan kun, mirga argatetti gammadee akka jiraatu kan isa gargaare maalidha? Guyyaa tokkollee oobdii mana qulqullummaa keessatti tajaajiluun mirga guddaa akka ta’e hubatee ture. (Far. 84:4, 5, 10) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis wanta hojjechuu hin dandeenyerratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta hojjechuu dandeenyu hubachuufi wanta kana raawwachuu keenyatti gammaduu qabna.
Fakkeenya obboleettii Nerlaand jedhamtuufi Kaanaadaa jiraattuu haa ilaallu. Barcuma namoonni deemuu hin dandeenye irra taa’aniin malee socho’uu waan hin dandeenyeef, tajaajillishee akka jalaa daangeffame itti dhaga’ama ture. Haata’u malee, galma daldalaa isheetti dhihoo jiru naannoo tajaajilaashee godhachuuf erga murteessitee booda yaadashee jijjiirte. Akkas jetteetti: “Galma daldalaa kana keessa barcuma dalgee maddii barcumakoorra taa’een namoota yeroo muraasa boqonnaa fudhachuuf taa’aniif nan lallaba.” Karaa kanaan tajaajiluun gammachuu guddaa isheedhaaf argamsiiseera.
Yoo Barbaachisaa Ta’e Sirreeffama Godhi
Bidiruun tokko qilleensa sharaasaa keessa galee isa dhiibuun akka gaariitti fiiguu danda’a. Haata’u malee, dha’aan galaanaa cimaan yoo itti dhufe, namichi sharaa bidiruu sanaa sirreessuuf dirqama. Dha’aa galaanichaa to’achuu kan hin dandeenye yoo ta’eyyuu sharaasaa sirreessuudhaan bidiricha to’achuu ni danda’a. Nuyis yeroo baay’ee, haalawwan akka dha’aa galaanaa rakkisaa ta’aniifi jireenya keenya keessatti nu mudatan to’achuu hin dandeenyu. Haata’u malee, karaa humna, sammuufi miira keenya itti fayyadamnurratti hamma danda’ame sirreeffama gochuudhaan, jireenya keenya to’achuu ni dandeenya. Haalawwan haaraa nu mudatan tilmaama keessa galchuun keenya, tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu gammachuudhaan akka itti fufnu nu gargaara.—Fak. 11:2.
Fakkeenya tokko tokko ilaali. Humni keenya xinnoo yoo ta’e, walga’ii Kiristiyaanaa galgala godhamurratti hirmaachuu akka dandeenyuuf, guyyaa sanatti hojii humna namaa fixu hojjechuu dhiisuun keenya gaarii ta’uu danda’a. Kana gochuun keenya, waldaa obbolummaarraa guutummaatti fayyadamuuf nu gargaara. Karaa biraatiinimmoo, haati mucaanshee jalaa dhukkubsatu tokko tajaajila manaa gara manaarratti hirmaachuu hin dandeessu ta’a. Haata’u malee, obboleettiin qayyabannaa qabdu tokko nama qayyabsiistu sana fiddee dhuftee yommuu mucichi rafu akka waliin qayyabsiisan gochuu dandeessi.
Haalli keessa jirtu, barumsa walga’ii gumiirratti dhihaatu hunda dursitee akka hin qophoofne kan si dhowwu yoo ta’e maal gochuu qabda? Hammam qophaa’uu akka dandeessu murteessiitii, hamma sii danda’ame akka gaariitti qophaa’i. Galma yeroo gabaabaadhaaf baasnerratti
sirreeffama gochuudhaan, dammaqoofi gammadoo taanee jiraachuu dandeenya.Galma keenyarratti sirreeffama gochuun gara kutannoofi carraaqqii gaafachuu danda’a. Serjiifi Aanyes, abbaan manaafi haati manaa Faransaayi keessa jiraatan, galmasaaniirratti jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachisee ture. Serj, “Aanyes ulfa ta’uushee yommuu beeknu, hawwiin misiyoonii ta’uuf qabnu akka hin milkoofne hubanne” jechuudhaan dubbateera. Yeroo ammaatti abbaa ijoollee durbaa babbareedoo lamaa kan ta’e Serj, akkamitti galma haaraa akka waliin baafatan ibseera. “Biyya alaa deemnee tajaajiluu kan hin dandeenye yoo ta’eyyuu, biyya keenya keessatti akkuma misiyoonotaa taanee tajaajiluuf murteessine. Achiis tuuta afaan biyya alaatiin geggeeffamuu wajjin tajaajiluu jalqabne” jedheera. Galma haaraa kana baafachuunsaanii isaan fayyadeeraa? Serj, “Gumicha akka gargaarre nutti dhaga’ama” jechuudhaan dubbateera.
Oodeel, obboleettii Faransaayi keessa jiraattuufi umrii waggoota 70 keessatti argamtudha. Obboleettiin kun, jilbishee dhukkuba artiraayitas jedhamuun waan miidhameef baay’ee dhaabachuu hin dandeessu. Dhukkubnishee manaa gara manaa deemtee akka hin tajaajille waan ishee dhowweef abdii kutattee turte. Haata’u malee, tajaajilashee hin dhiisne. Bilbilaan lallabuudhaan sochii tajaajilaasheerratti sirreeffama goote. “Akka ani yaade utuu hin ta’in salphaafi gammachiisaa ture!” jetteetti. Sirreeffamni goote kun, fedhii tajaajilaaf qabdu isheedhaaf haaresseera.
Humna Ofii Beekuun Eebba Argamsiisa
Wanta hojjechuu dandeenyuuf ilaalcha sirrii ta’e qabaachuun keenya, akka abdii hin kutanne nu gargaara. Humni keenya daangeffamaa yoo ta’eyyuu, galma irra ga’uu dandeenyu baafachuun keenya gammachuu nuu argamsiisa. Kanaafuu, xinnoo yoo ta’eyyuu wanta gochuu dandeenyutti ni gammanna.—Gal. 6:4.
Wanta ofirraa eegnuuf ilaalcha sirrii kan qabnu yoo ta’e, Kiristiyaanota obboloota keenya ta’aniif caalaatti kan yaannu taana. Humnisaanii daangeffamaa ta’uusaa beekuun keenya, wanta nuu godhaniif yeroo hunda akka isaan galateeffannu nu kakaasa. Gargaarsa nuu godhame kamiifiyyuu galateeffachuun keenya, wal gargaaruufi walii yaaduun akka jiraatu godha. (1 Phe. 3:8) Abbaa jaalala qabeessa kan ta’e Yihowaan, hamma gochuu dandeenyu caalaa akka nurraa hin barbaanne yaadadhu. Kanaafuu, haala keenya tilmaama keessa kan galchinuufi galma bira ga’uu dandeenyu kan baafannu yoo ta’e, sochiin karaa hafuuraa goonnu caalaatti gammachuu nuuf argamsiisa.
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Tajaajila Waaqayyoof dhiheessinurraa gammachuu argachuuf, galma haala keenyaafi humna keenya tilmaama keessa galche baafachuu qabna.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Nerlaand tajaajilarratti hamma dandeesse hirmaachuudhaan gammachuu argatteetti
[Fakkii fuula 31rra jiru]
‘Sharaa Bidiruukeetii sirreessuu’ baradhu
[Fakkii fuula 31rra jiru]
© Wave Royalty Free/age fotostock
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Serjiifi Aanyes galmawwan haaraa baafachuusaaniitiin fayyadamaniiru