Guyyoota Dhumaa Kanatti Gaa’elaafi Ijoollee Godhachuu
Guyyoota Dhumaa Kanatti Gaa’elaafi Ijoollee Godhachuu
“Yeroon si’anaa kun dhumuuf jedha.”—1 QOR. 7:29.
1. (a) Jijjiiramawwan yeroo ‘sodaachisaa’ kanatti raawwataman tokko tokko maalfa’i? (b) Jijjiiramni maatii keessatti uumamu kan nu yaaddessu maaliifi?
MACAAFNI QULQULLUN ‘barri gara dhumaa’ waraanaan, socho’a lafaatiin, beelaafi dha’ichaan akka beekamu raajii dubbateera. (Dan. 8:17, 19; Luq. 21:10, 11) Yeroon seenaa ilmaan namootaa keessatti murteessaa ta’e kun, jijjiiramawwan gurguddaan hawaasa keessatti akka raawwataman ibsa. ‘Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ ta’an kanatti jireenyi maatii rakkinaan akka guutamu dubbateera. (2 Xim. 3:1-4) Jijjiiramawwan kun kan nu yaaddessan maaliifi? Rakkoowwan kun garmalee babal’achuusaaniitiin kan ka’e, ilaalcha Kiristiyaanonni gaa’elaafi ijoollee godhachuuf qabanirratti dhiibbaa cimaa gochuu waan danda’uufidha. Akkamitti?
2. Biyyi lafaa gaa’elaafi wal hiikuuf ilaalcha akkamii qaba?
2 Yeroo ammaatti, wal hiikuun salphaafi kan babal’ate waan ta’eef, biyyoota baay’eetti lakkoofsi
namoota wal hiikanii garmalee guddachaa jira. Haata’u malee, ilaalchi Yihowaan gaa’elaafi wal hiikuuf qabu kan biyyi lafaarraa guutummaatti akka adda ta’e yaadachuu qabna. Maarree ilaalchi Yihowaa maalidha?3. Yihowaafi Yesus gaa’elaaf ilaalcha akkamii qabu?
3 Yihowaan namoonni gaa’ela godhatan kakuu galaniif amanamoo akka ta’an barbaada. Yihowaan dhiiraafi dubartii jalqabaa erga gaa’elaan tokko godhee booda, “dhiirri . . . haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u” jedheera. Yesus Kiristosis erga jecha kana irra deebi’ee booda, “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. Ittii dabaluudhaanis, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedheera. (Uma. 2:24; Mat. 19:3-6, 9) Kanaaf, Yihowaafi Yesus, hiriyoonni gaa’elaa umriisaanii guutuu akka waliin jiraatan barbaadu; fuudhuu ykn heerumuun kan danda’amu yoo hiriyaan inni tokko du’e qofadha. (1 Qor. 7:39) Gaa’elli qophii Waaqayyoo waan ta’eef, wal hiikuun salphaatti kan ilaalamu miti. Dhugumayyuu, Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan sababii Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’e utuu hin qabaatin, wal hiikuu baay’isee akka jibbu ibsa. *— Miilkiyaas 2:13-16; 3:6 dubbisi.
Gaa’elli Itti Gaafatamummaa Fida
4. Kiristiyaanonni dargaggoota ta’an baay’een gaa’elatti ariifachuusaaniitti kan gaabban maaliif?
4 Biyyi lafaa Waaqayyoorraa fagaatee kun fedhii saalqunnamtiif xiyyeeffannaa guddaa kan kennudha. Guyyaa hundumaa, fakkiiwwan fedhii saalquunnamtii kakaasan baay’ee arguuf qoramna. Fakkiiwwan kun nurrattis ta’e keessumaa dargaggoota jaallatamoo gumii keessa jiranirratti dhiibbaa geessisan dagachuu hin qabnu. Dargaggoonni Kiristiyaanota ta’an, dhiibbaa gadhee utuu isaan hin barbaadin fedhii saalqunnamtiif isaan kakaasuu danda’uuf deebii akkamii kennuu qabu? Tokko tokko umrii ijoollummaatti gaa’ela godhachuudhaan rakkina kanaaf furmaata argachuuf yaalaniiru. Karaa kanaan amala addaggummaa keessatti kufuurraa ooluu akka danda’an isaanitti dhaga’ama. Utuu baay’ee hin turin garuu hedduunsaanii murtoo godhanitti gaabbaniiru. Maaliif? Erga yeroon misirrummaasaanii darbee booda, isaanis ta’an hiriyaan gaa’elaasaanii wantoota guyyaa guyyaatti isaan mudatanirratti walii galluu akka dadhaban hubataniiru. Hiriyoonni gaa’elaa kun rakkoo cimaan akka isaan mudatu beekamaadha.
5. Hiriyoonni gaa’elaa kakuusaanii eeguuf eessaa gargaarsa argachuu danda’u? (Miiljalees ilaali.)
5 Namuma akkasaanii Kiristiyaana ta’e hiriyaa gaa’elaa godhachuunillee, isa eegan caalaa baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. (1 Qor. 7:28) Haallisaa hammam rakkisaa ta’uyyuu, Kiristiyaanonni dhugaa sababii Macaafni Qulqulluun hin deggerreen wal hiikuun rakkoo kanaaf furmaata akka hin taane beeku. Kanaaf, namoonni kakuun gaa’elaasaanii akka hin diigamneef carraaqqii godhan, gumii Kiristiyaanaarraa kabajaafi gargaarsa jaalalarratti hundaa’e argachuun isaaniif ta’a. *
6. Dargaggoonni Kiristiyaanaa gaa’ela gara fuulduraatti godhataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
6 Ati dargaggeessa gaa’ela hin godhannedhaa? Taanaan, gaa’ela gara fuulduraatti godhattuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabda? Kiristiyaana tokkoo wajjin gaa’elaaf wal qorachuu jalqabuukee dura, hamma qaamaan, sammuufi karaa hafuuraa cimtutti turuudhaan, gadda gama kanaan * Haata’u malee, hamma umrii fedhiin saalqunnamtii cimaa ta’e darbutti turuu akka qabdu ibsa. Maaliif? Saalqunnamtiidhaaf fedhii cimaa qabaachuun hubannaa namootaa isa gaarii jal’isuufi murtoo dogoggoraa booddee gaabbisiisu akka godhan isaan dirqisiisuu waan danda’uufidha. Gorsi Yihowaan gaa’ela ilaalchisee Macaafa Qulqulluurratti kenne, faayidaafi gammachuu akka siif argamsiisu yaadadhu.—Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.
sitti dhufu hambisuu dandeessa. Caaffanni Qulqullaa’aan umrii gaa’ela godhachuu itti qabnu akka hin murteessine beekamaadha.Ijoollee Godhachuun Itti Gaafatamummaa Fida
7. Wanti dargaggoota gaa’ela godhatan tokko tokko mudatu maalidha? Kun gaa’elasaaniirratti dhiphina fiduu kan danda’u maaliifi?
7 Hiriyoonni gaa’elaa hedduun dargaggummaasaaniitti ijoollee godhatu. Mucaan xiyyeeffannaa sa’aatii 24 barbaadu utuu hin dhalatin dura, sirriitti wal baruuf yeroo hin argatan. Guutummaan xiyyeeffannaa haadhattii mucaa dhalaturra waan ta’uuf, abbaan manaa dargaggeessa ta’e hinaafuu danda’a. Kana malees, halkan hirriba dhabuun, hariiroo hiriyoota gaa’elaa gidduu jirurratti dhiphina guddaa fida. Hiriyoonni gaa’elaa dargaggoota ta’an kun yeruma sana mirga baay’ee akka isaan dhabsiise hubatu. Amma akka kanaan duraa bakka barbaadan dhaquufi wanta fedhan raawwachuu hin danda’an. Haalasaanii isa jijjiirame kana akkamitti ilaaluu qabu?
8. Ijoollee godhachuun akkamitti ilaalamuu qaba? Maaliif?
8 Akkuma gaa’elli itti gaafatamummaa fidu, ijoollee godhachuunis akka itti gaafatamummaafi aka mirga Waaqayyo biraa argametti ilaalamuu qaba. Mucaa godhachuun jireenya hiriyoota gaa’elaa Kiristiyaanota ta’anirratti jijjiirama barbaachisaa gochuuf isaan dirqisiisuyyuu, itti gaafatamummaasaanii raawwachuuf waan danda’an hundaa gochuu qabu. Yihowaan ilmaan namootaa ijoollee akka godhatan dandeettii waan isaanii kenneef, mucaa godhatan akka ‘kennaa Waaqayyootti’ ilaaluu qabu. (Far. 127:3) Haatiifi abbaan Kiristiyaana ta’an, ijoollee guddisuutti “gooftaa” wajjin akka hojjetan hubachuudhaan carraaquu qabu.—Efe. 6:1.
9. (a) Mucaa guddisuun maalfaa dabalata? (b) Abbaan manaa haati manaasaa karaa hafuuraa akka hin dadhabne gargaaruuf maal gochuu danda’a?
9 Mucaa guddisuun waggoota dheeraadhaaf fedhii ofii aarsaa gochuu kan gaafatudha. Kana malees yeroofi humna baay’ee gaafata. Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e erga mucaan dhalatee kaasee waggoota dheeraadhaaf, haati manaasaa walga’iiwwanirratti yaannishee akka hiramu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuufi xiinxaluuf yeroo ga’aa akka hin qabne hubachuun isa barbaachisa. Kunimmoo karaa hafuuraa akka dadhabdu gochuu danda’a. Itti Filiphisiiyus 2:3, 4 dubbisi.
gaafatamummaa ijoollee godhachuun qabu keessaa inni tokko, abbaan manaa hanga danda’etti mucaa dhalate kunuunsuuf wanta barbaachisu gochuu kan gaafatudha. Wanta haati manaasaa walga’iirratti utuu hin dhaggeeffatin hafte, yeroo gara manaatti deebi’an qabxiiwwan muraasa irra deebi’uudhaan isheetti hima. Mucaa qabuudhaan yoo ishee gargaares, isheenis hojii Mootummichaa lallabuurratti hirmaannaa gaarii gochuu dandeessi.—10, 11. (a) “Barsiisa” Yihowaatiin ijoollee guddisuun kan danda’amu akkamitti? (b) Maatiiwwan Kiristiyaana ta’an baay’een galateeffamuu kan qaban maaliifi?
10 Warri, itti gaafatamummaa ijoollee guddisuun qabu nyaata, uffata, manaafi fayyaasaanii eeguu malees wanti barbaachisu gara biraan akka jiru beeku. Keessumaa yeroo dhumaa garmalee sodaachisaa ta’e kanatti, ijoolleen xinnummaasaaniitii kaasanii seerawwan bu’uuraa ittiin jiraatan barachuu qabu. Akkasumas “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddachuu qabu. (Efe. 6:4) ‘Barsiisni’ kun xinnummaasaaniitii kaasee hamma umrii dargaggummaa isa rakkisaa ta’etti, yaadawwan Yihowaa barsiisuu kan dabalatudha.—2 Xim. 3:14, 15.
11 Yeroo Yesus duuka buutotasaatiin “saba hundumaa bartoota” isaa akka godhan barsiise, warris ijoolleensaanii bartoota akka ta’an gargaaruu qabu jechuusaa ture. (Mat. 28:19, 20) Dhiibbaan biyyi lafaa dargaggootarra geessisu cimaa waan ta’eef, ijoollee bartoota gochuun rakkisaadha. Kanaaf, warri ijoolleesaanii Kiristiyaanota of murteessan akka ta’an gargaaran, gumii keessatti guddaa galateeffamuu qabu. Warri ijoolleesaanii guddisuudhaan, itti gaafatamummaasaanii raawwatan amantaafi amanamummaasaaniitiin dhiibbaa biyya lafaa ‘mo’aniiru.’—1 Yoh. 5:4.
Kaayyoo Guddaadhaaf Jecha Qeentee Ta’uu Yookiin Ijoollee Godhachuu Dhiisuu
12. Kiristiyaanonni tokko tokko yeroo muraasaaf qeentee ta’anii turuuf kan murteessan maaliifi?
12 “Yeroon si’anaa kun dhumuuf” jedha; akkasumas ‘biyyi lafaa inni amma mul’atu kun waan dhidhimaa’ jiruuf, Dubbiin Waaqayyoo faayidaa qeentee ta’uun qaburratti akka yaannu nu jajjabeessa. (1 Qor. 7:29-31) Kanaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko jireenyasaanii guutuu qeentee ta’uuf ykn gaa’ela utuu hin godhatin waggoota muraasa turuuf murteessaniiru. Birmadummaa qeentee ta’uudhaan argatan kana fedhii dhuunfaa hordofuuf waan itti hin fayyadamneef galateeffamuu qabu. Hedduunsaanii ‘yaannisaanii waan biraatti utuu hin harkifamin’ Yihowaa tajaajiluuf qeentee ta’uu filataniiru. (1 Qorontos 7:32-35.) Kiristiyaanonni qeentee ta’an tokko tokko qajeelchitoota ta’anii ykn Bet’elitti tajaajilu. Obboloonni baay’eenis ulaagaa Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii leenji’uuf isaan dandeessisu guutuudhaan jaarmiyaa Yihowaa fayyaduu barbaadu. Tokko tokko qeentee ta’uudhaan tajaajila yeroo guutuu keessa erga turanii booda fuudhuuf murteessu; obboloonni kun yeroo baay’ee barumsi kanaan dura argatan gaa’elasaaniitiif faayidaa akka argamsiise isaanitti dhaga’ama.
13. Hiriyoonni gaa’elaa Kiristiyaana ta’an tokko tokko ijoollee godhachuu dhiisuuf kan murteessan maaliifi?
1 Qor. 7:3-5) Hiriyoota gaa’elaa kana keessaa tokko tokko ilaaltoota olaanaa koonyaafi aanaa ta’uudhaan ykn Bet’elitti Yihowaafi obbolootasaanii tajaajilu. Kaanis, qajeelchitoota ykn misiyoonota ta’anii tajaajilu. Yihowaan hojiisaaniifi jaalala maqaasaatiif argisiisan hin dagatu.—Ibr. 6:10.
13 Biyyoota tokko tokkotti, namoonni gaa’ela qaban baay’een ijoollee godhachuu dhiisuuf murteessu. Isaan keessaa tokko tokko kana kan godhan rakkina dinagdeetiin, kaanimmoo hojii mindaa gaarii isaaniif argamsiisu hojjechuu waan barbaadaniifidha. Kiristiyaanota keessaas hiriyoonni gaa’elaa ijoollee godhachuu hin barbaanne jiru. Kana kan godhan garaa guutuu Yihowaa tajaajiluuf jedhaniiti. Kan jechuun, gammachuu gaa’elarraa argamu waan hin barbaanneef miti. Kanaa mannaa, eebbawwan gaa’elli argamsiisu hunda caalaa fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu waan barbaadaniifidha. (“Jireenya Isaaniitti Rakkinni Isaan Argata”
14, 15. “Rakkinni” maatiiwwan Kiristiyaanaa mudachuu danda’u maalidha?
14 Phaawulos Kiristiyaanonni gaa’ela godhatan “jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata” jechuudhaan dubbateera. (1 Qor. 7:28) Rakkinni kun dhibee fayyaa hiriyoota gaa’elaa, ijoollee ykn warrasaanii dulloomanirra ga’u ta’uu danda’a. Akkasumas rakkinaafi dhiphina haala ijoollee guddisuu wajjin wal qabateen ga’u ta’uu danda’a. Akkuma jalqaba mataduree kanarratti ibsame, Macaafni Qulqulluun ‘guyyoonni gara dhumaa sodaachisaa’ akka ta’an raajii dubbateera. Wantoota sodaachisaa ta’an keessaa inni tokko, ijoolleen ‘abboota isaaniifi haadhota isaaniif kan hin abboomamne’ ta’uusaaniiti.—2 Xim. 3:1-3.
15 Warra Kiristiyaanota ta’aniif ijoollee guddisuun rakkisaadha. Miidhaa ‘yeroo sodaachisaan’ kun nurraan ga’urraa oluu hin dandeenyu. Kanaaf, warri dhiibbaa gadhee nama hubuufi ‘biyyi lafaa’ ijoolleesaaniirra geessisuu wajjin wal’aansoo gochuun isaan barbaachisa. (Efe. 2:2, 3) Qabsoo kanarratti yeroo hunda injifannoo argachuun hin danda’amu! Dhugumayyuu maatii Kiristiyaanaa keessatti ijoolleen Yihowaa tajaajiluu dhiisuunsaanii, warra dhugaa Waaqayyoo keessatti isaan guddisuuf dhama’aa turaniif ‘rakkina’ guddaa uumuu danda’a.—Fak. 17:25.
“Rakkinni Guddaan Ta’uuf Jira”
16. “Rakkinni” Yesus raajiidhaan dubbate maalidha?
16 Haata’u malee “rakkinni” gaa’elaafi ijoollee godhachuurra caalu kan biraan akka jiru hubachuu qabu. Yesus raajii argamuusaafi yeroo xumuraa sirna biyya lafaa ilaachisee akkas jedheera: “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u.” (Mat. 24:3, 21) Yesus yeroo booda tuutni soonaan baay’een ‘rakkina guddaarraa’ akka oolan ibseera. Haata’u malee, sirni Seexanaa Dhugaa Baatota naga qabeeyyii ta’an hamma dhumaatti loluusaa itti fufa. Yeroon kun hunda keenyaaf rakkisaa akka ta’u homaa hin shakkisiisu.
17. (a) Yeroo gara fuulduraa abdiidhaan kan eeggannu maaliifi? (b) Ilaalcha gaa’elaafi ijoollee godhachuuf qabnurratti dhiibbaa geessisuu kan qabu maalidha?
17 Ta’us, waa’ee gara fuulduraa garmalee dhiphachuu hin qabnu. Warri Yihowaadhaaf amanamoo ta’an, ijoolleesaanii wajjin eegumsa akka argatan abdachuu danda’u. (Isaayaas 26:20, 21 dubbisi; Sef. 2:2, 3; 1 Qor. 7:14) Ammasitti, yeroon gara dhumaa sodaachisaa ta’e kun ilaalcha gaa’elaafi ijoollee godhachuuf qabnurratti dhiibbaa akka hin geessisne dammaqoo haa taanu. (2 Phe. 3:10-13) Kana yoo goone, qeentees taane gaa’ela kan qabnu, ijoollee kan qabnus ta’e kan hin qabne, jireenyi keenya Yihowaafi gumii Kiristiyaanaatiif ulfina kan argamsiisu ta’a.
[Miiljalee]
^ key. 3 Kitaaba Akkaataa Jireenyaa Keessaniin Dhufa Guyyaa Yihowaa Akka Eeggattan Argisiisaa jedhamurraa, yaada mataduree xiqqaa “Inni Wal Hiikuu Ni Jibba” jedhuufi ful. 125rra jiru ilaali. (Ingiliffa)
^ key. 5 Namoonni gaa’elasaanii keessatti rakkinni isaan mudate, yaada matadureewwan Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2003fi Dammaqaa! Amajjii 2001rraa jajjabina argachuu danda’u. (Amaariffa)
^ key. 6 Kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi Deebiisaanii Hojiirra Ooluu Danda’an jedhamu boqonnaa 30 mataduree “Gaa’ela Godhachuuf Qophaa’erraa?” jedhu ilaali. (Amaariffa)
Irra Deebi’uuf
• Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an gaa’elaaf ariifachuu kan hin qabne maaliifi?
• Ijoollee guddisuun maalfaa dabalata?
• Kiristiyaanonni baay’een qeentee kan ta’an, yoo fuudhanimmoo ijoollee godhachuu kan dhiisan maaliifi?
• “Rakkinni” warra Kiristiyaana ta’an mudachuu danda’u maalidha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an gaa’ela godhachuusaanii dura turuu kan qaban maaliifi?
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Abbaan manaa, haati manaasaa sochiiwwan hafuuraarratti hirmaannaa gaarii akka gootu ishee gargaaruu danda’a
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Hiriyoonni gaa’elaa tokko tokko ijoollee godhachuu dhiisuuf kan murteessan maaliifi?