Yihowaan Iyya Keenya Ni Dhaggeeffata
Yihowaan Iyya Keenya Ni Dhaggeeffata
“Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.”—FAR. 34:15.
1, 2. (a) Yeroo ammaatti namoonni hedduun akkam itti dhaga’ama? (b) Dhimmi kun kan nu hin dinqisiifne maaliifi?
DHIPHINNI sirra ga’aa jiraa? Yoo ta’e, akkas kan itti dhaga’amu si qofa miti. Namoonni miliyoonaan lakkaa’amanis dhiibbaa biyya lafaa isa hamaa kanarraa dhufuun guyyaa guyyaan ni dhiphatu. Isaan keessaa tokko tokko rakkina kana mo’uun kan hin danda’amne akka ta’e itti dhaga’ama. Isaanis akkuma Daawit akkas jechuudhaan barreesse isaanitti dhaga’ama: “Humni koo na bushaa’e, raawwadhees nan caccabe, yaadni koo dhiphatee sababiin aaduufis nan iyya. Lapheen koo na dha’ate, humni koo in laafe, iji koos arguu in dhabe.”—Far. 38:8, 10.
2 Kiristiyaanota waan taaneef jireenyi rakkisaa ta’uunsaa nu hin dinqisiisu. ‘Ciniinsuun,’ milikkita argama Yesus mul’isu keessaa isa tokko ta’uusaa beekna. (Mar. 13:8; Mat. 24:3) Jechi afaan Giriikiitiin “ciniinsuu” jedhame kun walumaa galatti balaa, rakkina ykn gidiraa kan argisiisudha. Jechi kun yeroo “sodaachisaa” kana keessa rakkinni namootaa ittuma cimaa akka adeemu sirriitti kan ibsu mitii?—2 Xim. 3:1.
Yihowaan Rakkina Keenya Ni Hubata
3. Sabni Waaqayyoo maal beeku?
3 Sabni Yihowaas miidhaawwan dhiibbaa kanaan dhufanirraa walaba akka hin taane kan beekan yommuu ta’u, haalawwan rakkisaan kunis caalaatti hammaachaa akka dhufan beekamaadha. Rakkina ilmaan namootaarra ga’u malees, tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uu keenyaan ‘Seexana hamajaajii’ keenya ta’e isa amantaa keenya mancaasuuf kutatee ka’ee wajjin wal’aansoo wal qabna. (1 Phe. 5:8) Salphaadhumatti akkuma Daawititti dhaga’ame nutti dhaga’amuu danda’a: “Arrabsoon garaa koo rukuteera, anis miidhameera; namni anaaf oo’a jedheen abdadhe, garuu nan dhabe; na jajjabeessu jedhees nan eeggadhe, garuu hin arganne.”—Far. 69:20.
4. Yommuu dhiphannu maaltu nu jajjabeessuu danda’a?
4 Daawit homaa abdii akka hin qabne dubbachuusaa turee? Hin turre. Faarfannaasaa kana keessatti jechoota inni itti fayyadame garabiraa ilaali: “Waaqayyo warra dhabaniif in dhaga’a, saba isaa warra hidhamanis hin tuffatu.” (Far. 69:33) Walumaa galatti darbee darbee dhiphinni ykn rakkinni keenya akka nu hidhetti nutti dhaga’amuu danda’a. Warri kaan haala nuti keessa jirru sirriitti kan nuu hubatan nutti fakkaachuu dhiisuu danda’a; tarii dhuguma hin hubatanis ta’a. Ta’us akkuma Daawit, nutis Yihowaan dhiphina keenya guutummaatti akka hubatu beekuudhaan jajjabina argachuu dandeenya.—Far. 34:15.
5. Solomoon Mootichi waa’ee maalii mirkanaa’aa ture?
5 Solomoon ilmi Daawit yommuu manni qulqullummaa Yerusaalem murteeffame dhimmi kun dhugaa ta’uusaa ibseera. (2 Seenaa 6:29-31 dubbisi.) Solomoon, Yihowaan kadhannaa namoota garaa qulqulluudhaan Isatti dhihaataniifi waa’ee “dhukkuba isaanii fi rakkina isaanii” isatti himatanii akka dhaga’u kadhateera. Yihowaan kadhannaa namoota rakkataniitiif deebii akkamii kenna? Solomoon Yihowaan kadhannaa namoota kanaa dhaggeeffachuu qofa utuu hin ta’in, isaaniin gargaaruuf tarkaanfii akka fudhatu amantaa qabu ibseera. Maaliif? “Garaa namaa” sirriitti waan beekuufidha.
6. Rakkina nurra ga’u akkamitti mo’uu dandeenya? Maaliif?
6 Haaluma wal fakkaatuun nutis waa’ee ‘dhukkubaafi rakkina keenyaa,’ jechuunis waa’ee dhiphina keenyaa kadhannaadhaan Yihowaatti himuu dandeenya. Inni dhiphina nurra ga’u akka beekuufi akka nuuf yaadu beekuudhaan jajjabina 1 Phe. 5:7) Wanti nurra ga’u Yihowaa ni yaaddessa. Yesus, Yihowaan jaalalaan kunuunsa akka nuu godhu akkas jechuudhaan ibseera: “Simbirroonni lama akka saantiima tokkootti in gurguramu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu’u; isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa’amaa dha. Kanaafis hin sodaatinaa! Isinoo simbirroota baay’ee irra guddaa in caaltu.”—Mat. 10:29-31.
argachuu qabna. Phexros akkas jechuudhaan yaada kana nuu mirkaneesseera: “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” (Gargaarsa Yihowaatti Amanami
7. Gargaarsa akkamii akka argannu nuu mirkaneeffameera?
7 Yihowaan yommuu dhiphannu nu gargaaruu akka danda’uufi fedhas akka qabu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera.” (Far. 34:15-18; 46:1) Waaqayyo gargaarsa akkasii kan nuu godhu akkamitti? Wanta 1 Qorontos 10:13 jedhu ilaali: “Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.” Yihowaan rakkinichi akka badu gochuu ykn humna rakkina keenya mo’uuf nu gargaaru nuu kennuu danda’a. Karaa kamiiniyyuu Yihowaan nu gargaara.
8. Gargaarsa Waaqayyoorraa akkamitti fayyadamuu dandeenya?
8 Gargaarsa sanaan akkamitti fayyadamuu dandeenya? Maal akka goonuuf gorsi akka nuu kenname qalbeeffadhu: “Yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” Kana jechuun itti gaafatamummaafi yaaddoo keenya hundumaa fakkeenyaan Yihowaatti kennina jechuudha. Dhiphachuu dhiisuuf yaalii gochuudhaan wanta nu barbaachisu akka inni nuu guutu obsaan isatti amanamuu dandeenya. (Mat. 6:25-32) Amanannaan akkasiimmoo humnaafi ogummaa ofiitti amanamuurraa fagaachuu kan dabalatu waan ta’eef gad of deebisuu gaafata. “Harka isaa [Waaqayyoo] isa aango-qabeessa jalatti” gad of deebisuudhaan, iddoon qabnu gadaanaa ta’uusaa hubanna. (1 Phexros 5:6 dubbisi.) Kunimmoo wanta Waaqayyo heyyame hunda akka dandeenyu nu gargaara. Rakkina keenyaaf dafnee furmaata argachuu barbaanna ta’a; haata’u malee, Yihowaan nuuf jecha yoomiifi akkamitti tarkaanfii fudhachuu akka qabu akka beeku ni amanna.—Far. 54:7; Isa. 41:10.
9. Daawit ba’aa akkamii Yihowaarratti gatuu qaba ture?
9 Jechoota Daawit Faarfannaa 55:22rratti barreeffaman yaadadhaa: “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.” Daawit yommuu jechoota kana barreesse dhiphina guddaa keessa ture. (Far. 55:4) Faarfannaan kun kan barreeffame yommuu ilmisaa Abiishaalom mootummaasaa humnaan fudhachuuf isarratti koratetti akka ture beekamaadha. Ahiitofel inni Daawitiif gorsituu hundarra isatti siqu tures Abiishaalomii wajjin isarratti korateera. Daawit lubbuusaa oolfachuuf Yerusaalemii baqachuu qaba ture. (2 Sam. 15:12-14) Haalawwan rakkisaa ta’an kana keessattillee Daawit Waaqayyorratti kan amaname ta’uusaarrayyuu abdii hin kutanne.
10. Yommuu rakkinni nu mudatu maal gochuu qabna?
10 Akkuma Daawit, nutis rakkina nurra ga’u akkamiiyyuu kadhannaadhaan Yihowaatti himuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Kana ilaalchisee maal gochuu akka qabnu gorsa Phaawulos kenne haa ilaallu. (Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.) Kadhannaan garaadhaa maddu akkasii maal argamsiisa? “Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa [keenyaa] fi yaada [keenya] in eega.”
11. “Nagaan Waaqayyoo” garaa keenyaafi yaada keenya kan nuu eegu akkamitti?
11 Kadhannaan haala keerratti jijjiirama ni fidaa? Fiduu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan yeroo hundumaa karaa nuti barbaanneen kadhannaa keenyaaf deebii kenna jechuu miti. Ta’us kadhannaan yaada garaa sirrii ta’e akka qabaannu nu gargaaruudhaan rakkinni keenya humna keenyaa ol akka hin taane godha. Yommuu haalli nama dhiphisu nurra ga’u, “Nagaan Waaqayyoo” akka gabii qabaannu nu gargaara. Akkuma loltoota magaalaa tokko namoota biyya weeraranirraa eeguuf ramadamanii, ‘nagaan Waaqayyoos’ garaa keenyaafi yaada keenya nuu eega. Kana malees shakkii, sodaafi ilaalcha gadheerraa nu eeguudhaan, jarjaraafi karaa sirrii hin taaneen tarkaanfii akka hin fudhanne nu godha.—Far. 145:18.
12. Namni tokko akkamitti nageenya sammuu argachuu akka danda’u fakkeenyaan ibsi.
12 Rakkinni nu mudatuyyuu nageenya sammuu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya hamma tokko haala keenya argisiisu tokko ilaali. Namni tokko hogganaa amala gadhee qabu tokko jalatti hojjeta haa jennu. Haata’u malee, namni qacaramee hojjetu kun wanta itti dhaga’amu abbaa kaampaanii kanaa nama gaarii ta’eefi yaada sirrii qabutti himuu danda’a. Abbaan qabeenyaa kun, haala kana akka hubateefi hogganaa kanas yeroo dhihootti aangoosaarraa akka buusu namichatti hima. Kun namichi qacarame sun maaltu akka itti dhaga’amu godha? Yeroo muraasaaf rakkinni sana caalu kan isarra ga’u ta’uyyuu wanta jedhame kana amanuufi tarkaanfii fudhatamuuf jedhu kana amanuunsaa hojiisaa akka itti fufu humna isaa kenna. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan haala keenya akka hubatu beekna, akkasumas dhiheenyatti ‘inni hamaan biyya lafaa kana seerratu akka gad gatamu’ nuu mirkaneesseera. (Yoh. 12:31) Kun baay’ee kan nama jajjabeessu mitii!
13. Kadhannaadhaan alattis maal gochuu qabna?
13 Rakkina keenya kadhannaadhaan Yihowaatti himnee taa’uun keenya qofti ga’aadhaa? Miti. Wanti barbaachisu garabiraan jira. Kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuu qabna. Yommuu Saa’ol Mootichi Daawitiin ajjeesisuuf gara manasaatti namoota erge, Daawit akkas jechuudhaan kadhateera: “Diinota koo jalaa na baasi, yaa Waaqayyoo ko! Iddoo warri ana irratti ka’a ana hin qaqqabnettis na eegi; warra jal’ina hojjetan jalaa na baasi, warra dhiiga namaa dhangalaasanis na oolchi!” (Far. 59:1, 2) Daawit kadhachuu qofa utuu hin ta’in, wanta haati manaasaa jette dhaga’ee baqateera. (1 Sam. 19:11, 12) Haaluma wal fakkaatuun nuyis, Yihowaan ogummaa rakkina keenya nu dandeessisu ykn furmaata nuu argamsiisu akka nuu kennu kadhachuu dandeenya.—Yaq. 1:5.
Humna Jabaannee Dhaabachuuf Nu Gargaaru Akkamitti Argachuu Dandeenya?
14. Rakkinni yommuu nurra ga’u jabaannee dhaabachuuf kan nu gargaaru maalidha?
14 Rakkoowwan keenya atattamaan dafanii furmaata hin argatan ta’a. Yeroo muraasaaf itti fufuu danda’u. Kana yoo ta’e jabaannee akka dhaabannu maaltu nu gargaaruu danda’a? Jalqaba, rakkinni utuma nurra ga’uu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun keenya jaalala isaaf qabnu akka argisiisu yaadadhu. (HoE. 14:22) Himata Seexanni Iyoobiin ilaalchisee kaase yaadadhu: “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree? Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaatii in eebbifteef; qabeenyi isaas biyyicha keessatti in baay’ate. Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa” jedhe. (Iyo. 1:9-11) Iyoob amanamummaasaa eeguudhaan himanni kun soba guddaa ta’uusaa argisiiseera. Nutis haala rakkisaa keessatti jabaannee dhaabachuudhaan Seexanni sobduu ta’uusaa argisiisuuf carraa arganna. Jabaannee dhaabachuun keenyammoo abdiifi amanannaa keenya nuu cimsa.—Yaq. 1:4.
15. Fakkeenyawwan akkamiitu nu jajjabeessuu danda’a?
15 Lammaffaa, “Dhiphinni sanyiin isa kan keetii kun, obboloota kee warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu” yaadadhu. (1 Phe. 5:9) Eeyyee, “qoramni namatti dhufee hin beekne sitti hin dhufne.” (1 Qor. 10:13) Rakkoowwan keerratti xiyyeeffachuu mannaa fakkeenya warra kaaniirratti yaaduudhaan humnaafi ija jabina argachuu dandeessa. (1 Tas. 1:5-7; Ibr. 12:1) Fakkeenya namoota rakkina cimaa keessa amanamummaadhaan darbanirratti yaaduuf yeroo ramadi. Seenaa jireenya namoota rakkina ati dabarsitee wajjin wal fakkaatu keessa darbanii barreeffamarraa dubbistee beektaa? Seenaawwan akkasii baay’ee kan nama jajjabeessan ta’uusaanii hubachuu dandeessa.
16. Waaqayyo rakkoowwan addaddaa yommuu nurra ga’an kan nu jajjabeessu akkamitti?
16 Sadaffaa, Yihowaan: ‘abbaa araara hundumaa, Waaqayyo jajjabina hundumaa akka ta’eefi jajjabina isa biraa arganne sanaan, nuyimmoo rakkina attamii keessattiyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, rakkina keenya hundumaa keessatti akka nu jajjabeessu’ yaadachuu qabna. (2 Qor. 1:3, 4) Kana jechuun Waaqayyo rakkina keenya ammaatti qofa utuu hin ta’in “rakkina keenya hundumaa keessatti” nu cina dhaabachuudhaan nu jajjabeessa jechuudha. Kunimmoo warra “rakkina attamii keessa iyyuu jiran” jajjabeessuuf nu gargaara. Phaawulos dhuunfaatti jechoonni kun dhugaa ta’uusaanii argeera.—2 Qor. 4:8, 9; 11:23-27.
17. Macaafni Qulqulluun rakkina nurra ga’u mo’uuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?
17 Arfaffaa, Dubbii Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu kan qabnu si’a ta’u, innis “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo [“akka gaariitti,” NW] waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis [“guutummaatti,” NW] kan qophaa’e akka ta’u in godha.” (2 Xim. 3:16, 17) Dubbiin Waaqayyoo ‘waa gochuuf nu dandeessisa’ akkasumas ‘hojii gaarii hundumaaf kan qophoofne akka taanu’ qofa nu gargaara jechuu miti. Rakkoowwan nu mudatan hiikuufis nu gargaara. ‘Akka gaariitti waa gochuuf akka dandeenyuufi’ ‘guutummaatti kan qophoofne’ akka taanu nu gargaara. Jechi afaan Giriikiitiin asirratti “guutummaatti kan qophaa’e” jedhu kallattiidhaan “kan mijaa’e” jechuudha. Jechi kun bara duriitti, bidiruu adeemsaaf akka gaariitti mijoofte ykn maashinii hojii isarraa eegamu hojjechuuf qophaa’e kan argisiisu ture. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis karaa Dubbiisaa rakkina nu mudatu hunda mo’uuf wanta nu gargaaru hunda nuu qopheessa. Kanaafuu, “Waaqayyo wanti kun akka narra ga’u yoo heyyame, gargaarsasaatiin jabaadhee mo’uu nan danda’a” jechuu dandeenya.
Rakkoowwan Keenya Hundarraa Walaba Ta’uu
18. Amanamummaadhaan jabaannee akka dhaabannu kan nu gargaaru maalirratti xiyyeeffachuu keenyadha?
18 Shanaffaa: Yihowaan rakkoowwan ilmaan namootaa hunda dhihootti akka balleessu yeroo hunda yaadadhu. (Far. 34:19; 37:9-11; 2 Phe. 2:9) Abdiin kun guutummaatti yommuu raawwatamu, fayyinni Waaqayyo biraa argannu, rakkoowwan yeroo ammaatti nurra ga’anirraa ooluu qofa utuu hin ta’in, samiirratti ykn lafa jannata taaturratti jireenya barabaraa argachuus kan dabalatudha.
19. Amanamummaadhaan jabaatanii dhaabachuun kan danda’amu akkamitti?
19 Hanga yeroo sanaatti biyya lafaa isa hamaa kana keessatti rakkinni nurra ga’uunsaa itti fufa. Yeroo rakkoowwan kun itti badan hawwiidhaan eegganna! (Far. 55:6-8) Amanamummaadhaan jabaannee dhaabachuun keenya Diiyaabilos sobduu ta’uusaa akka saaxilu haa yaadannu. Rakkinni wal fakkaatu obboloota keenyarras akka ga’u yaaduudhaan, kadhannaafi Kiristiyaanota hidhata keenya ta’anirraa jajjabina haa argannu. Akka gaariitti Dubbii Waaqayyootiin fayyadamuudhaan, waan gaarii gochuufi hojii gaarii hundumaaf kan qophooftan ta’uu keessan itti fufaa. Amanannaan ‘Waaqa jajjabina hundumaarratti’ qabdu matumaa akka hin laafne of eeggadhu. ‘Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa akka ilaaluufi gurrisaas gara iyyasaanii akka dhaggeeffatu’ yaadadhu.—Far. 34:15.
Deebisuu Ni Dandeessaa?
• Daawit rakkina isarra ga’etti maaltu itti dhaga’ame?
• Solomoon Mootichi amantaa akkamii akka qabu ibse?
• Wanta Yihowaan akka nurra ga’u heyyame akka moonu kan nu gargaaru maalidha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Solomoon Yihowaan sabasaa warra dhiphatan akka gargaaru mirkanaa’aa ture
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Daawit wanta isatti ba’aa ta’e Yihowaatti kan gate yommuu ta’u, kadhannaasaa wajjin haala wal simuunis tarkaanfii fudhateera