‘Guungumuurraa Fagaadhaa’
‘Guungumuurraa Fagaadhaa’
“Waan hundumaas guungummii fi morkii malee godhaa!” —FILIPHISIIYUS 2:14.
1, 2. Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiiyusiifi Qorontosiif gorsa akkamii kenne? Maaliif?
PHAAWULOS xalayaa jaarraa jalqabaatti geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesserratti, gumii Kiristiyaanaa Filiphisiiyusitti argamu guddaa galateeffateera. Arjummaafi hinaaffaa obboloonni magaalattii argisiisaniif isaan galateeffateera; hojii gaarii raawwataniifis gammachuu isatti dhaga’ame ibseera. Haata’u malee, “waan hundumaas guungummii . . . malee godhaa!” jechuudhaanis isaan gorseera. (Filiphisiiyus 2:14) Phaawulos gorsa akkasii kan isaaniif kenne maaliifi?
2 Phaawulos guungummiin balaa akkamiitiif akka nama saaxilu beeka ture. Gorsa kana kennuusaan waggoota muraasa dura, guungumuun balaa kan geessisu ta’uusaa gumii Qorontosiin akeekkachiisee ture. Sabni Israa’el yommuu lafa onaa keessa turan irra deddeebi’anii Yihowaa dheekkamsiisuusaanii ibseera. Akkamitti? Wanta gadhee hawwuudhaan, waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaan, ejjuudhaan, Yihowaa qoruufi guungumuudhaan kana raawwataniiru. Phaawulos Kiristiyaanonni Qorontositti argaman fakkeenya kanarraa barumsa akka argatan isaan jajjabeesseera. Akkas jechuudhaan barreesse: “Isaan keessaa kaan guungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin guunguminaa!”—1 Qorontos 10:6-11.
3. Yeroo ammaatti waa’ee guungummiirratti mari’achuun kan nu barbaachisu maaliifi?
3 Nutis tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, amala Kiristiyaanota Filiphisiiyusii wajjin wal fakkaatu argisiisna. Hojii gaariidhaaf kan hinaafnu ta’uu keenyarrayyuu wal jaallanna. (Yohannis 13:34, 35) Ta’us, guungumuun tajaajiltoota Yihowaa dur turanirratti balaa akkamii akka geessise yeroo ilaallu, gorsa ‘guungumuurraa fagaadhaa’ jedhuuf xiyyeeffannaa kennuuf sababii ga’aa qabna. Jalqaba guungumuu ilaalchisee fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman haa ilaallu. Achiis, balaa guungummiin geessisu tokko tokkorraa fagaachuuf maal gochuu akka qabnu ilaalla.
Sabni Jal’aan Yihowaarratti Guungume
4. Israa’eloonni lafa onaa keessatti kan guunguman maaliifi?
4 Jechi afaan Ibrootaatiin hiika ‘guungumuu’ jedhu qabu, Macaafa Qulqulluu keessatti wantoota Israa’eloonni waggoota 40f lafa onaa keessa yommuu turan raawwatamanii wajjin haala wal qabateen ibsameera. Israa’eloonni haala yeroo sana ta’etti mufachuudhaan guungumanii turan. Fakkeenyaaf garbummaa biyya Gibxii jalaa erga ba’anii torban muraasa booda, “waldaan Israa’el guutummaatti . . . Musee fi Aaron irratti in guunguman.” Waa’ee nyaataa akkas jechuudhaan guunguman: “Isin saba walitti qabame kana hundumaa beelaan fixuudhaaf, gara lafa onaa kanatti nu fiddaniittu; nuyi garuu biyya Gibxii keessatti xuwwee foonii bukkee teenyee, foonii fi buddeena quufnee utuu nyaannuu harka Waaqayyootiin utuu dhumneerra ta’ee, nuuf in wayya ture.”—Ba’uu 16:1-3.
5. Israa’eloonni kan guunguman eenyurratti ture?
5 Dhugaasaa dubbachuuf, Yihowaan Israa’eloonni yeroo lafa onaa keessa turan jaalalaan kaka’ee wanta isaan barbaachisu isaaniif kennee ture. Kanaaf, Israa’eloonni matumaa lafa onaa keessatti beelaan dhumna jedhanii yaadda’uuf sababii ga’aa hin qaban turan. Haata’u malee, wanta argatanitti gammaduu dhiisuunsaanii haalli keessa turan humnasaanii ol akka ta’e godhanii akka yaadaniifi akka guunguman isaan taasiseera. Kan guunguman Museefi Aaronirratti ta’us, Yihowaan garuu akka isarratti guungumanitti ilaaleera. Museen Israa’elootaan akkas jedheera: “Waaqayyo guungummii isin isa irratti guungumtan waan dhaga’eef, . . . egaa, nuyi immoo maali ree? Guungumuun keessan Waaqayyo irratti malee, nu irratti miti.”—Ba’uu 16:4-8.
6, 7. Lakkoobsi 14:1-3 akka argisiisutti, ilaalchi Israa’elootaa kan geddarame akkamitti?
6 Israa’eloonni, kun erga ta’ee utuu baay’ee hin turin ammas ni guunguman. Museen Biyyattii Abdachiifamte akka gaadaniif namoota 12 ergee ture. Isaan keessaa namoonni 10 oduu gadhee fidanii dhufan. Kunoo maal geessise? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waldaan Israa’el guutummaatti Museedhaa fi Aaron irratti guungumanii, ‘Uu! Uu! Nuyi biyya Gibxiitti yookiis as lafa onaa kana keessatti utuu dhumneerra ta’ee! Waaqayyo maaliif billaadhaan akka dhumnuuf gara biyya kanaatti [Kana’aanitti] nu fide? Dubartoonni keenyaa fi ijoollonni keenya irbaata diinaa ta’uu irra, gara biyya Gibxiitti deebi’uu nuuf hin wayyuu ree?’”—Lakkoobsa 14:1-3.
7 Ilaalchi Israa’elootaa baay’ee jijjiiramee ture! Jalqaba yommuu Yihowaan garbummaa biyya Gibxii jalaa isaan baaseefi haala dinqii ta’een Galaana Diimaa isaan ceesise, galatasaanii faarfannaadhaan ibsanii turan. (Ba’uu 15:1-21) Haata’u malee, lafa onaa keessatti rakkoon waan isaan mudateefi Kana’aanota waan sodaataniif galanni isaan qaban gara mufachuutti geddarame. Birmadummaa argataniif Waaqayyoon galateeffachuu mannaa, akka inni waan isaan barbaachisu isaan dhowwatetti karaa sirrii hin taaneen isa ceepha’aniiru. Guungumuunsaanii qophii Yihowaan isaaniif godheef dinqisiifannaa akka hin qabne argisiisa. Yihowaan: “Hamma yoomiittan waldaa jal’aa ana irratti guungumu kanaaf obsa?” jedhee dubbachuunsaa homaa nama hin dinqisiisu.—Lakkoobsa 14:27; 21:5.
Guungummii Jaarraa Jalqabaatti Ta’e
8, 9. Guungumuu ilaalchisee seenaawwan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti argamanirraa fakkeenyawwan tokko tokko dubbadhu.
8 Fakkeenya olitti ilaallerraa akka hubannetti, namoonni guunguman guungummiisaanii kan ibsan ifatti ture. Dh.K.B. bara 32tti Yesus Kiristos yommuu Ayyaana Gordommaa kabajuuf Yerusaalemitti argame haalli ture kanarraa adda yommuu ta’u, “Namoonnis waa’ee isaa in guungumu turan.” (Yohannis 7:12, 13, 32) Namoota kana keessaa garri tokko inni nama gaariidha kan jedhan yommuu ta’u, kaanimmoo miti jedhanii hasaasanii dubbatan.
9 Yeroo garabiraattimmoo, Yesusiifi bartoonnisaa mana Lewwii ykn mana Maatewos isa qaraxa sassaabutti afeeramanii turan. “Fariisonnii fi barsiisonni seeraa bartoota Yesus irratti guungumanii, ‘Warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin maaliif nyaattu? Maaliif dhugdus?’ jedhanii gaafatan.” (Luqaas 5:27-30) Yeroo muraasa boodammoo, “Warri Yihudootaa, waan [Yesus], ‘Ani buddeena isa waaqa irraa gad bu’ee dha’ ofiin jedheef, isa irratti in guunguman.” Bartoonni Yesus tokko tokkos dubbiisaatti waan mufataniif guungumuu jalqabanii turan.—Yohannis 6:41, 60, 61.
10, 11. Yihudoonni afaan Giriikii dubbatan maaliif guunguman? Jaarsoliin himata dhihaateef haala furmaanni itti kennamerraa barumsa akkamii argatu?
10 Guungummiin Dh.K.B. bara 33tti ayyaanni Phenxeqostee erga kabajamee yeroo muraasa booda ta’e bu’aa gaarii argamsiiseera. Bartoonni haaraan hedduun Israa’el ala jiraatan Yihudoota hidhata amantiisaanii ta’aniin simannaan kan godhameef ta’ullee, wanta qaban walii hiruu wajjin haala wal qabateen rakkoon gidduusaaniitti uumamee ture. Seenaansaa akkas jedha: “Yihudoonni warri afaan Griikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman; kun immoo haadhotiin hiyyeessa isaanii gargaarsa guyyaa guyyaatti in argatu kan turan, waan dagatamaniif ta’e.”—Hojii Ergamootaa 6:1.
11 Guungummiin namoota kanaa guungummii Israa’elootaarraa adda ture. Yihudoonni afaan Giriikii dubbatan haala uumametti mufachuusaanii kan ibsan karaa ofittummaarraa walaba ta’eenidha. Haadhotiin hiyyeeyyiisaanii dagatamuunsaanii akka hubatamu godhaniiru. Namoonni guunguman kun rakkoo kan hin uumne ta’uusaaniirrayyuu, Yihowaarratti hin guungumne. Wanta isaanitti dhaga’ames kan ibsan ergamootatti yommuu ta’u himannisaaniis sirrii waan tureef, ergamoonni hatattamaan tarkaanfiin akka fudhatamuuf qophii godhaniiru. Ergamoonni jaarsolii gumiitiif fakkeenya gaarii ta’u! Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an kun, ‘hiyyeessa rakkatee gargaarsaaf iyyuuf dhaga’uu diduurraa’ of eeggatu.—Fakkeenya 21:13; Hojii Ergamootaa 6:2-6.
Amala Guungummii Badiisa Geessisurraa Fagaadhaa
12, 13. (a) Guungumuun miidhaa akkamii akka geessisu fakkeenyaan ibsi. (b) Wantoonni namni tokko akka guungumu isa taasisan maalfaa ta’uu danda’u?
12 Seenaawwan armaan olitti ilaalle keessaa baay’eensaanii akka argisiisanitti, guungumuun tajaajiltoota Waaqayyoo dur turanirratti badiisa geessiseera. Kanaaf, yeroo ammaattis guungumuun balaa akka geessisu qalbeeffachuu qabna. Fakkeenyi armaan gaditti argamu guungumuun miidhaa akkamii akka geessisu hubachuuf nu gargaara. Gosti sibiilaa baay’een ni ligidaa’a. Sibiilli tokko akka ligidaa’aa jiru arganii callisuun, meeshaan sun haala lammaffaa ittiin gargaaramuu hin danda’amneen akka badu gochuu danda’a. Konkolaattonni hedduun hojiidhaan ala kan ta’an mootorrisaanii waan miidhameef utuu hin ta’in, sibiilli isaan ittiin hojjetaman waan ligidaa’uufidha. Fakkeenya kana guungumuu wajjin wal fakkeessuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Akkuma sibiilli ligidaa’u, namoonni gonkummaa hin qabnes amala guungumuu qabu. Kanaaf, amala guungumuu qabaachuufi dhiisuu keenya of qoruu qabna. Akkuma jiidhiifi qilleensi ashaboo qabu wanta tokko dafee ligideessu, rakkoonis akka guungumnu nu gochuu danda’a. Dhiphinniifi dheekkamsi xinnoon garmalee akka mufannu nu gochuu danda’a. Raawwiin guyyoota gara dhumaa yeroo dhihaachaa adeemu, wantoonni guungumuuf sababii ta’an baay’achaa adeemuunsaanii hin oolu. (2 Ximotewos 3:1-5) Kanaaf tajaajilaan Yihowaa tokko isa kaanitti guungumuu jalqabuu danda’a. Wantoonni kanaaf sababii ta’uu danda’an, wantoota salphaa, jechuunis dogoggora namni tokko raawwate, dandeettii inni qabu ykn mirga addaa inni tajaajilarratti argatetti mufachuu ta’uu danda’a.
14, 15. Amala guungumuu to’achuu kan qabnu maaliifi?
14 Wanti itti mufanne maaliyyuu yoo ta’e, amala akka guungumnu nu taasisu dafnee to’achuu baannaan, nama wanta kamittiyyuu hin gammanneefi yeroo hundaa guungumu ta’uu dandeenya. Eeyyee, guungumuun ejjennoo karaa hafuuraa qabnu guutummaatti balleessuu danda’a. Israa’eloonni jireenyasaanii isa lafa onaatti yommuu guunguman sadarkaa Yihowaa hammeessuurra ga’anii turan. (Ba’uu 16:8) Wanta gadhee kanarraa nu haa baraaru!
15 Hamma tokko sibiilli akka hin ligidoofne ittisuuf, wanta ligida ittisu dibuufi bakka ligidaa’uu barbaadu dafanii qulqulleessuu barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuunis amala guungumuu akka qabnu yoo hubanne, utuu hin turin dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan kadhannaadhaan yoo irratti yaanne amala kana to’achuu dandeenya. Akkamitti?
Ilaalcha Yihowaan Wantootaaf Qabu Qabaadhaa
16. Amala guungumuu yoo qabaanne akkamitti mo’uu dandeenya?
16 Amalli guungumuu waa’ee mataa keenyaafi waa’ee rakkoo keenyaa qofa akka yaannu gochuu, akkasumas eebbawwan baay’ee Dhugaa Baatota Yihowaa ta’uu keenyaan arganne nu dagachiisuu danda’a. Amala kana kan qabnuufi mo’uu kan barbaannu yoo ta’e, eebbawwan tajaajiltoota Yihowaa ta’uu keenyaan arganne yaadachuu qabna. Fakkeenyaaf, hundi keenyayyuu maqaa Yihowaatiin waamamuuf mirga arganneerra. (Isaayaas 43:10) Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii kan qabnu ta’uu keenyarrayyuu, Yihowaa isa yeroo kamittiyyuu ‘kadhata namaa dhaga’utti’ kadhannaadhaan dhihaachuu dandeenyeerra. (Faarfannaa 65:2; Yaaqoob 4:8) Olaantummaa inni uumama cufarratti qabu ilaalchisee gaaffii ka’e waan beeknuufi Waaqayyoof amanamoo taanee dhaabachuuf mirga waan qabnuuf, gammachuu dhugaa qabna. (Fakkeenya 27:11) Yeroo hundaa wangeela Mootummichaa namoota kaaniif hiruurratti hirmaachuu dandeenya. (Maatewos 24:14) Amantaan nuti aarsaa furii Yesus Kiristosirratti qabnu yaada garaa qullaa’aa akka qabaannu nu gargaara. (Yohannis 3:16) Rakkoon akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, eebbawwan akkasii argachaa jirra.
17. Guungumuuf sababii ga’aa qabaannullee, wantoota karaa mataa keenyaa utuu hin ta’in karaa Yihowaa ilaaluuf yaalii gochuu kan qabnu maaliifi?
17 Wantoota karaa mataa keenyaa utuu hin ta’in karaa Yihowaa ilaaluuf haa carraaqnu. Daawit, “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi!” jechuudhaan faarfateera. (Faarfannaa 25:4) Guungumuuf sababii ga’aa qabaannullee Yihowaan wanta kana akka argu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Inni battaluma sanatti rakkoo kanaaf furmaata argamsiisuu ni danda’a. Erga akkas ta’ee al tokko tokko rakkoon akka itti fufu kan heyyamu maaliifi? Wantoota kana kan heyyame amalawwan gaarii, jechuunis, obsa, jabina, amantiifi waa danda’uu akka horannu nu gargaaruuf ta’uu danda’a.—Yaaqoob 1:2-4.
18, 19. Rakkoowwan nurra ga’an guungummii tokko malee mo’uun keenya bu’aa akkamii akka argamsiisu fakkeenya kenni.
18 Rakkoowwan nurra ga’an guungummii tokko malee mo’uuf yaalii gochuun keenya, amala keenya akka fooyyessinu nu gargaaruusaarrayyuu, namoota amala keenya ilaalan tuquu danda’a. Tuutni Dhugaa Baatota Yihowaa tokko walga’ii koonyaa 2003tti godhamerratti argamuuf Jarmanii gara Hangaarii atoobisiidhaan adeemee ture. Konkolaachisaan atoobisichaa Dhugaa Baatuu Yihowaa waan hin taaneef, guyyaa kudhan isaanii wajjin turuun isa hin gammachiisne ture. Haata’u malee erga adeemsasaanii xumuranii booda ilaalchisaa ni geddarame. Maaliif?
19 Yeroo adeemaa turanitti rakkoowan garagaraa isaan mudatanii turan. Haata’u malee Dhugaa Baatota kana keessaa kan guungume hin turre. Konkolaachisaan kun kanaan dura matumaa imaltoota akkasii akka argee hin beekne dubbate! Yeroo sanaa eegalee, Dhugaa Baatonni Yihowaa yoo gara manasaa dhaqan akka isaan simatuufi wanta isaan dubbatan xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatu waadaa galeera. Imaltoonni kun ‘waan hundumaa guungummii malee gochuunsaanii’ bu’aa gaarii argamsiiseera!
Dhiifama Waliif Gochuun Tokkummaa Jabeessa
20. Dhiifama walii gochuu kan qabnu maaliifi?
20 Obboloota hidhata amantii keenyaa ta’anirratti komii yoo qabaanne maal goona? Dhimmisaa yoo ulfaataa ta’e qajeelfama Yesus Maatewos 18:15-17rratti kenne hojiirra oolchuu qabna. Yeroo baay’ee walitti bu’iinsi uumamu ulfaataa waan hin taaneef, akkas gochuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a. Haalawwan akkasii dhiifama waliif gochuuf carraa kan nuuf banan goonee ilaaluu kan qabnu maaliifi? Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qolosaayis 3:13, 14) Garaan keenya dhiifama gochuuf qophaa’aadhaa? Yihowaan sababii itti nu komatu hin qabuu? Sababii itti nu komatu qabaatullee, yeroo baay’ee gara laafina nutti argisiisa, akkasumas dhiifama nuu godha.
21. Namni tokko yeroo guungumu dhaga’uunsaanii namootarratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a?
21 Mufannaan akkamiiyyuu yoo jiraate guungumuun furmaata hin ta’u. Jechi afaan Ibrootaa “guungumuu” jedhu hiika “nyeenya’uu” jedhus qabaachuu danda’a. Yeroo baay’ee nama guungumuu wajjin ta’uun waan nu hin gammachiisneef nama akkasiirraa fagaachuuf yaalii goona. Nutis kan guungumnu ykn nyeenyee kan taanu yoo ta’e, namoota nu dhaggeeffatanitti akkasuma itti dhaga’amuu danda’a. Hanga nurraa fagaachuu barbaadanitti baay’ee isaanitti ulfaachuu dandeenya ta’a! Guungumuun keenya xiyyeeffannaa nama tokkoo harkisuu danda’us, amalli akkasii kun namni akka nutti dhihaatu hin godhu.
22. Shamarreen tokko waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa maal jette?
22 Dhiifama waliif gochuun Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti tokkummaa bakki guddaan kennamuuf argamsiisuuf ga’ee guddaa qaba. (Faarfannaa 133:1-3) Shamarreen waggaa 17 miseensa amantii Kaatolikii taateefi biyya Awurooppaa tokko keessa jiraattu, dinqisiifannaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif qabdu akkas jechuudhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatiif barreessiteetti: “Jibbaan, sassataan, waliif danda’uu dadhabuudhaan, ofittummaadhaan ykn sababii waldhabiinsaatiin jaarmiyaa wal hin qoonne akkasii argee hin beeku.”
23. Mataduree ittaanurratti waa’ee maaliitu ibsama?
23 Eebbawwan gurguddaa Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaa waaqeffachuufi tajaajiluu keenyaan arganneef dinqisiifannaan qabnu, tokkummaa keenya akka jabeessinuufi waa’ee dhimma dhuunfaa keenyaa kaasnee warra kaanirratti guungumuurraa akka fagaannu nu gargaara. Amalawwan kana horachuun keenyammoo, amala guungumuu baay’ee gadhee ta’erraa akkamitti akka nu eegu mataduree ittaanurratti kan ibsamu yommuu ta’u, kunis jaarmiyaa Yihowaa isa lafaarratti guungumuu kan ilaaludha.
Ni Yaadattaa?
• Guungumuun maalfaa dabalata?
• Guungumuun balaa akkamii akka geessisu fakkeenyaan ibsuun kan danda’amu akkamitti?
• Amala guungumuu mo’uuf maaltu nu gargaara?
• Dhiifama gochuuf fedhii qabaachuun guungumuurraa fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]