Daandii Ifnisaa Dabalaa Adeemurra Deddeebi’uu
Daandii Ifnisaa Dabalaa Adeemurra Deddeebi’uu
“Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.”—FAKKEENYA 4:18.
1, 2. Sabni Waaqayyoo, Yihowaarra ifa hafuuraa dabalataa argachuusaaniitiin maal godhaniiru?
YEROO lafti bari’u, duukkanarratti jijjiirama akkamii akka fidu madda ifaa kan ta’e Yihowaa malee eenyutu ibsuu danda’a? (Faarfannaa 36:9) Waaqayyo akkas jedheera, ‘bariin lafaa akka inni garasiifi garanaan andaara lafaa qabe, lafichi akka suphee jiidhaatti ittiin mallatteessaniitti bifa in geddarata, uumamni isarraa hundinuus bifa garaa garaatiin miidhagfamanii in mul’atu.’ (Iyoob 38:12-14) Dhoqqeen suphee mi’a supheen ittiin miidhagfamuun yeroo mallatteeffamu jijjiiramnisaa akka mul’atu, ifni aduu yeroo dabalaa adeemuttis wantoonni lafarratti argaman hundi caalaatti mul’atu.
2 Haaluma wal fakkaatuun, maddi ifa hafuuraa Yihowaadha. (Faarfannaa 43:3) Biyyi lafaa, duukkana limxii keessa deddeebi’eyyuu, Yihowaan sabasaatiif ifa kennuusaa itti fufeera. Bu’aansaa maalidha? Macaafni Qulqulluun: “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti” jedha. (Fakkeenya 4:18) Ifni Yihowaa biraa argamu daandii sabasaarratti ifuusaa itti fufeera. Ifni kun gama hojii jaarmiyaatiin, barumsa bu’uuraafi amalaa wajjin haala wal qabateen sirreeffama akka godhan isaan gargaareera.
Ifni Hafuuraa Dabalaa Adeemuunsaa Gama Jaarmiyaatiin Fooyya’iinsi Akka Argamu Godheera
3. Isaayaas 60:17rratti abdii akkamiitu kenname?
3 Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa akkas jedhee dubbateera: “Ani qooda sibiila boorrajjii, warqee, qooda sibiilaa, meetii, qooda mukaa, sibiila boorrajjii, qooda dhagaas, sibiila nan fida; nagaan eegduu kee, qajeelummaanis geggeessituu kee akka ta’u nan godha.” (Isaayaas 60:17) Mi’i jabaa hin taane mi’a baay’ee jabaa ta’een bakka buufamuunsaa fooyya’iinsa akka argisiisu, Dhugaa Baatonni Yihowaas ‘dhuma bara si’anaa’ yookiin “guyyoota gara dhumaa” kanatti gama hojii jaarmiyaatiin fooyya’iinsa gochaa turaniiru.—Maatewos 24:3; 2 Ximotewos 3:1.
4. Bara 1919tti qophii maaliitu godhame? Kun bu’aa qaba kan jennu maaliifi?
4 Jalqaba guyyoota gara dhumaatti gumii Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo sanatti Bartoota Macaafa Qulqulluu jedhaman keessatti, jaarsoliifi diiyaaqonoonni karaa dimookiraasiitiin filatamu turan. Haata’u malee, jaarsoliin tokko tokko wangeela lallabuuf fedhii dhugaa hin qaban turan. Tokko tokkommoo ofiisaaniitiif lallabuu kan dhiisaniirrayyuu, warri kaanis akka hin lallabne dhowwuuf yaalu turan. Kanaafuu, bara 1919tti, gumiiwwan hundaa keessatti itti gaafatamummaa haaraan dirikteera tajaajilaa jedhamu ni hundeeffame. Dirikteera tajaajilaa, karaa ti’ookraasiitiin waajjira damee saba Waaqayyootu filata malee gumicha hin turre. Itti gaafatamummaa dirikteerri tajaajilaa qabu keessaa, hojii lallabaa gurmeessuu, naannoo tajaajilaa kennuufi obboloonni tajaajilarratti akka hirmaatan jajjabeessuudha. Waggoota sanaa eegalee, waa’ee Mootummichaa lallabuun jijjiirama guddaa argisiisuu jalqabe.
5. Naannoo bara 1920tti fooyya’iinsa akkamiitu godhame?
5 Bara 1922tti walga’ii koonyaa Bartoota Macaafa Qulqulluu Seedaar Pooyint Ohaayoo, Yuu.Ees.Eetti godhamerratti, jajjabinni “Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa” jedhu kennamuunsaa, gumiiwwan hundi hojiidhaaf akka kaka’an taasiseera. Bara 1927tti hojiin karaadhaa gara karaatti tajaajiluu akka gaariitti kan gurmaa’e yommuu ta’u, guyyaan Dilbataa manaa gara manaatti tajaajiluuf guyyaa mijaa’aa ta’uunsaa ni hubatame. Guyyaan kun kan filatame maaliifi? Guyyaa namoonni baay’een itti boqotan waan ta’eefidha. Har’as Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni manasaaniitti argamuu danda’anitti, jechuunis Sanbadduraafi Dilbata yookiin gara galgalaa manaa gara manaa dhaqanii tajaajiluuf yaalii gochuudhaan hojii wal fakkaatu raawwatu.
6. Bara 1931tti ejjennoo akkamiitu ba’e? Kun Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti jijjiirama akkamii fideera?
6 Ejjennoon walga’ii koonyaa Kolombos Ohaayoo Yuu.Ees.Eetti, Adoolessa 26, bara 1931 Dilbata sa’aatii booda godhameefi boodas addunyaa maratti dabarfame, gama waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti hojii olaanaa raawwateera. Gar tokkoon ejjennoo kanaa akkas jedha: “Nuti tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, hojiin maqaasaatiin akka raawwannu nutti kenname jira. Ergaa Yesus lallabe akka labsinu, akkasumas Yihowaan Waaqa dhugaafi Waaqa Hundumaa Danda’u ta’uusaa akka lallabnu hojii nutti kennameef ni abboomamna; maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuufi Waaqayyo Gooftaan moggaase gammachuudhaan kan fudhannu ta’uu keenyarrayyuu, maqaa kanaan beekamuufi waamamuu barbaanna.” (Isaayaas 43:10) Maqaa haaraan kun namoonni maqaa Yihowaatiin waamaman hundi itti gaafatamummaa guddaa qaban kan argisiisudha. Eeyyee, Yihowaan hojii tajaajiltoonnisaa hundi irratti hirmaatan isaaniif kenneera. Deebiin afeerrii kanaaf kennames baay’ee kan nama ajaa’ibsiisu ture.
7. Bara 1932tti jijjiirama akkamiitu godhame? Maaliif?
7 Jaarsolii baay’een gad of deebisuudhaan hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu jalqaban. Naannoowwan tokko tokkotti garuu, jaarsoliin gumiidhaan filataman yaada miseensonni gumii hundi hojii lallabaarratti hirmaachuu qabu jedhu ni morman. Ta’us, utuu baay’ee hin turin fooyya’iinsi dabalataa godhameera. Bara 1932tti gumiiwwan jaarsoliifi tajaajiltoota gumii filachuu akka dhaaban Masaraa Eegumsaarratti qajeelfamni ni kenname. Kanaa mannaa, koree tajaajilaa obboloota dhiiraa ga’eessa ta’aniifi hojii lallabaarratti hirmaatan akka filatan isaaniif ibsame. Karaa kanaan gumicha olaantummaadhaan to’achuun obboloota tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatanitti waan kennameef hojichi guddina argamsiise.
Ifni Dabalaa Yommuu Adeemutti Fooyya’iinsa Dabalataa Godhame
8. Bara 1938tti fooyya’iinsa akkamiitu godhame?
8 ‘Ifni ittuma ifaa ol adeemuusaa’ itti fufe. Bara 1938tti hojiin filannoodhaan geggeeffamu guutummaatti akka dhaabatu taasifame. Namoota gumii keessatti tajaajilan hundaa kan muudu ‘hojjetaa amanamaa’ yeroo ta’u, muudamni kunis karaa ti’ookraasiitiin raawwatamuu jalqabe. (Maatewos 24:45-47) Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundi jijjiirama kana yommuusuma kan fudhatan yeroo ta’u, hojiin lallabaas guddina argisiisuusaa itti fufeera.
9. Bara 1972tti qophii akkamiitu godhame? Qophiin kun caalmaa qaba kan jennu maaliifi?
9 Fulbaana 1, bara 1972 eegalee, obboloota gumicha olaantumaadhaan geggeessan ilaalchisee jijjiiramni garabiraan godhameera. Gumiiwwan, tajaajilaa yookiin ilaaltu olaanaa tokkoon geggeeffamuunsaanii hafee, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessatti qaama jaarsoliitu hundeeffame. Qophii haaraan kun obboloonni ga’eessota ta’an ilaaltu olaanaa ta’uuf ulaagaa barbaachisu guutuuf akka carraaqan isaan jajjabeesseera. (1 Ximotewos 3:1-7) Kanaan kan ka’es, obboloonni baay’een gama itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban raawwachuutiin muuxannoo argataniiru. Ilaaltonni olaanaan kun, namoota reefuu dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhataniif tiksoota ta’anii tajaajiluudhaan gargaarsa guddaa kennaniiru.
10. Bara 1976tti qophii isa kamtu hojiirra oole?
10 Miseensonni Qaama Olaanaa koree ja’aan kan gurmaa’an yommuu ta’u, Amajjii 1, bara 1976 jalqabee koreewwan kun sochii jaarmiyichaafi gumiiwwan addunyaa maratti argaman olaantummaadhaan geggeessuu jalqaban. Wantoonni hojii Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundi, “baay’ina gorsitootaatiin” kan geggeeffamu ta’uunsaa eebba guddaa mitii?—Fakkeenya 15:22; 24:6.
11. Bara 1992tti fooyya’iinsa akkamiitu godhame? Maaliif?
11 Bara 1992ttimmoo, hojiin fooyya’iinsaa Israa’eloonniifi namoonni garabiraan boojuu Baabilonii erga deebi’anii booda hojjetanii wajjin wal fakkaatu raawwatameera. Bara sanatti, Lewwoonni hojii mana qulqullummaa raawwatan baay’inaan hin jiran turan. Kanaan kan ka’es, Naataaniimoonni lammii Israa’el hin taane, Lewwoota akka gargaaran hojiin dabalataa ni kennameef. Haala kanaan wal fakkaatuun hojjetaan amanamaaniifi ogeessis, hojiin inni lafarratti raawwatu dabalaa waan adeemeef, hojii kanarratti gargaarsa akka godhaniif jecha bara 1992tti “hoolota kan biraa” keessaa warra tokko tokkoof hojiin dabalataa kennameera. Obboloonni kun koree Qaama Olaanaa akka gargaaraniif muudaman.—Yohannis 10:16.
12. Yihowaan nagaa geggeessituu keenya godhee kan muude akkamitti?
12 Fooyya’iinsi kun hundinuu bu’aa maalii argamsiise? Yihowaan, “nagaan eegduu kee, qajeelummaanis geggeessituu kee akka ta’u nan godha” jedhee ture. (Isaayaas 60:17) Tajaajiltoota Yihowaa yeroo har’aatti argaman gidduu “nagaan” kan jiru yommuu ta’u, “qajeelummaanis geggeessituu” isaanii ta’eera. Hojii waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi namoota bartoota taasisuu raawwachuuf akka gaariitti gurmaa’aniiru.—Maatewos 24:14; 28:19, 20.
Yihowaan Karaa Barumsa Bu’uuraa Ifni Akka Ifu Godheera
13. Naannoo bara 1920tti, Yihowaan sabasaatiif gama barumsa bu’uuraatiin ifa kan ibse akkamitti?
13 Yihowaan gama barumsa bu’uraatiinis yeroodhaa gara yerootti sabasaatiif ifa ibsaa jira. Mul’anni 12:1-9 kanaaf fakkeenya ta’a. Seenaansaas waa’ee qaamota sadii kan dubbatu yommuu ta’u, isaanis “dubartii” ulfa yeroo booda deesse, “jawwee” fi “ilma” jedhamanii ibsamaniiru. Qaamonni kun sadan eenyufa’iif fakkeenya akka ta’an beektaa? Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1, bara 1925tti maxxanfame mataduree “Dhalachuu Sabichaa” jedhu jalatti, eenyummaa qaamota kanaa ibsee ture. Barruun kun sabni Waaqayyoo raajiiwwan Dhalachuu Mootummaa kanaa ilaalchisee dubbatame hubannaa gaarii akka argatan gochuusaarrayyuu, jaarmiyaawwan Yihowaafi Seexana bakka bu’an lama jiraachuusaanii akka hubatan isaan gargaareera. Achiis, bara 1927/28 sabni Waaqayyoo Ayyaana Qilleefi guyyaa dhalootaa kabajuun Macaafa qulqulluu wajjin kan wal faalleessu ta’uusaa waan hubataniif ayyaanawwan kana kabajuu ni dhaaban.
14. Naannoo bara 1930tti barumsa bu’uuraa wajjin haala wal qabateen ibsa akkamiitu kenname?
14 Bara 1930ttimmoo barumsa bu’uuraa sadiirratti ifni dabalataa ifeera. Bartoonni Macaafa Qulqulluu, tuutni “sonaan baay’een” Mul’ata 7:9-17rratti ibsaman namoota Kiristosii wajjin lubootaafi mootota ta’anii bulchan, jechuunis namoota 144,000rraa adda ta’uusaanii kan hubatan waggoota dheeraa dura ture. (Mul’ata 5:9, 10; 14:1-5) Haata’u malee, eenyummaan tuuta sonaan baay’ee ifaa hin turre. Ifni ganama ittuma dabalaa yeroo ol adeemu, wantoonni hin mul’anne bifaafi halluunsaanii akka mul’atu godha. Haaluma wal fakkaatuun, tuutni sonaan baay’eenis namoota ‘rakkina guddaarraa’ ooluudhaan bara baraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban ta’uunsaanii bara 1935tti beekame. Wagguma sanatti xinnoo turee, ibsi ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaa bartoota ta’aniifi biyyoota baay’ee keessa jiraatan ilaalu kennameera. Sabboonummaan yeroo guutummaa biyya lafaarratti babal’atee ture kanatti, alaabaadhaaf ulfina adda ta’e kennuun akkasumaan wanta salphaa akka hin taane hubatanii turan. Waggaa itti aanuttimmoo, Kiristos fannoorratti utuu hin ta’in muka solooloorratti akka fannifame ibsamuunsaa, gama barumsa bu’uuraatiin jijjiiramni garabiraan godhamuusaa kan argisiisu ture.—Hojii Ergamootaa 10:39.
15. Dhiigni qulqulluu ta’uunsaa kan ibsame yoomiifi akkamitti ture?
15 Waraana Addunyaa Isa Lammaffaa booda, loltoota waraanarratti madaa’aniif dhiiga kennuun beekamaa ta’ee ture; yeroo kanattis, dhiigni qulqulluu ta’uusaa ilaalchisee ifni dabalataa ifeera. Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, bara 1945rratti, “Waaqeffattoonni Yihowaa addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu barbaadan hundi, dhiigni Waaqayyo duratti qulqulluu akka ta’e hubachuufi gama kanaan ulaagaa Waaqayyo baasee wajjin haala wal simuun akka jiraatan” jajjabinni kennamee ture.
16. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa yoom qophaa’e? Wantoonni gurguddaan hiika Macaafa Qulqulluu kana adda godhan lamaan maalfa’i?
16 Bara 1949tti Macaafa Qulqulluu haaraa beekumsa yeroo sana turerratti hundaa’eefi barumsa Saba Kiristiyaanaatiin hin mancaane qopheessuun barbaachisaa ta’uunsaa ni amaname. Hojiin Macaafa Qulqulluu haaraa hiikuu kun Muddee 1947 jalqabame. Bara 1950 Hiikni Macaafa Qulqulluu Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Ingiliffaan qophaa’e. Bara 1953 eegaleemmoo, hiikni Macaafa Qulqulluu Afaan Ibrootaa afaan Ingiliffaatiin jildii shanitti gargar hiramee yeroo gara garaatti qophaa’e. Jildiin inni dhumaa kan xumurame hojiin hiikuu erga jalqabamee waggaa 12 booda, jechuunis bara 1960tti ture. Guutummaan Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa jildii tokkoon kan ba’e bara 1961ture. Hiikni Macaafa Qulqulluu yeroo ammaatti afaan baay’eedhaan argamu kun wanta adda isa taasisu baay’ee qaba. Bakka sirrii ta’e hundaatti maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu galcheera. Kana malees, barreeffamoota warra jalqaba harkaan barreeffaman kallattiidhaan hiikuuf yaaliin godhame gama dhugaa beekuutiin guddinni yeroodhaa gara yerootti akka argamu godheera.
17. Bara 1962tti ifa dabalataa akkamiitu ife?
17 Roomaa 13:1rratti “warra biyya bulchuudhaaf aboo qaban” kan jedhaman eenyufaa akka ta’aniifi Kiristiyaanonni warra biyya bulchuuf aboo qaban kanaaf ajajamuu kan qaban hamma maaliitti akka ta’e bara 1962tti ibsame. Qo’annaan Tiitoos 3:1, 2 fi 1 Phexros 2:13, 17rratti gadi fageenyaan godhame, “warra biyya bulchuuf aboo qaban” kan jedhaman Yihowaafi Yesus Kiristos utuu hin ta’in namoota biyya bulchan ta’uunsaanii hubatameera.
18. Naannoo bara 1980tti dhugaawwan ifa ta’an tokko tokko kamfa’i?
18 Waggoota sana boodas, daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu ittuma ifaa ol adeemuu ifuusaa itti fufeera. Bara 1985tti “jireenya” argachuuf nama qajeelaa ta’anii ilaalamuuniifi jaalallee Waaqayyoo ta’anii akka nama qajeelaatti lakkaa’amuun hiika maalii akka qabu hubachuun danda’ameera. (Roomaa 5:18, NW; Yaaqoob 2:23) Bara 1987ttimmoo Iyobeeliyuun Kiristiyaanotaaf hiika maalii akka qabutu bal’inaan ibsame.
19. Waggoota dhihoodhaa asitti Yihowaan sabasaatiif ifa hafuuraa dabalataa kan ibse akkamitti?
19 Bara 1995tti “hoolota re’ootattii” gargar fo’uun caalaatti ifa ta’e. Bara 1998tti mul’ata Hisqi’el waa’ee mana qulqullummaa argeefi yeroo ammaatti raawwiisaa argachaa jiru bal’inaan ibsame. Bara 1999tti ‘inni jibbisiisaan iddoo qulqullaa’aa kan dhaabatu’ yoomiifi akkamitti akka ta’e ibsi kennameera. (Maatewos 24:15, 16; 25:32) Bara 2002ttimmoo, Waaqayyoof “hafuuraa fi dhugaadhaan” sagaduun hiika maalii akka qabu hubannaa dabalataatu argame.—Yohannis 4:24.
20. Jijjiirama sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa godhan keessaa garabiraan maalidha?
20 Akkaataa hojii jaarmiyaafi gama barumsa bu’uuraatiin fooyya’iinsa argameen alattis, jireenya Kiristiyaanummaa wajjin haala wal qabateenis fooyya’iinsi godhameera. Fakkeenyaaf, bara 1973tti tamboo xuuxuun ‘dhagna akka xureessu’ waan beekameef akka cubbuu guddaatti kan ilaalamu ta’uunsaa ni hubatame. (2 Qorontos 7:1) Kun ta’ee waggaa 10 booda, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15, bara 1983 maxxanfame yaada ejjennoo meeshaa waraanaatiif qabaachuu qabnu qabatee ba’e. Wantoonni kun fakkeenya ifa yeroo keenyatti ifan keessaa muraasa qofadha.
Daandii Ifnisaa Dabalaa Adeemurra Deddeebi’aa
21. Daandii ifnisaa dabalaa adeemurra deddeebi’uuf ilaalcha akkamii qabaachuutu nu gargaara?
21 Obboleessi yeroo dheeraadhaaf jaarsa ta’ee tajaajile tokko, “Fooyya’iinsi yeroo godhamu fudhachuuniifi fooyya’iinsichaa wajjin haala wal simuun jiraachuun ulfaataa ta’uu danda’a” jedhee dubbateera. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuuf waggoota 48 ta’aniif yommuu tajaajiletti, fooyya’iinsa godhaman akka fudhatu kan isa gargaare maalidha? Akkas jechuudhaan deebii kenna: “Wanti baay’ee barbaachisaa ta’e ilaalcha sirrii qabaachuudha. Fooyya’iinsa godhame hin fudhadhu yoon jedhe jaarmiyichi gara fuulduraatti yommuu adeemu ani duubattan hafa jechuudha. Fooyya’iinsa tokko tokko fudhachuun yoo natti ulfaate, jecha Phexros isa akkas jedhurrattan xiinxala: ‘Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o.’ Achiis ‘Gara addunyaa isa dukkanaan qabame kanattan adeemaa?’ jedheen of gaafadha. Ilaalcha akkasii qabaachuunkoo, jaarmiyaa Waaqayyootti cichee akkan deddeebi’u na gargaareera.”—Yohannis 6:68.
22. Daandii ifnisaa dabalaa adeemurra deddeebi’uun bu’aa maalii nuuf argamsiisa?
22 Addunyaan naannoo keenyatti argamu dukkana limxii keessa akka jiru beekamaadha. Yeroo Yihowaan sabasaatiif ifasaa ibsaa adeemutti garaagarummaan addunyaa kanaafi tajaajiltootasaa gidduu jiru bal’achaa adeema. Ifni kun kan nu gargaaru akkamitti? Boolli daandii duukkana ta’e keessatti argamu ifni waan itti ifeef qofa akka baduu hin dandeenye, akkasumas ifni Sagalee Waaqayyoorra argamus balaan akka hin geenye hin godhu. Ta’us, ifni Waaqayyo biraa argamu kiyyoo kanarraa fagaachuudhaan daandii ifnisaa dabalaa adeemurra deddeebi’uuf akka nu gargaaru homaa hin shakkinu. Kanaafuu, dubbii Yihowaan karaa raajotasaa dubbate, “akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsuutti” yaadaan duukaa bu’uu keenya itti haa fufnu.—2 Phexros 1:19.
Ni Yaadattaa?
• Yihowaan fooyya’iinsa jaarmiyaa wajjin haala wal qabateen sabnisaa fooyya’iinsa kamfaa akka godhan gargaareera?
• Ifni dabalaa adeeme gama barumsa bu’uuraatiin fooyya’iinsi akkamii akka godhamu gargaareera?
• Ati fooyya’iinsi akkamii yeroo godhame argiteetta? Fooyya’iinsa kana akka fudhattu kan si gargaare maalidha?
• Daandii ifnisaa dabalaa adeemurra deddeebi’uukee itti fufuu kan barbaaddu maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]