Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gammachuu—Amala Waaqayyo Irraa Argannu

Gammachuu—Amala Waaqayyo Irraa Argannu

NAMOONNI jireenya gammachiisaa jiraachuu barbaadu. Haa taʼu malee, guyyoota dhumaa kanatti ‘wanti baayʼee rakkisaa taʼe’ nama kam iyyuu ni mudata. (2 Xim. 3:1) Jallinni haqaa, rakkinni fayyaa, hojii dhabuun, gaddi ykn wantoonni dhiphinaa fi gaddaaf sababa taʼan kan biroon suutuma suuta namoota tokko tokko gammachuu dhabsiisuu dandaʼu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo illee abdii kutachuu fi gammachuu dhabuu dandaʼu. Haalli akkanaa utuu si mudatee gammachuu kee deebistee argachuu kan dandeessu akkamitti?

Deebii gaaffii kanaa argachuuf, jalqaba gammachuu dhugaa jechuun maal jechuu akka taʼe, akkasumas warri kaan rakkinni utuma jiruu gammachuu isaanii akkamitti eeguu akka dandaʼan hubachuu qabna. Sana booda gammachuu keenya eeguu fi guddisuuf maal gochuu akka dandeenyu baranna.

GAMMACHUUN MAALI DHA?

Gammachuu jechuun akkasumatti kolfuu jechuu miti. Fakkeenyaaf, namni dhugaatii hedduu dhugee machaaʼe tokko baayʼee kokkolfa taʼa. Yommuu machiin isaa irraa galu garuu, kolfuu isaa dhiisee jireenya gaddaa fi rakkinaan guutametti deebiʼa. Gammachuun yeroodhaaf itti dhagaʼame sun gammachuu dhugaa hin turre.—Fak. 14:13.

Haala kana irraa faallaa taʼeen, gammachuun amala garaa irraa maddu dha. Gammachuun, “miira wanta gaarii argachuu ykn eeggachuudhaan dhufu” akka taʼetti hiikameera. Akkasumas haalli keessa jirru gaariis taʼe badaa miira gammachuu qabaatanii itti fufuu dha. (1 Tas. 1:6) Namni tokko sababa tokkoon miirri isaa yoo jeeqame illee garaa isaa keessatti gammachuu qabaachuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, ergamoonni waaʼee Kiristoos dubbachuu isaaniitiin reebamanii turan. Taʼus, “isaan maqaa isaatiif jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa yaaʼii Saanhedriin duraa baʼan.” (HoE. 5:41) Kan isaan gammadan reebamuu isaaniitiin akka hin taane ifa dha. Kanaa mannaa, tajaajiltoota Waaqayyoo waan taʼaniif, gammachuu dhugaa kan argatan ejjennoo isaanii eeguu isaaniitiin ture.

Kan dhalanne gammachuu akkanaa qabaannee miti; amalli kun kan guddatus akkuma tasaa miti. Maaliif? Gammachuun dhugaan kutaa firii hafuura Waaqayyoo waan taʼeefi. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin “namummaa haaraa” isa gammachuu of keessatti qabatu guutummaatti uffachuu ni dandeenya. (Efe. 4:24; Gal. 5:22) Gammachuu yommuu horannu, dhiphina jireenya keessatti nu mudatu caalaatti dandamachuu dandeenya.

FAKKEENYOTA HORDOFUU BARBAANNU

Yihowaan lafa irra wanti gaariin akka jiraatu barbaada malee, akka harʼa yeroo baayʼee ilaallutti wanti hamaan akka jiraatu hin barbaadu ture. Taʼus, wanti hamaan warri kaan raawwatan Yihowaan gammachuu isaa akka dhabu hin godhu. Dubbiin Waaqayyoo, “Aangoonii fi gammachuun iddoo isaa isa qulqullaaʼaa keessa jiru” jedha. (1 Sen. 16:27) Kana malees, hojiin gaariin tajaajiltoonni isaa raawwachaa jiran ‘garaa Waaqayyoo ni ciibsa.’—Fak. 27:11.

Wanti eegne utuu hin raawwatamin yommuu hafu garmalee dhiphachuu dhiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. Gammachuu dhabuu mannaa, wanta gaarii amma qabnu irratti xiyyeeffachuu fi haala fooyyaʼaa gara fuulduraatti argannu obsaan eeguu ni dandeenya. *

Kitaaba Qulqulluu keessa namoonni haala rakkisaa taʼe keessatti gammachuu isaanii eeganii jiraachuudhaan fakkeenya nuuf taʼan hedduun jiru. Isaan keessaa tokko Abrahaam siʼa taʼu, innis wanta warri kaan raawwataniin kan kaʼe haala lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluu fi rakkoowwan garaa garaa dandaʼee jiraateera. (Uma. 12:10-20; 14:8-16; 16:4, 5; 20:1-18; 21:8, 9) Abrahaam dhiibbaan akkasii isa irra gaʼus, garaa isaa keessatti gammachuu isaa eegeera. Akkamitti? Abdiin inni bulchiinsa Masiihichaa jalatti addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qabu sammuu isaa keessatti ifa taʼee itti mulʼata ture. (Uma. 22:15-18; Ibr. 11:10) Yesuus, “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture” jedheera. (Yoh. 8:56) Nutis gammachuu gara fuulduraatti argannu irratti yaaduudhaan fakkeenya Abrahaam hordofuu ni dandeenya.—Rom. 8:21.

Phaawulos ergamaanii fi hiriyaan isaa Siilaasis, akkuma Abrahaam waadaa Waaqayyo gale irratti xiyyeeffataniiru. Amantii cimaa qabu turan; haalli gaarii hin taane kan isaan mudate taʼus gammachuu isaanii eeganii itti fufaniiru. Fakkeenyaaf, akka malee erga reebamanii booda mana hidhaatti darbatamanii turan; “gara halkan walakkaa garuu . . . kadhachaa fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachaa turan.” (HoE. 16:23-25) Phaawulosii fi Siilaas abdii isaanii irraa jabina argachuu malees, maqaa Kiristoosiif jecha rakkinni isaan irra gaʼuu isaatiin gammadaniiru. Wanta gaarii amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluun argamsiisu sammuutti qabachuudhaan, fakkeenya Phaawulosii fi Siilaas hordofuu ni dandeenya.—Filp. 1:12-14.

Yeroo harʼaattis obboloonni haala rakkisaa taʼe keessatti gammachuu isaanii eeguudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼan hedduun waldaa obbolummaa keenya keessa jiru. Fakkeenyaaf, obomboleettiin Suuppar Taayifuun Haayaan jedhamu Sadaasa 2013⁠tti Filippiinsiin yeroo rukutetti, manneen maatii Dhugaa Baatotaa 1,000 ol taʼanii balleessee ture. Joorji inni manni isaa Taaklobaan keessa ture jalaa diigame, “Haalli akkanaa uumamee utuu jiruu obboloonni gammadoo turan. Gammachuu keenya ibsuun ulfaataa dha” jedheera. Yeroo haalli baayʼee rakkisaa taʼe nu mudatu hundatti, wanta Yihowaan nuuf godhe irratti dinqisiifannaadhaan yoo xiinxalle gammachuu keenya eeguu ni dandeenya. Wanti Yihowaan nuuf kennee fi gammaduuf sababa nuuf taʼu kan biraan maali dha?

SABABA ITTI GAMMANNU

Michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu caalaa wanti gammaduuf sababa nuu taʼu kan biraan jiraa? Mee yaadi: Nuti qaama uumama hundumaa irratti ol aantummaa qabu beekna. Inni Abbaa keenya, Waaqa keenyaa fi Michuu keenya dha!—Far. 71:17, 18.

Yihowaan jireenyaa fi dandeettii jireenyatti gammaduu nuu kennuu isaatiif isa galateeffanna. (Lal. 3:12, 13) Uumamawwan dandeettii yaaduu qabnuu fi Yihowaan ofitti nu harkise waan taaneef, fedhii Waaqayyo nuuf qabu ni hubanna. (Qol. 1:9, 10) Kanaafuu, jireenya hiika qabu jiraachuu fi daandii irra deemuu qabnu beekna. Gama biraatiin, namoonni hedduun kaayyoo jireenyaa ifatti hin beekan. Phaawulos garaa garummaa kana yommuu ibsu, “‘Wantoota Waaqayyo namoota isa jaallataniif qopheesse, iji hin argine, gurris hin dhageenye yookiin garaan namootaas hin yaadne’ . . . . Waaqayyo karaa hafuura isaa wantoota kana nutti mulʼiseera” jedheera. (1 Qor. 2:9, 10) Fedhii fi kaayyoo Yihowaa hubachuun keenya baayʼee nu hin gammachiisuu?

Wanti kan biraan Yihowaan saba isaatiif godhe maal akka taʼe mee ilaali. Dhiifama cubbuu argachuu kan dandeenyu taʼuun isaa nu hin gammachiisuu? (1 Yoh. 2:12) Gara laafina Waaqayyootiin kan kaʼe, addunyaa haaraan dhiheenyatti akka dhufu abdii dhugaa qabna. (Rom. 12:12) Yeroo ammaatti illee, Yihowaan garee waaqeffattootaa gammachiisaa taʼe nuuf kenneera. (Far. 133:1) Dubbiin Waaqayyoos Yihowaan Seexanaa fi jinniiwwan isaa irraa saba isaa akka eegu nuuf mirkaneessa. (Far. 91:11) Eebbawwan Waaqayyo irraa argannu kana hundumaa irratti yoo xiinxalle, gammachuun keenya gad fageenya akka qabuu fi akka guddate ni hubanna.—Filp. 4:4.

GAMMACHUU KEE AKKAMITTI GUDDISUU DANDEESSA?

Kiristiyaanni gammadaa taʼe tokko gammachuu isaa caalaatti guddisuu ni dandaʼaa? Yesuus, “Gammachuu ani argadhe akka argattanii fi gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, wantoota kana isinitti himeera” jedheera. (Yoh. 15:11) Kun gammachuu keenya guddifachuu akka dandeenyu kan argisiisu mitii? Carraaqqii gammachuu kee guddisuuf gootu ibidda tuttuquu wajjin wal bira qabuu ni dandeessa. Hoʼi isaa akka dabalu gochuuf, qoraan ibiddichatti naquu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, gammachuu kee guddisuuf karaa hafuuraa of sooruu qabda. Gammachuun hafuura Waaqayyootiin akka guddatu yaadadhu. Kanaafuu, yeroo hundumaa gargaarsa hafuura Yihowaa argachuuf kadhachuudhaan, akkasumas Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame irratti xiinxaluudhaan gammachuu kee guddifachuu dandeessa.—Far. 1:1, 2; Luq. 11:13.

Kana malees, hojii Yihowaa gammachiisu irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan gammachuu kee guddisuu dandeessa. (Far. 35:27; 112:1) Maaliif? Sababiin isaas nuti kan uumamne ‘Waaqayyoon akka sodaannuu fi abboommii isaa akka eegnuufi; kun nama hundumaa irraa in barbaadama.’ (Lal. 12:13) Kana jechuun fedhii Waaqayyoo akka raawwannuuf uumamne jechuu dha. Kanaafuu, yommuu Yihowaa tajaajillu jireenya keessatti gammachuu guddaa argachuu dandeenya. *

BUʼAA GAARII GAMMACHUU IRRAA ARGAMU

Gammachuu Waaqayyo irraa argamu yommuu qabaannu, buʼaan nuti argannu miira keessa keenyatti nutti dhagaʼamu irra kan caalu dha. Fakkeenyaaf, rakkinni nu mudatu maal iyyuu yoo taʼe, yommuu Abbaa keenya isa samii gammachuudhaan tajaajillu caalaatti isa gammachiisna. (Kes. 16:15; 1 Tas. 5:16-18) Kana malees, gammachuu dhugaa waan qabaannuuf, jireenya qabeenya argachuu irratti xiyyeeffate hordofuu mannaa, Mootummaa Waaqayyootiif aarsaa kaffaluu barbaanna. (Mat. 13:44) Buʼaa gaarii wanti kun argamsiisu yommuu ilaallu gammachuun keenya ni guddata, miira nageenyaa ni qabaanna, akkasumas gammachuu namoota kaanii dabaluu ni dandeenya.—HoE. 20:35; Filp. 1:3-5.

Yuunaayitid Isteetis keessatti qorataan Yunivarsiitii Nabraaskaa tokko qorannoo fayyaa irratti godhame erga ilaalee booda, “Amma jireenya keetti kan gammaddu yoo taʼe, gara fuulduraatti caalaatti fayya qabeessa taʼuu dandeessa” jechuudhaan barreesseera. Kunis yaada Kitaaba Qulqulluu isa, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna” jedhuu wajjin kan wal simu dha. (Fak. 17:22) Eeyyee, yommuu gammachuu kee guddistu caalaatti fayya qabeessa taʼuu dandeessa.

Kadhannaadhaan, Dubbii Yihowaa qoʼachuu fi irratti xiinxaluudhaan hafuura qulqulluu argachuu dandeenya; kunis yeroo dhiphinaan guutame keessa kan jiraannu taʼus, gammachuu dhugaa fi itti fufiinsa qabu qabaachuuf nu gargaara. Kana malees, eebbawwan yeroo ammaatti qabnu irratti xiinxaluudhaan, fakkeenya amantii namoota kan biroo hordofuu fi fedhii Waaqayyoo raawwachuudhaan gammachuu keenya guddisuu dandeenya. Karaawwan kana hundumaatiin, nutis dhugaa Faarfannaa 64:10 irra jiru isa, “Namni qajeelaan Waaqayyotti in gammada, isattis kooluu in gala” jedhu jireenya keenya keessatti ilaaluu ni dandeenya.

^ key. 10 Mata dureewwan “firii hafuuraa” ilaalchisee walitti aananii baʼan kana keessatti gara fuulduraatti waaʼee obsaa ni ilaalla.

^ key. 20 Karaa dabalataa gammachuu kee itti guddistu beekuuf saanduqa, “ Karaa Gammachuu Itti Guddifannu kan Biraa” jedhu ilaali.