Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walitti Buʼiinsa Hiikuudhaan Nagaa ni Uumtuu?

Walitti Buʼiinsa Hiikuudhaan Nagaa ni Uumtuu?

WAAQNI keenya Yihowaan, Kiristiyaanonni nagaa jaallatan nagaadhaan akka waliin jiraatan isaan gorsa. Naga qabeeyyii yoo taane waaqeffattoonni dhugaan nagaa hedduu akka argatan godha. Kun immoo gumiin Kiristiyaanaa namoota walitti buʼiinsa irraa walaba taʼuu barbaadan akka hawwatu taasisa.

Fakkeenyaaf, falfalaan Maadaagaaskaar keessatti beekamaa taʼe tokko tokkummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban hubatee ture. Achiis garaa isaatti, ‘Amantii tokko hordofuu yoon barbaade, amantii kanan hordofa’ jedhe. Yeroo booda gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan raawwachuu isaa kan dhiise siʼa taʼu, jiʼoota hedduu fudhatee gaaʼela isaa isa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne sirreesse; achiis Yihowaa isa Waaqa nagaa taʼe waaqeffachuu jalqabe.

Akkuma nama kanaa, waggaa waggaadhaan namoonni kuma hedduutiin lakkaaʼaman gumii Kiristiyaanaa keessatti nagaa isa cimsanii barbaadan ni argatu. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun, “hinaaffaa fi morkiin” gumii keessa yoo jiraate michummaa diiguu fi rakkina fiduu akka dandaʼu ifatti dubbata. (Yaq. 3:14-16) Kan nama gammachiisu, Kitaabni Qulqulluun karaa rakkoowwan kana hambisuu fi nagaa jabeessuu itti dandeenyu ilaalchisees gorsa gaarii nuuf kenna. Gorsawwan kana hojii irra oolchuudhaaf, mee haalawwan dhugumaan uumamuu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

RAKKINAA FI FURMAATA ISAA

“Obboleessa na faana hojjetu tokkoo wajjin walii galuu dadhabeen ture. Gaaf tokko utuu walitti iyyinuu, namoonni lama nutti dhufanii qoccolloo keenya kana arganii turan.”—KIRIIS.

“Obboleettiin yeroo baayʼee wajjin tajaajilu tokko akkuma tasaa na faana tajaajiluu dhaabde. Achii immoo guutummaatti na oodde. Maaliif akka ishiin kana goote naaf hin galle.”—JAANEET.

“Yeroo tokko sadii taanee bilbilaan waliin haasaʼaa turre. Achiis nu keessaa inni tokko nagaatti nuun jedhee waan tureef, sana booda bilbila isaa waan cufe natti fakkaatee ture. Kanaaf, namicha isa toora irra jiruttin waaʼee isaa waan gaarii hin taane dubbadhe; namichi inni jalqabaa garuu bilbila isaa hin cufne ture.”—MIKAAʼEL.

“Qajeelchitoota gumii keenya keessa jiran lama gidduutti rakkinni uumamuu jalqabe. Ishiin tokko ishii kan biraa ceephaʼuutti kaate. Lolli isaanii kun warra kaan irratti dhiibbaa guddaa geessisee ture.”—GIREEY.

Haalawwan akkanaa wantoota salphaa akka taʼanitti ilaalta taʼa. Taʼus, namoota gocha kana irratti hirmaatan hunda karaa miiraas taʼe karaa hafuuraa miidhuu dandaʼu turan. Kan nama gammachiisu garuu, obboloonnii fi obboleettonni olitti ibsaman yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu akka qajeelfamaatti waan hordofaniif nagaa uumuu dandaʼaniiru. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kamfaa waan hojii irra oolchan sitti fakkaata?

“Karaatti . . . dubbii walitti hin kaasinaa!” (Uma. 45:24) Yoseef obboloota isaa gara abbaa isaaniitti deebiʼaa turaniif gorsa kana kennee ture. Kun gorsa gaarii ture! Namni tokko miira isaa toʼachuu yoo dadhabee fi dafee kan aaru yoo taʼe, warri kaanis akka dheekkaman gochuu dandaʼa. Kiriis dadhabinni isaa kooraa fi qajeelfamaaf dantaa dhabuu akka ture hubate. Jijjiirama gochuu waan barbaadeef, obboleessa wajjin wal qoccolaa ture dhiifama gaafate; akkasumas aarii isaa toʼachuuf carraaqqii cimaa gochuu jalqabe. Obboleessi isa faana hojjetu sunis carraaqqii Kiriis gochaa jiru yommuu argu sirreeffama godheera. Yeroo ammaatti gammachuudhaan wal faana Yihowaa tajaajilaa jiru.

“Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu.” (Fak. 15:22) Jaaneet dhugaa kana yaadachuu akka qabdu hubatte. Obboleettii sanaa wajjin ‘mariʼachuuf’ murteessite. Yeroo waliin mariʼatanittis Jaaneet haaloo kan ishii irratti qabatte maaliif akka taʼe malaan obboleettii sana gaafatte. Jalqaba irratti mareen isaanii kun ulfaataa kan ture taʼus, karaa tasgabbii qabuun rakkina isaanii irratti yeroo mariʼatan haalli jiru fooyyaʼaa deeme. Obboleettiin sun, dhimmicha keessa Jaaneet akka hin jirree fi ilaalchi ishii dogoggora akka ture hubatte. Achiis Jaaneetiin dhiifama kan gaafatte siʼa taʼu, deebisanii waliin Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.

“Kanaaf, kennaa kee gara iddoo aarsaatti yeroo fiddu, utuu achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Achiis jalqaba obboleessa kee wajjin araarami.” (Mat. 5:23, 24) Yesuus gorsa kana lallaba gaara irraa irratti akka kenne ni yaadatta taʼa. Mikaaʼel warra kaaniif kan hin yaannee fi garraamii akka hin taane yeroo hubatu baayʼee ofitti gadde. Achiis nagaa uumuudhaaf carraaqqii gochuuf murteesse. Obboleessa miidhe fuulleetti dhiifama gaafate. Achii hoo maaltu taʼe? Mikaaʼel, “Obboleessi koo garaadhaa dhiifama naa godhe” jedheera. Isaanis deebiʼanii michuu waliif taʼaniiru.

“Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.” (Qol. 3:12-14) Obboleettota yeroo dheeraadhaaf qajeelchitoota taʼanii tajaajilan sanaa wajjin haala wal qabateen immoo jaarsi gumii gaarummaa qabu tokko gaaffiiwwan kanneen akka armaan gadii irratti akka xiinxalan isaan gargaare: ‘Lamaan keenya waan walitti buuneef warri kaan gadduu qabuu? Wal dandaʼuu dhiisuu fi nagaadhaan Yihowaa tajaajiluu dhiisuuf sababii quubsaa qabnaa?’ Isaanis gorsa jaarsa kanaa fudhatanii hojii irra oolchaniiru. Amma walii galteedhaan misiraachicha lallabaa jiru.

Namni tokko yoo si miidhe gorsa Kitaaba Qulqulluu Qolosaayis 3:12-14 isa olitti caqasame hojii irra oolchuun kee tarkaanfii isa jalqabaa taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun dhiifama gochuu fi balleessaa isaan irratti raawwatame irraanfachuuf, gad of qabuun isaan gargaareera. Hamma tokko carraaqqii erga gootee booda, tarkaanfii dabalataa fudhachuun kan si barbaachisu yoo taʼe, dhugaa buʼuuraa Maatewos 18:15 irra jiru hojii irra oolchuu dandeessaa laata? Gorsi Yesuus as irratti ibsame tarkaanfii yeroo namni tokko cubbuu cimaa nama biraa irratti raawwatu fudhatamu dha. Haa taʼu malee, atis dhugaa buʼuuraa as irra jiru hojii irra oolchuu dandeessa. Obboleessa ykn obboleettii keetti dhihaadhuutii gaarummaadhaan, akkasumas gad of qabuudhaan dhimmicha irratti mariʼadhaatii furmaata itti kennaa.

Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun yaadawwan hojii irra ooluu dandaʼan dabalataas qaba. Yaadawwan kana hojii irra oolchuuf ‘firiin hafuuraa, jechuunis jaalalli, gammachuun, nagaan, obsi, gaarummaan, dansummaan, amantiin, garraamummaanii fi of toʼachuun’ barbaachisaa dha. (Gal. 5:22, 23) Akkuma zayitiin maashiniin tokko sirriitti akka hojjetu godhu, amalawwan gaggaariin kunis nagaa uumuun akka nuuf salphatu godhu.

AMALA GARAA GARAA QABAACHUUN KEENYA BAREEDINA GUMII DABALA

Hundi keenya iyyuu amala garaa garaa qabna; kun immoo michummaan nuti waliif qabnu caalaatti kan namatti tolu akka taʼu godha. Haa taʼu malee, amala garaa garaa qabaachuun walitti buʼiinsi akka uumamu gochuus ni dandaʼa. Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko akkana jedheera: “Namni ija laafessa taʼe tokko, nama bilisummaadhaan dubbatutti dhihaachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Tarii garaa garummaan kun salphaa fakkaatus, rakkina cimaa fiduu dandaʼa.” Haa taʼu malee, namoonni amala matumaa wal hin fakkaanne qaban rakkinni gidduu isaaniitti akka hin uumamne gochuu ni dandaʼuu? Mee fakkeenya ergamoota lamaa haa ilaallu. Pheexiros nama akkamii ture? Nama bilisummaadhaan miira isaa ibsuu fi jarjaraa akka taʼe yaadda taʼa. Yohaannis hoo nama akkamii ture? Jaalala qabeessaa fi dubbiidhaanis taʼe gochaan kan of toʼatu akka taʼetti yaanna taʼa. Ergamoota kana ilaalchisee sababa itti akkana jennu qabna. Kanaaf amala garaa garaa kan qaban waan turan fakkaata. Taʼus, akka gaariitti wal faana hojjechaa turan. (HoE. 8:14; Gal. 2:9) Kanaafuu, yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni amala garaa garaa qaban, waliin hojjechuu ni dandaʼu jechuu dha.

Tarii gumii keessa namni dubbii fi gochi isaa si aarsu jiraachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kiristoos nama sanaafis akka duʼee fi atis isa jaallachuu akka qabdu hubatta. (Yoh. 13:34, 35; Rom. 5:6-8) Kanaaf michummaa nama sanaa wajjin qabdu hirʼisuu ykn guutummaatti dhaabuuf yaaluu mannaa akkana jedhii of gaafadhu: ‘Obboleessi koo wanta kallattiidhaan Kitaabni Qulqulluun dhorku raawwateeraa? Taʼe jedhee na miidhaa jiraa? Moo amala garaa garaa qabna?’ Kana malees, gaaffiin hunda caalaa iddoo guddaa qabu, ‘Amala gaarii inni qabu kam irraan faayidaa argachuu dandaʼa?’ kan jedhu dha.

Gaaffiin xumura irratti kaʼe kun baayʼee barbaachisaa dha. Namni sun baayʼee kan dubbatuu fi ati garuu kan callistu yoo taʼe, karaa namni sun tajaajila irratti maree itti jalqabu irratti yaadi. Tarii nama sanaa wajjin tajaajila baʼuudhaan irraa barachuu dandeessa. Inni yeroo baayʼee arjummaa kan argisiisu yoo taʼee fi ati garuu arjaa miti yoo taate, maaliif maanguddoota, warra dhukkubsatan ykn warra gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan gammachuu kennuun argamsiisu hin dhamdhamattu? Qabxiin isaa, amalawwan garaa garaa yoo qabaattan illee, atii fi obboleessi kee wantoota gaggaarii irratti xiyyeeffachuudhaan walitti dhihaachuu ni dandeessu kan jedhu dha. Kana gochuun kee tarii michoota akka waliif taatan gochuu dhiisuu dandaʼa; taʼus walitti isin dhiheessuu fi isin gidduuttis taʼe gumii keessatti nagaan akka dagaagu gochuu dandaʼa.

Ewodiyaa fi Sinxiikeen ilaalcha ykn amala garaa garaa qabu turan. Taʼus, Phaawulos ergamaan, “Gooftaa ilaalchisee yaada tokko akka qabaatan” isaan gorseera. (Filp. 4:2) Atoo akkuma isaanii tokkummaa qabaachuu fi gumii keessatti nagaa uumuuf carraaqaa jirtaa?

WALITTI BUʼIINSI AKKA ITTI FUFU HIN HEYYAMINAA

Abaaboo gidduutti aramaan yoo biqile akkuma goonu, warra kaaniif miirri gaarii hin taane yoo nutti dhagaʼame utuu rakkina cimaa hin geessisin buqqisuuf carraaquu qabna. Namni tokko garaa isaa keessatti jibbi dagaaguu yoo jalqabe, oolee bulee gumii irratti dhiibbaa fiduun isaa hin oolu. Yihowaa fi obboloota keenya kan jaallannu yoo taʼe, walitti buʼiinsi dhuunfaa nagaa saba Waaqayyoo akka booressus taʼe akka balleessu hin heyyamnu.

Gad of qabuudhaan nagaa uumuuf carraaqqii yoo goote, buʼaa gaarii argatta

Nagaa uumuuf jecha walitti buʼiinsa ykn garaa garummaa nu gidduutti uumame furuuf yoo yaalle buʼaa gaarii argachuu dandeenya. Muuxannoo Dhugaa Baatuu tokkoo ilaali. Akkana jetteetti: “Obboleettiin tokko akka mucaa xinnootti waan na ilaaltu natti fakkaate. Kun immoo baayʼee na aarse. Aariin koo dabalaa yommuu dhufu, ishii irraa fagaachuun jalqabe. ‘Waan ishiin na hin kabajneef, anis ishii hin kabaju’ jedheen yaade.”

Achiis Dhugaa Baatuun kun waaʼee gocha ishii yaaduu jalqabde. Akkana jetteetti: “Anis dadhabina akkan qabu hubachuun jalqabe; kanaan kan kaʼes baayʼeen ofitti gadde. Ilaalcha koo sirreessuu akkan qabun hubadhe. Dhimmicha ilaalchisee Yihowaa ergan kadhadhee booda, obboleettii sanaaf kennaa xinnoo kanan bite siʼa taʼu, ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu kootiif dhiifama akka naa gootu poostikaardii irratti barreesseen kenneef. Achiis wal hammanne; dhimmicha dhiisuufis walii galle. Sana booda rakkinni tokko iyyuu hin uumamne.”

Namoonni, nagaa baayʼee barbaadu. Haa taʼu malee, amalawwan iddoo isaanii fi ulfina isaanii tuqan yoo isaan mudatan, wanta nagaa booressuu dandaʼu raawwatu. Haalli kun namoota Yihowaa hin waaqeffanne gidduutti yeroo baayʼee uumama; taʼus, namoota isa waaqeffatan gidduutti nagaan dagaaguu qaba. Yihowaan Phaawulos akkana jedhee akka barreessu hafuura isaatiin isa geggeesseera: “Ani . . . waamicha isa itti waamamtanii wajjin haala wal simuun akka deddeebitan isin nan kadhadha; gad of qabuudhaan, garraamummaa hundumaan, obsaa fi jaalalaan waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa; hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.” (Efe. 4:1-3) “Hidhaa nagaa isa tokko godhu” inni jedhame gatii guddaa qaba. Hidhaa kana haa jabeessinu; akkasumas garaa garummaa nu gidduutti uumamuu dandaʼu hunda furuuf kutannoo haa goonu.