MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Waxabajjii 2017
Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Adoolessa 31 hanga Hagayya 27, 2017tti qoʼataman kan qabate dha.
Ni Yaadattaa?
Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali.
Yihowaan Rakkina Keenya Hunda Keessatti Nu Jajjabeessa
Kiristiyaanonni gaaʼelaa fi jireenya maatii keessatti rakkoowwan akkamiitu isaan mudata? Rakkoon akkasii si irra gaʼaa jira yoo taʼe, jajjabina Waaqayyo biraa argamu argachuu kan dandeessu akkamitti?
Garaan Keessan Qabeenya Hafuuraa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa
Qabeenyi bakka guddaa kennuufii qabnu isa kami dha? Akkas gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
Bifa Alaan Mulʼatu Irra Darbitee Ilaaluu ni Dandeessaa?
Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko nama karaa irra jiraatuu fi namaa wajjin walii hin galle tokko obsaan haasofsiisuu isaatiin buʼaa akkamiitu argame?
Walitti Buʼiinsa Hiikuudhaan Nagaa ni Uumtuu?
Namoonni nagaa argachuuf hawwii guddaa qabu. Taʼus, amalawwan iddoo isaanii fi ulfina isaanii tuqan yoo isaan mudatan, wanta nagaa booressuu dandaʼu raawwatu. Haala akkasii hambisuu kan dandeessu akkamitti?
“Hubannaa Kee Kana Nan Jajadha”
Jechoota kana kan dubbate Daawit isa bara duriitti ture wanta Abigaayiliin jajachuuf dubbate dha. Daawit akka ishii jajatu kan isa kakaase maali dha? Fakeenya ishii irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
Iji Keessan Dhimma Isa Guddaa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa
Dhimmi guddaan guutummaa ilmaan namootaa ilaallatu maali dha? Dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Ol Aantummaa Yihowaa Deggeraa!
Yihowaan bulchaa umama cufaa taʼuuf mirga kan qabu taʼuu isaa beekuun kee jireenya kee irratti jijjiirama akkamii fida?
Kana Beektaa?
Yesuus daldaltoota mana qulqullummaa keessatti beeyilada gurguraniin “saamtota” kan jedhe maaliifi?