MATA DUREE QOʼANNAA 48
Yeroo Rakkinaatti Yihowaan Akka Si Gargaaru Amani
“‘Jabaadhaa,’ . . . Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira.’”—HAG. 2:4.
FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”
QABIYYEE a
1-2. (a) Haalli keenyaa fi haalli Yihudoota gara Yerusaalemitti deebiʼanii kan wal fakkaatu akkamitti? (b) Rakkina Yihudoota kana mudate tokko tokko ibsi. (Saanduqa, “ Bara Haagee, Zakkaariyaasii fi Izraa” jedhu ilaali.)
YEROO tokko tokko waaʼeen gara fuulduraa si yaaddessaa? Tarii hojii kee waan dhabdeef, ‘Wanta maatii kootiif barbaachisu akkamittan dhiheessuu dandaʼa?’ jettee yaaddaʼaa jirta taʼa. Haala siyaasaa jijijjiiramuun, ariʼatamaan ykn mormiidhaan kan kaʼe nageenyi maatii keetii si yaaddessa taʼa. Rakkinni akkasii si mudachaa jiraa? Taanaan, Yihowaan Israaʼelonni durii yeroo rakkinni akkasii isaan mudatetti kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe beekuun kee si fayyada.
2 Yihudoonni Baabilon keessatti jireenya mijataa jiraachaa turan dhiisanii gara biyya hin beeknee deemuun amantii isaan gaafateera. Achi gaʼanii utuma baayʼee hin turin, rakkinni dinagdee, haalli siyaasaa jijijjiiramuu fi mormiin isaan mudateera. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa tokko tokko mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruurratti xiyyeeffachuun isaanitti ulfaatee ture. Kanaafuu, Yihowaan Dh.K.D. naannoo bara 520tti hinaaffaa sabichaa kakaasuuf raajota isaa lamaan Haagee fi Zakkaariyaasiin gara isaaniitti ergeera. (Hag. 1:1; Zak. 1:1) Akkuma itti aansuudhaan ilaallu jajjabinni raajonni kun kennan buʼaa gaarii argamsiiseera. Haa taʼu malee, gara waggaa 50 booda Yihudoonni biyya isaaniitti deebiʼan jajjabinni isaan barbaachisee ture. Kanaafuu, Izraan inni Seericha garagalchuurratti dandeettii guddaa qabu waaqeffannaa dhugaadhaaf dursa akka kennan saba Waaqayyoo jajjabeessuuf Baabilonii kaʼee gara Yerusaalem dhufe.—Iz. 7:1, 6.
3. Gaaffilee kamfaa ilaalla? (Fakkeenya 22:19)
3 Raajiiwwan Haagee fi Zakkaariyaas dubbatan, sabni Waaqayyoo yeroo mormiin isaan mudatetti Yihowaatti amanamuu isaanii akka itti fufan akkuma isaan gargaaran, yeroo harʼaattis haalli rakkisaan yeroo nu mudatu Yihowaatti amanamuu keenya akka itti fufnu nu gargaaru. (Fakkeenya 22:19 dubbisi.) Ergaa Waaqayyo karaa Haagee fi Zakkaariyaas kennee fi fakkeenya Izraa yeroo qorru gaaffilee armaan gadiitiif deebii arganna: Yihudoonni biyya isaaniitti deebiʼan rakkinni isaan mudate dhiibbaa kan isaanirratti godhe akkamitti? Yeroo rakkinaatti fedhii Yihowaa raawwachuurratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi? Yeroo akkasiitti amantii Yihowaarratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
RAKKOOWWAN YIHUDOOTARRATTI DHIIBBAA GODHAN
4-5. Yihudoonni yeroo mana qulqullummaa deebisanii ijaaraa turanitti hinaaffaa isaanii kan dhaban maaliif taʼuu dandaʼa?
4 Yihudoonni yeroo gara Yerusaalemitti deebiʼan hojii guddaatu isaan eeggata ture. Akkuma achi gaʼaniin iddoo aarsaa Yihowaa ijaaraniiru, akkasumas buʼuura mana qulqullummaa kaaʼaniiru. (Iz. 3:1-3, 10) Hinaaffaan isaanii kun garuu itti hin fufne. Maaliif? Ijaarsa mana qulqullummaatiin alattis wanta hojjetan hedduu qabu turan; mana ijaarrachuu, maasii isaanii qotuu fi maatii isaanii sooruu qabu turan. (Iz. 2:68, 70) Kana malees, diinonni isaanii hojii ijaarsa mana qulqullummaa dhaabsisuu barbaadan isaan mormu turan.—Iz. 4:1-5.
5 Yihudoonni boojuudhaa deebiʼan rakkinni dinagdee fi haalli siyaasaa jijijjiiramus dhiibbaa isaanirratti godheera. Amma biyyi isaanii bulchiinsa Faarsi jala jira. Mootii Faarsi kan taʼe Qiiros Dh.K.D. bara 530tti erga duʼee booda, Kaambiisas inni bakka isaa buʼee mootii taʼe Gibxiirratti duuluu barbaadee ture. Loltoonni isaa yeroo gara Gibxii deemaa turanitti nyaata, bishaanii fi iddoo buufatan Israaʼelota gaafachuu hin oolan; kunimmoo Israaʼelotatti caalaatti jireenyi akka ulfaatu akka godhu beekamaadha. Daariyos tokkoffaan Kaambiisasiin bakka buʼee bulchuu akkuma jalqabeen fincillii fi jeequmsi siyaasaa babalʼatee ture. Haalawwan kun Yihudoonni hedduun, ‘Wanta maatii kootiif barbaachisu dhiheessuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhanii akka yaaddaʼan akka godhan hin shakkisiisu. Yihudoonni tokko tokko rakkoowwan isaan mudatan kanaan kan kaʼe yeroon sun yeroo manni qulqullummaa Yihowaa itti ijaaramu akka hin taane isaanitti dhagaʼamee ture.—Hag. 1:2.
6. Zakkaariyaas 4:6, 7 irratti akka ibsametti, rakkoowwan Yihudoota mudatan kan biroon maalfaʼi? Zakkaariyaas hoo maal isaaniif mirkaneesse?
6 Zakkaariyaas 4:6, 7 dubbisi. Yihudoonni sun rakkina dinagdee fi jeequmsa siyaasaa malees ariʼatama dandamachuun isaan barbaachiseera. Dhaloota Kiristoos Dura, bara 522tti diinonni isaanii mootummaa Faarsi amansiisanii ijaarsi mana qulqullummaa Yihowaa akka dhaabbatu godhanii turan. Taʼus, Zakkaariyaas Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee gufuu isaan mudatu hundumaa isaan duraa akka kaasu Yihudootaaf mirkaneesseera. Daariyos Mootichis Dh.K.D. bara 520tti dhorkaa ijaarsa mana qulqullummaarra kaaʼamee ture ni kaase; kana qofa utuu hin taʼin deggersa maallaqaa isaaniif godheera, akkasumas akka isaan deggeran bulchitoota naannichaa ajajeera.—Iz. 6:1, 6-10.
7. Yihudoonni Yerusaalemitti deebiʼan yeroo fedhii Yihowaatiif dursa kennanitti eebba akkamii argatan?
7 Yihowaan Yihudoonni ijaarsa mana qulqullummaatiif dursa yoo kennan akka isaan deggeru karaa Haagee fi Zakkaariyaas waadaa isaaniif galeera. (Hag. 1:8, 13, 14; Zak. 1:3, 16) Isaanis wanta raajonni kun dubbataniin waan jajjabaataniif Dh.K.D. bara 520tti mana qulqullummaa ijaaruusaanii itti fufaniiru; ijaarsa sanas waggaa shan keessatti xumuruu dandaʼaniiru. Haala rakkisaa keessatti fedhii Yihowaatiif dursa waan kennaniif Yihowaan karaa foonii qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, gammachuudhaan Yihowaa waaqeffachuu dandaʼaniiru.—Iz. 6:14-16, 22.
FEDHII WAAQAYYOO RAAWWACHUURRATTI XIYYEEFFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
8. Yaanni Haagee 2:4 irratti argamu fedhii Waaqayyoorratti xiyyeeffachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Miiljalees ilaali.)
8 Rakkinni guddaan baayʼee waan dhihaateef, ajaja hojii lallabaarratti akka hirmaannu nuuf kenname hojiirra oolchuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. (Mar. 13:10) Haa taʼu malee, rakkinni maallaqaa yoo nu mudatee fi hojii lallabaarratti mormiin nurra gaʼaa jira yoo taʼe tajaajila keenyarratti xiyyeeffachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Hojii Mootummichaatiif dursa kennuuf maaltu nu gargaara? “Yihowaan Gooftaan Raayyaa” b nu cinaa akka jiru amantii qabaachuu keenyadha. Fedhii keenya caalaa fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu keenya kan itti fufnu yoo taʼe Yihowaan nu deggera. Kanaafuu, wanti nu sodaachisu hin jiru.—Haagee 2:4 dubbisi.
9-10. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko yaanni Yesuus Maatewos 6:33 irratti dubbate dhugaa taʼuusaa jireenya isaanii keessatti kan argan akkamitti?
9 Mee muuxannoo hiriyoota gaaʼelaa Oleegii c fi Iirinaa jedhamanii fi qajeelchitoota taʼanii tajaajilanii haa ilaallu. Gumii naannoo biraatti argamu gargaaruuf erga deemanii booda rakkina dinagdee biyya isaanii keessatti uumameen kan kaʼe hojii isaanii dhaban. Gara waggaa tokkootiif hojii dhaabbataa kan hin arganne taʼus, yeroo hunda Yihowaan akka isaan gargaaru isaanitti dhagaʼama ture; yeroo tokko tokko obboloota isaaniirraa gargaarsa ni argatu turan. Haala rakkisaa kana dandamachuuf maaltu isaani gargaare? Oleeg jalqabarratti baayʼee dhiphatee kan ture taʼus, “Tajaajilaan qabamuun keenya jireenya keenya keessatti wanta caalaatti barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuuf nu gargaareera” jedheera. Innii fi haati manaa isaa hojii barbaaduu isaanii kan itti fufan taʼus tajaajilarratti xiyyeeffataniiru.
10 Gaaf tokko tajaajilanii gara mana isaaniitti yeroo deebiʼan, michuun isaanii tokko gara kiilomeetira 160 imalee nyaata korojoo lama guutuu akka isaaniif fide hubatan. Oleeg akkana jedheera: “Guyyaa sana Yihowaanis taʼe obboloonni gumicha keessaa jiran hammam akka nuuf yaadan irra deebinee argineerra. Yihowaan haalli isaan keessa jiran abdii kan hin qabne fakkaatus yoomiyyuu tajaajiltoota isaa akka hin irraanfanne amantii guutuu qabna.”—Mat. 6:33.
11. Fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti yoo xiyyeeffanne maal eeguu dandeenya?
11 Yihowaan hojii barattoota gochuu isa lubbuu baraarurratti akka xiyyeeffannu barbaada. Keeyyata 7 irratti akka ibsametti Haageen sabni Yihowaa akkuma waan buʼuura mana qulqullummaa irra deebiʼanii kaaʼanitti hojicha akka haaraatti akka jalqaban isaan jajjabeesseera. Akkas yoo godhan, Yihowaan ‘eebba akka ergu’ waadaa galeera. (Hag. 2:18, 19) Hojii inni nuu kenneef dursa kan kenninu yoo taʼe, Yihowaan carraaqqii keenya akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
AMANTII YIHOWAARRATTI QABNU CIMSACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
12. Izraanii fi Yihudoonni isa wajjin turan amantii cimaa qabaachuun kan isaan barbaachise maaliif ture?
12 Dhaloota Kiristoos Booda, bara 468tti Izraan garee isa lammaffaa wajjin Baabilonii gara Yerusaalem dhufe. Izraa fi namoonni isaa wajjin jiran yeroo kanatti amantii cimaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. Warqii fi meetii ijaarsa mana qulqullummaatiif buusii godhame qabatanii karaa balaa qaburra imalaa turan. Tarii yeroo kanatti saamtotaaf salphaatti saaxilamuu dandaʼu turan. (Iz. 7:12-16; 8:31) Kana malees, haalli Yerusaalem keessa jiru gaarii hin turre. Namoonni magaalattii keessa jiraatan muraasadha; dallaawwanii fi karrawwan ishiis hin suphamne. Amantii Yihowaarratti qabnu cimsachuu ilaalchisee Izraarraa maal baranna?
13. Izraan amantii Yihowaarratti qabu kan cimsate akkamitti? (Miiljalees ilaali.)
13 Izraan yeroo qorumsaatti Yihowaan saba isaa akkamitti deggeraa akka ture argeera. Waggoota muraasa dura jechuunis, Dh.K.D. bara 484tti yeroo Ahaashweros Mootichi Yihudoonni bulchiinsa Faarsi keessa jiran akka balleeffaman labsii baasetti Izraan Baabilon keessa jiraachaa waan ture fakkaata. (As. 3:7, 13-15) Kanaafuu, yeroo sanatti lubbuun isaa balaadhaaf saaxilamee ture. Yihudoonni “koonyaa . . . hundumaa” keessa jiran labsii baʼe kana yeroo dhagaʼan soomuudhaan, akkasumas gadduudhaan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhachaa turan. (As. 4:3) Izraanii fi Yihudoonni kaan namoonni isaan balleessuuf shira xaxaa turan yeroo ajjeefamanitti maaltu akka isaanitti dhagaʼame yaadi. (As. 9:1, 2) Wanti Izraan yeroo rakkisaa taʼe kanatti arge qorumsa gara fuulduraatiif akka isa qopheessee fi dandeettii Yihowaan saba isaa eeguuf qaburratti amantii qabu akka isaaf cimse hin shakkisiisu. d
14. Obboleettiin takka yeroo rakkinaatti kunuunsa Yihowaa argachuu ishiitti maal baratte?
14 Yeroo rakkinaatti gargaarsa Yihowaa argachuun keenya amantii isarratti qabnu nuuf cimsa. Mee muuxannoo Anaastasiyaa ishii baha Awurooppaa keessa jiraattuu haa ilaallu. Siyaasarraa walaba taatee jiraachuuf jecha hojii ishii ni dhiiste. “Akka yeroo sanaa maallaqa rakkadhee hin beeku” jetteetti. Achiis itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Dhimmicha kadhannaadhaan Yihowaatti ergan himee booda inni akkamitti akka na kunuunse argeera. Gara fuulduraattis hojii yoon dhabe wanti na sodaachisu hin jiru. Abbaan koo inni samii harʼa na kunuunseera taanaan borus na kunuunsa.”
15. Izraan amantii Yihowaarratti qabu eeggachuuf maaltu isa gargaare? (Izraa 7:27, 28)
15 Izraan jireenya isaa keessatti harka Yihowaa argeera. Izraan yeroo garaa garaatti Yihowaan akkamitti akka isa gargaare xiinxaluun isaa amantii isarratti qabu akka isaaf cimse hin shakkisiisu. “Harki Waaqa koo Yihowaa anaa wajjin . . . ture” akka jedhe hubadhu. (Izraa 7:27, 28 dubbisi.) Izraan kitaaba maqaa isaatiin waamamu keessatti siʼa jaʼa akkas jedheera.—Iz. 7:6, 9; 8:18, 22, 31.
16. Jireenya keenya keessatti harka Waaqayyoo ifatti kan arginu haalawwan akkamii keessatti taʼuu dandaʼa? (Fakkichas ilaali.)
16 Yihowaan yeroo haalli rakkisaan nu mudatu nu gargaara. Fakkeenyaaf, walgaʼii naannoorratti argamuuf hogganaa keenya yeroo heyyama gaafannu ykn walgaʼii hundarratti argamuuf sagantaa hojii keenya akka nuuf sirreessu yeroo gaafannu jireenya keenya keessatti harka Yihowaa arguuf carraa arganna. Deebiin yeroo kanatti argannu baayʼee nu ajaaʼibuu dandaʼa. Kunimmoo amantiin Yihowaarratti qabnu caalaatti akka cimu godha.
17. Izraan yeroo rakkisaa taʼetti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)
17 Izraan gad of qabuudhaan Yihowaan akka isa gargaaru kadhateera. Izraan itti gaafatamummaan isaaf kenname humna isaatii ol akka taʼe yeroo isatti dhagaʼametti gad of qabuudhaan Yihowaa kadhateera. (Iz. 8:21-23; 9:3-5) Izraan Yihowaatti waan amanameef, warri kaan isa deggeruu fi fakkeenya isaa hordofuuf kakaʼaniiru. (Iz. 10:1-4) Waaʼeen wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii ykn waaʼeen nageenya maatii keenyaa yeroo baayʼee nu yaaddessutti kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun keenya barbaachisaadha.
18. Amantii Yihowaarratti qabnu guddifachuuf maaltu nu gargaara?
18 Gad of qabuudhaan Yihowaa gargaarsa yoo gaafannee fi deggersa obboloonni keenya nuuf godhan yoo fudhanne amantiin Yihowaarratti qabnu ni guddata. Haadha ijoollee sadii kan taate Erikaan yeroo rakkinni baayʼee ulfaataa taʼe ishii mudatetti amantii Yihowaarratti qabdu eeggattee itti fufteetti. Daaʼimni garaa ishii keessa jirtu duutee utuma baayʼee hin turin, abbaa manaa ishii jaallattu duʼaan dhabde. Rakkina ishiirra gaʼe kana ilaalchisee akkana jetteetti: “Yihowaan akkamitti akka si gargaaru dursitee beekuu hin dandeessu. Karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen gargaarsa argachuu dandeessa. Karaa wanta michoonni koo dubbatanii ykn raawwatanii kadhannaa koo hedduudhaaf deebii akkan argadhe hubadheera. Michoota kootti miira natti dhagaʼamu ifatti himuun koo na gargaaruun akka isaaniif salphatu godha.”
HAMMA DHUMAATTI YIHOWAATTI AMANAMUU
19-20. Yihudoota gara Yerusaalemitti deebiʼuu hin dandeenyerraa maal baranna?
19 Yihudoota gara Yerusaalemitti deebiʼuu hin dandeenyerraas barumsa guddaa argachuu dandeenya. Isaan keessaa tokko tokko deebiʼuu kan hin dandeenye dullumaan, dhukkuba cimaadhaan ykn itti gaafatamummaa maatii isaanii keessatti qabaniin kan kaʼe taʼuu dandaʼa. Taʼus, buusii gochuudhaan warra deebiʼan deggeraniiru. (Iz. 1:5, 6) Yihudoonni jalqabaa gara Yerusaalemitti deebiʼanii gara waggaa 19 boodallee namoonni Baabilonitti hafan gara Yerusaalemitti kennaa erguu isaanii kan itti fufan fakkaata.—Zak. 6:10.
20 Wanti tajaajila isaa keessatti raawwannu daangeffamaa akka taʼe yoo nutti dhagaʼamellee, Yihowaan carraaqqii garaadhaa isa gammachiisuuf goonu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana akkamitti beekna? Bara Zakkaariyaasitti Yihowaan warqii fi meetii boojiʼamtoonni Baabilon keessa jiran erganirraa gonfoo tokko akka tolchu raajii isaa kanatti himee ture. (Zak. 6:11) “Gonfoon guddichi” kun buusii arjummaadhaan godhaniif akka “yaadannootti” tajaajila ture. (Zak. 6:14, milj.) Yihowaan yeroo rakkisaa taʼe keessatti carraaqqii garaadhaa isa tajaajiluuf goone matumaa akka hin irraanfanne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 6:10.
21. Yeroo gara fuulduraa amantiidhaan eeggachuuf maaltu nu gargaara?
21 Guyyoota dhumaa kana keessatti rakkinni nu mudachuun isaa akka hin oolle beekna; gara fuulduraatti haalli amma jiru caalaatti hammaachuuyyuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1, 13) Haa taʼu malee, garmalee yaaddaʼuun nu hin barbaachisu. Wanta Yihowaan bara Haageetti saba isaatiin jedhe kana yaadadhu: “Ani isinii wajjinan jira . . . Hin sodaatinaa.” (Hag. 2:4, 5) Nutis fedhii isaa raawwachuuf wanta dandeenyu hunda hamma goonetti Yihowaan nu wajjin akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Barumsa raajiiwwan Haagee fi Zakkaariyaas dubbatanii fi fakkeenya Izraarraa arganne hojiirra oolchuudhaan, gara fuulduraatti haalli rakkisaan akkamiiyyuu yoo nu mudate amantii Yihowaarratti qabnu eeggannee itti fufuu ni dandeenya.
FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!
a Mata dureen kun rakkina diinagdee, haala siyaasaa jijijjiiramu, ariʼatamaa fi mormiidhaan kan kaʼe yeroo rakkinni nurra gaʼu amantii Yihowaarratti qabnu akka cimsannu nu gargaaruuf qophaaʼe.
b Yaanni, “Yihowaa Gooftaa Raayyaa” jedhu kitaaba Haagee keessatti siʼa 14 ibsameera; kunis Yihowaan humna daangaa hin qabne akka qabuu fi raayyaa uumamawwan hafuuraa baayʼee guddaa taʼe akka ajaju Yihudoota yaadachiiseera; yaanni kun nutis kana akka yaadannu nu gargaara.—Far. 103:20, 21.
c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
d Izraan nama Seera Waaqayyoo garagalchuurratti dandeettii guddaa qabu waan taʼeef, gara Yerusaalem deemuu isaa durayyuu raajii Yihowaarratti amantii cimaa qaba ture.—2 Sen. 36:22, 23; Iz. 7:6, 9, 10; Er. 29:14.
e IBSA FAKKII: Obboleessi tokko walgaʼii guddaarratti argamuuf heyyama akka isaaf kennu hogganaa isaa gaafachaa jira; hogganaan isaa garuu isa dide. Yihowaan akka isa gargaaruu fi akka isa qajeelchu kadhachaa fi hogganaa isaa irra deebiʼee haasofsiisuuf qophaaʼaa jira. Hogganaa isaatti waraqaa affeerrii walgaʼichaa itti argisiisaa fi faayidaa barumsi Kitaaba Qulqulluu qabu ibsaafii jira. Hogganaan isaas kanatti ajaaʼibsiifamee murtoo isaarratti deebiʼee yaadaa jira.