Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 32

FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

Yihowaan Hundumtuu Yaada Akka Geddaratan Barbaada

Yihowaan Hundumtuu Yaada Akka Geddaratan Barbaada

‘Yihowaan hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’2 PHE. 3:9.

YAADA IJOO

Yaada geddarachuu jechuun maal jechuu akka taʼe, barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi Yihowaan namoonni yaada akka geddaratan kan gargaare akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Yaada geddarachuun maal dabalata?

 DOGOGGORA tokko yeroo raawwannu yaada geddarachuun keenya barbaachisaadha. Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti, namni tokko yeroo yaada geddaratu ilaalcha gocha taʼe tokkoof qabu ni jijjiira, gocha sana raawwachuusaa ni dhiisa, akkasumas akka irra hin deebine kutata.—Ibsa Jechootaa, “Yaada geddarachuu” jedhu ilaali.

2. Hundi keenyayyuu waaʼee yaada geddarachuu beekuun kan nu barbaachisu maaliifi? (Nahimiyaa 8:9-11)

2 Namni lubbuudhaan jiru hundi waaʼee yaada geddarachuu beekuun isa barbaachisa. Maaliif? Hundi keenyayyuu guyyaa guyyaadhaan cubbuu waan hojjennuufi. Sanyii Addaamii fi Hewaan waan taaneef hundi keenyayyuu cubbuu fi duʼa dhaalleerra. (Rom. 3:23; 5:12) Namni kana jalaa miliqu hin jiru. Namoonni amantii guddaa qaban kanneen akka Phaawulos ergamaa jiranillee cubbuu wajjin walʼaansoo godhaniiru. (Rom. 7:21-24) Kana jechuun garuu, cubbuu dhaalleen kan kaʼe yeroo hunda gadduu qabna jechuudhaa? Akkas jechuu miti; Yihowaan araara qabeessa waan taʼeef gammadoo akka taanu barbaada. Mee waaʼee Yihudoota bara Nahimiyaa turanii haa ilaallu. (Nahimiyaa 8:9-11 dubbisi.) Yihowaan cubbuu duraan raawwataniin kan kaʼe gaddaan akka liqimfaman hin barbaanne; kanaa mannaa, waaqeffannaa isaaf dhiheessanitti akka gammadan barbaadee ture. Yihowaan yaada geddarachuun gammachuu akka argamsiisu beeka. Waaʼee kanaa kan nu barsiisu kanaafi. Cubbuu keenyarraa yoo yaada geddaranne Abbaan keenya inni araara qabeessa taʼe dhiifama akka nuuf godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mee waaʼee yaada geddarachuu caalaatti haa ilaallu. Mata duree kana keessatti wantoota sadiirratti mariʼanna. Jalqaba, Yihowaan yaada geddarachuu ilaalchisee Israaʼelota maal akka barsiise ilaalla. Achiis, Yihowaan cubbamoonni yaada akka geddaratan kan gargaaru akkamitti akka taʼe mariʼanna. Dhumarrattis, duuka buutonni Yesuus yaada geddarachuu ilaalchisee maal akka baratan ilaalla.

YIHOWAAN YAADA GEDDARACHUU ILAALCHISEE ISRAAʼELOTA MAAL BARSIISE?

4. Yihowaan yaada geddarachuu ilaalchisee Israaʼelota maal barsiise?

4 Yihowaan saba Israaʼel yeroo gurmeessetti isaan wajjin kakuu galee, jechuunis walii galtee godhee ture. Isaan seerasaatiif yoo ajajaman innis isaan eega, akkasumas isaan eebbisa. Seerasaa ilaalchisee, “Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti” isaaniin jedheera. (Kes. 30:11, 16) Waaqolii kan biroo waaqeffachuuf filachuudhaan yoo isarratti fincilan garuu, eebbasaa isaan dhowwata, akkasumas ni rakkatu. Taʼus, sana boodallee deebiʼanii Waaqayyo biratti fudhatama argachuu ni dandaʼu. ‘Gara Waaqa isaanii Yihowaatti deebiʼuu fi sagalee isaa dhagaʼuu’ ni dandaʼu. (Kes. 30:1-3, 17-20) Jechuunis, yaada geddarachuu ni dandaʼu. Akkas yoo godhan, Yihowaan isaanitti dhihaata, akkasumas deebiʼee isaan eebbisa.

5. Yihowaan sabasaatti akka abdii hin kutanne kan argisiise akkamitti? (2 Mootota 17:13, 14)

5 Sabni Yihowaan filate kun irra deddeebiʼee isarratti fincileera. Waaqolii tolfamoo waaqeffachaa fi gochawwan suukanneessaa taʼan raawwachaa turan. Kanaan kan kaʼes rakkinarra buʼaniiru. Taʼus, Yihowaan abdii isaanitti hin kutanne. Yaada akka geddaratanii fi garasaatti akka deebiʼan isaan jajjabeessuuf irra deddeebiʼee raajotasaa gara isaanitti ergeera.— 2 Mootota 17:13, 14 dubbisi.

6. Yihowaan yaada geddarachuun hammam barbaachisaa akka taʼe sabasaa barsiisuuf raajotasaatti kan fayyadame akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

6 Yihowaan yeroo baayʼee sabasaa akeekkachiisuu fi sirreessuuf raajotasaatti fayyadameera. Fakkeenyaaf, karaa Ermiyaas akkana isaaniin jedheera: “Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi . . . Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu . . . Ani bara baraaf hin mufadhu. Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu.” (Er. 3:12, 13) Yihowaan Yooʼelitti fayyadamee, “Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedheera. (Yoe. 2:12, 13) Isaayyaas, “Of qulqulleessaa; gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa; wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa” jedhee akka labsu godheera. (Isa. 1:16-19) Karaa Hisqiʼelis akkana jedhee isaan gaafateera: “Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa? Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii? . . . Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu. Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa.” (His. 18:23, 32) Yihowaan barabaraaf akka jiraatan waan barbaaduuf, yeroo namoonni yaada geddaratan baayʼee gammada! Haa taʼu malee, Yihowaan namoota cubbamoota taʼan gargaaruuf hamma yaada geddaratanitti hin eegu. Mee fakkeenyota kana argisiisan muraasa haa ilaallu.

Yihowaan sabasaa ajajamoo hin taane yaada akka geddaratan jajjabeessuuf raajotasaa irra deddeebiʼee ergeera (Keeyyata 6-7 ilaali)


7. Yihowaan seenaa Hoseʼaa fi haadha manaa isaatti fayyadamee sabasaa maal barsiiseera?

7 Yihowaan seenaa Gomeer ishii haadha manaa Hoseʼaa raajichaa taatetti fayyadamee sabasaa maal akka barsiise hubadhu. Gomeer ejja erga raawwattee booda nama kan biraa jaallattee Hoseʼaa dhiistee deemte. Maarree, kana booda gargaarsa argachuu hin dandeessu jechuudhaa? Yihowaan inni garaa namaa ilaalu Hoseʼaadhaan akkana jedheera: “Akkuma Yihowaan utuma isaan waaqolii kan birootti garagalanii . . . jiranii saba Israaʼel jaallatetti, dhaqiitii ammas dubartii dhiirri kan biraan jaallatee fi ejja raawwattu sana jaalladhu.” (Hos. 3:1; Fak. 16:2) Haati manaa Hoseʼaa ammayyuu cubbuu cimaa raawwachaa akka jirtu hubadhu. Taʼus, Yihowaan gara ishii deemee dhiifama akka ishiidhaaf godhuu fi deebiʼee ishii wajjin akka jiraatu Hoseʼaatti himeera. a Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan sabasaa mata jabeeyyii taʼanitti abdii hin kutanne. Cubbuuwwan ciccimoo raawwachaa kan turan taʼus, isaan jaallachuusaa, akkasumas yaada akka geddaratanii fi daandiisaanii akka jijjiirratan isaan gargaaruusaa itti fufeera. Maarree, fakkeenyi kun Yihowaan inni ‘garaa namaa qoru’ namoonni ammayyuu cubbuu cimaa hojjechaa jiran yaada akka geddaratan gargaaruuf akka yaalu argisiisaa? (Fak. 17:3) Mee haa ilaallu.

YIHOWAAN YAADA AKKA GEDDARATAN NAMOOTA KAN GARGAARU AKKAMITTI?

8. Yihowaan Qaayin yaada akka geddaratu gargaaruuf maal godheera? (Uumama 4:3-7) (Fakkichas ilaali.)

8 Qaayin ilma angafaa Addaam fi Hewaani. Warrasaarraa cubbuu dhaaleera. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, ‘hojiin isaa hamaa akka taʼe’ dubbata. (1 Yoh. 3:12) Tarii Yihowaan, yeroo inni aarsaa dhiheessetti “Qaayinii fi aarsaa isaa gammachuudhaan [kan] hin ilaalle” kanaaf taʼuu dandaʼa. Qaayin sirreeffama gochuu mannaa, “aaree bobaʼe, ni gaddes.” Maarree, Yihowaan yeroo kanatti maal godhe? Isa haasofsiise. (Uumama 4:3-7 dubbisi.) Yihowaan wanta gaarii yoo godhe akka isa eebbisu gaarummaadhaan isatti himeera, aariinsaa wanta hamaa taʼe raawwachuutti akka isa geessus isa akeekkachiiseera. Kan nama gaddisiisu, Qaayin dhagaʼuu dide. Yihowaan yaada geddarachuuf akka isa gargaaru hin heyyamne. Maarree, Yihowaan sana booda cubbamoonni kan biroon yaada akka geddaratan gargaaruuf yaaluusaa dhiiseeraa? Matumaa!

Yihowaan wanta gaarii yoo godhe akka isa eebbisu gaarummaadhaan Qaayinitti himeera, aariinsaa wanta hamaa taʼe raawwachuutti akka isa geessus isa akeekkachiiseera (Keeyyata 8 ilaali)


9. Yihowaan Daawit yaada akka geddaratu kan gargaare akkamitti?

9 Yihowaan Daawit Mooticha baayʼee jaallata. “Nama akka garaa koo taʼe” jedhee isa waameera. (HoE. 13:22) Taʼus, Daawit ejjaa fi ajjeechaa dabalatee cubbuuwwan ciccimoo raawwateera. Akka Seerri Musee ajajutti Daawit ajjeefamuu qaba ture. (Lew. 20:10; Lak. 35:31) Taʼus, Yihowaan isa gargaaruuf gaarummaadhaan tarkaanfii fudhateera. b Daawit mallattoo yaada akka geddarate argisiisu tokkollee kan hin argisiisne taʼus, Naataan raajicha garasaatti ergeera. Naataan fakkeenya garaa Daawit tuqutti fayyadameera. Daawit garaansaa baayʼee waan tuqameef yaada geddarateera. (2 Sam. 12:1-14) Faarfannaa garaadhaa maddee fi miira yeroo sanatti isatti dhagaʼame ibsu barreesseera. (Far. 51, ibsa jalqaba boqonnaarra jiru) Faarfannaan kun cubbamoota hedduu jajjabeessuudhaan yaada akka geddaratan kakaaseera. Yihowaan jaalalaan kakaʼee tajaajilaansaa Daawit yaada akka geddaratu gargaaruunsaa nu hin gammachiisuu?

10. Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif kan obsuu fi dhiifama kan godhu taʼuunsaa maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

10 Yihowaan cubbuu kamiyyuu ni jibba. (Far. 5:4, 5) Haa taʼu malee, hundi keenya cubbamoota akka taane waan beekuuf, walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti nu gargaaruu barbaada. Yeroo hunda namoonni cubbuu garmalee cimaa taʼe hojjetanillee yaada akka geddaratanii fi akka isatti dhihaatan gargaaruuf yaala. Kana beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Obsaa fi dhiifama Yihowaan argisiisurratti yeroo xiinxallu, isaaf amanamoo taanee itti fufuu fi yeroo cubbuu hojjennutti dafnee yaada geddarachuuf kakaana. Gumiin Kiristiyaanaa yaada geddarachuu ilaalchisee wanta dabalataa kan barsiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

DUUKA BUUTONNI YESUUS YAADA GEDDARACHUU ILAALCHISEE MAAL BARATANIIRU?

11-12. Yesuus dhiifama Abbaansaa godhu ilaalchisee dhaggeeffattootasaa maal barsiise? (Fakkii jiru ilaali.)

11 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti Masiihichi ni dhufe. Mata duree darberratti akkuma ilaalle, Yihowaan Yohaannis Cuuphaa fi Yesuus Kiristoositti fayyadamee yaada geddarachuun hammam barbaachisaa akka taʼe namoota barsiiseera.—Mat. 3:1, 2; 4:17.

12 Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti Abbaansaa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuusaa namoota barsiiseera. Yesuus waaʼee kanaa barsiisuuf fakkeenya waaʼee ilma badee ibsutti fayyadameera. Dargaggeessi kun yeroo muraasaaf daandii cubbuu hordofuuf filatee ture. Taʼus, “qalbii isaatti [deebiʼee]” gara manasaatti deebiʼe. Abbaansaa maal godhe? Yesuus akka ibsetti “utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa raafame; fiigee isatti maramees isa dhungate.” Mucaan kun tajaajiltootasaa keessaa akka isa tokkootti akka isa ilaalu gaafatee kan ture taʼus, abbaansaa “ilmi koo kun” jedhee isa waameera, akkasumas iddoo maaticha keessatti qabutti isa deebiseera. Abbaansaa waaʼee ilmasaa kanaa yeroo dubbatu, “Badee ture, amma garuu argameera” jedheera. (Luq. 15:11-32) Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura, yeroo abbaansaa cubbamoota yaada geddaratan hedduutti gara laafina argisiisu ilaalaa akka ture ifadha. Karaan Yesuus Abbaa keenya Yihowaa isa araara qabeessa taʼe itti ibse garaa namaa kan tuquu fi kan nama jajjabeessudha!

Abbaan fakkeenya Yesuus ilma bade ilaalchisee dubbaterratti ibsame ilmasaa ajajamuu didee turee fi gara manaatti deebiʼe hammachuuf fiigaa jira. (Keeyyata 11-12 ilaali)


13-14. Pheexiros ergamaan yaada geddarachuu ilaalchisee maal barate? Innoo waaʼee yaada geddarachuu warra kaan maal barsiise? (Fakkichas ilaali.)

13 Pheexiros ergamaan yaada geddarachuu fi dhiifama Yihowaa ilaalchisee Yesuusirraa barumsa guddaa argateera. Pheexiros yeroo baayʼee dhiifamni Yesuus isa barbaachiseera, Yesuusis gaarummaadhaan dhiifama isaaf godheera. Fakkeenyaaf, Pheexiros siʼa sadii Gooftaasaa erga ganee booda miira balleessaa cimaa taʼeen liqimfamee ture. (Mat. 26:34, 35, 69-75) Taʼus, Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirositti kophaatti mulʼateera. (Luq. 24:33, 34; 1 Qor. 15:3-5) Yeroo kanatti Yesuus ergamaasaa yaada geddarate kanaaf jaalalaan kakaʼee dhiifama akka godhe ifadha.—Mar. 16:7.

14 Pheexiros muuxannoosaarraa kaʼuudhaan waaʼee yaada geddarachuu fi dhiifama argachuu warra kaan barsiisuu ni dandaʼa. Ayyaana Phenxeqosxee booda Pheexiros Yihudoota hin amanneef haasaa akka isaan Masiihicha ajjeesan ibsu isaaniif dhiheessee ture. Taʼus, jaalalaan kakaʼee akkana jedhee isaan jajjabeesseera: “Kanaafuu, cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas; Yihowaa biraa yeroon haareffamuu isiniif ni dhufa.” (HoE. 3:14, 15, 17, 19) Pheexiros karaa kanaan cubbamaan tokko yaada geddarachuunsaa deebiʼuuf, jechuunis yaadaa fi gocha dogoggoraa dhiisee Waaqayyoon gammachiisuuf akka isa kakaasu ifa godheera. Yihowaan cubbuusaanii akka isaaniif haqu ykn guutummaatti akka balleessus ibseera. Waggoota hedduu booda Pheexiros Kiristiyaanotaan, “Yihowaan . . . hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef isiniif jedhee obsa” jedheera. (2 Phe. 3:9) Yihowaan cubbuu cimaa yoo hojjennellee hamma yaada geddarannetti dhiifama akka nuuf godhu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa!

Yesuus jaalalaan kakaʼee ergamaasaa yaada geddarateef dhiifama godheera, akkasumas isa jajjabeesseera (Keeyyata 13-14 ilaali)


15-16. (a) Phaawulos ergamaan waaʼee dhiifama argachuu maal barate? (1 Ximotewos 1:12-15) (b) Mata duree ittaanurratti maal ilaalla?

15 Saaʼol inni biyya Xarsees dogoggora hedduu raawwateera. Duuka buutota Kiristoos gara jabinaan ariʼachaa ture. Kiristiyaanonni hedduun nama yaada geddarachuu hin dandeenye akka taʼetti isa ilaaluu hin oolan. Yesuus inni duʼaa kaafame garuu Saaʼol jijjiiramuu fi yaada geddarachuu akka dandaʼu beeka. Innii fi Abbaansaa amaloota gaggaarii Saaʼol qabu arganiiru. Yesuus, ‘Namni kun miʼa anaaf filatame dha’ jedheera. (HoE. 9:15) Yesuus Saaʼol yaada akka geddaratu gochuuf dinqii raawwateera. (HoE. 7:58–8:3; 9:1-9, 17-20) Saaʼol inni Kiristiyaana erga taʼee booda Phaawulos ergamaa jedhamee beekamu gaarummaa fi araara argate akka dinqisiifatu irra deddeebiʼee dubbateera. (1 Ximotewos 1:12-15 dubbisi.) Ergamaan kun, “Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa [jira]” jedhee barsiiseera.—Rom. 2:4.

16 Phaawulos gumii Qorontos keessatti halalummaan akka raawwatame yeroo dhagaʼetti dhimmicha kan qabe akkamitti? Karaa inni dhimma kana itti qaberraa, Yihowaan tajaajiltootasaa kan adabu jaalalaan akka taʼee fi yeroo yaada geddaratan araara akka isaanitti argisiisu baranna; fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. Mata duree ittaanurratti seenaa kana gadi fageenyaan qorra.

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

a Kun haala adda taʼedha. Yeroo harʼaatti, Yihowaan namni tokko hiriyaan gaaʼelaasaa ejja yoo raawwatte wajjin jiraachuusaa akka itti fufu isarraa hin eegu. Yihowaan abbaan manaa ykn haati manaa tokko hiriyaan gaaʼelaasaanii ejja yoo raawwate yoo barbaadan hiikuu akka dandaʼan jaalalaan kakaʼee karaa Ilmasaa qajeelfama kenneera.—Mat. 5:32; 19:9.