Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADAWWAN QOʼANNAADHAAF TAʼAN

Namoonni Karaa Hafuuraa Cimoo Taʼan Murtoo Gaarii Godhu

Namoonni Karaa Hafuuraa Cimoo Taʼan Murtoo Gaarii Godhu

Esaawuu fi Yaaqoob murtoo gaarii gochuu fi dhiisuusaanii ilaaluuf Uumama 25:29-34 dubbisi.

Yaada naannoosaa jiru gadi fageenyaan qori. Sana dura maaltu taʼe? (Uma. 25:20-28) Sana booda maaltu taʼe?—Uma. 27:1-46.

Ibsa balʼaa argachuuf qorannaa godhi. Bara sanatti ilmi angafaa mirgootaa fi dirqamawwan akkamii qaba ture?—Uma. 18:18, 19; w10-AM 5/1 13.

  • Namni tokko abaabilee Masiihichaa taʼuuf ilma angafaa taʼuu qabaa? (w17.12 14-15)

Barumsa argatterratti yaadi, achiis hojiirra oolchi. Yaaqoob Esaawu caalaa mirga angafummatiif iddoo guddaa kan kenne maaliifi? (Ibr. 12:16, 17; w03-AM 10/15 28-29) Yihowaan obbolaa lamaan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame? Maaliif? (Mil. 1:2, 3) Esaawu murtoo gaarii gochuuf wanta kanarraa adda taʼe akkamii gochuu dandaʼa ture?

  • ‘Waaqeffannaa maatii dabalatee, sagantaa torbanii yeroon baafadhu wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akkan qabu argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu.