Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 12

FAARFANNAA 77 Ifa Addunyaa Dukkanaaʼaa Keessatti Ifu

Dukkanarraa Fagaachuudhaan Ifa Keessa Jiraadhaa

Dukkanarraa Fagaachuudhaan Ifa Keessa Jiraadhaa

“Yeroo tokkotti dukkana turtan; amma garuu . . . ifa taataniittu.”EFE. 5:8.

YAADA IJOO

Yaada Phaawulos Efesoon boqonnaa 5 irratti dukkanaa fi ifa jechuudhaan ibserraa maal akka barannu ilaalla.

1-2. (a) Phaawulos warra Efesooniif xalayaa kan barreesse haala akkamii keessattidha? Kan barreessehoo maaliifi? (b) Gaaffilee kamfaa qorra?

 PHAAWULOS Roomaatti yeroo mana isaa keessatti hidhamee turetti obboloota isaa jajjabeessuu barbaadee ture. Dhaqee isaan gaafachuu waan hin dandeenyeef xalayaa isaaniif barreesse; xalayaawwan kana keessaa tokko xalayaa warra Efesooniif barreessedha. Kan barreesses Dh.K.B. naannoo bara 60 ykn 61​tti ture.—Efe. 1:1; 4:1.

2 Phaawulos gara waggaa kudhanii booda Efesoon keessatti misiraachicha lallabuu fi barsiisuudhaan yeroo muraasa dabarse. (HoE. 19:1, 8-10; 20:20, 21) Obboloota isaa waan jaallatuuf Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan gargaaruu barbaadee ture. Garuu, waaʼee dukkanaa fi ifaa Kiristiyaanota dibamoodhaaf kan barreesse maaliifi? Kiristiyaanonni hundi gorsa kanarraa barumsa akkamii argatu? Mee deebii gaaffilee kanaa haa qorru.

DUKKANARRAA GARA IFAATTI

3. Phaawulos xalayaa warra Efesooniif barreesserratti jechoota akkamiitti fayyadame?

3 Phaawulos Kiristiyaanota Efesoon keessa jiraataniif “Isin yeroo tokkotti dukkana turtan; amma garuu . . . ifa taataniittu” jedhee barreessee ture. (Efe. 5:8) Phaawulos jechoota ifaa fi dukkana jedhan kan fayyadame yaada wal faallessu ibsuufi. Phaawulos obboloonni Efesoon keessa jiran “yeroo tokkotti dukkana” akka turan kan dubbate maaliif akka taʼe haa ilaallu.

4. Warri Efesoon karaa amantaa dukkana keessa kan taʼan akkamitti?

4 Karaa amantaa dukkana keessa jiraachuu. Warri Efesoon dhugaa baratanii Kiristiyaanota taʼuusaanii dura garbummaa amantaa sobaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo jala turan. Magaalaa Efesoon keessa manni qulqullummaa Arxemiis inni beekamaa taʼe jira; manni qulqullummaa kun bara duriitti ijaarsawwan guguddaa addunyaarratti beekamoo taʼan torban keessaa tokko akka taʼetti ilaalama ture. Gara mana qulqullummaa sanaa kan dhaqan waaqolii tolfamoo waaqeffachuufi. Ogeeyyiin harkaa fakkiiwwan mana qulqullummaa Arxemiis hojjetanii gurguruudhaan galii hedduu argatu turan. (HoE. 19:23-27) Namoonni magaalattii gargaarsa jinniiwwaniitiin waa hojjechuudhaan beekamu turan.—HoE. 19:19.

5. Namoonni Efesoon karaa naamusaa dukkana keessa kan turan akkamitti?

5 Karaa naamusaa dukkana keessa jiraachuu. Namoonni Efesoon gocha naamusaan ala taʼee fi addaggumaadhaan beekamu turan. Taphawwan tiyaatiraa fi ayyaanota isaaniirratti dhihaatan yeroo baayʼee waaʼee saalqunnamtii kan ibsan turan. (Efe. 5:3) Jiraattonni ishii hedduun, ‘miirri naamusaa isaanii guutummaatti hadoodeera.’ (Efe. 4:17-19) Warri Efesoon wanti sirrii ykn dogoggora taʼe maal akka taʼe barachuu isaanii dura qalbiin isaanii isaan hin ceephaʼu ture ykn Yihowaa duratti akka itti gaafataman isaanitti hin dhagaʼamu ture. Phaawulos, “Sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru” jedhee kan barreesse kanaafi.

6. Phaawulos warra Efesooniin “amma . . . ifa taataniittu” kan jedhe maaliifi?

6 Namoonni Efesoon tokko tokko garuu dukkana keessaa baʼaniiru. Phaawulos, “amma . . . Gooftaa wajjin haala wal qabateen ifa taataniittu” jedhee isaaniif barreesseera. (Efe. 5:8) Ifa dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhataniiru. (Far. 119:105) Warri Efesoon gochawwan amantaa sobaa fi gochawwan naamusaan ala taʼan raawwachuurraa fagaataniiru. ‘Waaqayyoon kan fakkaatan taʼaniiru,’ akkasumas Yihowaa waaqeffachuu fi isa gammachiisuuf wanta dandaʼan gochaa turan.—Efe. 5:1.

7. Haalli keessa jirru haala Kiristiyaanonni Efesoon hedduun keessa jiraachaa turan wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini?

7 Haaluma wal fakkaatuun, dhugaa barachuu keenya dura karaa amantaa fi karaa naamusaa dukkana keessa turre. Nu keessaa tokko tokko ayyaanota amantaa sobaa kabajaa turre; kaanimmoo jireenya naamusaan ala taʼe jiraachaa turre. Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase yeroo barannetti garuu jijjiirama goone. Jireenya keenya ulaagaalee qajeelinaasaa wajjin walsimsiisuuf carraaqqii gochuu jalqabne. Kunis faayidaa hedduu nuuf argamsiiseera. (Isa. 48:17) Taʼus, ammayyuu haalli rakkisaan nu mudachaa jira. Dukkana keessaa baane sanarraa fagaachuu fi ‘akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keenya itti fufuu’ qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Image digitally reproduced with the permission of the Papyrology Collection, Graduate Library, University of Michigan, P.Mich.inv. 6238. Licensed under CC by 3.0

Wanti Phaawulos warra Efesooniif barreesse gorsa jaalalarratti hundaaʼee fi yeroo harʼaatti hojiirra oolchuu dandeenyudha (Keeyyata 7 ilaali) b


DUKKANARRAA FAGAADHU

8. Efesoon 5:3-5 irratti akka ibsametti, warri Efesoon maalirraa fagaachuu qabu turan?

8 Efesoon 5:3-5 dubbisi. Kiristiyaanonni Efesoon karaa naamusaa dukkanarraa fagaachuuf wanta Yihowaa gaddisiisu jibbuu isaanii itti fufuu qabu turan. Kunis gocha halalummaarraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, haasaa jibbisiisaarraas fagaachuu dabalata. Phaawulos, warri Efesoon “Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala” argachuu yoo barbaadan wantoota akkasiirraa fagaachuun akka isaan barbaachisu isaan yaadachiiseera.

9. Wanta halalummaatti nu geessu kamirraayyuu fagaachuu kan qabnu maaliifi?

9 Nutis “hojiiwwan dukkanaa firii hin qabne” akka hin hojjenne baayʼee of eeggachuu qabna. (Efe. 5:11) Muuxannoorraa akka hubatametti namni tokko wanta xuraaʼaa ykn wanta naamusaan ala taʼe kan ilaalu, kan dhaggeeffatu ykn waaʼee isaa kan haasaʼu yoo taʼe wanta dogoggora taʼe raawwachuun isatti salphata. (Uma. 3:6; Yaq. 1:14, 15) Biyya tokko keessatti obboloonni hedduun weebsaayitii hawaasaa tokkotti fayyadamanii garee uumuudhaan walii barreessu turan. Jalqabarratti, baayʼeen isaanii waaʼee wantoota hafuuraa haasaʼu turan. Yeroo booda garuu, wanta Yihowaa hin gammachiisne haasaʼuu jalqaban. Sana booda haasaan isaanii baayʼinaan saalqunnamtiirratti kan xiyyeeffate taʼe. Baayʼeen isaanii wanti isaan haasaʼaa turan gocha naamusaan ala taʼe raawwachuutti akka isaan geesse yeroo booda dubbataniiru.

10. Seexanni nu gowwoomsuuf kan yaalu akkamitti? (Efesoon 5:6)

10 Addunyaan Seexanaa nu gowwoomsee wanta Yihowaan naamusaan ala ykn xuraaʼaa akka taaʼetti dubbate raawwachuun dogoggora akka hin taane nu amansiisuuf yaala. (2 Phe. 2:19) Kun nu hin dinqisiisu! Malli Seexanni yeroo dheeraadhaaf namoota gowwoomsuuf itti fayyadamaa ture tokko, wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baasanii akka hin beekne isaan burjaajessuudha. (Isa. 5:20; 2 Qor. 4:4) Fiilmiiwwan, agarsiisawwan televizyinii fi weebsaayitoonni hedduun yaada ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo faallessu kan babalʼisan taʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu! Seexanni nu gowwoomsuudhaan gochawwan xuraaʼoonii fi akkaataan jireenyaa qulqulluu hin taane fudhatama kan qabu qofa utuu hin taʼin, gammachiisaa fi miidhaa kan hin qabne akka taʼanitti akka yaannu gochuuf yaala.—Efesoon 5:6 dubbisi.

11. Muuxannoon Anjeelaa gorsa Efesoon 5:7 irratti argamu hojiirra oolchuun barbaachisaa taʼuusaa kan addeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

11 Seexanni namoota ulaagaalee Yihowaa eeguun akka nutti ulfaatu godhanitti akka dhihaannu barbaada. Phaawulos namoota wanta Waaqayyo duratti dogoggora taʼe raawwatan ‘wajjin tokkummaa akka hin qabaanne’ Kiristiyaanota Efesoon kan gorse kanaafi. (Efe. 5:7) Hariiroo kan uumnu namoota qaamaan yeroo wajjin dabarsinu wajjin qofa akka hin taane yaadachuu qabna. Namoota karaa weebsaayitii hawaasaa wajjin wal qunnamnus kan dabalatudha; warri Efesoon durii haalli akkasii isaan hin mudanne. Anjeelaa, a ishiin Eeshiyaa keessa jiraattu weebsaayitiin hawaasaa balaa akka qabu hubatteetti. Akkana jechuudhaan ifatti dubbatteetti: “Suutuma suuta ilaalcha kee jijjiiruu dandaʼa. Utuma baayʼee hin turin namoota ulaagaa Kitaaba Qulqulluutiif kabaja hin qabne hiriyaa godhachuun rakkina akka hin qabne yaaduun jalqabe. Akkaataa jireenyaa Yihowaa hin gammachiisne hordofuun rakkina akka hin qabne yaaduun jalqabe.” Kana nama gammachiisu jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan jijjiirama barbaachisu akka gootu Anjeelaa gargaaraniiru. Akkana jetteetti: “Amma sammuu koo kanan guutu weebsaayitii hawaasaatiin utuu hin taʼin wantoota hafuuraatiini.”

Michoota gaggaarii filachuun keenya ulaagaalee Yihowaa hordofuun akka nuuf salphatu godha (Keeyyata 11 ilaali)


12. Ulaagaa Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase eeguuf maaltu nu gargaara?

12 Ilaalcha addunyaa ‘Gochi naamusaan ala taʼe fudhatama qaba’ jedhurraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Ilaalchi akkasii sirrii akka hin taane beekna. (Efe. 4:19, 20) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Utuu hin barbaachisin namootan wajjin hojjedhu, wajjin baradhu ykn namoota ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif kabaja hin qabne kan biroo wajjin yeroo nan dabarsaa? Namoonni tokko tokko akkas gochuu kootti kan na balaaleffatan taʼus, ija jabinaan ulaagaalee Yihowaa nan deggeraa?’ Akkuma 2 Ximotewos 2:20-22 irratti ibsametti, yeroo gumii Kiristiyaanaa keessaa michoota filannuttis of eeggachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko Yihowaadhaaf amanamoo akka taanu nu gargaaruu dhiisuu akka dandaʼan yaadachuu qabna.

“AKKA IJOOLLEE IFAATTI” DEDDEEBIʼUU

13. “Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu” keenya itti fufuu jechuun maal jechuudha? (Efesoon 5:7-9)

13 Phaawulos Kiristiyaanonni Efesoon dukkanarraa akka fagaatan qofa utuu hin taʼin, ‘akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu isaanii akka itti fufanis’ isaan jajjabeesseera. (Efesoon 5:7-9 dubbisi.) Kana jechuun maal jechuudha? Yeroo hundumaa akka Kiristiyaanota dhugaatti jiraachuu jechuudha. Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan qoʼachuudha. Keessumaa, fakkeenyaa fi barumsawwan Yesuus ‘inni ifa addunyaa’ taʼe barsiiseef xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha.—Yoh. 8:12; Fak. 6:23.

14. Hafuurri qulqulluun kan nu gargaaru akkamitti?

14 “Akka ijoollee ifaatti” deddeebiʼuu keenya itti fufuuf gargaarsi hafuura qulqulluus nu barbaachisa. Maaliif? Addunyaa karaa naamusaa mancaʼaa taʼe kana keessatti qulqulluu taʼanii itti fufuun salphaa waan hin taaneefi. (1 Tas. 4:3-5, 7, 8) Hafuurri qulqulluun falaasamaa fi ilaalcha yaada Waaqayyoo wajjin walfaallessu dabalatee yaada addunyaa kamiyyuu moʼuuf nu gargaara. ‘Gaarummaa fi qajeelummaa akaakuu hundumaa’ horachuufis nu gargaara.—Efe. 5:9.

15. Hafuura qulqulluu kan argannu karaawwan kamiini? (Efesoon 5:19, 20)

15 Karaan hafuura qulqulluu argachuu itti dandeenyu tokko kadhannaadha. Yesuus, Yihowaan “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu” akka kennu dubbateera. (Luq. 11:13) Yeroo waliin taanee walgaʼiirratti Yihowaa jajannuttis hafuura qulqulluu ni arganna. (Efesoon 5:19, 20 dubbisi.) Dhiibbaa gaariin hafuurri qulqulluun nurratti godhu karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf nu gargaara.

16. Murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf maaltu nu gargaara? (Efesoon 5:10, 17)

16 Murtoo iddoo guddaa qabu gochuuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe” hubachuu fi tarkaanfii fedhii isaa wajjin walsimu fudhachuun nu barbaachisa. (Efesoon 5:10, 17 dubbisi.) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf hojjetan argachuuf yaaluudhaan, ilaalcha Waaqayyo dhimmicharratti qabu beekuuf carraaqaa akka jirru argisiisna. Yeroo qajeelfama isaa hojiirra oolchinu murtoo gaarii goona.

17. Yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuun maal dabalata? (Efesoon 5:15, 16) (Fakkichas ilaali.)

17 Phaawulos Kiristiyaanonni Efesoon yeroo isaaniitti ogummaadhaan akka fayyadamanis gorseera. (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Inni ‘hamaan’ sun, jechuunis Seexanni inni diina keenya taʼe wantoota addunyaatiin akka qabamnu gochuudhaan tajaajila Yihowaatiif yeroo akka dhabnu godha. (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanni tokko carraa Yihowaa itti tajaajilu hedduu kan qabu taʼus, maallaqa, barumsaa fi hojiirratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandaʼa. Kun akka taʼu yoo heyyame ilaalchi addunyaa dhiibbaa akka isarratti godhe argisiisa. Dhugaadha, wantoonni kun dogoggora miti; taʼus jireenya keenya keessatti dursa kennuufii hin qabnu. “Akka ijoollee ifaatti” deddeebiʼuuf wanta caalaatti barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuudhaan ‘yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu’ qabna.

Kiristiyaanonni Efesoon yeroo isaaniitti ogummaadhaan akka fayyadaman jajjabeeffamaniiru (Keeyyata 17 ilaali)


18. Doonaaldi yeroosaatti akka gaariitti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhate?

18 Carraa guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf si dandeessisu barbaaddadhu. Doonaaldi inni Afrikaa Kibbaa keessa jiraatu akkas godheera. Akkana jedheera: “Haala koo ergan qoree booda tajaajila koorratti buʼa qabeessa taʼuuf akka na gargaaru Yihowaan kadhadhe. Hojii caalaatti tajaajilarratti hirmaachuuf na dandeessisu argachuuf akka na gargaarus nan kadhadhe. Gargaarsa Yihowaatiin hojii akkasii nan argadhe. Achiis anii fi haati manaa koo waliin taanee tajaajila yeroo guutuu jalqabne.”

19. “Akka ijoollee ifaatti” deddeebiʼuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Xalayaan Phaawulos warra Efesooniif barreesse Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf akka isaan gargaare homaa hin shakkisiisu. Gorsi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun nuunis nu gargaara. Akkuma olitti ilaalle gorsi kun wantoota ittiin bashannannuu fi michoota keenya ogummaadhaan akka filannu nu gargaara. Sagantaa dhaabbataa Kitaaba Qulqulluu itti qoʼannu qabaachuudhaan ifa dhugaatiin deddeebiʼuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. Hafuurri qulqulluun inni amaloota gaggaarii horachuuf nu gargaarus hammam barbaachisaa akka taʼe nuuf addeessa. Gorsa Phaawulos kenne hojiirra oolchuun keenya murtoo gaarii ilaalcha Yihowaa wajjin wal simu gochuuf nu gargaara. Akkas yoo goone dukkana addunyaarraa fagaachuudhaan ifaan deddeebiʼuu keenya itti fufuu ni dandeenya.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • ‘Dukkannii’ fi ‘ifni’ Efesoon 5:8 irratti ibsame maal argisiisa?

  • “Dukkana” irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • “Akka ijoollee ifaatti” deddeebiʼuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b IBSA FAKKII: Asirratti kan mulʼatu garagalchii durii xalayaa Phaawulos warra Efesooniif barreesseeti.