Gumii Haaraatti Baruu kan Dandeessu Akkamitti?
GUMII jijjiirtee beektaa? Taanaan wanta Ziyaan Chaarlis dubbaterratti walii galuu hin ooltu; Ziyaan, “Miseensonni maatii kee hundi karaa hafuuraa madaalliisaanii akka eeggatan gargaaraa, gumii haaraatti baruuf carraaqqii gochuun salphaa miti” jedheera. Kana malees, hojii, mana jireenyaa fi tariimmoo ijoollee keetiif mana barumsaa haaraa barbaaddachuun si barbaachisuu dandaʼa; akkasumas haala qilleensaa ulfaataa taʼetti, aadaa haaraattii fi naannoo tajaajilaa haaraa taʼetti baruun si barbaachisa taʼa.
Nikoolaasii fi Seeliinimmoo haala rakkisaa kanarraa adda taʼetu isaan mudate. Waajjirri damee Faransaayi gumii kan biraatti isaan ramadee ture. Akkana jedhaniiru: “Jalqabarratti baayʼee gammanne; booda garuu michoota keenya yaaduu jalqabne. Obboloota gumii keenya isa haaraa keessa jiran wajjin sirriitti walitti hin dhihaanne turre.” a Haalawwan rakkisoon garaagaraa jiraatanis gumii haaraatti baruudhaan milkaaʼina argachuu kan dandeessu akkamitti? Warri kaan gargaarsa gochuu kan dandaʼan akkamitti? Gumii kee isa haaraa keessatti obboloota kee wajjin wal jajjabeessuu kan dandeessan karaawwan kamiini?
QAJEELFAMOOTA GUMII HAARAATTI BARUUF SI GARGAARAN AFUR
1. Yihowaatti amanami. (Far. 37:5) Obboleettiin Jaappaan keessa jiraattuu fi Kaazumii jedhamtu yeroo abbaan manaa ishii sababa hojiitiin bakka biraatti jijjiirametti gumii waggaa 20f keessa turte jijjiiruun ishii barbaachiseera. Maarree, ‘daandii ishii Yihowaatti kan kennatte’ akkamitti? Akkana jetteetti: “Sodaa, kophummaa fi dhiphina natti dhagaʼamu irra deddeebiʼee Yihowaatti himeera. Yeroon akkas godhu hundumaatti Yihowaan jabina na barbaachisu naaf kenna.”
Amantii Yihowaarratti qabdu guddifachuu kan dandeessu akkamitti? Biqiltuun tokko guddachuuf bishaanii fi biyyoo gabbataan akkuma isa barbaachisu, amantiin keenyas akka cimuuf karaa hafuuraa bishaan obaasuu fi sooruu qabna. Nikoolaas inni olitti ibsame, fakkeenya Abrahaam, Yesuusii fi Phaawulos warra fedhii Waaqayyoo raawwachuuf jecha aarsaa hedduu kaffalanirratti xiinxaluunsaa amantii deggersa Yihowaan isaaf godhurratti qabu akka isaaf cimse ibseera. Dhaabbataadhaan qoʼannaa dhuunfaa gochuun kee rakkina jireenya kee keessatti si mudatu dandamachuuf qofa utuu hin
taʼin, wantoota gaggaarii obboloota gumii kee isa haaraa keessa jiraniif hiruu dandeessu qabachuufis si gargaara.2. Wal bira hin qabin. (Lal. 7:10) Juulas, Beeniinii gara Yuunaayitid Isteetis yeroo deemetti aadaa haaraatti baruun isa barbaachisee ture. “Naman argu hundatti seenaa jireenyaa koo himuu akkan qabu natti dhagaʼama ture” jedheera. Haalli kun wanta sana dura gochaa turerraa adda waan taʼeef gumiirraa of fageessuu jalqabe. Obbolootaa fi obboleettota wajjin caalaatti erga wal baree booda garuu ilaalchasaa ni jijjiire. Akkana jedheera: “Amma, kan jiraannu eessayyuu yoo taʼe namoonni tokko akka taʼan nan amana. Garaagara kan taʼe akkaataa itti dubbannuu fi akkaataa waa itti raawwannudha. Namoonni akka of taʼan heyyamuun barbaachisaadha.” Kanaafuu, gumii kee isa haaraa isa durii wajjin wal bira qabuurraa of qusadhu. Obboleettiin Anliis jedhamtu, “Gara gumii kan biraa kanan deeme akkuma gumii koo isa durii akka naaf taʼu abdadhee utuu hin taʼin, wantoota haaraa barachuu waanan barbaadeefi” jetteetti.
Jaarsoliinis gumii keessan isa haaraa isa durii wajjin wal bira qabuurraa of qusachuu qabdu. Karaan hojiin tokko tokko itti hojjetamu isa isin bartanirraa adda waan taʼeef qofa dogoggoradha jechuu miti. Yaada kennuu keessan dura haala naannichaa beekuuf yaaluun keessan gaariidha. (Lal. 3:1, 7b) Obboloonni yaada keessan akka fudhatan dhiibbaa gochuu mannaa, fakkeenya isaaniif taʼuuf yaaluun buʼaa gaarii argamsiisa.—2 Qor. 1:24.
3. Hirmaannaa gaarii godhi. (Filp. 1:27) Gumii haaraatti baruun yeroo fi humna hedduu kan gaafatu taʼus, yoo dandaʼame jalqabumaa kaastee qaamaan walgaʼii gumiirratti argamuun kee barbaachisaadha. Obboloonni gumii kee keessa jiran yeroo hunda si arguu hin dandaʼan taanaan sitti dhihaachuu fi si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Luusindaan ijoollee durbaa ishii lama wajjin magaalaa guddoo Afriikaa Kibbaatti argamtu tokkotti galtee turte; akkana jetteetti: “Michoonni koo obboloota gumii haaraa jiran wajjin tajaajilarratti hirmaachuu fi walgaʼiirratti argamuudhaan isaanitti dhihaachuuf akkan carraaqu na gorsanii turan. Mana keenya walgaʼii tajaajila dirreetiif itti fayyadamuu akka dandaʼanis obbolootatti himnee turre.”
Obbolootaa fi obboleettota gumii kee isa haaraa keessa jiran wajjin “wal cinaa dhaabbattanii” sochiiwwan tiʼookraasiirratti hirmaachuuf “carraaqqii gochuudhaan” wal cimsuu dandeessu. Anliis ishiin olitti ibsamte warra gumii ishii keessa jiran hundumaa wajjin akka tajaajiltu jaarsoliirraa jajjabina argattee turte. Maarree, buʼaa akkamii argatte? “Kun mala gaarii kutaa gumichaa akka taate akka sitti dhagaʼamu godhudha” jetteetti. Kana malees, sochiiwwan kanneen akka Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuu jiranirratti hirmaachuun kee gumicha akkuma gumii keetti akka ilaaltu argisiisa. Sochiiwwan gumichaarratti caalaatti hirmaachuun kee obboloonni caalaatti akka sitti dhihaatanii fi maatii kee akka taʼan akka sitti dhagaʼamu godha.
4. Michoota haaraa horadhu. (2 Qor. 6:11-13) Karaan michoota horachuuf si gargaaru inni guddaan namootaaf akka yaaddu argisiisuudha; kanaafuu, obbolootatti dhihaachuu fi caalaatti isaan beekuu akka dandeessuuf, walgaʼii duraa fi walgaʼii booda isaan wajjin yeroo gaʼaa dabarsuuf carraaqqii godhi. Maqaasaanii qabachuuf yaali. Maqaa namootaa yaadachuun, miira hoʼaadhaan isaan haasofsiisuunii fi nama itti dhihaatamu taʼuun kee, warri kaan akka sitti dhihaatan waan godhuuf michoota gaggaarii horachuuf si gargaara.
Namoota biratti fudhatama argachuuf garmalee carraaquu mannaa, eenyummaa kee isa dhugaa akka beekan godhi. Luusindaan, “Dursa fudhannee warra kaan mana keenyatti affeeraa waan turreef, michoota itti dhihaannu horachuu dandeenyeerra” jetteetti; atis akkana gochuu dandeessa.
“WAL SIMADHAA”
Galma Walgaʼii namoota hin beekneen guutametti seenuun nama dhiphisuu dandaʼa. Maarree, namoonni haaraan gara gumii keessanii dhufan akka hin dhiphanne gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Phaawulos, “Akkuma Kiristoos . . . isin simate, isinis wal simadhaa” jedhee nu gorseera. (Rom. 15:7) Jaarsoliin fakkeenya Kiristoos hordofuudhaan namoota haaraa gara gumiisaanii dhufan miira hoʼaadhaan simachuu qabu. (Saanduqa, “ Wantoota Gumii Haaraatti Baruuf Gumaacha Godhan” jedhu ilaali.) Haa taʼu malee, ijoollee dabalatee warri gumii keessa jiran hundi namoonni gumichaaf haaraa taʼan akka itti baran gargaaruu ni dandaʼu.
Warra kaan simachuun mana keenyatti isaan affeeruu kan dabalatu taʼus, karaa qabatamaa taʼe kan biraatiin isaan gargaaruus argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka yeroo obboleettii kan biraan gara naannoosaanii dhuftetti yeroo ramaddee magaalattii itti argisiisuu fi geejjiba uummataatti akkamitti akka fayyadamtu ishiidhaaf ibsuuf carraaqqii gooteetti. Obboleettiin naannichaaf haaraa taate sunis kanaan garaan ishii baayʼee tuqame; wanti ishiin goote haalasaatti baruuf ishii gargaareera.
CARRAA GUDDINA GOCHUUF GARGAARU
Awwaannisni tokko guddachaa yeroo deemu, balaliʼuu jalqabuusaa dura gogaansaa siʼa hedduu irraa harcaʼa. Haaluma wal fakkaatun, atis gumii yeroo jijjiirtu yaaddoo tajaajila Yihowaa keessatti hirmaannaa gaarii akka hin goone gufuu sitti taʼu akkamiiyyuu dhiisuu qabda. Nikoolaasii fi Seeliin akkana jedhaniiru: “Gumii jijjiiruun leenjii gaariidha. Namoota haaraa fi naannoo haaraatti baruuf
amaloota haaraa horachuun nu barbaachiseera.” Ziyaan Chaarlis inni jalqabarratti ibsame maatiinsaa kan fayyadame akkamitti akka taʼe yeroo dubbatu akkana jedheera: “Gumii keenya kana keessatti ijoolleen keenya caalaatti bilchina horachuu fi Yihowaatti dhihaachuu dandaʼaniiru. Jiʼoota muraasa keessatti intalli keenya walgaʼii torban gidduutti godhamurratti kutaa dhiheessite, ilmi keenyammoo babalʼisaa hin cuuphamne taʼe.”Haalli kee bakka caalaatti gargaarsi barbaachisu deemuuf kan siif hin heyyamne yoo taʼehoo? Gorsawwan mata duree kana keessatti caqasaman tokko tokko hojiirra oolchuudhaan, gumii kee isa durii keessatti akka haaraatti sochii gaarii gochuu ni dandeessa. Yihowaatti amanamuudhaan, warra kaan wajjin tajaajilarratti hirmaachuudhaan, akkasumas michoota haaraa horachuudhaan ykn michummaa kanaan dura qabdu cimsachuudhaan gumii kee keessatti hirmaannaa gaarii gochuuf carraaqqii godhi. Dursa fudhattee namoota haaraa ykn namoota rakkatan karaa qabatamaa taʼeen gargaaruu ni dandeessaa? Jaalalli amala Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu waan taʼeef, akkas gochuun kee guddina hafuuraa gochuufis si gargaara. (Yoh. 13:35) ‘Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee akka gammadu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Ibr. 13:16.
Kiristiyaanonni hedduun gumii yeroo jijjiiran haalli rakkisaan isaan mudatus, gumiisaanii isa haaraa keessatti gammachuudhaan tajaajiluu fi buʼa qabeeyyii taʼuu dandaʼaniiru; atis milkaaʼina akkasii argachuu ni dandeessa! Anliis, “Gumii jijjiiruun koo garaa koo balʼisee banuuf na gargaareera” jetteetti. Kaazumiin gumii jijjiiruun “gargaarsa Yihowaa karaa kanaan dura argannee hin beekneen argachuuf carraa akka banu” amma mirkanaaʼaa taateetti. Juulasitti hoo maaltu dhagaʼama? Akkana jedheera: “Michummaan horadhe keessummummaan akka natti hin dhagaʼamne godheera. Obboloota gumii koo isa ammaa keessa jiranitti baayʼee waanan dhihaadheef isaanirraa adda baʼuun natti ulfaata.”
a Gorsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1994 irraa (Amaariffa) mata duree, “Maatii fi Michoota Kee Yeroo Yaaddutti Haalasaa Dandamachuudhaan Waaqayyoon Tajaajiluu” jedhu ilaali.