Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaaqoob abaabilii Masiihichaa taʼuu kan dandaʼe, Esaawu irraa mirga hangafummaa waan bitateef turee?

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Israaʼel durii keessatti, hiddi dhalootaa gara Masiihichaatti geessu mirga hangafummaa wajjin kan wal qabatu turee?

Ibsa yaada kana deggeru yeroon itti kennine jira ture. Kun immoo yaada Ibroota 12:16 irra jiru wajjin kan wal simu fakkaata. Caqasichi, Esaawu ‘nyaata tokkoof jedhee mirga hangafummaa isaa [Yaaqoobitti] dabarsee kennuudhaan wantoota qulqulluu utuu hin dinqisiifatin akka hafe’ dubbata. Kun immoo, Yaaqoob “mirga hangafummaa” argachuu isaatiin abaabilii Masiihichaa akka taʼe kan ibsu fakkaata.—Mat. 1:2, 16; Luq. 3:23, 34.

Haa taʼu malee, akka seenaawwan Kitaaba Qulqulluu argisiisanitti, abaabilii Masiihichaa taʼuuf dirqama ilma hangafaa taʼuun barbaachisaa miti. Mee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu:

Ilmaan Yaaqoob (Israaʼel) keessaa hangafti Ruuben isa Liyaan isaaf deesse ture. Ijoollee haati manaa isaa Raahel ishiin baayʼee jaallatu booda irratti isaaf deesse keessaa immoo angafni Yoseef ture. Ruuben amala sirrii hin taane yeroo argisiisetti, mirgi hangafummaa Yoseefiif dabarfamee kenname. (Uma. 29:31-35; 30:22-25; 35:22-26; 49:22-26; 1 Sen. 5:1, 2) Taʼu iyyuu, Masiihichi karaa Ruubenis taʼe karaa Yoseef hin dhufne. Kanaa mannaa, karaa Yihudaa isa ijoollee Liyaan Yaaqoobiif deesse keessaa arfaffaa taʼeen dhufe.—Uma. 49:10.

Luqaas 3:32 dhaloota gara Masiihichaatti geesse jaʼa caqasa. Isaan keessaa shanan isaanii ilmaan angafaa kan turan fakkaata. Fakkeenyaaf, Boʼaaz Yoobeediin kan dhalche siʼa taʼu, Yoobeed immoo abbaa Issey ture.—Rut. 4:17, 20-22; 1 Sen. 2:10-12.

Haa taʼu malee, ilma Issey kan taʼe Daawit hangafa hin turre. Ijoollee saddeet keessaa isa dhumaa ture. Masiihichi kan dhufe garuu karaa Daawitiin ture. (1 Sam. 16:10, 11; 17:12; Mat. 1:5, 6) Haaluma wal fakkaatuun, karaan Masiihichi itti dhufe inni itti aanu Solomoon taʼus, innis Daawitiif ilma hangafaa hin turre.—2 Sam. 3:2-5.

Kana jechuun garuu, ilma angafaa taʼuun faayidaa hin qabu ture jechuu miti. Ilmi hangafaa iddoo kabajamaa kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, itti aanuudhaan geggeessaa maatichaa kan taʼu isa ture. Qabeenya dachaa lama kan dhaalus ilma hangafaa ture.—Uma. 43:33; Kes. 21:17; Iya. 17:1.

Taʼus mirgi hangafummaa nama kan biraatti dabarfamuu dandaʼa ture. Abrahaam mirga hangafummaa Ishmaaʼel Yisihaaqitti dabarseera. (Uma. 21:14-21; 22:2) Akkuma olitti caqasames, mirgi hangafummaa Ruuben irraa gara Yoseefitti dabarfameera.

Mee Ibroota 12:16 irra deebinee haa ilaallu; akkana jedha: “Namni halaleenis taʼe, namni akka Esaawu isa nyaata tokkoof jedhee mirga hangafummaa isaa dabarsee kenne sanaa wantoota qulqulluu hin dinqisiifanne isin gidduutti akka hin argamne of eeggadhaa.” Yaanni caqasa kanaa maali?

Yeroo kanatti Phaawulos ergamaan, waaʼee hidda dhalootaa Masiihichaa dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa, ‘miilla isaaniitiif daandii qajeelaa akka qopheeffatan’ Kiristiyaanota gorsaa ture. Kana gochuun isaanii, halalee taʼuudhaan “gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa utuu hin argatin akka hin hafne” isaan gargaara. (Ibr. 12:12-16) Taʼuu baannaan garuu akkuma Esaawu taʼu. Inni ‘wantoota qulqulluu utuu hin dinqisiifatin hafuudhaan’ kallattiidhaan wantoota fooniitiif moʼameera.

Esaawu kan jiraate bara mataawwan maatii maatii isaaniitiif akka lubaatti tajaajilaa turanitti waan taʼeef, innumti iyyuu darbee darbee maaticha bakka buʼuudhaan aarsaa dhiheessuuf mirga argatee taʼuu dandaʼa. (Uma. 8:20, 21; 12:7, 8; Iyo. 1:4, 5) Haa taʼu malee, Esaawu ilaalcha foonii waan qabuuf ittoo xinnoodhaaf jedhee mirga kana hunda dabarsee kenne. Tarii rakkina sanyii Abrahaam irra akka gaʼu raajiidhaan dubbatame jalaa miliquuf jedhee kana godhe taʼa. (Uma. 15:13) Kana malees Esaawu dubartoota Waaqayyoon hin beekne lama fuudhee warra isaa gaddisiisuudhaan, fedhii foonii akka qabu, akkasumas wanta qulqulluudhaaf dinqisiifannaa akka hin qabne argisiiseera. (Uma. 26:34, 35) Dhuguma iyyuu, Esaawu Yaaqoob isa dubartii Waaqayyoon waaqeffattu fuudhuuf carraaqqii godhe irraa guutummaatti adda ture!—Uma. 28:6, 7; 29:10-12, 18.

Waaʼee hidda dhalootaa gara Yesuus isa Masiihii taʼeetti geessuu maal jechuu dandeenya ree? Yeroo tokko tokko toorri hidda dhalootaa kun karaa ilma hangafaa kan darbu taʼus, kun kan taʼu yeroo hunda hin turre. Yihudoonni, Kiristoos sanyii Daawit ilma Issey isa dhumaa taʼuu isaa akkuma amanan, kun dhugaa taʼuu isaa ni amanu turan.—Mat. 22:42.