Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dachaa Elaa

Daawitii fi Goliyaad—Seenaa Dhugaa Tii?

Daawitii fi Goliyaad—Seenaa Dhugaa Tii?

Namoonni tokko tokko seenaan waaʼee Daawitii fi Goliyaad dubbatu dhugaa dha moo oduu durii dha jedhanii gaafatu. Mata duree darbe yommuu dubbistu shakkiin akkasii sittiuumamee turee? Taanaan gaaffilee armaan gadii sadan akka qortu si afeerra.

1 | Dhuguma namni gara meetira 2.9 dheeratu jiraa?

Kitaabni Qulqulluun Goliyaad “dheerinni hojjaa isaatii dhundhuma jaʼaa fi taakkuu ture” jedha. (1 Saamuʼel 17:4) Dhundhumni tokko seenti meetira 44.5, taakkuun tokko immoo seenti meetira 22.2 dheerata. Kun yommuu walitti idaʼamu gara meetira 2.9 taʼa. Namoonni tokko tokko Goliyaad hangana hin dheeratu jedhu. Mee yaadi: Yeroo ammaatti namni baayʼee dheeraan galmeeffamee jiru meetira 2.7 dha. Goliyaad namicha kana seenti meetira 15 qofa caaluun isaa nama dinqisiisaa? Goliyaad sanyii Refaaʼiim warra baayʼee dhedheeroo taʼuu isaaniitiin beekamanii ture. Barreeffamni Gibxii Dh.K.D. jaarraa 13⁠ffaatti qophaaʼe, loltoonni nama sodaachisanii fi naannoo Kanaʼaan turan tokko tokko meetira 2.4 ol akka dheeratan ibsa. Kanaaf, dheerinni Goliyaad baramaa taʼuu baatus namni akkasii hin turre jedhanii dubbachuun rakkisaa dha.

2 | Daawit nama dhugumaan jiraate dhaa?

Hayyoonni tokko tokko seenaan Daawit Mootichaa oduu durii akka taʼe ibsuuf kan yaalan taʼus, isaaniif hin milkoofne. Arkiʼooloojistoonni barreeffama bara durii dhagaa irratti bocamee fi “mana Daawit” jedhu argataniiru. Kana malees, Yesuus Kiristoos, Daawit nama dhugumaan jiraate taʼuu isaa dubbateera. (Maatewos 12:3; 22:43-45) Akkasumas, hiddi dhalootaa balʼaan Yesuus Masiihicha taʼuu isaa ibsu lama, Yesuus sanyii Daawit Mootichaa taʼuu isaa argisiisa. (Maatewos 1:6-16; Luqaas 3:23-31) Kanaaf, Daawit nama dhugumaan jiraate dha.

3 | Iddoowwan seenaa sana keessatti ibsaman dhugumaan kan turani dhaa?

Kitaabni Qulqulluun waraanni sun Dachaa Elaa keessatti akka geggeeffame dubbata. Kana malees, Filisxeemonni gaara mandaroota Sokoo fi Azeqaa jedhaman gidduu jiru irra akka buufatan caqasuudhaan iddicha adda baasee ibsa. Israaʼeloonni immoo gaara gama isaatiin jiru irra buufatanii turan. Bakkawwan kun dhugumaan jiru turanii?

Namni dhiheenyatti bakka kana daawwatee ture tokko akkana jedheera: “Namni nu daawwachiisee fi amantii kam iyyuu hin hordofne Dachaa Elaatti nu geessee ture. Karaa gara gubbee gaara tokkootti ol baasu qabannee deemuu jalqabne. Dachaa sana gama utuu ilaalaa jirruu 1 Saamuʼel 17:1-3 akka dubbisnu godhe. Achiis dachaa sana gara gamaatti quba qabee, ‘Inni gara bitaa keessaniitti mulʼatu sun jijjigaa Sokoo ti’ nuun jedhe. Achiis garagalee akkana jedhe: ‘Inni gara mirga keessaniitti mulʼatu sun immoo jijjigaa Azeqaa ti. Filisxeemonni gaara mandaroota kana lamaan gidduudhaa isinitti mulʼatu irra buufatanii turan. Kanaaf bakki nuti dhaabanne kun bakka Israaʼeloonni buufatanii turan taʼuu hin oolu.’ Anis achuma dhaabadhee waaʼee Saaʼolii fi waaʼee Daawit yaaduun jalqabe. Achiis gaara sana irraa buunee laga yeroo baayʼee gogaa taʼee fi dhagaa hedduu qabu ceene. Daawit dhagaa Goliyaadiin ittiin ajjeese dabalatee dhagaa shan gad jedhee yommuu funaannatu yaadaan natti mulʼata ture.” Namni kun akkuma daawwattoota hedduu kaanii, wanti seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti ibsame hundi dhugaa taʼuun isaa isa dinqisiiseera.

Kanaaf, wanti seenaan kun dhugaa taʼuu isaa akka shakkinu godhu hin jiru. Namoonnis taʼan bakkawwan seenaa sana keessatti ibsaman dhugumaan kan turani dha. Hunda caalaa immoo, seenaan kun Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame keessatti argama; kan barreessise Waaqa dhugaa isa “sobuu hin dandeenye” dha.—Tiitoo 1:2; 2 Ximotewos 3:16.