Eebba Warri Waaqayyoof Ajajaman Argatan
Musee raajichi, Waaqayyoof yoo ajajamne eebba isaa akka argannu dubbateera. (Keessa Deebii 10:13; 11:27) Waaqayyoof kan ajajamnu nu adaba jennee waan sodaannuuf miti. Amalawwan Waaqayyoo gaarii taʼan jaalala isaaf qabnuun, akkasumas wanta isa gaddisiisu gochuu waan hin barbaanneef akka isaaf ajajamnu nu kakaasu. “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha.”—1 Yohaannis 5:3.
Haa taʼu malee, Waaqayyoof ajajamuun eebba isaa kan nuuf argamsiisu akkamitti? Karaa lama haa ilaallu.
1. WAAQAYYOOF AJAJAMUUN OGEESSA NU TAASISA
“Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”—ISAAYAAS 48:17.
Waaqni keenya Yihowaan inni Uumaa keenya taʼe nu beeka, qajeelfama nu barbaachisus nuuf kenna. Barumsawwan isaa murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf akka nu gargaaran yoo barbaanne, wanta inni akka raawwannu barbaadu Kitaaba Qulqulluu irraa barachuu fi barumsa arganne hojii irra oolchuu qabna.
2. AJAJAMUUN GAMMACHUU NUUF ARGAMSIISA
“Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!”—LUQAAS 11:28.
Yeroo harʼaa namoonni miliyonaan lakkaaʼamanii fi Dubbii Waaqayyootiif ajajamaa jiran gammachuu dhugaa argachaa jiru. Nama biyya Ispeen dafee kan aaruu fi haadha manaa isaa dabalatee namoota kaanis hacuucaa ture tokko akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Gaaf tokko, barreeffamoota Musee raajichi barreesse irraa, waaʼee garraamummaa Yoseef ilma Yaaqoob dubbise. Yoseef akka garbichaatti gurguramee, akkasumas karaa haqa qabeessa hin taaneen mana hidhaa galee kan ture taʼus garraamii, nagaa qabeessaa fi dhiifama kan godhu ture. (Uumama, boqonnaa 37-45) Namichi Ispeen jiraatu kun akkas jedheera: “Fakkeenya Yoseef irratti yaaduun koo garraamummaa, gaarummaa fi amala of toʼachuu horachuuf na kakaaseera. Kanaan kan kaʼes, yeroo ammaa jireenya gammachiisaan jiraachaa jira.”
Hariiroo warra kaanii wajjin qabnu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun qajeelfama dabalataa nuu kenna. Mata duree itti aanu irratti waaʼee kanaa gadi fageenyaan ilaali.