Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jibba Injifachuu ni Dandeenya!

Jibba Injifachuu ni Dandeenya!

Jibbaan kan kaʼe miidhaan sirra gaʼee beekaa?

Haalli akkasii sirra gaʼee beekuu baatu illee warra kaan irra yeroo gaʼu arguun kee hin oolu. Yeroo baayʼee namoonni sababa lammummaa, sanyii fi saala isaaniitiin yeroo jibbaman ni argina. Kanaan kan kaʼes, mootummoonni hedduun yakka sababa jibbaatiin raawwatamu garaa garaa ilaalchisee seera hedduu baasaa jiru.

Namoonni jibbaman yeroo baayʼee warra kaan ni jibbu. Kanaafuu, haaloo isaan irratti baʼu; kun immoo jibbi akka hin dhaabbanne godha.

Tarii jibbi halaalaa, qoosaan, arrabsoon ykn doorsisni sirra gaʼee beeka taʼa. Haa taʼu malee, jibbi yeroo baayʼee wanta kana irra hammaatus ni geessisa. Tarii gocha gara jabinaa kan akka namatti roorrisuu, qabeenya jalaa balleessuu, miidhaa qaamaa, gudeeddii, ajjeechaa ykn duguuggaa sanyii raawwachuutti illee geessuu dandaʼa.

Barruun kun gaaffilee armaan gadiitiif deebii kennuudhaan jibba injifachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa:

  • Jibbi hamma kana kan baayʼate maaliifi?

  • Jibba injifachuun kan dandaʼamu akkamitti?

  • Yeroon jibbi itti hin jiraanne ni dhufaa?