Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Dubbii Waaqayyoo kan taʼe Kitaabni Qulqulluun namoonni jijjiirama gaarii akka godhan gargaaruuf humna qaba. (Ibroota 4:12) Barumsi Kitaaba Qulqulluu namoonni hedduun jibba namoota kaaniif qaban akka injifatan gargaareera. Mee barumsawwan Kitaaba Qulqulluu namoonni hedduun jibba isaanii akka injifatan gargaaran afur haa ilaallu.