Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaa Jireenyaa

Loltuu Kiristoos Taʼuuf Kutadheera

Loltuu Kiristoos Taʼuuf Kutadheera

Yommuu rasaasni naannoo ani jirutti dhukaafamu, suuta jedheen maarrabii adii ol qabe. Loltoonni dhukaasaa turan sunis iddoon itti dhokadhe keessaa akkan baʼu natti iyyan. Duʼuu fi lubbuudhaan ooluu koo beekuu baadhus, suuta jedheen gara isaaniitti dhihaadhe. Haala rakkisaa akkasii keessa kanan gale akkamitti?

MANDARA xinnoo Giriikiitti argamtuu fi Kaariitzaa jedhamtu keessatti warra koo jabaatanii hojjetan irraa bara 1926⁠tti kanan dhaladhe siʼa taʼu, ijoollee saddeet keessaa isa torbaffaan ture.

Warri koo, dhalachuu koo waggaa tokko dura Joon Paappaariizas isa Barataa Kitaaba Qulqulluu (Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sana maqaa kanaan waamamu turan) hinaaffaa qabuu fi akka gaariitti dubbatuu wajjin wal baran. Ragaa amansiisaan Joon Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee isaaniif dhiheesse waan isaan dinqisiiseef, walgaʼii Barattoonni Kitaaba Qulqulluu mandara keenyatti argaman godhan irratti argamuu jalqaban. Haati koo Yihowaa irratti amantii cimaa qabdi turte; akkasumas mana barumsaa kan hin galle taatus carraa argatte hundatti warra kaaniif ni lallabdi turte. Kan nama gaddisiisu garuu, abbaan koo hirʼina namootaa irratti waan xiyyeeffatuuf suutuma suuta walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu dhiise.

Anii fi obboloonni koo Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja kan qabnu taʼus, hawwiin dargaggummaa yaada keenya hihhiree ture. Bara 1939⁠tti, Waraanni Addunyaa inni Lammaffaan Awurooppaa kan waliin gaʼe siʼa taʼu, mandarri keenyas sodaadhaan guutamte. Namni ollaa keenya taʼe tokkoo fi durbiin koo Nikoolaas Saaraas inni Dhugaa Baatuu haaraa ture, raayyaa waraanaa Giriikiitti akka makaman filataman. Nikoolaas inni umuriin isaa waggaa 20 ture, abbootii taayitaa waraanaatiin ija jabinaan, “Loltuu Kiristoos waanan taʼeef, waraana irratti hirmaachuu hin dandaʼu” jedheera. Mana murtii loltootaa duratti erga dhihaatee booda, hidhaa waggaa kudhaniitu isatti murteeffame. Yeroo kanatti baayʼee sodaanne!

Akka carraa taʼee, jalqaba bara 1941⁠tti humni waraanaa Wal Taʼiinsa uume Giriikii keessa kan seene siʼa taʼu, Nikoolaasis mana hidhaatii baʼe. Achiis gara Kaariitzaatti deebiʼe; obboleessi koo angafaa Iiliyaas Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii hedduu isa gaafate. Anis fedhiidhaanan isa dhaggeeffadhe. Yeroo booda anii fi Iiliyaas, akkasumas obboleettiin keenya ishii quxisuun Efmoorfiyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne; yeroo hundumaas Dhugaa Baatotaa wajjin walgaʼii irratti argamna turre. Waggaa itti aanutti sadan keenya iyyuu Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamne. Yeroo booda, obboloonni keenya afur Dhugaa Baatota amanamoo taʼaniiru.

Bara 1942⁠tti, Gumiin Kaariitzaa dargaggootaa fi shamarran umuriin isaanii waggaa 15 hanga 25 gidduu taʼe qaba ture. Hundi keenya iyyuu qorumsi cimaan akka nu eeggatu beekna turre. Kanaaf of cimsuudhaaf jecha yeroo nuuf dandaʼamu hundatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf, faarfannaawwan hafuuraa faarfachuu fi kadhachuuf walitti ni qabamna turre. Kanaan kan kaʼes, amantiin keenya cimeera.

Dimeetiriyasii fi obboloota Kaariitzaatti argaman kaan

WARAANA WALIINII

Yeroo Waraanni Addunyaa inni Lammaffaa xumuramuuf jedhutti, kooministoonni Giriikii mootummaa Giriikii irratti fincila kaasuu isaaniitiin waraana waliinii cimaa taʼetu eegale. Loltoonni warra kooministii naannoo baadiyyaa keessa naannaʼuudhaan namoonni mandarattii akka isaanitti makaman dirqisiisuu jalqaban. Yeroo mandara keenya gaʼanitti Dhugaa Baatota dargaggoota taʼan sadii, jechuunis Antooniyoo Sookaaris, Iiliyaasii fi ana qabatan. Nutis Kiristiyaanota akka taanee fi siyaasa keessa akka hin seenne isaanitti himuudhaan isaan kadhanne; isaan garuu Tulluu Olompas isa mandara keenya irraa saʼaatii 12 fagaatutti dirqamaan nu geessan.

Sana booda utuu baayʼee hin turin, loltuun kooministii tokko loltoota mootummaa irratti fincila kaasanitti akka makamnu nu ajaje. Kiristiyaanonni dhugaan nama hidhata amantii isaanii taʼe ajjeesuuf meeshaa waraanaa akka hin qabanne yeroo itti himnu, baayʼee aaree ajajaa waraanaa tokko duratti nu dhiheesse. Waanuma loltuu sanatti himne isattis yeroo himnu, ajajaan sun, “Erga akkas taʼee, loltoota madaaʼan gaangee irra kaʼaatii dirree waraanaatii gara hoospitaalatti geessaa” jedhee nu ajaje.

Nutis akkana isaan jenne: “Loltoota mootummaatiin yoo qabamnee hoo? Loltoota akka taaneetti nu hin ilaalanii?” Innis “Akkas taanaan immoo loltoota waraana irra jiraniif daabboo geessaa” nun jedhe. Nutis, “Ajajaan tokko gaangee qabachuu keenya argee loltoota waraana irra jiraniif meeshaa waraanaa akka geessinu yoo nu ajajee hoo?” isaan jenne. Ajajaan sunis baayʼee erga irratti yaadee booda akkana nuun jedhe: “Haa taʼu, hoolota eeguu ni dandeessu! Gaaruma kana irratti hoolota tiksaa.”

Kanaaf waraanni waliinii naannoo keenya kan jiru taʼus, sadan keenya iyyuu qalbiin keenya hoolota kunuunsuuf akka nuuf heyyamu nutti dhagaʼame. Waggaa tokko booda Iiliyaas, ilma angafaa waan taʼeef haadha keenya ishii abbaa keenya duʼaan dhabde kunuunsuuf biyyatti akka deebiʼu isaaf heyyamame. Antooniyoon immoo waan dhukkubsateef ni gadhiifame. Ani garuu achumattin hafe.

Yeroo booda, raayyaan waraanaa Giriikii warra kooministii moʼuu jalqabe. Achiis gareen kooministii sun na qabanii tulloota gidduudhaan gara daangaa Albaaniyaatti baqatan. Achiis daangaa sanatti yommuu dhihaannu loltoonni Giriikii nu marsan. Finciltoonnis baayʼee waan sodaataniif ni baqatan. Anis muka kufe jala kanan dhokadhe siʼa taʼu, haallin seensa irratti caqase kan na mudate yeroo kanatti ture.

Warra koomunistiitiin qabamee akkan ture yommuun loltoota Giriikii sanatti himu, akkan qoratamuuf kaampii loltootaa Verooyaa ishii Kitaaba Qulqulluu keessatti Beriyaa jedhamtee beekamtutti argamutti na geessan. Achittis, boolla loltootaaf dahoo taʼu akkan qotun ajajame. Hojii kana hojjechuu waanin dideef, ajajaan loltootaa tokko odoola sodaachisaa Maakroonisos jedhamuu fi adabni cimaan itti kennamutti na erge.

ODOOLA SODAACHISAA

Iddoon dhagaadhaan guutamee fi Maakroonisos jedhamu mijataa kan hin taane, bishaan kan hin qabne, akkasumas garmalee kan hoʼu siʼa taʼu, Atiikaa ishii Ateensi irraa kiiloo meetira 50 fagaattutti argama. Odoolli kun kiiloo meetira 13 kan dheerattu siʼa taʼu, balʼinni ishii immoo kiiloo meetira 2.5 taʼa. Haa taʼu malee, bara 1947 hanga 1958⁠tti, kooministoota, namoota kooministoota akka taʼan shakkaman, loltoota mootummaa irratti fincilaa turanii fi Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo taʼan hedduu dabalatee namoonni 100,000 ol taʼan iddoo kanatti hidhamaniiru.

Jalqaba bara 1949⁠tti achi yeroon gaʼu, hidhamtoonni qoqqoodamanii kaampiiwwan garaa garaa keessatti hidhamanii turan. Anis dhiirota dhibbaan lakkaaʼamanii wajjin kaampii eegumsa cimaa hin qabne keessattin hidhame. Namoonni 40 taanu dunkaana namoota 10⁠niif akka taʼuuf hojjetame keessa lafa ciisna turre. Bishaan qulqulluu hin taane kan dhugnu siʼa taʼu, yeroo baayʼee misiraa fi bidinjaana (eggplants) nyaanna turre. Kana malees, awwaarrii fi bubbee cimaan jireenyi baayʼee ulfaataa akka taʼu godha ture. Taʼus, yoo xinnaate dhagaa asii fi achi hin geessinu turre; adabni gaddisiisaan kun hidhamtoota kaan irra karaa qaamaa fi sammuu miidhaa guddaan akka gaʼu godheera.

Dhugaa Baatota boojiʼaman kaanii wajjin odoola Maakroonisos irratti

Gaaf tokko utuun qarqara galaanaa irra deemaa jiruu, Dhugaa Baatota kaampii biraa irraa dhufanii wajjin wal argine. Waliin taʼuun keenya baayʼee nu gammachiise! Hamma nuu dandaʼametti dhoksaadhaan wal arguuf carraaqii guddaa goona turre. Of eeggannoodhaan hidhamtoota kaanitti kan lallabne siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Akkana gochuun keenyaa fi kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun keenya, karaa hafuuraa akka cimnu nu gargaareera.

RAKKINA CIMAA KEESSA GALUU

Ergan jiʼa kudhaniif dandamadhee booda, warri na boojiʼan uffata loltootaa uffachuu akkan qabu murteessan. Yeroon akkana gochuu didetti, ajajaa kaampichaa duratti na dhiheessan. Anis, “Loltuu Kiristoos qofa taʼuun barbaada” jedhee barreesseen namicha kanaaf kenne. Ajajaan kunis erga na doorsisee booda itti aanaa isaa phaaphaasii amantii Ortodoksii Giriikii taʼee fi uffata geggeessitoota amantii uffate duratti na dhiheesse. Gaaffiiwwan inni na gaafateef ija jabinaan Kitaaba Qulqulluu irraa ergan deebii isaaf kennee booda aariidhaan, “Na duraa isa baasaa. Inni waan itti ciche hin gadhiisu!” jedhee iyye.

Guyyaa itti aanuttis loltoonni uffata loltootaa akkan uffadhu na ajajan. Yommuun uffachuu didus aboottee fi ulee loltootaatiin na reeban. Achii boodas gara mana yaalaa kaampichaatti na geessanii lafeen koo akka hin cabne erga mirkaneeffatanii booda gara dunkaana kootti lafa irra harkisaa na deebisan. Gochi isaanii kun guyyaa guyyaadhaan jiʼa lamaaf itti fufe.

Loltoonni abdii kutatan sun, amantii koo laaffisuu waanan dideef mala kan biraa qopheessan. Harka koo gara duubaatti hidhanii faana miillaa koo keessa gara jabinaan wadaroodhaan na reeban. Yeroo dhukkubbii cimaan natti dhagaʼamu kanatti wanta Yesuus akkana jechuudhaan dubbaten yaadadhe: ‘Yommuu namoonni isin arrabsanii fi isin ariʼatan gammadaa. Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru.’ (Mat. 5:11, 12) Xumura irrattis, yeroo dheeraadhaaf ergan reebamee booda ofan wallaale.

Achiis mana hidhaa akka cabbii diilallaaʼuu fi daabboo, bishaanii fi uffata halkanii hin qabne keessattan of bare. Taʼus, tasgabbaaʼeen ture. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, “nagaan Waaqayyoo” ‘garaa koo fi yaada koo eegaa’ ture. (Flp. 4:7) Guyyaa itti aanutti, loltuun gara laafessa taʼe tokko daabboo, bishaanii fi uffata irraan uffatamu naaf kenne. Loltuu kan biraan immoo nyaata isaa naaf kenne. Yeroo kanattis taʼe, karaawwan hedduudhaan gara laafina Yihowaa arguu dandaʼeera.

Abbootiin taayitaa, nama hamaa sirreeffamuu hin dandeenye akkan taʼetti waan na ilaalaniif, gara mana murtii loltootaa Ateensitti argamutti na geessan. Achiis mana hidhaa Yiʼaaroos (Giyaaroos) jedhamuu fi odoola Maakroonisos irraa kiiloo meetira 50 fagaatutti hidhaa waggaa sadii natti murteessan.

“ISIN AMANNA”

Manni hidhaa Yiʼaaroos jedhamu dallaa guddaa xuubii diimaadhaan hojjetame kan qabu siʼa taʼu, namoota sababa siyaasaatiin hidhaman 5,000 kan qabate dha. Akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa siyaasa irraa walaba taʼuu isaaniitiin kan kaʼe hidhaman torba kan qabate ture. Kan dhorkamu taʼus, torba taanee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf dhoksaatti walitti qabamna turre. Yeroo yerootti Masaraa Eegumsaa dhoksaatti kan argannu siʼa taʼu, achiis qoʼannaa keenya irratti itti fayyadamuuf harkaan barreeffanna turre.

Gaaf tokko utuu dhoksaatti qoʼachaa jirruu eegduun mana hidhaa tokko nutti dhufee barreeffamoota keenya nu jalaa fudhatee deeme. Itti aanaa hogganaa kaampii sanaa duratti kan dhihaanne siʼa taʼu, yeroon nutti murtaaʼe akka dheeratu eegnee turre. Kan nama dinqisiisu garuu, itti aanaan sun, “Eenyummaa keessan beekna; ejjennoo keessanis ni kabajna. Isin amanna. Hojii keessanitti deebiʼaa” nuun jedhe. Nu keessaa tokko tokkoof illee hojii salphaa kennee ture. Yeroo kanatti garaan keenya galateeffannaadhaan guutame. Ejjennoon keenya mana hidhaa keessatti illee Yihowaadhaaf kabaja argamsiiseera.

Jabaannee dhaabachuun keenya buʼaawwan gaggaarii kan biraas argamsiiseera. Piroofeesarri herregaa hidhamee ture tokko amala keenya isa gaarii hubachuu isaatiin kan kaʼe, wanta itti amannu ilaalchisee gaaffii nu gaafachuuf kakaʼeera. Nuti warri Dhugaa Baatota taane jalqaba bara 1951⁠tti yommuu gadhiifamnu innis ni gadhiifame. Sana booda, cuuphamee Dhugaa Baatuu taʼuudhaan tajaajilaa yeroo guutuu taʼe.

AMMA IYYUU LOLTUU DHA

Haadha manaa koo Jaaneetii wajjin

Ergan gadhiifamee booda, maatii koo warra Kaariitzaatti argamanittan deebiʼe. Sana booda, namoota biyya keenyaa hedduu wajjin gara Meelboorni, Awustiraaliyaatti godaanne. Achittis obboleettii gaarii Jaaneet jedhamtuu wajjin kanan wal bare siʼa taʼu, gaaʼela godhachuudhaan ilma tokkoo fi durba sadii karaa Yihowaan barbaaduun guddisuu dandeenyeerra.

Yeroo harʼaatti umuriin koo waggaa 90 ol taʼus, amma iyyuu jaarsa gumii Kiristiyaanaa taʼeen dammaqinaan tajaajilaa jira. Miidhaawwan kanaan dura na irra gaʼaniin kan kaʼe, keessumaa hojii lallabaa irratti ergan hirmaadhee booda, darbee darbee dhukkubbii cimaatu natti dhagaʼama. Taʼus, yeroo kam iyyuu caalaa “loltuu Kiristoos” taʼuuf kutadheera.—2 Xim. 2:3.