Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duriitti macaafonni maraman hojjetamaa fi hojii irra oolaa kan turan akkamitti?

Macaafa Asteer Maraa Gogaa Fi Biraannaa Irratti dh.k.b. Jaarraa 18ffaatti Qophaaʼe

Wangeelli Luqaas, Yesus maraa macaafa Isaayaas diigee erga dubbisee booda deebisee akka mare dubbata. Akkasumas Phaawulos, Ximotewos yeroo gara isaa dhaqu maraa caaffatootaa fuudheefii akka deemu itti himee ture.—Luqaas 4:16-20; 2 Ximotewos 4:13.

Maraan macaafotaa kan hojjetamu akkamitti? Wantoota akka gogaa, biraannaa ykn paappirasii walitti maxxansuudhaan maraa dheeraan hojjetama ture. Achiis karaa itti barreeffame gara keessaa oolchanii muka irratti maru. Barreeffamni maraa dheeraa kana irratti barreeffamu, bakka baayʼeetti qoqqoodamee irraan gadee barreeffama ture. Maraan macaafichaa dheeraa yoo taʼe, karaa lamaaniin iyyuu muka kan qabaatu siʼa taʼu, namni dubbisu hamma iddoo barbaadu argatutti harka isa tokkoon maricha hiikaa, harka isa kan biraadhaan immoo mara.

Barreeffamni The Anchor Bible Dictionary jedhamu, “Maraan macaafaa tokko guutummaa kitaaba tokkoo qabachuu akka dandaʼutti [yeroo baayʼee gara meetira 10 taʼa] dheerachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, yeroo maramu garuu xinnoo fakkaata” jedheera. Fakkeenyaaf Wangeelli Luqaas maraa gara meetira 9.5 dheeratu irratti akka barreeffame tilmaamama. Yeroo tokko tokko, gararraa fi gajjallaan maraa macaafichaa muramee, dhagaadhaan soofamee, halluu keessa cuuphama ture.

‘Luboonni warri angafoonni’ Kitaabota Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii keessatti ibsaman eenyu dha?

Akka seera lubummaa Israaʼelootaatti, angafa lubootaa taʼee kan tajaajilu nama tokko qofa kan ture siʼa taʼu, jalqaba irratti namni sun hamma duʼutti angafa lubootaa taʼee tajaajila ture. (Lakkoobsa 35:25) Namni jalqabaa angafa lubootaa taʼee tajaajile Aaroni dha. Yeroo booda, mirgi kun abbaa irraa ilma isa angafaatti darba ture. (Baʼuu 29:9) Sanyii Aaron keessaa dhiironni hedduun luba taʼanii tajaajilaniiru; angafa lubootaa taʼanii kan tajaajilan garuu muraasa dha.

Israaʼel bulchiinsa saba warra kaanii jalatti buluu yeroo jalqabdu, bulchitoonni Israaʼeloota hin taane akkuma barbaadanitti angafa lubootaa Yihudootaa muudaa fi aangoo irraa buusaa turan. Haa taʼu malee, namoonni muudaman kun yeroo baayʼee maatiiwwan iddoo guddaa qaban, harka caalaa immoo sanyii Aaron keessaa filatamaa kan turan fakkaata. Yaadni “luboota warra angafoota” jedhu, luboota keessaa warra iddoo guddaa qaban kan argisiisu akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Luboonni warri angafoonni, dura buutota luboota bakka 24tti gurmeeffamanii, maatii angafa lubootaa keessaa warra iddoo guddaa qaban, akkasumas warra akka Haannaas kanaan dura angafa lubootaa turanii fi aangoo isaanii irraa buʼan kan dabalatu taʼuu dandaʼa.​—1 Seenaa 24:​1-​19; Maatewos 2:4; Maarqos 8:​31; Hojii Ergamootaa 4:⁠6.