Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Gaarummaa Waaqayyoo isa Guddaa Galataan Fudhatan

Namoota Gaarummaa Waaqayyoo isa Guddaa Galataan Fudhatan

“Hundi keenya . . . gaarummaa guddaa irratti dabalataan gaarummaa guddaa arganneerra.”—YOH. 1:16.

FAARFANNAA: 1, 13

1, 2. (a) Fakkeenya Yesuus abbaa maasii wayinii ilaalchisee dubbate ibsi. (b) Seenaan kun arjummaa fi gaarummaa guddaa kan argisiisu akkamitti?

ABBAAN maasii wayinii tokko ganama bariidhaan kaʼee hojjettoota maasii isaa irratti hojjetan barbaaduuf bakka gabaa deeme. Namoonni inni argates mindaa isaaniif kaffalamu irratti walii galanii hojii isaanii jalqaban. Haa taʼu malee, abbaan maasii kun hojjettoota dabalataa waan barbaadeef, namoota dabalataa qacaruu fi warra waaree booda dhufaniif illee gatii sirrii kaffaluudhaaf guyyaa guutuu iddoo gabaatti deddeebiʼe. Yommuu galgalaaʼus, mindaa isaaniif kaffaluuf hojjettoota hunda walitti qabe; achiis, warra saʼaatii hedduudhaafis taʼe saʼaatii tokkoof qofa hojjetaniif kaffaltii wal qixxee kenne. Namoonni jalqaba irratti qacaramanis yommuu kana hubatan guungumuu jalqaban. Abbaan maasii wayinii sunis akkana jedhee deebiseef: ‘Mindaa ani kaffale irratti walii hin gallee? Hojjettoota koo hundaaf wantan barbaade kennuuf mirga hin qabuu? Arjaa waanan taʼeef hinaaftanii?’—Mat. 20:1-15, mil.

2 Fakkeenyi Yesuus dubbate kun amala Yihowaa yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jechuunis ‘gaarummaa isaa isa guddaa’ nu yaadachiisa. [1] (2 Qorontos 6:1 dubbisi.) Hojjettoonni saʼaatii tokkoof qofa hojjetan mindaa guutuu argachuu hin qaban turan; abbaan maasii wayinii sun garuu gaarummaa baayʼee guddaa taʼe isaanitti argisiiseera. Hayyuun tokko “gaarummaa guddaa” isa yeroo baayʼee hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu keessatti “ayyaana” jedhamee hiikame ilaalchisee akkana jedhanii barreessaniiru: “Jechi kun, kennaa tolaa guddaa taʼee fi nama kennamuufii hin qabneef ykn isaaf hin malleef kennamu dha.”

KENNAA YIHOWAAN ARJUMMAADHAAN KENNE

3, 4. Yihowaan ilmaan namootaa hundatti gaarummaa isaa isa guddaa kan argisiise maaliifi? Kana kan godhe hoo akkamitti?

3 Kitaabonni Qulqulluun, waaʼee ‘gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa tola kennamuu’ ni dubbatu. (Efe. 3:7) Yihowaan kennaa ‘tola kennamu’ kana kan nu badhaase maaliifi? Kan nu badhaase hoo akkamitti? Utuu ulaagaalee Yihowaan nu irraa barbaadu guutummaatti ni guunna taʼee, gaarummaan isaa kun nuuf mala ture. Kana gochuu garuu hin dandeenyu. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru” jedhee barreesseera. (Lal. 7:20) Phaawulos ergamaanis, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan,” jedheera; itti dabalees “Miindaan cubbuu duʼa dha” jedheera. (Rom. 3:23; 6:23a) Kan nuuf malu kana dha.

4 Haa taʼu malee, Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaa gita hin qabneen jaalala isaa ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti argisiiseera. Nuuf jedhee akka duʼuuf “Ilma isaa isa tokkicha” gara lafaatti erguudhaan, kennaa hunda caalu nuu kenneera. (Yoh. 3:16) Kanaafuu Phaawulos Yesusiin ilaalchisee, “Amma ulfinaa fi kabaja gonfatee argina; kunis kan taʼe, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin kan kaʼe tokkoon tokkoon namaatiif duʼa akka dhandhamatuufi” jedhee barreesseera. (Ibr. 2:9) Eeyyee, “kennaan Waaqayyo kennu, . . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Rom. 6:23b.

5, 6. (a) Cubbuudhaan geggeeffamuun, (b) Gaarummaa guddaadhaan geggeeffamuun, buʼaan isaa maali dha?

5 Namoonni cubbuu fi duʼa hunda keenya waliin gaʼaa jiru kan dhaalan akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, ‘Cubbuu nama tokkootiin [Addaamiin] kan kaʼe duuti sanyii Addaam irratti akka mootiitti akka moʼe’ ibsa. (Rom. 5:12, 14, 17) Kan nama gammachiisu garuu, cubbuudhaan moʼamuu ykn bitamuu dhiisuuf filachuu ni dandeenya. Aarsaa furii Kiristoos irratti amantii qabaachuudhaan, gaarummaa Yihowaa isa guddaa jalatti buluu dandeenya. Garuu akkamitti? “Bakka cubbuu hedduun turetti, gaarummaa guddaanis caalaatti baayʼate. Kun kan taʼe maaliifi? Akkuma cubbuun duʼaa wajjin moʼe, gaarummaa guddaan inni karaa Yesuus Kiristoos Gooftaa keenyaa jireenya bara baraatti geessu karaa qajeelummaa akka moʼuufi.”—Rom. 5:20, 21.

6 Cubbamoota yoo taane iyyuu, cubbuun jireenya keenya akka toʼatu gochuu hin qabnu. Cubbuu yeroo hojjennu, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu gaafanna. Phaawulos, “Isin seera jala utuu hin taʼin, gaarummaa guddaa jala waan jirtaniif, cubbuun isin irratti gooftaa taʼuu hin qabu” jechuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera. (Rom. 6:14) Kanaafuu, gaarummaa guddaadhaan geggeeffamuu dandeenyeerra. Kun buʼaan isaa maali dha? Phaawulos akkana jechuudhaan ibseera: “Gaarummaan Waaqayyoo . . . wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu nu leenjisa.”—Tit. 2:11, 12.

GAARUMMAA GUDDAA “KARAA GARAA GARAA MULʼATE”

7, 8. Gaarummaan Yihowaa inni guddaan “karaa garaa garaa mulʼate” jechuun maal jechuu dha? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)

7 Pheexiroos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa garaa garaa mulʼateef bulchitoota gaarii waan taataniif, kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa.” (1 Phe. 4:10) Kana jechuun maal jechuu dha? Qorumsi akkamii iyyuu jireenya keenya keessatti yoo nu mudate, Yihowaan akka damdamannu nu gargaaruu dandaʼa jechuu dha. (1 Phe. 1:6) Yeroo hundumaa qorumsa nu mudatu hunda irratti gaarummaa Waaqayyoo ni argina.

8 Dhuguma iyyuu, gaarummaan Yihowaa inni guddaan karaa garaa garaa mulʼateera. Yohaannis ergamaan, “Hundi keenya guutummaa isaa irraa, gaarummaa guddaa irratti dabalataan gaarummaa guddaa arganneerra” jedhee barreesseera. (Yoh. 1:16) Gaarummaan Yihowaa inni karaa garaa garaatiin mulʼatu, eebbawwan hedduu akka argannu godha. Eebbawwan kana keessaa tokko tokko maal faʼi?

9. Gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Galata keenya argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

9 Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu. Qalbii yoo geeddarannee fi hawwii cubbuutti geessu loluuf walʼaansoo cimaa yoo goone, gaarummaa Yihowaa isa guddaatiin dhiifama cubbuu argachuu dandeenya. (1 Yohaannis 1:8, 9 dubbisi.) Gara laafinni Waaqayyoo galata akka isaaf galchinuu fi akka isa jajannu nu kakaasuu qaba. Phaawulos Kiristiyaanota akkuma isaa dibamoo taʼaniin akkana jedheera: “Waaqayyo aangoo dukkanaa jalaa nu oolchee gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaatti nu ceesise; inni karaa furii Ilma isaa gadhiifamnee cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu godheera.” (Qol. 1:13, 14) Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuun keenya, eebbawwan gaggaarii hedduu argachuuf karaa nuu bana.

10. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaan kan kaʼe maal arganne?

10 Waaqayyoo wajjin nagaa qabaachuu. Cubbamoota waan taaneef, erga dhalannee kaasee diinota Waaqayyoo turre. Phaawulos, ‘Utuu diinota taanee jirruu karaa duʼa Ilma isaa Waaqayyotti araaramne’ jechuudhaan kana mirkaneesseera. (Rom. 5:10) Araarri kun Yihowaa wajjin nagaa qabaachuuf nu dandeessiseera. Phaawulos mirga kana gaarummaa Yihowaa isa guddaa wajjin wal qabsiisuudhaan akkana jedheera: “Amma [nuyi obboloonni Kiristoos warri dibamoon] amantiidhaan qajeelota jedhamnee waan waamamneef, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoo wajjin nagaadhaan haa jiraannu; kana malees, karaa Yesuus amantii gaarummaa guddaa kana irratti qabnuun iddoo amma dhaabanne kanatti dhihaachuu dandeenyeerra.” (Rom. 5:1, 2) Kun eebba guddaa mitii?

Karaawwan gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ittiin mul’atu: Mirga misiraachicha dhagaʼuuf arganne(Keeyyata 11 ilaali)

11. Dibamtoonni, “hoolota kan biraa” gara qajeelinaatti kan fidan akkamitti?

11 Gara qajeelinaatti deebiʼuu. Hundi keenya iyyuu uumamaan qajeelota miti. Taʼus, Daaniʼel raajichi bara dhumaatti warri “ogummaa” qaban, jechuunis dibamtoonni lafa irra jiran ‘namoota baayʼee gara qajeelinaatti akka deebisan’ raajii dubbateera. (Daaniʼel 12:3 dubbisi.) Hojii lallabuu fi barsiisuutiin ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaʼaman, Yihowaa duratti qajeeloo akka taʼan godhaniiru. (Yoh. 10:16) Haa taʼu malee, kun taʼuu kan dandaʼe gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan qofa dha. Phaawulos akkana jedhee ibseera: “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa furii isa Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee argisiiseen bilisa baʼanii, qajeelota jedhamanii waamamuun isaanii kennaa tola argame dha.”—Rom. 3:23, 24.

Eebba kadhannaan argamsiisu (Keeyyata 12 ilaali)

12. Kadhannaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?

12 Kadhannaadhaan gara teessoo Waaqayyootti dhihaachuu. Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, kadhannaadhaan gara teessoo isaa isa samiitti dhihaachuu akka dandeenyu godheera. Phaawulos teessoo Yihowaa “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” jechuudhaan kan waame siʼa taʼu, “sodaa tokko malee” akka itti dhihaannu nu afeereera. (Ibr. 4:16b) Yihowaan karaa ilma isaa isa ‘amantii isa irratti qabnuun bilisa taanee dubbachuu fi amanannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu dandeenyee’ mirga kana nuuf kenneera. (Efe. 3:12) Dhuguma iyyuu kadhannaadhaan sodaa malee Yihowaatti dhihaachuu dandaʼuun keenya, karaa dinqisiisaa gaarummaan isaa inni guddaan ittiin mulʼate dha.

Yeroo barbaachisutti gargaarsa argachuu (Keeyyata 13 ilaali)

13. “Yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gaarummaan inni guddaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

13 Yeroo barbaachisutti gargaarsa argachuu. Phaawulos, “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf” utuu hin sodaatin kadhannaadhaan Yihowaatti akka dhihaannu nu jajjabeesseera. (Ibr. 4:16a) Yeroo qorumsi ykn rakkinni nu mudatu kamitti iyyuu, gara laafinaan gargaarsa akka nuu godhuuf kadhannaadhaan gara Yihowaatti booʼuu ni dandeenya. Kan nuuf hin malle taʼus, yeroo baayʼee Kiristiyaanota hidhata keenya taʼinitti fayyadamee deebii nuu kenna; “Kanaafis amanannee, ‘Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda’a ree?’” jenna.—Ibr. 13:6.

14. Gaarummaan Yihowaa inni guddaan garaa keenya kan fayyadu akkamitti?

14 Garaa keenyaaf jajjabina argachuu. Eebbi guddaan karaa gaarummaa Yihowaa isa guddaa argannu kan biraan jajjabina dha. (Far. 51:17) Phaawulos, Kiristiyaanota Tasalonqee warra rakkinni hedduun isaan irra gaʼeef akkana jedhee barreesseera: “Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya inni nu jaallatee fi gaarummaa guddaadhaan jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuu kenne, garaa keessan haa jajjabeessan.” (2 Tas. 2:16, 17) Gaarummaa isaa isa arjummaa irratti hundaaʼeen kan kaʼe, kunuunsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe argachuun keenya baayʼee nama jajjabeessa!

15. Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan abdii akkamii nuuf argamsiisa?

15 Abdii jireenya bara baraa qabaachuu. Cubbamoota waan taaneef, ofii keenyaan abdii hin qabnu turre. (Faarfannaa 49:7, 8 dubbisi.) Yihowaan garuu abdii dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Yesuus, “Fedhiin Abbaa koo namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi” jechuudhaan duuka buutota isaatiif waadaa galeera. (Yoh. 6:40) Eeyyee, abdiin jireenya bara baraa kennaa dinqisiisaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaan argisiifamu dha. Phaawulos inni kana hubate, ‘gaarummaan Waaqayyoo inni akaakuu namoota hundaatiif fayyina argamsiisu akka mulʼifame’ dubbateera.—Tit. 2:11.

GAARUMMAA WAAQAYYOO ISA GUDDAADHAAN QABATTANII CUBBUU HIN RAAWWATINAA

16. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irratti cubbuu kan hojjetan akkamitti?

16 Gaarummaan Yihowaa inni guddaan eebbawwan hedduu kan nuuf argamsiisu taʼus, amala hunda irra akka nuuf darbu yaaduu hin qabnu. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu, namoonni ‘gaarummaa Waaqayyootiin qabatanii addaggummaa raawwatan’ jiru turan. (Yih. 4) Kiristiyaanonni amanamoo hin taane kun cubbuu hojjechuu fi Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu gaafachuu akka dandaʼan itti dhagaʼama ture. Kan nama gaddisiisu immoo, amala isaanii gadhee kana irratti akka hirmaatan obboloota kaan ni jajjabeessu turan. Harʼas taanaan, namni kana godhu “hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu” aarsa.—Ibr. 10:29.

17. Pheexiros gorsa cimaa akkamii kenne?

17 Yeroo harʼaatti, Seexanni Kiristiyaanonni tokko tokko araara Waaqayyoo akka argatanii fi cubbuu hojjechuu akka dandaʼan akka yaadan gochuudhaan isaan dogoggorsaa jira. Haa taʼu malee, Yihowaan cubbamoota qalbii geddarataniif dhiifama kan godhu taʼus, hawwii cubbuu keessa keenya jiru ciminaan akka lollu nu irraa eega. Pheexiros hafuuraan kakaʼee akkana jedhee akka barreessu godheera: “Kanaaf yaa obboloota jaallatamo, isin kana dursitanii waan beektaniif, dogoggora namoonni hamoo taʼan hojjetaniin gowwoomfamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamne, akkasumas ejjennoo cimaan isin qabdan akka hin laafne of eeggadhaa. Kanaa mannaa, gaarummaa guddaa, beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddachuu keessan itti fufaa.”—2 Phe. 3:17, 18.

GAARUMMAA INNI GUDDAAN ITTI GAAFATAMUMMAA FIDA

18. Gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan kan kaʼe itti gaafatamummaa akkamiitu nu irra jira?

18 Namoota gaarummaa Yihowaa galataan fudhannu waan taaneef, kennaawwan qabnutti fayyadamnee isaaf kabaja kennuu fi namoota kaan fayyaduu qabna. kamiin? Phaawulos akkana jechuudhaan deebii nuuf kenna: “Kanaaf, akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf, . . . kennaan keenya tajaajiluu yoo taʼe, tajaajiluu keenya itti haa fufnu; inni barsiisuus barsiisuu isaa itti haa fufu; inni jajjabeessus jajjabeessuu isaa itti haa fufu; . . . inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.” (Rom. 12:6-8) Gaarummaan inni guddaan Yihowaan nutti argisiise, tajaajila irratti hirmaachuuf, namoota kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf, Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan jajjabeessuu fi nama nu miidhu kamiif iyyuu dhiifama gochuuf itti gaafatamummaan akka nu irra jiraatu godha.

19. Mata duree itti aanu irratti itti gaafatamummaa keenya isa kam qorra?

19 Namoota jaalala Waaqayyo arjummaadhaan nutti argisiise irraa faayidaa argannu waan taaneef, “misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf” hamma dandeenye gochuuf kakaʼuu qabna. (HoE. 20:24) Mata dureen itti aanu itti gaafatamummaa kana gadi fageenyaan ibsa.

^ [1] (keeyyata 2) Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata irraa mata duree “Gaarummaa guddaa” jedhu “Jibsoo Jechoota Kitaaba Qulqulluu” jala ilaali.