Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

COVER SUBJECT

Seenaa Uumamaa Dhokatee Jiru

Seenaa Uumamaa Dhokatee Jiru

NAMOONNI biliyoona hedduutiin lakkaaʼaman waaʼee uumamaa wanta Macaafni Qulqulluun jedhu dubbisaniiru ykn dhagaʼaniiru. Seenaan erga barreeffamee waggaa 3,500 taʼu kun, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jechuudhaan jalqaba.

Haataʼu malee, namoota uumamni guyyoota dheerina saʼaatii 24 qaban jaʼa keessatti akka raawwatame amananiifi cimsitoota amantii dabalatee, geggeessitoonni amantii Saba Kiristiyaanaa hedduun, seenaa Macaafni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatu karaa dogoggora taʼeen akka isaan hiikan hin hubanne. Hubannaansaanii kun ragaa saayinsiin bira gaʼee wajjin kan wal faallessudha. Wanti isaan dubbatan Macaafa Qulqulluurra kan hin jirre siʼa taʼu, namoonni tokko tokko seenaa macaaficha keessa jiru akka asoosamaatti akka ilaalan godheera.

Namoonni hedduun seenaa waaʼee uumamaa dubbatuufi Macaafa Qulqulluu keessa jiru sirriitti hin beekan. Macaafni Qulqulluun waaʼee uumama cufaa ifa godhee kan ibsu taʼus, namoonni utuu hin hubatin hafuunsaanii baayʼee kan nama gaddisiisudha. Kana malees, seenaan macaafa kanarra jiru ragaa saayinsiin bira gaʼee wajjin kan walsimudha. Eeyyee, seenaa uumamaa dhokatee jiruufi Macaafni Qulqulluun ibsu yommuu barattu dinqisiifamuun kee hin oolu!

UUMAA HIN UUMAMNE

Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbatu, Qaamni Hundumaa Dandaʼuufi wantoota hunda uume akka jiru ibsa. Qaamni kun eenyudha? Qaama akkamii qaba? Macaafni Qulqulluun, qaamni kun waaqayyolii aadaafi amantii addaddaa keessatti waaqeffatamanirraa baayʼee adda akka taʼe ni ibsa. Qaamni kun Uumaa waan hundumaa taʼus, namoonni heduun waaʼeesaa hin beekan.

  • Waaqayyo qaama mataasaa kan qabudha. Humna qaama hin qabneefi akkasumatti uumama cufarratti tamsaʼee argamu miti. Ni yaada, miiraafi kaayyoos qaba.

  • Waaqayyo humnaafi ogummaa daangaa hin qabne qaba. Kanas haala uumamaa wal xaxaa uumamarratti, keessumaammoo lubbu qabeeyyiirratti argamurraa ifatti hubachuu dandeenya.

  • Wanta ijaan arginu hunda kan uume Waaqayyodha. Kanaaf, Waaqayyo wanta ijaan argamuufi inni uumerraa dhufe jechuu hin dandeenyu. Kanaa mannaa Waaqayyo qaama ijaan hin mulʼanne, jechuunis qaama hafuuraa qaba.

  • Waaqayyo jalqaba hin qabu. Barabaraaf kan ture, kan jiraatudhas. Kanaaf, qaamni isa uume hin jiru.

  • Waaqayyo maqaa dhuunfaa kan qabu yommuu taʼu, kunis Macaafa Qulqulluu keessatti al kumaatama caqasameera. Maqaan kun Yihowaa jedhama.

  • Yihowaan ilmaan namootaa ni jaallata, isaaniifis ni yaada.

WAAQAYYO UUMAMA CUFA UUMUUF YEROO HAMMAMII ITTI FUDHATE?

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo ‘bantiiwwan waaqaafi lafa akka uume’ dubbata. Taʼus, yaanni akka waliigalaatti dubbatame kun Waaqayyo uumama cufa uumuuf yeroo hammamii akka isatti fudhate ykn uumama cufa bifa isaan qabaniin uumuuf mala inni itti fayyadame hin ibsu. Waaʼee yaada Waaqayyo uumama cufa guyyoota dheerina saʼaatii 24 qaban jaʼa keessatti akka uume dubbatamuufi balʼinaan fudhatama argateehoo maal jechuutu dandaʼama? Yaanni saayintiistota biratti fudhatama hin qabne kun, seenaa Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuu dhabuurraa kan dhufedha. Mee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaali.

Macaafni Qulqulluun yaada namoonni uumamni cufti guyyoota uumamaa dheerina saʼaatii 24 qaban keessatti akka uumaman dubbatan hin deggeru

  • Macaafni Qulqulluun yaada namoonni uumamni cufti guyyoota uumamaa dheerina saʼaatii 24 qaban keessatti akka uumaman dubbatan hin deggeru.

  • Macaafni Qulqulluun yeroo baayʼee jecha “guyyaa” jedhu dheerina yeroo garaagaraa qabu ibsuuf itti fayyadama. Al tokko tokko yeroon kun dheerina hin murtoofne argisiisuu dandaʼa. Gama kanaan seenaan kitaaba Seera Uumamaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamurratti ibsame fakkeenya kan taʼudha.

  • Tokkoon tokkoon guyyaa uumamaa jaʼan dheerina waggaa kumaatamaa qabaachuu dandaʼu.

  • Guyyaan uumamaa jalqabaa eegalamuusaa dura, Waaqayyo lafa lubbu qabeeyyiin irra hin jirre dabalatee wantoota hawaa keessa jiran hunda uumee ture.

  • Haalasaarraa hubachuun akkuma dandaʼamu, guyyaan uumamaa jaʼan yeroo dheeraa Yihowaan lafti ilmaan namootaatiif bakka mijooftuu akka taatu godhee qopheessuuf itti fayyadame argisiisa.

  • Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbatu, dheerina umrii uumamni cufti qabu ilaalchisee yaada saayinsiin ibsuu wajjin wal hin faallessu.

WAAQAYYO JIJJIIRAMA TIRANNAATTI FAYYADAMEE?

Namoonni Macaafa Qulqulluutti hin amanne hedduun lubbu qabeeyyiin keemikaalota lubbuu hin qabnerraa akka tasaa, jechuunis haala hin beekamneefi adeemsa kaayyoo hin qabneen akka dhufan amanu. Akka yaada kanaatti, lubbuun wanta baakteeriyaa fakkaatu, yeroo taʼe tokkotti ofumasaatiin of baayʼisuufi suuta suuta sanyiiwwan yeroo harʼaa jiran hunda argamsiiserraa akka dhufe amanama. Yaanni kun ilmaan namootaa akkaataa uumamaa wal xaxaa taʼe qabanis jijjiirama tirannaatiin baakteeriyaarraa akka argaman kan ibsudha.

Barumsi jijjiirama tirannaa namoota Macaafa Qulqulluutti amanan hedduu birattillee fudhatama argateera. Namoonni kun Waaqayyo lubbuu tokko lafarratti erga uumee booda, lubbu qabeeyyii kaanimmoo jijjiirama tirannaatiin lubbuu kanarraa akka uume amanu. Macaafni Qulqulluun garuu akkas hin jedhu.

Argannoon saayinsii gosa tokko keessa garaagarummaan akka jiru ibsu, seenaa Macaafni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatuu wajjin wal hin faallessu

  • Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti, Yihowaan biqiltootaafi bineensota akka gosa gosasaaniitti, akkasumas dhiiraafi dubartii mudaa hin qabne, dandeettii yaaduu qaban, jaalala, ogummaafi haqa calaqqisuu dandaʼan uume.

  • Bineensonniifi biqiltoonni Waaqayyo uume jijjiirama tokko tokko kan godhan siʼa taʼu, gosuma sana keessatti garaagarummaan akka jiraatu godheera. Sababa kanaan yeroo baayʼee lubbu qabeeyyii kana gidduutti garaagarummaan ni mulʼata.

  • Argannoon saayinsii gosa tokko keessa garaagarummaan akka jiru ibsu, seenaa Macaafni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatuu wajjin wal hin faallessu.

UUMAMNI WAAʼEE UUMAA NU BARSIISA

Walakkeessa bara 1800⁠tti, hayyuun baayooloojii lammii Biritaaniyaa Alfireed Raasil Waalas, yaada jijjiirama tirannaa Chaarlis Daarwiin barsiisurratti walii gala ture. Haataʼu malee namni jijjiirama tirannaa deggeruudhaan beekamaa taʼe kun, “Namni arguufi yaaduu dandaʼu tokko, seelii baayʼee xinnoo taate, dhiiga, biyya lafaafi hawaa balʼaa taʼe . . . duuba beekumsiifi hubannaan, walumaagalatti dandeettiin yaaduu akka jiru hubachuu ni dandaʼa” jechuudhaan dubbateera.

Waalas yaada armaan olii dubbachuusaa gara waggaa 2,000 dura Macaafni Qulqulluun, “Bifni [Waaqayyoo] ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in dandaʼa” jechuudhaan dubbateera. (Roomaa 1:20) Baala margaa tokkorraa kaasii hanga uumamawwan samii lakkaaʼamanii hin dhumne, wal xaxaafi dinqisiisoo taʼanirratti xiinxaluuf yaali. Waaʼee uumamaa qoruudhaan Uumaan akka jiru hubachuu ni dandeessa.

Haataʼu malee, ‘Waaqni jaalala qabeessi wanta hundumaa uume kan jiru erga taʼee, rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Uumamawwansaa lafarra jiran dhiiseeraa? Gara fuulduraatti abdii akkamii qabna?’ jettee gaafachuunkee hin oolu. Macaafni Qulqulluun dhugaa yaada namoonni uumaniin ykn barumsa amantiitiin kan kaʼe ilmaan namootaa jalaa dhokate garabiraa hedduu qabateera. Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana qopheessan, dhugaa sirrii Macaafa Qulqulluu keessa jiru akka qortu, akkasumas waaʼee Uumaafi abdii inni ilmaan namootaatiif kenne akka beektu si gargaaruun isaan gammachiisa.