Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gargaarsa Gaafadhu

Gargaarsa Gaafadhu

Gargaarsa Gaafadhu

“Namni tokko nama kophaa isaa jiru moʼuu dandaʼa; lama yoo taʼan garuu isa mormanii dhaabbachuu dandaʼu.”—Lallaba 4:12.

YOMMUU gargaarsa warra kaanii argannu, diinni keenya eenyu iyyuu ykn maal iyyuu yoo taʼe injifachuuf carraa balʼaa qabaanna. Kanaafuu, araada tamboo xuuxuu injifachuu yoo barbaadde, maatii kee fi michoota kee ykn nama obsa qabeessa dhugumaan si gargaaruu dandaʼu kan biraa gargaarsa gaafachuun kee gaarii dha.

Namoonni araada tamboo xuuxuu injifatan rakkina kee hubachuu qofa utuu hin taʼin, akka gaariitti si gargaaruu waan dandaʼaniif namoota akkasii argachuuf carraaqqii godhi. Kiristiyaanni Toorban jedhamuu fi Deenmaarki jiraatu, “Deggersi warri kaan naaf godhan baayʼee na gargaareera” jedheera. Ebrahaam inni Hindii jiraatus, “Jaalalli dhugaan maatiin koo fi obboloonnii koo natti argisiisan, tamboo xuuxuu dhiisuuf na gargaareera” jedheera. Taʼus, yeroo tokko tokkoo deggersi maatii fi michoonni keenya nuuf godhan illee gaʼa miti.

Namni Bagwaandaas jedhamu akkana jedheera: “Waggoota 27 tamboo xuuxeera, taʼus xuuxuu koo dhiisuuf kanan murteesse Kitaabni Qulqulluun waaʼee amalawwan gadhee taʼanii dubbatu yeroon beeketti dha. Hamman xuuxu hirʼisuudhaan suutuma suuta dhiisuuf yaalii godheen ture. Hariiroon michoota koo duraanii wajjin qabu addaanin kute. Gargaarsa yaalii fayyaas nan fudhadhe. Kun hundi garuu wanta na fayyade tokko illee hin qabu. Dhuma irrattis gaaf tokko galgala Yihowaatti garaadhaa kadhannaa dhiheessuudhaan tamboo xuuxuu koo akkan dhiisu akka na gargaarun cimsee isa kadhadhe. Dhuma irrattis naaf milkaaʼuu dandaʼeera!”

Wanti kan biraan barbaachisaa taʼe immoo, gufuuwwan si mudachuu dandaʼaniif of qopheessuu dha. Wantoonni gufuu taʼuu dandaʼan kun maali dha? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

[Saanduqa]

QORICHA FAYYADAMUU QABDAA?

Qorichawwan tamboo xuuxuu dhiisuuf gargaaru jedhaman, kan akka pilaastarii niikotiinii kan maallaqa biliyoona hedduu argamsiisan taʼaniiru. Qorichawwan akkasii fayyadamuuf murteessuu kee dura gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi:

Faayidaa akkamii qaba? Qorichawwan hedduun rakkoowwan araada kana dhiisuu wajjin wal qabatanii dhufan hirʼisuudhaan carraa itti araada kana dhiisuuf qabdu akka dabalu gargaaru jedhamee dubbatama. Taʼus qorichawwan kunneen faayidaa guutuu kan argamsiisan taʼuun isaanii namoota tokko tokko wal falmisiisaa jira.

Miidhaa akkamii qaba? Qorichawwan tokko tokkoo miidhaawwan akka lollocuu, dhukkuba dhiphinaatiin qabamuu fi yaanni of ajjeesuu akka namatti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Yaaliiwwan fayyaa bakka niikotiinii kennaman fudhachuun, karaa biraatiin niikotiinii gara qaama keetti galchuu akka taʼe dagachuu hin qabdu; kanas taʼe sana karaa kamiin iyyuu niikotiinii fudhachuun miidhaa geessisuun isaa hin oolu. Kanaafuu, namni yaalii fayyaa kanatti fayyadamu amma iyyuu araada niikotinii irraa bilisa hin baane jechuun ni dandaʼama.

Filannoowwan kan biroon jiruu? Qorannoo tokko irratti namoota tamboo xuuxuu dhiisuu dandaʼan keessaa harki 88 xuuxuu kan dhiisan, qoricha tokko illee utuu hin fayyadamin al tokkotti akka taʼe dubbataniiru.