MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?
Deebii Argachuuf Qorannaa Gochuu
ODUU gaddisiisaa baayʼee dhagaʼuu keetiin sodaan kan sitti dhagaʼamuu fi kan dhiphattu yoo taate, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Bara 2014tti, pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisii yeroo sanaa kan turan Baaraak Obaamaan, oduuwwan gaddisiisoo sab-qunnamtiin gabaasaniin kan kaʼe, namoonni baayʼeen “addunyaan ariitiidhaan toʼannaadhaa ala taʼa jira . . . eenyu iyyuu kana dhaabsiisuu hin danadaʼu” jedhanii akka murteessan dubbatanii turan.
Taʼus erga kana dubbatanii yeroo muraasa booda, rakkoowwan hedduu addunyaa mudachaa jiraniif furmaata fiduuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran ilaalchisee miira hoʼaadhaan dubbataniiru. Sochiiwwan mootummaan gochaa jiru tokko tokkoon “oduu gaarii” kan jedhan siʼa taʼu, “abdii guddaa” akka qabanii fi “shakki tokko illee akka hin qabne” dubbataniiru. Kana jechuunis carraaqqii namoonni gaarii taʼan godhaniin rakkoowwan addunyaa furamuu fi gaagaʼumsi hafuu ni dandaʼa jechuu isaanii ture.
Namoonni baayʼeenis abdii akka isaanii qabu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko saayinsii abdachuudhaan, guddinni teknooloojii saffisaan dhufaa jiru rakkina addunyaa akka furu isaanitti dhagaʼama. Hayyuun teknoolojii diijitaalii fi kalaqaa tokko, afaan isaa guutee bara 2030tti “teknoolojiin keenya dachaa kuma tokko oliin akka guddatu, bara 2045tti immoo dachaa miliyoonaa ol akka guddatu” dubbateera. Dabalataanis akkana jedheera: “Amma akka gaariitti hojjechaa jirra. Rakkoowwan nu mudatan hamma kana ulfaatoo taʼanii kan hin beekne taʼanis, dandeettiin rakkoowwan kana hiikuuf qabnu kana caalaa ariitiidhaan guddachaa jira.”
Haalli addunyaa hangam mancaʼeera? Dhuguma xumura gaagaʼumsa addunyaa guutuu jala geenyeerraa? Saayintistoonnii fi namoonni siyaasaa tokko tokko yeroon gara fuulduraa abdiidhaan kan guutame akka taʼe dubbatanis, namoonni baayʼeen garuu amma iyyuu waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee shakkii guddaa qabu. Maaliif?
MEESHAALEE WARAANAA GUUTUMMAA NAMOOTAA FIXUU DANDAʼAN. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi kanneen biroon carraaqqii guddaa godhanis, hidhannaa nuukileerii hiiksisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, mootonni didaa taʼan seerawwan meeshaa waraanaa toʼachuuf baʼan irratti ni gaʼisu. Biyyoonni meeshaa waraanaa nuukileerii qabachuudhaan seenaa qabanis, boombii durii qaban guddisaa fi boombii haaraa dhumaatii guddaa geessisu uumaa jiru. Biyyoonni duraan meeshaalee waraanaa uummata gaagaʼuu dandaʼan hin qabne, amma meeshaa al tokkotti ilmaan namoota hedduu haxaaʼee balleessuu danadaʼu hidhataniiru.
Biyyoonni waraana nuukileerii irratti hirmaachuuf haala kanaan dura hin turreen qophaaʼoo taʼuun isaanii, addunyaan yeroo “nagaan” jirutti iyyuu iddoo baayʼee sodaachisaa akka taʼu godheera. Gaazexaan Bulletin of the Atomic Scientists jedhamu akkana jechuudhaan akeekkachiiseera: “Keessumaa meeshaaleen hamoon utuu namni hin ajajin ofii isaaniitiin nama ‘ajjeesuuf’ murteessuudhaan kana raawwachuu dandaʼan jiraachuun isaanii waan nama yaaddessu dha.”
MIIDHAA FAYYAA KEENYA IRRA GAʼU. Saayinsiin fayyaa gaarii akka qabaannu gochuuf gaʼeen inni qabu kan daangeeffame dha. Miidhaa dhukkubaaf nama saaxiluu dandaʼan, jechuunis dhiibbaan dhiigaa guddaa taʼe, garmalee furdachuun, faalamni qilleensaa fi qoricha sammuu hadoochutti fayyadamuun fidu dabalaa dhufeera. Namoonni hedduun dhukkuboota daddarboo hin taane, kan akka kaansarii, dhukkuba laphee fi dhukkuba sukkaaraatiin lubbuun isaanii darbaa jira. Lakkoofsi namoota dhukkuba sammuutiinis taʼe rakkina biraatiin sakaalamanii guddachaa dhufeera. Waggoota dhihoodhaa asitti immoo, dhukkuboota daddarboo utuu hin yaadamin dhufanii fi namoota hedduu huban kan akka vaayirasii Iboolaa fi Ziikaa arguu dandeenyeerra. Kunis dhukkubni toʼannaa ilmaan namootaatii ala akka taʼee fi dhukkuba dhabamsiisuufis abdiin tokko iyyuu mulʼachaa akka hin jirre kan ibsu dha!
MIIDHAA ILMAAN NAMOOTAA UUMAMA IRRATTI GEESSISAA JIRAN. Warshaaleen qilleensa naannoo lafaa faaluu isaanii itti fufaniiru. Qilleensa faalameen kan kaʼe waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ni duʼu.
Namoonni, hawaasnii fi dhaabbileen mootummaa kosii isaanii, qorichaa fi haraa qonnaa, laastikii, akkasumas faaltota kan biraa gara galaanaatti gatu. Kitaabni Encyclopedia of Marine Science jedhamu akkana jedheera: “Faaltonni summaaʼan kun lubbu qabeeyyiin bishaan keessa jiraatan akka summaaʼan kan godhan siʼa taʼu, kun immoo gama isaatiin namoonni kana sooratan akka summaaʼan godha.”
Bishaan qulqulluunis nu jalaa dhumaa jira. Barreessaa saayinsii Biritaaniyaa kan taʼan Roobiin Maakiyeen, “Hanqinni bishaanii kutaa addunyaa hunda hubuun isaa hin oolu” jedhanii akeekkachiisaniiru. Namoonni siyaasaa hanqinni bishaanii harka caalaan rakkoo ilmaan namootaa uumaniin kan dhufe taʼuu isaa kan amanan yeroo taʼu, rakkinni kunis gara fuulduraatti balaa guddaa geessisuu dandaʼa.
MIIDHAA UUMAMNI ILMAAN NAMOOTAA IRRA GEESSISU. Bubbee cimaan rooba makate, obomboleettii, qilleensa cimaa, qilleensa cimaa galaana irraa gara lafaatti bubbisu, akkasumas kirkirri lafaa lolaa cimaan akka gaʼu taasisu, lafti akka sigigaatuu fi balaan kan biraas akka gaʼu gochaa jiru. Humnoota uumamaa balaa geessisan kanaan namoonni hubaman lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Qorannoon waajjira U.S. National Aeronautics and Space Administration jedhamuun maxxanfame, “bubbee cimaa rooba makatee fi kan kanaan duraa caalaa cimaa taʼe, hoʼa cimaa qabu, akkasumas al tokko lolaa baayʼee cimaa, yeroo kaan immoo bona baayʼee cimaa taʼeen bakka buufamu” gara fulduraatti dhufuun isaa akka hin oole dubbata. Uumamni ilmaan namootaa ni balleessaa laata?
Balaawwan guguddaa badiisaaf nu saaxilan kan biroos akka yaaddu beekamaa dha. Taʼus wantoota hamoo harʼa gaʼaa jiran hunda qorachuudhaan waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee deebii quubsaa argachuu hin dandeessu. Namoonni tokko tokko namoota siyaasaa fi saayintistoota yeroo dhaggeeffatanis waanuma wal fakkaatutu isaanitti dhagaʼama. Mata duree darbe keessatti akka ibsametti garuu, namoonni baayʼeen gaaffiiwwan waaʼee haala addunyaa fi waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee gaafatamaniif deebii amansiisaa argachuu dandaʼaniiru. Deebiiwwan akkanaa eessa argamuu dandaʼu?