Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Dhukkuba—Irraa Of Eeguu kan Dandeessu Akkamitti?

Dhukkuba—Irraa Of Eeguu kan Dandeessu Akkamitti?

Qaamni kee guyyaa guyyaadhaan diinota ijaan hin argamnee fi sagalee hin qabneen, garuu immoo nama ajjeesuu dandaʼanii wajjin waraana irra jira. Weerartoonni akka baakteeriyaa, vaayirasii fi maxxantootaa fayyaa kee ni miidhu. * Taʼus, dandeettiin qaamni kee dhukkuba of irraa ittisuuf qabu, utuu isaan mallattoo hin argisiisin weerartoota kana keessaa hedduu isaanii waan of irraa ittisuuf ykn balleessuuf, qabsoon akkasii jiraachuun isaa iyyuu sitti beekamuu dhiisuu dandaʼa. Al tokko tokko garuu, jarmiiwwan miidhaa guddaa geessisan kun dhukkubaan akka qabamtu godhu. Yeroo kanatti qorichaa fi yaalii fayyaatiin dandeettii qaamni kee dhukkuba of irraa ittisuuf qabu guddifachuu qabda.

Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif, namoonni miidhaa orgaanizimoonni ijaan hin mulʼannee fi orgaanizimoonni xixiqqoo taʼan kaan geessisan ilaalchisee homaa hin beekan turan jechuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, jaarraa 19⁠ffaatti saayintistoonni hariiroo jarmootaa fi dhukkuba gidduu jiru sirriitti beekuu dandaʼaniiru; kunis hamma dandaʼame dhukkuba irraa of eeguuf nu gargaareera. Yeroo sanaa kaasee, qorattoonni yaalii fayyaa dhukkuboota daddarboo kan akka maariyyee (smallpox) fi pooliyoo jiran hirʼisuu ykn guutummaatti balleessuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, yeroo dhihoodhaa asitti dhukkuboonni akka busaa fi dangii deebiʼanii kaʼaa jiru. Maaliif? Sababiiwwan armaan gadii haa ilaallu:

  • Waggaa waggaadhaan, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi biyyaa gara biyyaa deeman, yeroo baayʼee jarmoota dhukkuba daddabarsan baatanii deemu. Mata dureen barruu Clinical Infectious Diseases jedhamu akka dubbatetti, namoonni guutummaa addunyaa irra deemuun isaanii “dhukkuboonni daddarban biyya tokkoo gara biyya isa kaanitti akka daddarban taasisuu” dandaʼa.

  • Baakteeriyaan tokko tokko qorichaa wajjin wal baraniiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, ‘Addunyaan bara qorichi itti oomishamaa hin turreetti, jechuunis yeroo itti dhukkuboonni xixinnoon illee namoota ajjeesanitti deebiʼaa jira’ jedheera.

  • Nagaan dhibuun isaa fi hiyyummaan, carraaqqii mootummoonni babalʼina dhukkubaa toʼachuuf godhan akka hin milkoofne taasiseera.

  • Namoonni hedduun karaa itti dhukkuba of irraa ittisuu dandaʼan ilaalchisee beekumsa gaʼa hin qaban.

Rakkoowwan kun utuma jiranii, fayyaa kees taʼe fayyaa maatii keetii eeguuf wanti gochuu dandeessu hedduun jira. Mata dureen itti aanu biyya guddachaa jiru keessa kan jiraattu yoo taʼe illee, dhukkuba ittisuuf tooftaalee salphaa fi buʼa qabeeyyii taʼan hojii irra oolchuun akka dandaʼamu ibsa.

^ key. 3 Maayikroobonni hedduun dhukkuba namatti hin fidan. Mata dureewwan walitti aanan kun orgaanizimoota xixiqqoo fi wantoota fayyaa keenya balaadhaaf saaxiluu dandaʼan kaan irratti xiyyeeffatu.