SEENAA IRRAA MAAL BARANNA?
Deesiideeryus Iraasmas
BARA Deesiideeryus Iraasmas jiraachaa turetti, (naannoo bara 1469-1536) jalqaba irratti beekumsaan hayyoota Awurooppaa hedduu akka caalu dubbatama kan ture taʼus, yeroo booda garuu sodaattuu fi gantuu jedhamee maqaan isaa badeera. Falmii walgaʼii amantii cimaa irratti hirmaatee yeroo turetti, dogoggoraa fi hacuuccaa amantii Kaatolikii keessa turee fi namoonni sochii jijjiirama haaromsa amantii geggeessan raawwatan ija jabinaan saaxileera. Yeroo harʼaatti, haala amantii Awurooppaa keessa jiru jijjiiruu irratti gaʼee guddaa kan qabu akka ture amanama. Akkamitti?
QOʼANNAA FI AMANTII
Iraasmas Afaan Giriikii fi Afaan Laatiinii sirriitti kan beeku taʼuun isaa, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu akka Laatiin Vuulget yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhamuun beekamu, hiikawwan barreeffamoota Afaan Giriikii durii harkaan barreeffaman wal bira qabee ilaaluu dandaʼeera. Beekumsi Kitaaba Qulqulluu baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubatee ture. Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun afaanota baramoo yeroo sanatti dubbatamaa turan kaaniin hiikamuu qaba jedhee falmeera.
Iraasmas, Kiristiyaanummaan sirna amantii hordofuu qofa utuu hin taʼin, guutummaa jireenya nama tokkoo kan tuqu taʼuu akka qabu waan amanuuf, Waldaan Kaatolikii haareffamuun akka ishii barbaachisu dubbata ture. Kanaan kan kaʼes, namoonni sochii jijjiirama haaromsa amantii geggeessan yommuu fincila kaasanii fi Waldaa Roomaa keessatti jijjiiramni akka godhamu gaafachuu yommuu jalqabanitti, Waldaan Kaatolikii shakkiidhaan isa ilaaluu jalqabde.
Iraasmas dogoggoraa fi hacuuccaa waldaan Kaatolikii fi geggeessitoonni jijjiirama haaromsaa raawwatan ija jabinaan saaxileera
Iraasams barreeffamoota qopheesse irratti hacuuccaa geggeessitoonni amantii raawwatanii fi jireenya qananii isaan jiraatan, akkasumas phaaphaasota aangoo qabaachuuf hawwanii fi waraana deggeran malaan saaxileera. Geggeessitoota amantii barsiifata waldaa mancaʼanitti fayyadamanii amantootaa saaman mormeera; barsiifatawwan kun, cubbuu himachuu, qulqulloota waaqeffachuu, soomuu, imala bakkawwan qulqulluu jedhamanitti godhamanii fi kanneen biroo kan dabalatani dha. Kana malees, barsiifatawwan waldaa kan akka, dhiifama cubbuu argachuuf jecha
qarshii kaffaluu fi dirqamaan akka gaaʼela hin godhanne dhowwuu mormeera.KAKUU HAARAA AFAAN GIRIIKIITIIN BARREEFFAME
Bara 1516tti, Iraasmas Afaan Giriikiitiin Kakuu Haaraa isaa isa jalqabaa, jechuunis Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata maxxanfamee akka baʼu godhe. Hojiiwwan Iraasmas ibsa dabalataa kan qabuu fi Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata Afaan Laatinii inni hiike kan dabalatu dha; hiikkaan kun Vuulgetii irraa adda dha. Oolee bulee, hiikkaa isaa irra deebiʼee fooyyessuu isaa kan itti fufe siʼa taʼu, kunis hiikkaan isaa inni xumuraa Laatiin Vuulgetii irraa garaa garummaa guddaa akka qabaatu godheera.
Garaa garummaan inni tokko 1 Yohaannis 5:7 irratti argama. Barsiisa Sillaasee isa barumsa Kitaaba Qulqulluu hin taane deggeruuf jecha, Vuulgeetii irratti yaada sobaa koomaa Yohaanihem jedhamu itti dabalamee ture. Akkana jedha: “Samii irra Abbaan, Dubbiinii fi Hafuurri Qulqulluun, isaan kun sadan tokko dha.” Haa taʼu malee, barreeffamoota durii Afaan Giriikii Iraasmas qorannaa irratti godhe kam keessatti iyyuu, jechoota kana waan hin argineef maxxansa isaa Kakuu Haaraa jalqabaa lamaan keessatti yaada kana hin daballe ture. Yeroo booda garuu, waldaan waan isa irratti dhiibbaa gooteef yaada kana maxxansa isaa isa sadaffaa irratti dabaleera.
Kakuu Haaraan Afaan Giriikii Iraasmas fooyyessee qopheesse, qooqawwan Awurooppaa keessa jiran kaaniin hiikawwan caalaatti gaarii taʼan akka qophaaʼaniif buʼuura taʼeera. Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa Maartiin Luutar Afaan Jarmaniitti, Wiiliyaam Tiindal Afaan Ingiliziitti, Antooniyoo Biruchooliin Afaan Xaaliyaaniitti, akkasumas Firaansiiskoo de Eenziinaas Afaan Ispeenitti kan hiikan hiikkaa isaatti fayyadamanii ture.
Iraasmas bara jeequmsi amantii guddaa ture keessa jiraachaa ture; Kakuun Haaraan Afaan Giriikiitiin inni qopheesse namoota sochii jijjiirama haaromsaa Amantii Pirootestaantii godhaniif gumaacha guddaa godheera. Iraasmas hanga sochiin jijjiirama haaromsa amantii jalqabamutti geggeessaa jijjiirama kanaa godhamee ilaalama ture. Taʼus falmiiwwan amantii guguddaa sana booda godhaman irratti, garee isa kam iyyuu deggeruu dideera. Gara waggaa 100 ol booda, hayyuun Deevid Shaaf jedhaman waaʼee Iraasmas akkana jedhanii barreessaniiru: “Amantii kam iyyuu utuu hin deggerin duʼe. Namoonni Amantii Kaatolikii hordofan inni garee keenya dha isaan hin jenne; warri Amantii Pirootestaantii hordofanis akkas jechuu hin dandeenye.”