Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Qorumsa

Qorumsa

Gaaʼelli diigamuun isaa, dhukkubni cimaanii fi qalbiin keenya nu ceephaʼuun isaa wantoota qorumsa nutti taʼan keessaa muraasa isaanii ti. Kiyyoo kanaan akka hin qabamneef maal gochuu dandeenya?

Qorumsa jechuun maal jechuu dha?

Yeroo wanti tokko, keessumaa immoo wanti dogoggora taʼe si hawwatu ni qoramta. Kana fakkeenyaan ibsuuf, utuu miʼa bitaa jirtuu wanta ija keetti tolu tokko argite haa jennu. Yeruma sana miʼa sana hatuu fi namni tokko iyyuu si arguu akka hin dandeenye yaadda. Haa taʼu malee, qalbiin kee si morma. Kanaaf, yaadicha of keessaa baastee deemsa kee itti fufta. Yeroo kanatti, qorumsa kana waan darbiteef injifannoo argatteetta jechuu dha.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Qorumsi kan si irra gaʼu nama hamaa waan taateef miti. Kitaabni Qulqulluun hunda keenya irra qorumsi akka gaʼu dubbata. (1 Qorontos 10:13) Wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu tarkaanfii yeroo qorumsi nu irra gaʼu fudhannu dha. Namoonni tokko tokko wanta sirrii hin taane waan hawwaniif utuu baayʼee hin turin ykn yeroo booda qorumsatti galuun isaanii hin oolu. Kaan immoo yeruma sana yaada hamaa akkasii of keessaa baasu.

“Namni hundi yommuu fedha ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.” —Yaaqoob 1:14.

Yeroo qoramnu dafnee tarkaanfii fudhachuu kan qabnu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun tarkaanfii suutuma suutaan gara qorumsaatti nama geessu ifatti ibseera. Yaaqoob 1:15, “Fedhiin [dogoggoraa] erga ulfooftee booda cubbuu dhalti” jedha. Gabaabumatti, fedhii dogoggoraa irratti yoo xiinxalle, akkuma dubartiin ulfoofte tokko daʼuun ishii hin oolle, nutis gocha dogoggoraa raawwachuun keenya hin oolu. Haa taʼu malee, fedhii sirrii hin taaneef garba taʼuu irraa fagaachuu ni dandeenya. Eeyyee, injifannoo argachuu ni dandeenya.

KITAABNI QULQULLUUN AKKAMITTI NU GARGAARA?

 

Fedhii dogoggoraa sammuu keenya keessa galchuu akkuma dandeenyu, sammuu keenya keessaa baasuus ni dandeenya. Akkamitti? Wantoota kan biraa irratti xiyyeeffachuudhaan, jechuunis michuu keenya waliin mariʼachuudhaan ykn yaadawwan gaggaarii irratti yaaduudhaan kana gochuu dandeenya. (Filiphisiyus 4:8) Qorumsaan yoo kufne gama miiraatiin, qaamaan, akkasumas karaa hafuuraa miidhaa nu irra gaʼuu dandaʼu irratti xiinxaluun keenyas nu gargaara. (Keessa Deebii 32:29) Kadhannaanis gargaarsa guddaa nuu gochuu dandaʼa. Yesuus Kiristoos, ‘Qorumsatti akka hin galleef yeroo hunda kadhadhaa’ jedheera.—Maatewos 26:41.

“Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

Qorumsa moʼuu kan dandeessu akkamitti?

DHUGAA JIRU

 

Qorumsi, wanta nama gowwaa taʼee fi of hin eegganne gowwoomsuudhaan balaadhaaf saaxilu akka taʼe hubadhu. (Yaaqoob 1:14) Keessumaa haalli kun qorumsa gama saalqunnamtiitiin nutti dhufuu dandaʼuu wajjin haala wal qabateen miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.—Fakkeenya 7:22, 23.

KITAABNI QULQULLUUN AKKAMITTI NU GARGAARA?

 

Yesuus akkana jedheera: “Iji kee mirgaa yoo si gufachiise of keessaa baasii gati. Guutummaan qaama keetii Gahaannamitti gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.” (Maatewos 5:29) Yesuus yeroo akkas jedhu, kallattiidhumaan kutaa qaama keenyaa kana baasnee ganna jechuu isaa akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa, garaa Waaqayyoo ciibsuu fi bara baraan jiraachuu yoo barbaanne, wantoota hamoo taʼanii wajjin haala wal qabateen kutaawwan qaamaa keenya ajjeesuu akka qabnu dubbachuu isaa ture. (Qolosaayis 3:5) Kana jechuun, qorumsatti akka hin galleef kutannoodhaan tarkaanfii fudhachuu qabna jechuu dha. Namni Waaqayyoof amanamaa taʼe tokko, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi” jedhee kadhateera.—Faarfannaa 119:37.

Of toʼachuun ulfaataa akka taʼe beekamaa dha. Kana malees, ‘foon dadhabaa dha.’ (Maatewos 26:41) Kanaaf, hundi keenya iyyuu dogoggora ni raawwanna. Haa taʼu malee, garaadhaa yoo qalbii geddarannee fi dogoggora hojjechuu amaleeffachuu yoo dhiisne, Uumaan keenya Yihowaan “ooʼa qabeessaa fi araara-qabeessa” nuuf taʼa. (Faarfannaa 103:8) Kun baayʼee nama jajjabeessa!

“Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?”—Faarfannaa 130:3.