Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Simbirroo Dinqisiistuu Arkitiik Tarni Jedhamtu

Simbirroo Dinqisiistuu Arkitiik Tarni Jedhamtu

SIMBIRROOWWAN arkitiik tarni jedhaman, naannoo Arkitiikii kaʼanii hamma Antaarkitiikaatti deemuuf, dhaqaa gala gara kiilomeetira 35,200 akka balaliʼan yaadama ture. Qorannoowwan dhiheenyatti godhaman garuu, simbirroowwan kun kana caalaa akka balaliʼan mirkaneessaniiru.

Akkuma fakkicha irratti mulʼatu Arkitiik tarniin sarara qajeelaa hin taane hordofu

Meeshaaleen baayʼee xixinnoo taʼanii fi jiiʼoolookeetar jedhaman, simbirroowwan hedduu irratti hidhamanii turan. Meeshaaleen dinqisiisoon ulfaatinni isaanii hamma qadaaddii iskiriibtoo taʼu kun, simbirroowwan Arkitiik tarni jedhaman tokko tokko, giddu galeessaan dhaqaa gala kiilomeetira 90,000 akka balaliʼan mirkaneessaniiru; kunis godaansa bineensa kam iyyuu caalaa dheeraa akka taʼe yaadama. Simbirri tokko gara kiilomeetira 96,000 balaliiteetti! Fageenya simbirroowwan kun itti balaliʼan deebisanii qoruun kan barbaachise maaliifi?

Simbirroowwan kun balaliʼuu kan jalqaban eessaa iyyuu yoo taʼe, sarara qajeelaa hin taane hordofanii balaliʼu. Akkuma fakkicha irratti mulʼatu, Garba Atilaantiikii qaxxaamuruuf kan balaliʼan sarara qubee S fakkaatu hordofanii ti. Maaliif? Kallattii qilleensaa hordofanii waan balaliʼaniifi dha.

Umurii isaanii gara waggaa 30 taʼu keessatti, kiilomeetira miliyoona 2.4 ol balaliʼu. Kunis deemsa dhaqaa gala lafaa gara addeessaa dachaa sadii hanga dachaa afurii wajjin qixxee dha! Qorataan tokko, “Simbirri ulfaatinni ishii giraamii 100 hin caalle fageenya hamma kana balaliʼuu dandaʼuun ishii baayʼee dinqisiisaa dha” jedheera. Kana malees, arkitiik tarniin yeroowwan bonaa waantaa lamaan gidduutti (south and north pole) kan dabarsan waan taʼeef, kitaabni Life on Earth: A Natural History jedhamu, “uumama kan biraa kam iyyuu caalaa waggaa waggaadhaan ifa guyyaa” akka argan dubbateera.