Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Itti Fayyadama Maallaqaa

Itti Fayyadama Maallaqaa

Namoonni hedduun qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan rakkinni gama maallaqaatiin isaan mudatu akka hirʼatu gochuu dandaʼaniiru.

KAROORA GAARII BAAFADHU

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.”—Fakkeenya 21:5.

MAAL JECHUUDHA? Karoora baafattee akka gaariitti hordofuun milkaaʼina siif argamsiisa. Kanaafuu, maallaqa baasuu kee dura karoora baafadhu. Wanta barbaaddu hunda bitachuu akka hin dandeenye yaadadhu. Kanaafuu, maallaqa keetti ogummaadhaan fayyadami.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Baajata baafadhu. Baasii kee hunda galmeessi; achiis fakkeenyaaf, nyaata, uffataa fi mana jireenyaa jedhii qoqqoodi. Wantoota kanaaf maallaqa hammamii akka ramaddu murteessi. Wantoota qoqqoodde keessaa isa tokkorratti maallaqa isa karoorfatterra caalu yoo baaste maallaqa isa kaaniif ramadderraa fayyadami. Fakkeenyaaf, geejjibaaf maallaqa isa karoorfatterra caalu yoo baaste maallaqa wantoota baayʼee barbaachisoo hin taaneef ramadderraa, fakkeenyaaf, maallaqa nyaata alaa bituuf ramadderraa fayyadami.

  • Liqii hin barbaachisnerraa fagaadhu. Hamma siif dandaʼametti liqii keessa hin seenin. Kanaa mannaa, maallaqa wantoota si barbaachisan ittiin bitattu qusadhu. Maallaqa liqeeffachuun yoo si barbaachise, liqii kan biraa keessa akka hin galleef dafii kaffali. Liqiin sirra jira taanaan akkamitti akka kaffaltu karoora baafadhu, achiis karoora kee hordofi.

    Namni tokko yeroo hunda liqeeffata taanaan caalaatti maallaqa baasuun isaa hin oolu. Kanaafuu, maallaqa liqeeffachuun yoo si barbaachise sirriitti itti yaadi.

ILAALCHA MIIDHAA QABURRAA OF EEGI

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni dhibaaʼaan yeroo gannaa hin qotu, kanaafuu, yeroo makaraatti homaa waan hin qabaanneef ni kadhata.”—Fakkeenya 20:4.

MAAL JECHUUDHA? Dhibaaʼummaan gara hiyyummaatti geessuu dandaʼa. Kanaafuu, wanta gara fuulduraatti si barbaachisu qabaachuu akka dandeessuuf jabaadhuu hojjedhu, akkasumas hamma siif dandaʼame maallaqa kee karooraan itti fayyadami.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Jabaadhuu hojjedhu. Hojii kee jabaattee, akkasumas amanamummaadhaan hojjechuudhaan madda galii keetii eeggadhu. Namoonni qacaranii hojjechiisan nama jabaatee hojjetu barbaadu.

  • Amanamaa taʼi. Nama si qacare jalaa hin hatin. Amanamummaa dhabuun maqaa gaarii qabaachuunii fi boodas hojii gaarii argachuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa.

  • Sassatarraa fagaadhu. Yeroo hunda maallaqa dabalataa argachuuf kan yaaltu yoo taʼe hariiroon warra kaan wajjin qabdu balaarra buʼa. Jireenya keessatti wantoonni maallaqa caalaa barbaachisoo taʼan akka jiran yaadadhu.

QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO

Kitaaba Qulqulluu intarneetiirraa dubbisi; jw.org irratti afaan dhibbaan lakkaaʼamuun argama

BARSIIFATA GADHEE TAʼEEF YEROO FI MAALLAQA KEE HIN QISAASESSIN.

“Namni machooftuu fi albaadhessi ni hiyyooma, hirriba jaallachuunis bututtuu nama uffachiisa.”—FAKKEENYA 23:21.

GARMALEE HIN YAADDAʼIN.

“Waaʼee jireenya keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.”—MAATEWOS 6:25.

HINAAFFAARRAA FAGAADHU.

“Namni hinaafu qabeenya argachuuf hawwa, hiyyummaan akka isatti dhufus hin beeku.”—FAKKEENYA 28:22.