Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Barbaachisummaa Hojii Mana Keessaa

Barbaachisummaa Hojii Mana Keessaa

HAALA RAKKISAA

Maatii tokko tokko keessatti ijoolleen hojii mana keessaa akka hojjetan kan isaan irraa eegamu siʼa taʼu, isaanis utuu hin guungumin hojjettu. Maatiiwwan kan biroo keessatti immoo, warri ijoollee isaanii irraa waan baayʼee kan hin eegne siʼa taʼu, kun taʼuun isaa immoo ijoolleen maatii keessatti gumaacha akka hin goone taasiseera.

Qorattoonni, barsiifanni akkanaa kun biyyoota hedduutti akka mulʼatu hubataniiru; ijoolleen kan gumaacha gochuu mannaa taaʼanii kan nyaatan taʼaa jiru. Abbaan Isteevan jedhamu tokko akkana jedheera: “Yeroo harʼaatti ijoolleen, tapha viidiyoo akka taphatan, intarneetii akka fayyadamanii fi televiizyinii qofa akka daawwatan taasifamaniiru. Wanti isaan irraa eegamu waan xinnoo dha.”

Ati hoo maal sitti fakkaata? Hojiin mana keessaa, mana tottolchuuf qofa utuu hin taʼin ijoollee guddisuu keessattis gumaacha waan qabu sitti fakkaataa?

WANTA BEEKUU QABDAN

Maatiiwwan tokko tokko, keessattuu ijoolleen isaanii hojii manaa ykn sochiiwwan yeroo barumsaatiin alatti irratti hirmaataniin yeroo dhiphatanitti, ijoollee isaaniitiif hojii kennuu irraa duubatti jedhaniiru. Haa taʼu malee, ijoolleen hojii mana keessaa akka hojjetan gochuun buʼaa akkamii akka qabu haa ilaallu.

Hojiin mana keessaa ijoolleen bilchina akka qabaatan godha. Ijoolleen hojii mana keessaa hojjetan mana barumsaa keessattis milkaaʼina ni argatu; kunis kan nama dinqisiisu miti. Ijoolleen hojii mana keessaa hojjechuun isaanii akka ofitti amanan, amala gaarii akka qabaatanii fi kutannoo akka qabaatan taasisa. Amaloonni kun immoo barumsaaf baayʼee barbaachisoo dha.

Hojiin mana keessaa ijoolleen namoota kaan akka gargaaran leenjisa. Namoonni tokko tokko ijoolleen mana keessa hojjechaa guddachuun isaanii, nama guddaa yeroo taʼan tajaajila hawaasaa irratti hirmaachuun akka isaaniif salphatu hubataniiru. Hojiin mana keessaa ijoolleen fedhii isaanii caalaa kan warra kaaniitiif dursa akka kennaniif kan isaan leenjisu waan taʼeef, kun kan nama ajaaʼibsiisu miti. Haa taʼu malee, Isteevan inni olitti caqasame wanta hubate yeroo dubbatu akkana jedheera: “Ijoolleen wanti isaan irraa eegamu hin jiru yoo taʼe, yeroo hundumaa tajaajilamuu akka qaban isaanitti dhagaʼama; akkasumas jireenya isaanii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu fi ciminaan hojjechuu ilaalchisee wanta isaan irraa eegamuuf ilaalcha dogoggoraa qabaatanii guddatu.”

Hojiin mana keessaa tokkummaa maatii cimsa. Ijoolleen hojii mana keessaa hojjechuuf tattaafachuun isaanii, maaticha keessatti iddoo kan qaban qofa utuu hin taʼin, itti gaafatamummaa kan qaban akka taʼan hubachuuf isaan gargaara. Warri, ijoolleen isaanii hojii mana keessaa dhiisanii, sochiiwwan yeroo barumsaatii alatti raawwatamaniif dursa kan kennan yoo taʼe, ijoolleen leenjii kana utuu hin argatin hafu. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ilmi koo walitti dhufeenya maatii wajjin qabu dhiisee, walitti dhufeenya garee kubbaa miillaa wajjin qabu yoo cimsate buʼaa maalii argata?’

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Xinnummaa isaaniitti jalqabaa. Namoonni tokko tokko warri ijoolleedhaaf hojii mana keessaa kennuu kan qaban, yeroo umuriin isaanii waggaa sadii taʼuu jalqabee akka taʼe dubbatu. Warri kaan immoo umuriin isaanii waggaa lama ykn isaa gadi taʼuu qaba jedhu. Ijoollee xixiqqoon warra isaanii wajjin hojjechuun kan isaan gammachiisu siʼa taʼu, isaan hordofuus ni jaallatu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 22:6.

Hojii umurii isaanii madaalu kennaafii. Fakkeenyaaf, ijoolleen waggaa sadii waan ittiin taphatan sassaabuu, waan harcaʼe funaanuu ykn uffata miicamu qopheessuu dandaʼu. Ijoollee guguddoon immoo mana qulqulleessuu, konkolaataa dhiquu, akkasumas nyaata qopheessuu illee ni dandaʼu. Dandeettii ijoollee keessanii tilmaama keessa galchaa. Ijoolleen hojii mana keessaa hojjechuuf fedhii hangamii akka qaban yeroo argitan baayʼee isin dinqisiisuu dandaʼa.

Hojii mana keessaatiif dursa kennaa. Yeroo ijoollee keessanitti hojiin manaa mana barumsaatti isaaniif kennamu baayʼatu, kana gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ijoolleen qabxii gaarii akka argataniif jecha hojii mana keessaa akka hin hojjenne gochuun, “mallattoo waan dursa kennamuufii qabu wallaaluu ti” jechuudhaan kitaabni The Price of Privilege jedhamu dubbateera. Akka olitti ibsametti, hojii mana keessaa hojjechuun ijoolleen barattoota cimoo akka taʼan gargaara. Wanti isaan baratanis maatii ofii isaanii yeroo qabaataniif isaan qopheessa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Filiphisiyus 1:10.

Buʼaa argamu irratti utuu hin taʼin, kaayyoo isaa irratti xiyyeeffadhaa. Mucaan keessan yeroo isin barbaaddanitti waan tokko hojjetee xumuruu dhiisuu dandaʼa. Hojichis isa inni hojjete caalaa qulqullinaan hojjetamuu akka dandaʼu hubattu taʼa. Haalli akkasii yeroo uumamu, hojii sana ofii keessanii hojjechuuf hin yaalinaa. Kaayyoon keessan hojiin mana keessaa sun akka namni guddaan hojjetutti sirriitti akka hojjetamu gochuu miti; kanaa mannaa mucaa keessan itti gaafatamummaa fudhachuu akka baratuu fi gammachuu hojjechuudhaan argamu akka dhandhamatu isa gargaaruu dha.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Lallabaa 3:22.

Faayidaa isa sirrii xumuratti argamu irratti xiyyeeffadhaa. Namoonni tokko tokko mucaan tokko hojii mana keessaa yeroo hojjetu isaaf kaffaluun, itti gaafatamummaa fudhachuu isa barsiisa jedhanii yaadu. Warri kaan immoo akkas gochuun ijoolleen maatii isaaniitiif waan gumaachan yaaduu dhiisanii maatii isaanii irraa waan argatan akka yaadan isaan taasisa jedhu. Kana malees, mucaan tokko qarshii gaʼaa yeroo argatu hojii mana keessaa hojjechuu diduu dandaʼa jedhanii yaadu; kun immoo faayidaa hojii mana keessaa hojjechuun qabu akka hin arganne godha. Kana irraa maal baranna? Ijoolleedhaaf qarshiin kan kennamu hojii mana keessaa waan hojjetaniif taʼuu hin qabu.