WARRAAF
7: Naamusa Gaarii Barsiisuu
MAAL JECHUUDHA?
Warra waan taataniif ulaagaa ittiin jiraachuuf filattan qabdu. Fakkeenyaaf, wanta hundumaarratti haqa qabeeyyii taʼuuf ni carraaqxuu? Taanaan, ijoolleen keessanis naamusa akkasii akka horatan akka barbaaddan hin shakkisiisu.
Kana malees, jabaatanii akka hojjetan, kan hin loogne akka taʼanii fi namaaf akka yaadan barsiisuu ni barbaaddu; amaloota kana immoo salphaatti barachuun kan dandaʼamu ijoollummaattidha.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6.
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Yeroo teknooloojiin babalʼate kanatti ulaagaan naamusaa barbaachisaadha. Haati Kaaryiin jedhamtu, “Wanti dhiibbaa gadhee geessisu yeroo kamittiyyuu moobaayilii kamirrattiyyuu argamuu dandaʼa. Ijoolleen keenya utuma nu bira taaʼanii wanta gaarii hin taane ilaaluu dandaʼu” jetteetti.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: ‘Namoonni bilchaatoon warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisanidha.’—Ibroota 5:14.
Warra kaaniif yaaduun barbaachisaadha. Kun wantoota xixinnoorratti kabaja argisiisuu (fakkeenyaaf, “maaloo” fi “galatoomi” jechuu) dabalata. Kana malees, yeroo namoonni nama caalaa meeshaa elektirooniksiitiif xiyyeeffannaa kennaa jiran kanatti, amala warra kaaniif yaaduu isa balʼinaan hin mulʼanne argisiisuu dabalata.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa.”—Luqaas 6:31.
WANTA GOCHUU DANDEESSAN
Ulaagaa naamusaa keessan ifa godhaa. Fakkeenyaaf, qorannoon akka argisiisutti, gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggora taʼuun isaa ifatti yoo itti himame ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran gocha akkasii raawwachuuf carraan qaban ni xiqqaata.
GORSA GAARII: Waaʼee naamusaa marii jalqabuuf wanta dhiheenya raawwatametti fayyadamuu dandeessu. Fakkeenyaaf, oduurratti waaʼee yakka jibbarratti hundaaʼe tokkoo yoo dhageessan akkana jechuu dandeessu: “Akkaataan itti namoonni tokko tokko aarii isaanii ibsan baayʼee nama jibbisiisa. Namoonni kun akkas kan taʼan maaliif sitti fakkaata?”
“Ijoolleen wanta sirrii ykn wanta dogoggora taʼe hin beekan taanaan, wanta sirrii wanta dogoggoraarraa adda baasanii filachuun baayʼee isaan rakkisa.”—Biraandan.
Namootaaf akka yaadan barsiisaa. Ijoollee xixinnoonillee “maaloo” fi “galatoomi” jechuu, akkasumas warra kaaniif akka yaadan argisiisuu barachuu ni dandaʼu. Kitaabni Parenting Without Borders jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen ofii isaaniitiif qofa utuu hin taʼin maatii isaaniitiif, akkasumas namoota mana barumsaatti argatanii fi hawaasa isaanii keessa jiraniif yaaduu akka qaban yoo hubatan, gocha gaarummaa nama hundumaa fayyadu raawwachuuf caalaatti kakaʼuu dandaʼu.”
GORSA GAARII: Ijoolleen faayidaa warra kaan tajaajiluun qabu akka baratan gargaaruuf hojii mana keessaa kennaafii.
“Ijoolleen keenya amma hojii mana keessaa hojjechuu yoo baran, yommuu of dandaʼanii jiraatanitti bitaa isaanitti hin taʼu. Itti gaafatamummaa isaanii raawwachuun kutaa jireenyaa isaanii taʼa.”—Taaraa.