HIRIYOOTA GAAʼELAATIIF
3: Kabaja
MAAL JECHUUDHA?
Hiriyoonni gaaʼelaa wal kabajan yeroo walii hin gallettillee waliif yaadu. Kitaabni Ten Lessons to Transform Your Marriage jedhamu akkana jedha: “Hiriyoonni gaaʼelaa akkasii haala yaada isaanitti akka cichan isaan taasisu keessa hin galan. Kanaa mannaa, waaʼee wal dhabdee isaanii waliin haasaʼu. Yaada hiriyaa gaaʼelaa isaanii kabajaan dhaggeeffatu; akkasumas yaada irratti walii galan argachuu barbaadu.”
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 Qorontos 13:4, 5.
“Haadha manaa koo kabajuu jechuun wanta ishiin iddoo guddaa kennituuf dinqisiifachuu fi wanta ishii ykn gaaʼela keenya miidhu akkamiiyyuu raawwachuurraa of qusachuu jechuudha.”—Maayikaa.
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Hiriyoonni gaaʼelaa wal hin kabajan taanaan, mariin isaanii ceephoo, ciigoo, darbees tuffiidhaan addaan cituu dandaʼa; akka qorattoonni jedhanitti amaloonni kun mallattoo gaaʼelichi diigamuuf akka jedhu argisiisanidha.
“Waaʼee haadha manaa kee dubbii nama qeequu fi ciigoo dubbachuun ykn qoosuun, ofitti amanannaa ishii fi amanannaa sirratti qabdu balleessuu, akkasumas gaaʼela keessan miidhuu dandaʼa.”—Biraayaan.
WANTA GOCHUU DANDEESSU
OF QORI
Torban tokkoof dubbii fi gocha kee qori. Achiis akkana jedhii of gaafadhu:
-
‘Hiriyaa gaaʼelaa koo hammamin qeeqe? Kanan dinqisiifadhe hoo hammami?’
-
‘Hiriyaa gaaʼelaa kootti kabaja kanan argisiise karaawwan kamiini?’
HIRIYAA GAAʼELAA KEE WALIIN MARIʼADHU
-
Dubbii fi gochi akka kabajamtan akka isinitti dhagaʼamu godhan kamfaʼi?
-
Dubbii fi gochi akka hin kabajamne akka isinitti dhagaʼamu godhan kamfaʼi?
GORSA GAARII
-
Karaawwan kabajni akka sitti argisiifamu barbaaddu sadii barreessi. Hiriyaan gaaʼelaa kees akkasuma haa godhu. Yaada barreessitan wal jijjiiraa; achiis fooyyaʼiinsa barbaachisu gochuuf yaalaa.
-
Amala hiriyaa gaaʼelaa keetii dinqisiifattu barreessi. Achiis amaloota kana hammam akka dinqisiifattu itti himi.
“Abbaa manaa kootiif ulfina kanan kennu, iddoo guddaa akkan isaaf kennuu fi akka inni gammadu akkan barbaadu gocha kootiin argisiisuudhaan. Yeroo baayʼee wantoonni xixinnoon ani dubbadhu ykn raawwadhu garaadhaa akkan isa kabaju argisiisu.”—Meegan.
Wanti guddaan ati hiriyaa gaaʼelaa kee akka kabajje sitti dhagaʼamuu isaa utuu hin taʼin, hiriyaan gaaʼelaa kee akka kabajame isatti dhagaʼamuu isaati.
QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa.”—Qolosaayis 3:12.