TARKAANFII RAKKINICHA MOOʼUUF GARGAARU
Barumsa Naamusaa
Ijoolleen dhiiraa muraasni imala mana barumsaa tokkorratti mucaa dhiiraa tokko akka gudeedan himatamanii turan. Hundisaaniiyyuu mana barumsaa Kaanaadaa keessatti beekamaa taʼe tokkotti baratu. Liinaard Istarni dhimma kana ilaalchisee gaazexaa Ottawa Citizen jedhamurratti, “Dargaggoonni qaroomina, barumsaa fi qabeenya qabaachuun isaanii qofti wanta gadhee taʼe akka hin raawwanne isaan hin dhoowwu” jedhaniiru.
Istarni itti dabaluudhaan akkana jedhaniiru: “Warraaf wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe ijoollee isaanii naamusa barsiisuu akka taʼe eegda. Warri baayʼeen wanti isaan yaaddessu garuu ijoolleen isaanii maallaqa hedduu argachuu akka dandaʼaniif barumsa isaaniitti cimuu fi hojii gaarii argachuu isaaniiti.”
Barumsi barbaachisaa akka taʼe beekamaadha. Haa taʼu malee, namni tokko barumsa addunyaa hundarra wayya jedhamu barachuun isaallee fedhii dogoggoraa akka moʼu isa gargaaruu hin dandaʼu. Maarree, barumsa naamusa gaarii horachuu fi rakkina kana hunda furuuf gargaaru eessaa arganna?
BARUMSA NAAMUSAA GITA HIN QABNE
Kitaabni Qulqulluun akkuma daawwitiiti. Yeroo keessatti of ilaallu hanqinaa fi dadhabina qabnu ifatti argina. (Yaaqoob 1:23-25) Kitaabni Qulqulluun wanta kanarra caalus ni raawwata. Jijjiirama gochuudhaan amaloota nagaa fi tokkummaa dhugaa argamsiisan akka horannu nu gargaara. Amaloota kana keessaa tokko tokko arjummaa, gaarummaa, obsa, of toʼachuu fi jaalaladha. “Jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.” (Qolosaayis 3:14) Jaalalli amala baayʼee adda taʼedha kan jennu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun amala kana ilaalchisee maal akka jedhu ilaali.
-
“Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu. Jaalalli of hin jaju, [kooraan] of hin bokoksu, amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu, hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu. Jalʼinatti hin gammadu, kanaa mannaa dhugaa wajjin gammada. Waan hundumaa dandaʼa, . . . waan hundumaa dandamata. Jaalalli matumaa hin badu.”—1 Qorontos 13:4-8.
-
“Jaalalli wanta hamaa nama irratti hin hojjetu.”—Roomaa 13:10.
-
“Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.”—1 Pheexiros 4:8.
Namoota si jaallatan wajjin yeroo taatu maaltu sitti dhagaʼama? Tasgabbii, nagaa fi gammachuutu sitti dhagaʼamaa? Eeyyee, waan gaarii akka siif hawwanii fi matumaa taʼe jedhanii akka si hin miine beekta.
Namni tokko jaalala qabaachuun isaa aarsaa kaffaluuf isa kakaasuu dandaʼa; warra kaan fayyaduuf jecha akkaataa jireenyaa isaallee jijjiiruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namichi Joorji jedhamu yeroo intalli isaa
mucaa godhattu, mucaa kanaa wajjin yeroo dabarsuuf baayʼee hawwe. Garuu rakkinni tokko jira ture. Joorji sijaaraa baayʼee xuuxa ture; abbaan manaa intala isaammoo akka inni mucaa isaanii biratti sijaaraa xuuxu hin barbaanne. Maarree, Joorji maal godhe? Waggaa 50f sijaaraa xuuxaa kan jiraate taʼus, mucaa intala isaatiif jecha barsiifata isaa kana ni dhaabe. Eeyyee, jaalalli humna guddaa qaba!Kitaabni Qulqulluu gaarummaa fi jaalala dabalatee amaloota gaggaarii hedduu horachuuf nu gargaara
Jaalalli amala barannudha. Warri ijoolleen isaanii jaalala argisiisuu akka baratan gargaaruurratti shoora guddaa qabu. Warri ijoollee isaanii ni sooru, ni eegu, yeroo miidhaman ykn dhukkubsatanittimmoo deggersa isaan barbaachisu isaaniif godhu. Warri gaarii taʼan ijoollee isaanii wajjin ni haasaʼu, akkasumas isaan barsiisu. Kana malees, ijoollee isaanii ni adabu; kunimmoo wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee qajeelfama gaarii isaan barsiisuu dabalata. Kana qofa utuu hin taʼin, warri ijoollee isaaniitiif yaadan fakkeenya gaarii isaaniif taʼuuf carraaqu.
Kan nama gaddisiisu garuu, warri tokko tokko itti gaafatamummaa isaanii dagataniiru. Kana jechuun garuu, ijoolleen isaanii namoota gaarii taʼuu hin dandaʼan jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Namoota maatii gaarii hin taane keessatti guddatan dabalatee namoonni baayʼeen jireenya isaanii keessatti jijjiirama ajaaʼibsiisaa taʼe gochuudhaan lammiilee amanamoo namootaaf yaadan taʼuu dandaʼaniiru. Akkuma mata duree ittaanurratti ilaallu, namoonni matumaa jijjiiramuu akka hin dandeenyetti ilaalamanillee jireenya isaanii jijjiiruu ni dandaʼu.