Fedhiidhaan of Dhiheessaniiru—Albaaniyaa fi Kosoovoo
“Akkasitti Yihowaa nan tajaajila jedhee matumaa yaadee hin beeku.” Giween ishiin Ingilaandii deemtee Albaaniyaa bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiltu miira ishii haala kanaan ibsiteetti. a
Giween Dhugaa Baatota hedduu ‘wantoota gatii guddaa qaban saboota hundumaa keessaaʼ sassaabuuf gara Albaaniyaa deeman keessaa tokko dha. (Haagee 2:7) Labsitoota kana kan kakaase maali dha? Bakka sana deemanii tajaajiluuf sirreeffama akkamii godhaniiru? Rakkoowwan isaan mudatan damdamachuuf gammachuu argatan akkamiitu isaan gargaare?
Haala Garagaraa Kan Qaban Taʼanis, Fedhii Walfakkaatu Qabu
Babalʼistoonni Albaaniyaa deeman hundi kakaʼumsa wal fakkaatu qabu. Yihowaa ni jaallatu, akkasumas namoonni kaan akka isa beekan barbaadu.
Deemuu isaanii dura tarkaanfii tajaajila isaanii babalʼifachuuf isaan gargaaru fudhachuun isaanii, rakkoowwan yommuu biyya alaatti tajaajilan isaan mudatan dandamachuuf isaan gargaareera. Giween akkana jetteetti: “Jalqaba tuuta afaan Albaaniyaatiin geggeeffamuu fi magaalaa ani jiraadhutti argamu irrattan hirmaadhe. Achiis Albaaniyaa deemeen walgaʼii naannoo tokko irratti hirmaadhe. Booda, afaanicha caalaatti beekuuf achitti deebiʼeen achuma ture.”
Maanuʼeelaan yommuu umuriin ishii waggaa 23 turetti biyyuma ishii Xaaliyaanii keessa naannoo kan biraa deemuudhaan gumii xinnoo tokko gargaarteetti. Akkana jetteetti: “Bakka kanatti waggaa afuriif tajaajileera. Booda garuu Albaaniyaatti hojiin hojjetamu hedduun akka jirun bare. Kanaafuu jiʼoota muraasaaf achi deemee tajaajiluufan qophii godhe.”
Federeekaan walgaʼii naannoo irratti gabaasa waaʼee Albaaniyaa ibsu yommuu dhageessu umuriin ishee waggaa torba ture. Akkana jetteetti: “Obboleessi gabaasicha dhiheesse babalʼistoonni Albaaniyaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu hedduu akka jalqabsiisanii fi namoonni fedhii qabanis gara gumiitti dhufaa akka jiran dubbate. Anis Albaaniyaa deemuu akkan barbaadun warra kootti hime. Fedhiin koo baayʼee kan isaan tuqe taʼus abbaan koo, ‘Dhimma kana ilaalchisee akkan kadhadhuu fi fedha Yihowaa yoo taʼe, inni akka na dhagaʼuʼ dubbate. Jiʼoota muraasa booda maatiidhaan taanee Albaaniyaa deemnee akka tajaajillu afeeramne!” Amma waggoonni hedduun kan darban yommuu taʼu ,Federiikaan Orgees wajjin gaaʼela godhatteetti. Albaaniyaatti waliin taʼanii tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaa jiru.
Giʼaanpeeroon soorama erga baʼee booda haadha manaa isaa Gilooriyaa wajjin Albaaniyaa deemanii jiraachuu jalqaban. Akkana jedheera: “Ijoolleen keenya Xaaliyaaniitti guddatan. Isaan keessaa sadii biyya alaa bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf deemaniiru. Mata dureen Masaraa Eegumsaa, ‘Bakka Labsitoonni Mootummichaa Caalaatti Barbaachisan Dhaqxee Tajaajiluu Dandeessaa?’ jedhu baayʼee nu tuqe. Albaaniyaa deemnee tajaajiluuf mindaa sooramaa koo akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu irratti mariʼanne.”
Of Eeggannoodhaan Karoora Baafatan
Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf of eeggannoodhaan dursanii irratti yaaduudhaan sirreeffama barbaachisu godhan. (Luqaas 14:28) Wantoota godhan keessaa tokko karaa itti of gargaaruu dandaʼan mijeeffachuu dha. Giween ishiin olitti ibsamte Ingilaandi utuu jirtuu qarshii walitti qabachuuf obboleettii ishii bira jiraachuu jalqabde. Soofiyaa fi Kiristoofar warri Ingilaandi jiraatanis akkana jedhaniiru: “Konkolaataa fi meeshaa manaa keenya tokko tokko ni gurgurre. Yoo xinnaate waggaa tokkoof Albaaniyaa jiraachuuf yaannee turre.” Kan nama gammachiisu yeroo dheeraaf achi turuu dandaʼaniiru.
Babalʼistoonni tokko tokko jiʼoota muraasaaf Albaaniyaa erga jiraatanii booda gara biyya isaaniitti deebiʼuudhaan hojii hojjetanii qarshii erga walitti qabatanii booda Albaaniyaatti deebiʼu turan. Eliseʼoo fi Miiryaam akkas godhu turan. Eliseʼoon akkana jedhe: “Miiryaam kan guddatte Xaaliyaan bakka tuuristoonni itti baayʼatanii fi hojii waqtii muraasaaf hojjetamu argachuun salphaa taʼetti dha. Bakka sana deemnee jiʼa sadiif erga hojjennee booda qarshii walitti qabanneen jiʼa sagaliif Albaaniyaa jiraanna. Haala kanaan waggaa shaniif jiraanne.”
Rakkoowwan Moʼuu
Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan erga deemanii booda haalawwan haaraatti baruun dirqama taʼus, rakkoowwan mudatan moʼuuf gorsii fi fakkeenyi Dhugaa Baatota naannichaa barbaachisaa dha. Soofiyaa ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Albaaniyaatti Waqtiin bonaa isa biyya kootii caalaa baayʼee qorra. Anis akkaataa obboleettonni naannichaa itti uffatan hordofeen uffachuu jalqabe.” Girzeegoriizii fi haati manaa isaa Sonaan warri lammii Poolaandi taʼan Kosoovootti magaalaa bareedduu Priizireen jedhamtutti tajaajiluuf deeman. b Girzeegoriiz akkana jedha: “Babalʼistoonni naannichaa kan gad of qaban, gaarii fi obsa qabeeyyii dha. Afaanicha akka gaariitti akka barannuu fi gargaarsa kan biraa nuu godhaniiru. Fakkeenyaaf suuqii rakasaan waa itti gurguramu akkasumas akkaataa gabaa naannichatti argamu irraa waa bitachuu itti dandeenyu nuuf ibsaniiru.”
Wantoota Hedduu Gammachuu Argamsiisan
Obboloonni biyya alaa deeman Dhugaa Baatota naannichaa wajjin hariiroo cimaa uumuu fi akkaataa guddinaa isaanii beekuudhaan baayʼee fayyadamaniiru. Soonaan akkana jetteetti: “Jaalalli Yihowaa jireenya namootaa akkamitti akka jijjiiru argeera. Obboloonni waaʼee Yihowaa barachuudhaan amantii fi akkaataa jireenyaa isaanii guutummaatti jijjiiruu isaanii arguun amantii koo naaf jabeesseera. Wanta gumicha gargaaruu qabnu waan arginuuf akka barbaachisnu nutti dhagaʼama. Obbolootaa fi obboleettota yeroo booda michoota keenya taʼanii wajjin tajaajilla.” (Maarqos 10:29, 30) Gilooriyaan akkana jetteetti: “Obboleettota hedduu mormii cimaa namoota Dhugaa Baatota jibbanii fi hawaasicha keessa jiran irraa isaan irra gaʼu dandamatanii tajaajilan beeka. Jaalala isaan Yihowaaf qaban arguun koo baayʼee na jajjabeesseera.”
Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemuun barumsa guddaa naannoo itti guddatanitti hin arganne barachuufis carraa bana. Fakkeenyaaf, caalaatti Yihowaa tajaajiluuf hojii isaan sodaachisu raawwachuun gammachuu akka argamsiisu hubataniiru. Istefaanos akkana jedheera: “Biyya kootti yeroo baayʼee seensa gabaabaatti fayyadameen karaa intercom lallaba ture. Namoonni Albaaniyaa garuu buna dhuga yeroo dheeraaf waliin haasaʼuu ni jaallatu. Ija laafessa waanan taʼeef jalqaba irratti maal jedhee akkan dubbadhu sodaadheen ture. Taʼus, yeroo booda namootaa wajjin haasaʼuu barachaa waanan deemeef amma akka gaariitti namootaa wajjin haasaʼuu nan dandaʼa. Lallabuun baayʼee na gammachiisa.”
Liyaan abbaa manaa ishii Wiiliyaamii wajjin Yuunaayitid Isteetis irraa gara Albaaniyaa deemte. Akkana jetteetti: “Asitti tajaajiluun keenya daandii fi akkaataa jireenyaa haaraa nu barsiiseera. Keessummaa simachuu, kabajaa fi michooma ilaalchisee wanta hedduu baranneerra. Mala haaraa ittiin lallabnu, akkasumas Kitaaba Qulqulluu fi yaada keenya ittiin ibsinu baranneerra.” Wiiliyaam akkana jedheera: “Namoonni Albaaniyaa daawwatan hedduun haroowwan babbareedoo argan baayʼee jaallatu. Anis gaarreen Albaaniyaa Alpiis jedhaman irra miillaan baʼuu nan jaalladha. Biyyicha akkan jaalladhu kan na taasisan garuu namoota dha. Gandeen naannoo tajaajilaa keenya jiran waaʼee dhugaa kan dhagaʼan waqtii duula addaatti qofa dha. Bakka kana yommuu deemnu maatiiwwan muraasaa wajjin haasaʼuudhaan guyyaa guutuu dabarsina.”
Wanti namoota bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilan gammachiisu inni guddaan deebii namoonni misiraachoo Mootummichaatiif kennan arguu dha. (1 Tasalonqee 2:19, 20) Obboleettii qeenxee Loraa jedhamtuu fi Albaaniyaa deemte akkana jetteetti: “Fiiʼer keessa yeroo muraasaaf tajaajileera. Waggaa lamaaf jiʼa jaʼa keessatti namoonni haaraan 120 ulaagaa barbaachisu guutuudhaan lallabuu jalqaban. Isaan keessaa namoota 16 qayyabsiiseera!” Obboleettii kan biraan Saandiraa jedhamtu akkana jetteetti: “Bakka gabaatti dubartii takkaafan dhugaa baʼe. Ishiinis dhugaa Baatuu erga taatee booda ganda itti guddattetti deebitee jiraachuu jalqabde. Booda namoota 15 Kitaaba Qulqulluu qayyabsiisuu akka jalqabden dhagaʼe.”
Yihowaan Obsa Isaan Argisiisaniif Isaan Eebbiseera
Namoonni waggoota hedduu dura Albaaniyaa deemanii tajaajiluu jalqaban harʼas achuma jiraachuudhaan tajaajila isaaniitti gammadaa jiru. Yeroo tokko tokko sanyiin isaan yeroo dheeraa dura facaasan firii akka argamsiise yommuu argan baayʼee dinqisiifamu. (Lallaba 11:6) Kiristoofar inni olitti ibsame akkana jedheera: “Yeroo jalqabaatiif Albaaniyaa yommuun deemetti namicha ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise tokkoo wajjinan wal arge. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu wanta irratti mariʼannee turre tokko tokkoon yommuu dubbatu baayʼee na dinqisiise. Yeroo ammaa innii fi haati manaa isaa cuuphamanii tajaajiltoota Yihowaa taʼaniiru.” Federikaa ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Gumii tokkotti obboleettiin tokko gara koo dhuftee, ‘Na yaadattaa?’ jettee na gaafatte. Waggaa sagal dura ishiif lallabee akkan ture natti himte. Yeroo booda magaalaa gara biraa ergan deemee booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan cuuphamuu dandeesseetti. Waggoonni jalqabaa ani Albaaniyaatti dabarse firii akka hin argamsiisne godhee yaadaan ture. Akkasitti yaaduun koo dogoggora ture.”
Obboloonnii fi obboleettonni Albaaniyaa ykn Kosoovoo deeman Yihowaan carraaqqii isaanii akkamitti akka isaaniif eebbise arguu isaaniitti baayʼee galateeffatu. Eliseʼoon waggoota hedduu Albaaniyaatti erga tajaajilee booda muuxannoo argate akkana jedheera: “Namoota waan taaneef wantoota addunyaan dhaabbataa akka taʼetti ilaalutti amanamuudhaan salphaatti gowwoomfamuu dandeenya. Kun dhugaa irraa kan fagaate dha. Karaa gara biraatiin qajeelfamoonni Yihowaa kaayyoo fi nagaa akka qabaannu nu gargaaraniiru. Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluun kana akkan yaadadhu na gargaareera. Gatii akkan qabu natti dhagaʼameera. Michoota dhugaa kaayyoo wal fakkaatu qabaniin marfameen jira.” Saandiraan akkana jetti: “Bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan yommuun deemetti, Yihowaan hawwii ani yeroo dheeraa dura misiyoonii taʼee tajaajiluuf qabu argachuuf carraa akka naaf kenne natti dhagaʼame. Albaaniyaa deemee tajaajiluu kootti matumaa gaabbee hin beeku. Gammachuu akkasii matumaa argadhee hin beeku.”
a Tajaajila keenya Albaaniyaatti raawwatamu ilaalchisee Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2010 irraa caalaatti barachuu dandeessa.
b Kosoovoon kaaba dhihaa Albaaniyaatti argamti. Naannoo kanatti namoonni hedduun loqoda Albaaniyaa dubbatu. Dhugaa Baatonni Albaaniyaa irraa, biyyoota Awurooppaa hedduu fi Yunaayitid Isteetis irraa deeman namoota Kosoovoo loqoda Albaaniyaa dubbataniif misiraachoo lallabuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Hanga bara 2020tti, babalʼistoonni 256 gumiiwwan saddeeti, tuuta sadii fi gareewwan tuuta hin taane lama keessatti tajaajilaa jiru.