Atlaantaa Dhugaa Baatota Yihowaa Hoʼistee Simatte
“Miseensonni jaarmiyaa keessanii Mootummaa Waaqayyoo tajaajiluudhaaf fedhii fi jaalala isaan qabaniif isaan galateeffachuun barbaada. Dhugaa Baatota Yihowaa hidhata amantii keessanii taʼaniifis taʼe hawaasa gargaaruuf garaadhaa carraaqqiin isin gootanii fi gumaachi keessan iddoo guddaan kan kennamuuf, akkasumas kan dinqisiifatamu dha.”
Yaadni armaan olii kan fudhatame xalayaa kantiibaan magaalaa Atlaantaa, Joorjiyaa, U.S.A Kaasiim Riid jedhaman barreessan irraa ti. Xalayaan kun kan qophaaʼe Dhugaa Baatota Yihowaa walgaʼiiwwan gurguddaa sadan achitti geggeeffamuuf turan irratti argaman simachuufi.
Haaluma wal fakkaatuun, Manni Maree Magaalaa Atlaantaa keessummoota walgaʼii guddaa irratti argamuuf dhufan simachuuf labsii baaseera. Labsiin kun akkas jedha: “Addunyaa maratti Dhugaa Baatota Yihowaa gara miliyoona saddeetii taʼanii fi . . . sanyii fi afaan garaa garaa hedduu keessaa dhufantu jira, taʼus . . . kaayyoon keessan tokko dha. . . Yihowaa, isa Waaqa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame taʼee fi Uumaa wanta hundumaa taʼeef ulfina kennuu barbaaddu.”
Adoolessa fi Hagayya 2014tti walgaʼiiwwan sadii kan geggeeffaman siʼa taʼu, lama afaan Ingiliffaatiin tokko immoo afaan Ispeeniin geggeeffame. Keessummoonni yoo xinnaate biyyoota 28 keessaa kan dhufan yommuu taʼu, sagantaan afaan Ingiliffaatiin dhihaatu namoota Afaan Raashiyaa fi Jaappaan dubbatan gargaaruuf jecha gara afaanota kanaatti hiikameera. Walgaʼiiwwan sadan irratti walumaa galatti kan argame namoota 95,689 turan.
Bara 2014tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiiwwan biyyoolessaa Yunaayitid Isteetis keessatti iddoowwan garaa garaa 16tti geggeeffaman dabalatee, walgaʼiiwwan biyyoolessaa gurguddaa 24 biyyoota 9 keessatti godhataniiru.