Agarsiisa Suuraa Waarwiik 4 (Caamsaadhaa hanga Hagayya 2015)
Agarsiisa suuraa kana irratti hojiin Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira muummee isaanii isa haaraatti hojjechaa jiran Caamsaadhaa hanga Hagayya 2015tti sadarkaa akkamii irra akka gaʼee fi namoonni hedduun fedhiidhaan hojicha kan deggeran akkamitti akka taʼe ilaali.
Caamsaa 6, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik
Hojjetaan tokko meeshaa bishaan calalu Haroo Sterliing Foorest Leek (Biluu Leek) jedhamu keessa galchuuf qophaaʼaa jira. Meeshaan kun kosiiwwan guguddaan karaa bishaan yaaʼuu akka hin cufne gargaara.
Caamsaa 6, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban
Hojjettoonni ittisa gabaabaa Gamoo Suphaa irratti argamutti mala shotcriit jedhamu fayyadamuudhaan koonkiriitii naqaa jiru. Malli kun mala koonkiriitiin ittiin hojjetamu kaan caalaa saffisa qaba.
Caamsaa 15, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik
Obboleettiin Kutaa Galmee keessaa hojjettu iddoo ijaarsaa suuraa kaasaa jirti. Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa sadarkaa hojii ijaarsaa kanaa ilaaluuf torban torbaniin suuraa isaa ilaalu.
Caamsaa 30, 2015—Gamoo Tooksiidoo
Hiriyoota gaaʼelaa fedhiidhaan of dhiheessanii fi kibba Kaalifoorniyaatii dhufan garee hojii bishaanii hojjetu gargaaruuf yommuu dhufan. Guyyaa kanatti obboloonni dhibbaan lakkaaʼaman gara Tooksiidoo dhufaniiru; iddoon kun bakka meeshaaleen garaa garaa ijaarsa Waarwiikiif oolan dursanii itti qophaaʼani dha. Hagayya 1tti hojjettoonni haaraan 707 taʼan iddoo ijaarsaa kana dhufaniiru; kun immoo lakkoofsa hamma yoonaatti ture hunda kan caalu dha.
Waxabajjii 9, 2015—Bakka Jireenyaa B
Koontiraaktaroonni, keenyan iddoo biraatti hojjetame iddoo isaa irra kaaʼuuf kireeniitti fayyadamaa jiru. Bakki Jireenyaa B gamoo keenyanii fi foddaan galeef isa xumuraa dha.
Waxabajjii 16, 2015—Bakka Jireenyaa C fi D
Koontiraaktaroonni riqicha Bakka Jireenyaa C fi D wal qunnamsiisu ijaaraa jiru.
Waxabajjii 25, 2015—Bakka Jireenyaa C
Namoonni qeʼee bareechan karaa dhihaa iddoo ijaarsaa kanaatiin marga afaa jiru.
Waxabajjii 2, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik
Gareen hojii ijaarsaa karaa bishaan hidhicha yeroo guututti ittiin yaaʼu haaressaa jiru. Hidhi kun jalqaba kan ijaarame bara 1950n keessa dha. Hojiin haaromsaa kun obomboleettii fi roobni cimaan naannoo sana mudachaa waan jiruuf balaa lolaa irraa Iddoo Ijaarsaa Waarwiikii fi qabeenya naannoo sana jiru eeguuf fayyada.
Adoolessa 15, 2015—Bakka Jireenyaa A
Iddoo ijaarsaa kanatti namni garmalee akka hin baayʼannetti hojiiwwan manicha keessatti hojjetaman kan akka halluu dibuu fi ujummoo bishaanii diriirsuu halkan hojjetamaa jiru. Yeroo faraqaa lammaffaan hojii hojjechaa turetti, namoonni dhibbaan lakkaaʼaman waaree booda saʼaatii 9:00 hanga galgala saʼaatii 2:00tti akka hojjetan ramadamanii turan.
Adoolessa 20, 2015—Bakka Jireenyaa D
Hojjettuun garee HVAC keessa hojjettu tokko akka itti ujummoo suphan hojjettuu kan biraa leenjisaa jirti.
Adoolessa 21, 2015—Bakka Jireenyaa B
Riqichi Bakka Jireenyaa B fi Gamoo Suphaa wal qunnamsiisu halluu dibamaa jira.
Adoolessa 27, 2015—Tooksiidoo
Iddoo konkolaataan dhaabatuu fi gara duubaatti argamutti, hojjettoonni hedduun gara Waarwiik deemuuf geejjiba eeggachaa jiru. Atoobisoonni hedduun hojjettoota gara Waarwiikitti geessu, akkasumas isaan deebisu.
Adoolessa 27, 2015—Tooksiidoo
Hojjettoonni Waarwiik sadii rifeensa sirreeffachaa jiru. Manneen rifeensaa Tooksiidoo, Waarwiikii fi mana kuusaa Moontigoomeriitti torban torbaniin namoota 400f rifeensi sirreeffama.
Hagayya 3, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik
Dirree jiiʼootermaaliitti koonkiriitii guutuudhaaf iddoon isaa qiqqixaaʼeera. Boolla bishaanii gara 120 taʼu (tokko tokko gara meetira 150 gadi fagaatu) kun yeroo gannaatti hoʼa yeroo bonaatti immoo qorra kenna. Anniisaan Jiiʼotermaalii baasii kan qusatu siʼa taʼu, miidhaa naannoo irra gaʼus ni hirʼisa.
Hagayya 7, 2015—Moontigoomerii, Niiwu Yoorki
Meeshaaleen bitamanii dhufan, dhimma iddoo ijaarsaa Waarwiikitti hojii irra itti oolaniin garee gareedhaan kaaʼamu.
Hagayya 14, 2015—Mandara Tooksiidoo, Niiwu Yoorki
Hojjettoonni Waarwiik lama (mirga irraa lammaffaa fi sadaffaa) maatii naannoo sana jiraatuu wajjin nyaata nyaachaa jiru. Maatiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hedduun, akkuma maatiiwwan kanaa hojjettoota fedhiidhaan of dhiheessan ni simatu.
Hagayya 17, 2015—Gamoo Suphaa/Iddoo Jiraattonni Konkolaataa Isaanii Dhaaban
Hojjettuun tokko meeshaatti fayyadamtee ol kaʼiinsa lafaa safaraa jirti.
Hagayya 20, 2015—Waajjiraalee/Gamoowwan Tajaajila Garaa Garaa
Iddoo keessummoonni simatamanitti foddaan galchamee xumurameera.
Hagayya 26, 2015—Iddoo ijaarsaa Waarwiik
Jiʼa Caamsaa fi Hagayya gidduutti hojiin keenyanii fi baaxii Bakka Jireenyaa B xumurameera; kan hafe gamoo kana qofa ture. Riqichawwan gamoowwan gidduutti argamanii fi namoonni lafa deeman itti fayyadaman hundi kan xumuraman siʼa taʼu, hojiiwwan qeʼee babbareechuu eegalamaniiru.