Argisiisa Suuraa—Ijoolleen Viidiyoowwan Jaallatan
Viidiyoon walitti aanee baʼuu fi Michuu Yihowaa taʼi jedhamuu fi faarfannaawwan, akkasumas taatota Kaalebii fi Soofiyaa jedhaman of keessatti qabate baayʼee beekamaa taʼeera. Warri akkasumas ijoolleen viidiyoowwan garaa garaa kutaa kana jalatti baʼaniif dinqisiifannaa qaban barreessaniiru. Yaada ijoolleen barreessan keessaa muraasni isaanii armaan gaditti argamu:
“DVD ‘dhagaʼi, ajajami, eebbifami’ jedhamu waan nuu qopheessitaniif galatoomaa. Yeroo hunda ashaangulliitii koo wajjin viidiyoo kana nan ilaala.”—Zaak, umurii waggaa 5.
“Faarfannaa inni haaraan Yihowaan akka na jaallatuu fi yeroo kamitti iyyuu akkan isa kadhadhu akka barbaadu akkan beeku na taasiseera.”—Mikaariyaa, umurii waggaa 6.
“Maatii kootiif ajajamuu akkan qabuu fi kutaa koo qulqullinaan qabuu akkan qabu baradheera. Viidiyoo ijoollee kana waan nuu hojjettaniif galatoomaa.”—Niikool, umurii waggaa 8.
“Viidiyoo kanaaf baayʼeen isin galateeffadha. Baayʼee nama bashannansiisa. Baayʼee nama gammachiisa. Baayʼee jaalladheera.”—Mekenzii, umurii waggaa 5.
“Viidiyoowwan kutaa Michuu Yihowaa Taʼi jedhamu jalatti baʼan nan jaalladha. Guyyaa guyyaattin ilaala. Yihowaan yaada kana isinii fiduun isaa gaarummaa isaa argisiisa.”—Aavaa, umurii waggaa 8.
“Viidiyoowwan kana ilaaluu nan jaalladha. Faarfannaawwan hunda baruuf yaalaan jira. Viidiyoowwan kun Yihowaa akkan jaalladhu na taasisu.”—Deevan, umurii waggaa 4.
“Viidiyoo Kaaleb isa itti aanu arguuf hawweera! Hojii gaarii hojjechaa jirtan ittuma fufaa!”—Vaansi, umurii waggaa 8.
Awustiraaliyaa—Shiiloo, umurii waggaa 6
Barumsa 12: Kaalebii fi Soofiyaan Betʼeliin daawwatan
Awustiraaliyaa—Siyeenaa, umurii waggaa 8
Faarfannaa 106: Michuu Yihowaa Taʼuu
Biraaziil—Eduwaardoo, umurii waggaa 10
Barumsa 13: Yihowaan Ija Jabeessa Akka Taatu Si Gargaara
Jarmanii—Miisheel, umurii waggaa 11
Barumsa 10: Gaarummaa Argisiisi, Waan Qabdus Namootaaf Hiri
Jarmanii—Pirisiilaa, umurii waggaa 8
Barumsa 11: Dhiifama Godhi
Jaappaan—Miikuu, umurii waggaa 7
Barumsa 13: Yihowaan Ija Jabeessa Akka Taatu Si Gargaara
Jaappaan—Tomoʼaakii, umurii waggaa 10
Barumsa 6: Maaloo fi Galatoomi
Meeksikoo—Saamuʼel, umurii waggaa 7
Barumsa 9: ‘Yihowaan Waan Hundumaa Uume’
Yunaayitid Isteetis—Adriiyaanaa, umurii waggaa 6
Faarfannaa 92: “Dubbicha Lallabi”
Yunaayitid Isteetis—Antoonii, umurii waggaa 11
Barumsa 2: Yihowaadhaaf Ajajami