Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Abbootiin Humnaa Ilma Kootti yoo Roorrisan Maalan Godha?

Abbootiin Humnaa Ilma Kootti yoo Roorrisan Maalan Godha?

 Ilmi kee mana barumsaatti akka itti roorrifame dubbate. Maal gochuu dandeessu? Manni barumsaa nama ilma keetti roorrise akka adabu gaafattuu? Ilmi kee akkamitti deebisee akka haaloo bahu barsiistuu? Kana murteessuu kee dura roorrisuu ilaalchisee dhugaa jiru hubadhu. a

 Waaʼee roorrisaa maal beekuun qaba?

 Namatti roorrisuun maali dha? Roorrisuun gocha itti fufiinsa qabuu fi taʼe jedhanii raawwatan siʼa taʼu, karaa qaamaa fi miiraa dhiphina geessisuu dha. Kanaafuu, arrabsoon ykn gochi jibbaa hundi roorrisuu dha jechuu miti.

 Kana beekuun maaliif barbaachise? Namoonni tokko tokko jecha “roorrisuu” jedhu xixinnoo taʼan illee amalawwan nama aarsan kam iyyuu agarsiisuuf itti fayyadamu. Haa taʼu malee, wantoota xixinnoodhaaf xiyyeeffannaa yoo kennitan, utuu itti hin yaadin mucaan kee walitti buʼiinsa hiikuuf dandeettii akka hin qabaanne gochuu, jechuunis ogummaa ammas taʼe yeroo guddatutti isa barbaachisu akka hin qabaanne gochuu dandeessu.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ati daftee hin aarin!”—Lallaba 7:9.

 Yaada ijoo: Haalawwan tokko tokko keessatti gidduu seenuun barbaachisaa taʼus, haalawwan kaan garuu mucaan kee rakkina dandamachuu fi namootaa wajjin akkamitti jiraachuun akka dandaʼamu barachuuf carraa isaaf kennu.—Qolosaayis 3:13.

 Haa taʼu malee, mucaan koo roorroon wal irraa hin cinnee fi itti yaadame isa irra gaʼaa akka jiru yoo natti hime hoo?

 Gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?

  •   Mucaa kee obsaan dhaggeeffadhu. (1) Wanta isa irratti raawwatamaa jiruu fi (2) maaliif akka isa irratti xiyyeeffatan, beekuuf yaali. Ragaa jiru hundumaa utuu hin beekin xumura tokko irra hin gaʼin. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dhimmichi akka inni jedhe taʼuu dhiisuu dandaʼaa?’ Dhugaa jiru guutummaatti beekuuf, barsiisaa mucaa keetii ykn warra ijoollee isatti roorrisan sanaa haasofsiisi.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.”—Fakkeenya 18:13.

  •   Mucaan keetti roorrifamaa jira taanaan, akkaataan inni itti deebii kennu, haalichi akka fooyyaʼu ykn akka itti hammaatu gochuu akka dandaʼu akka hubatu gargaari. Fakkeenyaaf Kitaabni Qulqulluun, akkana jedha: “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.” (Fakkeenya 15:1) Dhugaa dubbachuuf, haaloo baʼuun, namni roorrisu sun gocha isaa dhiisuu mannaa akka itti fufu taasisuudhaan mucichuma deebisee miidhuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa.”—1 Pheexiros 3:9.

  •   Mucaan kee haaloo baʼuu dhiisuun isaa dadhabaa akka isa hin jechisiisne isaaf ibsi. Faallaa kanaatiin, nama kan biraatiin toʼatamuu diduun isaa humna akka qabu argisiisa. Akkas gochuun isaa mucichi ofii isaatii roorrisaa utuu hin taʼin, namoota isatti roorrisan injifachaa akka jiru argisiisa.

     Keessumaa mucaan kee karaa intarneetii itti roorrifamaa jira taanaan kana sammuu isaatti qabachuun isaa barbaachisaa dha. Karaa intarneetii aariidhaan deebii kennuudhaan ‘lola’ keessa seenuun, namni itti roorrisu sun akka itti fufu heyyama isaaf kennuu isaa irra iyyuu, mucaan kees roorrisaa dha jedhamee akka himatamu isa gochuu dandaʼa. Kanaafuu, yeroo tokko tokko deebii gaariin, deebii kennuu dhiisuu siʼa taʼu, malli kunis namni roorrisu sun gocha isaa akka dhiisu taasisuu fi mucaan kee haala isaa akka toʼatu gochuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Qoraan hin jiru yoo taʼe, ibiddi in dhaama.”—Fakkeenya 26:20.

  •   Haala tokko tokko keessatti mucaan kee namoota roorrisanii fi iddoowwan haala kanaaf mijatan irraa fagaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, bakka namoonni ykn gareen namootaa tokko tokko jiran yoo beeke karaa sana irra deemuu dhiisuudhaan haala sana hambisuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.”—Fakkeenya 22:3.

Barsiisaa mucaa keetii ykn warra ijoollee itti roorrisan sanaa haasofsiisuun si barbaachisuu dandaʼa

 AKKAS GOCHUUF YAALI: Mucaan kee faayidaa fi miidhaa filannoon inni godhu qabu akka yaadu gargaari. Fakkeenyaaf:

  •  Nama itti roorrisu sanaaf deebii kennuu yoo dhiise maaltu taʼa?

  •  Namni itti roorrisu sun gocha isaa akka dhaabu ija jabinaan yoo itti dubbate hoo?

  •  Waaʼee nama itti roorrisu sanaa mana barumsaatti yoo beeksise hoo?

     Amala gaarii argisiisuu ykn qoosuudhaan nama sana ‘tasgabbeessuu’ ni dandaʼaa?

  •  Namni roorrisu tokko kan nu mudatu karaa intarneetiis haa taʼu, kallattiidhaan haalli hundi adda adda dha. Kanaafuu furmaata hojii irra ooluu dandaʼu argachuuf mucaa kee wajjin hojjedhu. Haala rakkisaa isa mudatu hunda keessatti akka isa deeggartu isaaf mirkaneessi.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17, NW.

a Mata dureen kun waaʼee ijoollee dhiiraa kan dubbatu taʼus, qajeelfamni isaa ijoollee durbaatiifis ni hojjeta.