GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU
Abbaa Gaarii Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Mataduree kana keessatti
Gaʼeen abbaa maalidha?
Mucaan keessan dhalachuusaa dura. Yeroo ammaatti abbaa manaa taʼuudhaan amalli isin argisiistan gara fuulduraatti abbaa akkamii akka taatan mulʼisa. Kitaabni Do Fathers Matter? jedhamu akkana jedheera:
“Abbaan manaa haadha manaasaa ishii ulfooftee jirtuuf wanta barbaachisu dhaqee bitu, beellamaaf mana yaalaatti ishii geessu, altiraasaawundiidhaan mucaa garaa keessa jiru ilaalu ykn rukuttaa onnee dhaggeeffatu ishiifis taʼe mucichi yommuu dhalatu akka yaaduuf kan argisiisu taʼuu dandaʼa.”
“Yeroo haati manaa koo ulfooftee jirtutti matumaa kophummaan akka ishiitti dhagaʼamu hin barbaadu; kanaafuu hanga naaf dandaʼame ishiin gargaara. Kutaa daaʼimaallee waliin qopheessineerra. Mucaa dhalatuuf qophaaʼuun lamaan keenyaafuu yeroo addaa ture.”—Jeemsi.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.
Mucaan keessan erga dhalatee booda. Mucaa keessanii wajjin taphachuu fi baachuudhaan walitti dhufeenya uumuu dandeessu. Mucaa keessan kunuunsuudhaan gargaaruu dandeessu. Gaʼee abbaa taʼuudhaan qabdan baʼuun keessan guddina mucichaarratti dhiibbaa gaarii geessisa. Hariiroo gaariin uumtan mucaa keessaniif bakka guddaa akka kennitan argisiisa.
“Lafarra taaʼuudhaan mucaa keessanii wajjin taphadhaa. Qoosaa garaa garaa uumuudhaan wajjin taphadhaa. Warra waan taataniif mucaan keessan waaʼee jaalalaa jalqaba kan baratu isinirraati.”—Riichaardi.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha; firiin gadameessaas kennaa isaa ti.”—Faarfannaa 127:3.
Mucaan keessan guddachaa yeroo deemu. Ijoolleen abbaasaanii wajjin walitti dhihaatan barumsasaanii sirriitti kan hordofan, gama miiraatiin rakkina hedduu kan hin qabne akka taʼee fi carraan qoricha sammuu namaa hadoochu itti fudhatan ykn yakka itti raawwatanis baayʼee xinnoo taʼuu isaa qorannaan geggeeffame ni argisiisa. Mucaa keessanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabdan guddifachuuf yeroo barbaachisu ramadaa.
“Mucaan koo of dandaʼee yeroo manaa baʼutti haasaa yeroo konkolaataa oofaa karaa dheeraa deemnu ykn irbaata nyaannu waliin haasofnu yaaduunsaa akka hin oolle natti himeera. Haasaawwan gaarii waliin haasofne keessaa tokko tokko yeroon hin eegnetti haasofne. Kunis kan taʼe saʼaatii dheeraa waan waliin dabarsinuufi.”—Deenis.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Egaa kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:15, 16.
Gaʼeen abbaa adda kan taʼe akkamitti?
Namoonni tokko tokko abbootiin wanta maatiif barbaachisu kan dhiheessan, maatii miidhaarraa kan eegan, haadhootiinimmoo kunuunsa gama miiraatiin maatichaaf barbaachisuu kan godhan akka taʼetti yaadu. (Keessa Deebii 1:31; Isaayaas 49:15) Maatiiwwan tokko tokko keessatti gaʼee abbaa tokko tokko haadhatu raawwata ykn gaʼe haadhaa tokko tokko abbaatu raawwata. Haa taʼu malee, abbaa fi haati maatii taʼuudhaan tokkoon tokkoonsaanii gumaacha adda taʼe akka godhan qorattoonni ni dubbatu. a
Waaʼee maatii kan qoratan Juudaat Waalaristiin muuxannoo dhuunfaa qabxii kana ibsu barreessaniiru. Akkana jedhaniiru: “Intalli koo umurii waggaa kudha lamaa konkolaataan yeroo ishii rukutetti abbaan ishii ambulaansiidhaan ishii wajjin akka deemu barbaadde; sababiinsaas inni akka ishii eegu amanannaa guddaa qabdi turte. Boodammoo ani hospitaalatti guyyaa guutuu ishii bira taaʼee akkan ishii jajjabeessu barbaadde.” b
“Abbaan maatiin tokko tasgabbii akka qabaatuu fi eegumsa akka argatu godha; haati tokko kophaa ishii kana gochuun baayʼee ishiitti ulfaata. Haati tokko gara laafinaan ijoollee ishii yeroo dhaggeeffattu akka jaallatamanii fi hubataman akkasaanitti dhagaʼamu gooti. Lamaanuu tokkummaadhaan waliin hojjetu.”—Daaniʼel.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaa ilma koo, adaba abbaa keetii dhagaʼi, barumsa haadha teetiis hin dhiisin.”—Fakkeenya 1:8.
Abbootii fi ijoollee durbaa
Abbaa waan taataniif intalli keessan dhiirota biratti akkamitti kabaja akka argattu ishii barsiisaa. Kanas karaawwan armaan gadii lamaan barachuu dandeessi.
Haala ittiin aayyoo ishii qabdan ilaaluudhaan. Haadha manaa keessan yommuu jaallattanii fi kabajjan intalli keessan amala barbaachisaa gara fuulduraatti hiriyaa gaaʼelaa yeroo filattutti irratti xiyyeeffachuu qabdu baratti.—1 Pheexiros 3:7.
Haala ittiin ishii qabdan ilaaluudhaan. Intala keessan akka ishii kabajjan yeroo argisiistanitti, akka kabaja ofiif qabaattu ishii barsiistu. Akkasumas dhiironni kaan akkana akka godhan isaanirraa eegdi.
Intala keessan yeroo hunda ceephaʼuun gatii akka hin qabne akka ishiitti dhagaʼamu godha; dhiirota kaan biratti fudhatama argachuuf akka yaaltu gochuu dandaʼa. Dhiironni kunimmoo kakaʼumsa gadhee qabaachuu dandaʼu.
“Intalli abbaa ishiirraa jaalalaa fi deggersa argattu nama amalawwan gaarii abbaa manaa tokkorraa barbaadamu hin guunnee wajjin hariiroo jaalalaa hin jalqabdu.”—Waayinii.