Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Waaʼee Takkaatti Waan Lama Hojjechuu Maal Beekuun Qaba?

Waaʼee Takkaatti Waan Lama Hojjechuu Maal Beekuun Qaba?

 Takkaatti waan hedduu hojjechuu hangam dandeessa?

 Takkaatti waan hedduun akkamitti akka hojjetamu beektaa? Namoonni hedduun warri bara teknooloojiitti dhalatan, namoota guguddaa yeroo booda teknooloojii fayyadamuu baratan caalaa takkaatti waan hedduu hojjechuu dandaʼu jedhanii yaadu. Taʼus kun dhuguma sirriidhaa?

 DHUGAA ykn SOBA?

  •   Takkaatti waan hedduu hojjechuun yeroo siif qusata.

  •   Shaakaluudhaan dandeettii takkaatti waan hedduu hojjechuu fooyyeffachuu dandeessa.

  •   Dargaggoonni warra gurguddaa caalaa takkaatti waan hedduu hojjechuu dandaʼu.

 Yaadawwan olitti ibsaman kamiif iyyuu “dhugaa” jettee deebisteetta yoo taʼe, oduu waaʼee ‘takkaatti waan hedduu hojjechuutiin’ gowwoomfamteetta jechuudha.

 Oduu waaʼee takkaatti waan hedduu hojjechuu

 Takkaatti waan hedduu hojjechuu akka dandeessu sitti dhagaʼamaa? Hojiiwwan tokko tokko utuu xiyyeeffannaan kee hin hihhiramin takkaatti hojjechuu ni dandeessa taʼa. Fakkeenyaaf, muuziqaa dhaggeeffachaa kutaa kee yoo qulqulleessite, kutichi bareedee mulʼachuu dandaʼa taʼa.

 Hojiiwwan xiyyeeffannaa barbaadan lama takkaatti hojjechuuf yoo yaalte garuu, lamaanuu hanqina qabaachuu dandaʼu. Shamarreen Kaateriin jedhamtu waaʼee takkaatti waan hedduu hojjechuu, “Dandeettii takkaatti waan hundumaa mancaasuu” jettee kan ibsite kanaaf taʼuu dandaʼa.

 “Nama tokkoo wajjin utuun haasaʼaa jiruu ergaa gabaabaan deebisuu qabu na gaʼe. Anis lamaanuu takkaatti hojjechuuf nan yaale. Kanaan kan kaʼes wanti namni na haasofsiisu sun dubbatu baayʼee isaa hin hubanne, jechoota ergaa koo keessa jiran hundas qubee dogoggoraatiinan barreesse.”—Kaaleb

 Hayyuun teknooloojii Sheerii Tarkilii jedhamtu yaada akkas jedhu barreessiteetti: “Takkaatti waan hedduu akka hojjennu yommuu yaadnu, . . . Xiyyeeffannaan tokkoon tokkoon hojiiwwaniitiif kenninu xiqqaachaa deema. Takkaatti waan hedduu hojjechuun sammuu keenya waan dadammaqsuuf, utuma hojiin keenya mancaʼaa jiruu, gaarii akka hojjennetti akka nutti dhagaʼamu godha.” a

 “Yeroo tokko tokko nama tokkoof ergaa barreessaa nama kan biraa haasofsiisuudhaan hojii guddaa akkan hojjedhe nan yaada, taʼus, wantan dubbachuu qabu ergaa gabaabaadhaan akkan ergee fi wantan erguu qabu immoo naman haasofsiisutti akkan dubbadhe yommuun hubadhu yaadni koo dogoggora taʼuu isaa beekeera!”—Taamaaraa.

 Namoonni takkaatti hojii hedduu hojjechuuf yaalan utuu hin barbaachisin jireenyi akka isaanitti ulfaatu godhu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee hojii manaa isaanii xumuruuf yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Yookiin hojii akka fixan yaadan irra deebiʼanii hojjechuudhaan saʼaatii dabalataa dabarsuun isaan barbaachisa taʼa. Sanas taʼe kana namoonni takkaatti waan hedduu hojjetan, wantoota hojjechuu barbaadan hojjechuuf saʼaatii gaʼaa hin argatan!

 Ogeessa fayyaa sammuu fi gorsaa mana barumsaa kan taʼan Toomaas Keritiing, “Sammuu akka saanduqa faayilaa, wantoota barbaachisoo taʼan seeraan kaaʼuuf gargaarutti yoo ilaalle, sammuun namoota takkaatti waan hedduu hojjetanii akka saanduqa wantoonni achi keessa jiran seeraan hin kaaʼamnee ti” b jechuun isaanii sirrii dha.

 “Takkaatti wantoota hedduu hojjechuuf yommuu yaaltu wantoota xixinnoo barbaachisoo taʼaniif xiyyeeffannaa utuu hin kennin hafta. Dhuma irratti yeroo akka qusatte yaaddu balleessuudhaan hojii baayʼee ofiif uumuu dandeessa.”—Tereesaa.

Takkaatti waan hedduu hojjechuuf yaaluun, takkaatti daandii lama irra konkolaataa oofuuf yaaluu wajjin wal fakkaata

 Mala caalaatti gaarii taʼe

  •   Takkaatti waan tokko qofa hojjechuu of leenjisi. Barsiifata takkaatti waan hedduu hojjechuu qabda taanaan, fakkeenyaaf, qayyabachaa ergaa gabaabaa ergita taanaan, barsiifata kana dhaabuun si rakkisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee akka beeknu’ nutti hima. (Filiphisiyus 1:10) Barbaachisummaan hojiiwwanii wal qixxee miti. Kanaafuu, isa jalqaba hojjechuu qabdu murteessi, achis hanga xumurtutti isa qofa irratti xiyyeeffadhu.

     “Sammuun waan tokko irratti hin xiyyeeffanne daaʼimaa wajjin wal fakkaata; wanta inni barbaade isaaf heyyamuun salphaa fakkaatus, yeroo tokko tokko lakki jechuun barbaachisaa dha.”—Maariyaa.

  •   Wantoota xiyyeeffannaa kee hihhiran of irraa fageessi. Utuu qayyabataa jirtuu moobaayilii kee ilaaluuf ni qoramtaa? Taanaan, kutaa kan biraa kaaʼi. Televijiinii dhaamsi, miidiyaa hawaasaa fayyadamuus hin yaadin! Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo keessan karaa hunda irra wayyuun itti fayyadamaa” jedha.—Qolosaayis 4:5 Easy-to-Read Version.

     “Yeroo tokkotti waan tokko irratti xiyyeeffachuun naaf baayʼee gaarii taʼuu isaa hubadheera. Akka kanaan, wantan hojjechuuf barreeffadhe fixee isa itti aanutti yommuun darbu caalaattan gammachuu argadha. Kun gammachuu dhugaa naaf argamsiisa.”—Ooniyaa.

  •   Yommuu namootaa wajjin haasoftu xiyyeeffannaa kee hin hihhirin. Utuu nama tokkoo wajjin haasoftuu moobaayilii kee irratti xiyyeeffachuun, buʼaa kan hin qabne qofa utuu hin taʼin, amala sirrii miti. Kitaabni Qulqulluun waanuma akka nuuf godhamu barbaannu warra kaaniif akka goonu nutti hima.—Maatewos 7:12.

     “Yeroo tokko tokko yommuun obboleettii kootti haasaʼu, ishiin ergaa gabaabaa ergiti ykn moobaayilii ishiitiin wanta kan biraa hojjetti. Kun baayʼee na aarsa! Taʼus, dhugaa isaa dubbachuuf anis yeroo tokko tokko akkasuman godha!”—Deevid.

a Kitaaba Reclaiming Conversation jedhamu irraa fudhatame.

b Kitaaba Disconnected jedhamu irraa fudhatame.