Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Sirreeffama Naa Kennamu Akkamittan Fudhachuu Qaba?

Sirreeffama Naa Kennamu Akkamittan Fudhachuu Qaba?

 Of qori

 Yeroo tokko tokko hundi keenya sirreeffamni, jechuunis gorsi hojii keenya ykn ilaalcha keenya akka fooyyessinu nu gargaaruu dandaʼu nu barbaachisa. Kana sammuutti qabachuudhaan, haala kanaa gadii ilaali.

  1.  Barsiisaan kee hojiin manaa yeroo darbe hojjette kan itti hin yaadamne akka taʼe sitti hime. “Qorannaa gochuuf saʼaatii dabalataa ramaduu qabda” siin jedhe.

     Sirreeffama siif kenname kana akkamitti fudhatta?

    1.   Yoo didde: (‘Barsiisichi waan na hin jaalanneefi.’)

    2.   Yoo fudhatte: (‘Hojii manaa itti aanu irratti gorsa isaa hojii irra nan oolcha.’)

  2.  Kutaa kee reefu kan qulqulleessite taʼus, haati tee kutaan kee qulqulluu akka hin taane sitti himte.

     Sirreeffama kanaaf deebii akkamii kennita?

    1.   Yoo didde: (‘Ishii gammachiisuun hin dandaʼamu.’)

    2.   Yoo fudhatte. (‘dhugaa dha, kana caalaa qulqulleessuu nan dandaʼan ture.’)

  3.  Obboleettiin tee quxusuu kee taate amala kee isa akka nama aangoo qabuu taʼuudhaan ishiitti argisiistu akka hin jaalanne sitti himte.

     Sirreeffama kanaaf deebii akkamii kennita?

    1.   Yoo didde: (‘Ana moo ishiitu aangoo nama irratti argisiisuu barbaada?’)

    2.   Yoo fudhatte. (‘tarii karaa caalaatti gaarii taʼeen ishii qabuu nan dandaʼa taʼa.’)

 Dargaggoonni tokko tokko haphii waan taʼaniif, sirreeffamni xinnoon illee yeroo isaaniif kennamu baayʼee aaru. Ati akkasii? Taanaan, carraa gaarii of jala dabarsita. Maaliif? Sirreeffama fudhachuu baruun, dandeettii guddaa ammas taʼe yeroo gaʼeessa taatu baayʼee si gargaaru waan taʼeefi.

Dhagaʼuu waan hin barbaanneef qofa wanta dhagaʼuun si barbaachisu of jala hin dabarsin

 Sirreeffamni kan na barbaachisu maaliifi?

  •   Mudaa waan qabduufi. Kitaabni Qulqulluun, “Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna” jedha. (Yaaqoob 3:2, miiljalee) Kanaafuu, namni hundi sirreeffamni isa barbaachisa.

     “Hundi keenya mudaa akka qabnuu fi dogoggora raawwachuun kutaa jireenya keenyaa akka taʼe yaadachuuf nan yaala. Kanaafuu yeroo sirreeffamni naa kennamu, sirreeffama sana irraa barumsa argachuu, akkasumas dogoggora sana irra deebiʼuu dhiisuuf nan yaala.”—Deevid.

  •   Fooyyessuu waan dandeessuufi. Kitaabni Qulqulluun, “Nama ogeessa barsiisi, innis caalaatti ogeessa taʼa” jedha. (Fakkeenya 9:9) Sirreeffamni, kan fudhattu yoo taʼe si fayyada.

     “Sirreeffamaaf ilaalcha gaarii hin qabun ture. Waan na busheesse natti fakkaata ture. Amma garuu sirreeffama nan fudhadha, akka naa kennamu iyyuu nan gaafadha. Akkamitti fooyyaʼiinsa gochuu akkan dandaʼu beekuun barbaada.”—Saliinaa.

 Dhugaa dha, sirreeffamni akka nuu kennamu gaafachuun waan tokko dha. Garuu odoo nuyi hin gaafatin ykn hin eegin yeroo nuu kennamu hoo? Naataliin, yeroo kaardiin gorsa ishiin hin barbaadne qabate tokko ishiidhaaf itti kenname yaadachuudhaan, “Nan naʼe, abdiin kutadhe. Hamman dandaʼe carraaqqii gochaa kanan ture taʼus, kan naa kenname gorsa dha” jetteetti.

 Wanti akkanaa si mudatee beekaa? Taanaan, maal gochuu dandeessa?

 Sirreeffama naa kennamu fudhachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  •   Dhaggeeffadhu.

     Kitaabni Qulqulluun akkan jedha: “Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu.” (Fakkeenya 17:27) Nama sitti dubbachaa jiru addaan hin kutin. Miiraan geggeeffamtee wanta booda itti gaabbitu hin dubbatin!

     “Yeroo sirreeffamni naa kennamu, dafeen ofiif falmadha. Garuu sirreeffama sana irraa barachuu fi yeroo itti aanuuf fooyyaʼiinsa gochuun qaba.”—Saaraa.

  •   Namicha irratti odoo hin taʼin yaadicha irratti xiyyeeffadhu.

     Tarii, dogoggora namni yaada sii kenne sun qabu dubbachuuf qoramta taʼa. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa” akka taanu nuu kenname hordofuun caalaatti gaarii taʼa. (Yaaqoob 1:19) Sirreeffamni tokko kennameera taanaan, yeroo baayʼee wanti sirreeffamuu qabu tokko ni jiraata. Dhagaʼuu waan hin barbaanneef qofa wanta dhagaʼuun si barbaachisu of jala hin dabarsin.

     “Yeroo warri koo sirreeffama naaf kennan nan aara, akkasumas, ‘Beeka, beeka’ nan jedhaanan ture. Haa taʼu malee, yeroon dhugumaan isaan dhaggeeffadhuu fi gorsa isaanii hojii irra oolchu, buʼaan isaa gaarii taʼa ture.”—Edwaardi.

  •   Ofii keetiif ilaalcha madaallii isaa eege qabaadhu.

     Sirreeffamni sii kennamuun isaa nama gatii hin qabne akka taate kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, akkuma namoota kaanii atis hirʼina qabda jechuu dha. Namumti sirreeffama sii kenne sun illee darbee darbee sirreeffamni isa barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu . . . lafa irra hin jiru” jedha.—Lallaba 7:20.

     “Michuun tiyya takka sirreeffama ani na barbaachisa jedhee hin yaadne naa kennite. Iftoomina ishiitiif kanan ishii galateeffadhe taʼus aareen ture. Yeroo booda garuu, sirreeffamni sun dhugaa akka of keessaa qabun hubadhe. Gorsa ishiitiif galanni haa taʼuutii, wantan sirreessuu qabu nan hubadhe; wanta sana odoo ishiin natti himuu baattee hubachuu dhiisuu nan dandaʼan ture.”—Soofiyaa.

  •   Fooyyessuuf galma baafadhu.

     Kitaabni Qulqulluun ‘namni ifata dhagaʼu hubataa akka taʼe’ dubbata. (Fakkeenya 15:5) Sirreeffama sana takkaa erga fudhattee booda, miira gadhee sitti dhagaʼame sana irraanfattee dogoggora sana fooyyessuudhaan qabamta. Wanta gochuu qabdu ilaalchisee karoora baafadhuutii, jiʼoota muraasa dhufanitti jijjiirama qabdu qalbeeffadhu.

     “Dogoggora ofii amananii fudhachuuf, dhiifama gaafachuuf, akkasumas akkamitti akka fooyyessan barachuuf ofiif amanamaa taʼuun waan barbaachisuuf, akkaataan sirreeffama itti fudhannu amanamummaa wajjin wal qabata.”—Eemaa.

 Yaada ijoo: Kitaabni Qulqulluun, “Sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama.” (Fak 27:17) Sirreeffamni, meeshaa ammas taʼe yeroo gaʼeessa taatu si qaruu ykn si sirreessuu dandaʼu dha.